Oduu Haaraya

Ummata Gabrummaa Jala Jiruuf Furmaanni Qabsoo Qofaa dha!: Baarentuu Gadaa Irraa

Gabrummaa jala jiraachuun du’aan gararraa, jiraan garjallaa akkuma
jedhamu san akkaan hammaataa dha. Namni gabrummaa jala jiru; jiruun isaa jiruu jireenyaan gadiiti. Kan kiyya jedhu hin qabaatu, dubbatu kan jalaa dhagahu hin jiru, iyyatu kan mirmatuufis hin jiru. Nama ta’ee osoo jiruu gabroonfattootaan gadootti ilaalama. Abbaa biyyaa ta’ee osoo jiruu akka lammii lammaffaatti itti rorrifama. Qabeenya isaatti halagagaadha. Biyya isaatti Orma. Walumaa galatti nagahaan bahee galuu hin danda’u. Kan ummanni Oromoo barootaaf keessumaa bara bittaa wayyaanee keessa jirus dhugaadhuma akkasiiti.
Wayyaaneen ummata Oromoo afaan qawweettin erga gabrummaa hammaataa keessatti kuffiftee bara 1991 irraa eegalee haalli ummanni Oromoo keessa jiru jireenya hin jedhamu. Jiruu du’aan gararraa, jiraan
garjallaati. Osoo qabuu beela’eera.Daaree jira, biyya abbaa isaarratti
akka lammii lammaffaatti fi akka gadootti ilaalameera. Saamichi qabeenya,miidhaa qaamaa qalbii irratti raawwachaa tureera,
raawwqachaas jira.

Walumaa galatti akka biyya abbaa isaa keessatti mataa gadi qabatee deemuuf waraanni itti duulchifamee reebameera,hidhameera, ajjeefameera, ukkaanfamaa tureera, jiras. Ummanni Oromoo  wayyaaneedhaan yakkoonni hedduun irratti dalagamaa tureera, jiras. Wayyaaneen amma feeti ilmaan Oromoo hidhaa, dararaa, biyyaa godaansisaa fi ajjeesaa jirti. Waraanni sirnichaa waggoota 25n darbaniif  addatti Oromoo qofarratti xiyyeeffatee gochi faashistummaa raawwachaa turee fi jiru  kan himamee dhumuu miti. Har’a manneen hidhaa impaayeera Itiyoophiyaa keessa jiran irra guddeessi isaanii kan dhiphataa jiran ilmaan Oromoo yakka tokko malee waraana wayyaaneetiin haramanii hidhamaniini. Kan kaampii baqataa biyyoota ollaa Impaayeritti jiran dhiphisaa jirus haaluma walfakkaatuun ilmaan Oromoo yakka malee yakkamanii dararaan murna Wayyaanee baqatanii bahaniidha. Dhalataan Oromoo gammoojjii fi galaanatti dhumaa turee fi jirus akkasuma lakkoofsa hin qabu.

Gabroonfattoonni dhugaa, mirga dhala namaa, nugahee fi bor maaltu
dhufaa hin beekan. Har’a waan qawwee harkaa qabanii fi  qawwee kanaanis hunduma dhiituu danda’aniif baruu akkanuma se’u.  Bulchiinsa isaaniitti aduun waan dhiitu itti hin fakkaatu. Hidhuu, dararuu, ajjeesuu fi saamuun hojii isaanii isa idilee fi ittiin beekamanii dha, isaan gammachiisa. Akka gootummaattis fudhatu, wayyaaneenis kan waggoota 25n darbaniif itti jirtu kanuma.

Gabroonfattoonni akka wayyaanee amma guyyaa irree ummataatiin haqanqaalamanii boolla  hin deebine bu’anitti ummata gabroonfatan akka namaatti hin ilaalani.  Dhugaan har’a impaayeera itiphiyaa wayyaaneedhaan bulaa jirtu keessa jirus kanuma nuuf mirkaneessa.

