Seenaa Abdiisaa irra:
Lafti gaanfa Aafrikaa keessatti Oromoon irra tamsa’ee qubatee jiru Oromiyaa jedhamti. Oromiyaan biyya Oromooti. Biyyi kun teessuma lafaatin gaanfa Afrikaa, Empayera Toophiyaa keessatti argamti. Sarara sabbata lafaa (Equator) irraa gara kaabatti digrii 2 (Moyaalee) fi digirii 12.5 (Waajirati) gidduutti fi sarara/utubaa lafa (Earth Axis) gara bahaa (Longitued) digrii 34 fi 44 gidduutti argamti. Biyyoota ollaa Oromiyaa daangessan keessaa karaa bahaan Jibuuti fi Sumaaliyaa, kibbaan Ogaaden Sumaalee fi Keeniyaa, dhihaan Sudaan akkasumas kaaban naannoo Amaara fi Tigreen daangefamtee jirti. Bal’inni lafa ishii kiloo meetira kaarree 600,000 (kuma dhibba jaha) olitti shallagama. Oromiyaan bal’ina lafaatin biyyoota Afrikaa 50 ol ta’an keessaa sadarkaa 18ffaa irratti argamti. Haalli qilleensa Oromiyaa jireenyaa fi oomishaaf baayyee mijataa, kan ho’aa ykn qabbanaa’aa jedhamee hindaangeffamne, qilleensa qabbana’aa ho’atti madaalu giddu galeessa qabdi. Haalli qilleensa baddaa, baddadaree fi gammoojjii biyyittii keessatti nimul’atu. Haalli qilleensa Oromiyaa kunis waqtii afuritti hirama. Isaanis, birraa, bona, arfaasaa fi ganna jedhamuun beekamu. Oromiyaan uumamaan badhaatuu yoo taatu, lafa gabbataa qonnaa fi bosonaaf tolan kan qabdu qofa osoo hin taane, lafa kana keessatti albuudaa garagaraa heddutu argama. Albuudaa Oromiyaan qabdu keessaa albuudota sibiilaa kanneen akka warqee (dahaaba), meetii/birrii (Silver), pilaatiiniyeemii, yuuraaniyeemii, nikeelii (nickel), Koopparii (copper) fi ayiraanii (Iron) fi albuudota sibiilaloota kanneen akka dhagaa marbilii, boba’aa (natural gas), soogidda, kasala (Charcoal), suphee siirasmeeksii, simmintoo (cement) fi kkf maqaa waamuun ni danda’ama.
Oromiyaan bineensota bosonaa kanneen akka leencaa, qeerransaa, arba, bosonuu, jaldeessa, qamalee, saattawwaa, gafarsa, karkarroo, booyyee fi kkf qabdi. Qonnaan bultonni Oromoo horii manaa kanneen akka saawwaa (sa’aa fi sangaa), re’ee, hoolaa, farda, gaangee, harree, lukkuu (hindaanqoo) fi kkf bal’inaan horsiisu.
Lafti Oromiyaa midhaan kanneen akka xaafii, boqqoolloo, garbuu,atara, baaqelaa, mishingaa, qamadii, shunbura fi gaayyoo, loozii, akkasumas bunaa fi jimaafi kkf biqilchiti. Oromiyaan lageen, haroowwan, gaarreewwan fi bosona baayyee qabdi. Lageen hedduun har’a baha Afrikaatti argaman keessaa irra guddaan isaanii Oromiyaa keessaa maddu. Isaan keessa lageen akka, Abbayya (Mormor) ykn Naayilii gurracha (Blue nile) kan jedhamu, Hawaas, Waabee, Gannaalee, Gibee, Dhedheessa, Soor, Weeybi fi Gabbaa maqaa dhahuun ni danda’ama. Haroowwan Oromiyaa keessatti argaman keessaa, Naannoo Bishooftuutitti haroo jahatu argama, kan biraatis kan akka Qooqaa, Laaqii Dambal, Laanganoo, Shaalaa, Abiyaataa, Dandii, Wanci, Fincaawaa, Haromayaa, Ashangee fi Hayiqi (Wallo keessa) beekkamoodha. Oromiyaa keessa kan jiran gaarreewwan akka Kaarraa, Enkelloon, Baatuu, Tulluu Walal, Baddaa Roggee, Cuqqalaa fi Gaara Mul’ataa faatu jira.
Bishaan hoo’aa (spring water) Oromiyaa keessa jiran keessaa Finfinnee (bishaan daffu), Ambo, Wanci, Waliso, Soodaree, Gargadii, Wandoo fi kanneen sulula guddaa (Rift valley) keessatti argaman heddu.
Kanneen armaan olitti caqafaman akkuma fakkeenyaatti taa’an malee qabeenya uumamaan Oromiyaan qabdu mara tarreeffamee hinhobbaane. Haa ta’uyyuu malee Oromoon walakeessa jaarraa 19ffaa kaasee erga dhiibbaa sirna Habashaa jalatti kufee eegalee qabeenya isaa kanatti abbaa ta’uu hindandeenye. Gitni bittoota Habashaa Oromiyyaa qabatanii turanii fi ammas qabatanii jiran albuudaafi qabeenya Oromiyaatiin badhaadhanii, deebisanii ittiin nu bitaa turan, hardhas nu bitaa jiru. Keessattuu qabeenyi uumamaa haareffamuu hin dandeenye (non-renewable resources) kanneen akka albuudota biyyee keessaa saamamee haga sadarkaa barbadaa’ee dhumuutti ga’ee jira. Gama birootiin bosonni manca’ee, lageen fi haroowwan xuraahuu/ summaahuu (polute) hammaachuu qilleensa naannootiif sababa guddaa ta’aa jiru!!!.