Wayyaaneen hara’a ummata Oromoo  addatti irratti xiyyeeffachuun afaan qawweettin ukkaamsitee yakka hedduu irratti raawwachaa jirti. Waggoota 25n darbaniif gongumaa bulchiinsa ishiitti waan aduun dhiitu  waan itti hin fakkaatiniif yakka beektuu fi dandeechu hunda ummata Oromoorratti keessumaa sabboontoota Ilmaan isaa irratti raawwachaa turteetti. Bara baraaf ummata Oromoo akkuma gabroonfatteetti waan jiraattu itti fakkaatees waggaa 50 – 100  bulchuun danda’a jechuun bara gabrummaa Oromoorratti karoorfattee dhaadachaa turte.  Haalli amma jiru keessumaa waggaa 2n darbanii as hololaa fi bolola ishii kana harkatti fashalsaa jira. Qabsoon ummanni  Oromoo finiinsaa jirukeessumaa  FXG qeerroon dhoose hundeen ishii raasaa jira. Dhiphuu hamaa keessa galchee jira. Akka seenaan katabee lafa kaa’eetti gabroonfataan biyya kam keessattuu tolaan hangorraa bu’ee hin beeku. Ummata weeraramee ajjeefamaa, hidhamaa, dararamaa fi saamamaa jirutu kadhaan osoo hin ta’in qabsoon ofirraa kaasa.

Kan Wayyaanees ummattoota biyyattii keessumaa ummata Oromoo addatti itti xiyyeeffatamee saamamaa, ajjeefamaa fi dararamaa jirurraa kaasu qabsoodha. Gabrummaa diduun finciluudha. Wayaaneen akka qabson malee haangorraa hin buune muuxannoon waggoota 25n darbanii ragaadha. Kanuma hubachuun ummattoonni biyyattii keessumaa ammoo ummanni Oromoo murna tanaan miidhaa guddaan irra gahaa jiru falli  tokkichi inni qabu qabsoo isaa, FXG jabeessee itti fufuudha. Waggoonni darban 2n akka wayyaaneen laaftuu, irree ummataa gamtoomeen kan burkutooftu taate sirritti muldhisaniiru. FXG qeerroon Oromoo gaggeessaa turee fi jiruun wayyaaneen dhiphattee, lammiin booneera.

FXG kanaan ammummaan Wayyaanee muldhateera.  Fincilli ummata Oromoo kun akkuma muldhachaa jiru wayyaanee dhiibee balabala kufaatitirraan gaheera. Of amanau dadhabdees labsii yeroo muddamaa akka labsitu taatee jirti. Kun ummata Oromoofis ummattoota gabrummaa sirna tanaa jala jiraniif injifannoo guddadha. Qabsoo itti fufiinsaan gaggeeffamuufis balabala guddaa saaqeera.

Ummattoonni impaayeera itiyoophiyaa keessa jiran addatti ammoo ummanni Oromoo  gabrumama bara dheeraa  keessumaa miidhaa hamoo bara sirna bittaa Wayyaanee kana keessaa of baasuuf fallii malli qabu tokkichi qabsoo eegale, qabsoo roga maraa jabeessee itti fufuudha. Wayyaaneen murna dhugaa beektu , murna waan ganama jette galagala itti deebituu miti, ni sobdi, ni haalti, waliin dhooftee bara bittaa fi saamichaa dheereeffachuu feeti. Kana hubachuun dura goranii hanqisuun dirqama nama gabrummaa jala jiru maraati.

Keessumaa holola  yeroo ammaa kana maqaa paartilee mormitootaa waliin rakkoo impaayeera itiyoophiyaa keessa jiru furafan mari’achaa jira jedhu  holola sobaa ta’uu hubachuun qabsoo jabeessanii itti fufuun
murteessadha.Diraamaan qondaalonni ishii ummattoota  biyyattii keessumaa ummata Oromoo FXG finiinsaa jiru moogsuuf itti jiran sirri dura dhaabbatamuu qaba. Kan ummata Gabrummaa jala jiru bilisa baasu qabsoo qofa waan ta’eef!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …