Oduu Haaraya
TBOJ2014

Ibsa ejjannoo hirmaattota kora 38ffaa TBOJ

 

Koraa 38faa TBOJ/UOSG

E-Mail: tboj.uosg@gmail.com

 

Kora 38ffaa Tokkummaa Barattoota Oromoo Jarmanii(TBOJ)Fulbaana 14 bara 2014 Sa’a booda saatii 12:15 irraa egalee waaree booda amma saatii 18:30 magaalaa Frankfurt, galma Universitii Joon Volfigaang kessatti geggefame. Kaayyoon waliga‘ii:- 1ffaa haala qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) yeroo ammaa irratti mariiyatuun hubannoo siyasaa argatuu fi 2ffaa raawii hojii TBOJ/UOSG Caayaa ABO  Onkoololeessa 6 bara 2012 amma Fulbaana14 2014 gamaagamun booda koree hojii geggesitu (KHG) gadaa ittii aanuu filachuudha.

Walga‘iin ergaa Eeebbaa Manguddoo Oromoottin tahe boode, faaruu Alaabaa Oromiyaan akkasumas Jaallan QBO irrati otto falmanuu kufaniif yaadannoo godhun banamee. Hogganaa olaanaa ABO  mata duree bara 1990 asi “QBO” ABOn gageefamu maal akka fakkaatu fi maal keessa akka darbe fi amma hoo ABO maal akka gochaa jiru akkasumas WBOn maal gochaa akka jiru irratti Ibsaa balaa Miseensoota TBOJ/UOSG kennaniruu. Mata duree kana irratti gaaffii fi deebiin akkasumas Yaada Ijaaroo tahan balinaan kennaniruu.

Itti-aansuun gabaasaan raawii hojii Onkoololeessa bara 2012 haga Fulbaana 14 -2014 KHG TBOJ fi KHG damilee TBOJ irraa hirmaatota waliga‘iif dhiyaate. Gabaasaa gamaagamuu fi raggaasisun booda KHG gadaa ittii aanuu filachuu fi ibsa Ijjannoo baafatun sagantaan koraa 38ffaa TBOJ milkiin xumurameera.

 

Tel. + 49 (0)151 63727696 • e-Mai l: tboj.uos g@gmail .com

 

Ibsa Ijjennoo

Nuti miseensotiin TBOJ walga‘ii kana hirmaannee turre haala siyaasaa QBO irratti ergi mariyanneen booda, ummata Oromoo fi Oromiyaa sirna  gabiromfannaa (kolonii) bara ammaa motummaa Habashaa, gartuu wayaaneen (TPLFn) hogganamaa jiru, jalatti gidirfamaa jiru bilisomsuuf qabsoo hadhooftuu hogganummaa jaarmaa ABOn geggefamaa jiru gutummaan tumsaa, gumaata nu irraa barbaadamu gama maraan kennuuf qophii ta`uu kenya ni mirkaneessina!

 

1.QBO hirmannaa ummata Oromoo fi hogganummaa ABOn geggefamaa jiruu ni deggerra!

2.Qabsoo hidhannoo, siyasaa, fi dipilomasii ABO geggessaa jiru diinagideen ni utubna!

  1. Qabsoo fincila diddaa gabirummaa karaa qerroo Oromiyaa, barattotaa, fi ummata

Oromoo geggefamaa jiru waan nu irraa barbaachisu maraan ni tumsina!

4.Sagalee QBO haala hundaa kessatti firotaa fi dinoota ni dhageessifina!

5.Saamichaa Lafa fi Qabeenya Oromoof Oromiyaa akkasumas shororkaa ummata Oromoo irratti dinoti fi farreen QBO raawataa jiraatan injifachuuf  hubannoo fi kutannoon sagantaa QBO milkomsuuf heera jaarmaa ni tiksina!

  1. Araaraa ABO QC fi ABO giduuti tahe labsamee ni deggerra!

7.Yakkoota dhittaa mirga-namomaa ummata Oromoo irratti karaa motummaa gabironfataa TPLF (wayaanee) raawatamaa jiru ni balaaleffanna!

 

8.Hogganummaa motummaa wayaaneen yakkoota dhiittaa mirga namaa ummata Oromoo irratti raawatamaa jiru hambisuuf akka hawaasoti Addunyaa dhibbaa godhan ni gaafanna!

9.Lammii Oromiyaa kanneen meeshaa motummaa TPLF ta`uun yakkoota hiriyaa hin

qabne ummata Oromoo irratti raawachisuun sirna motummaa Habashootaa tiksuuf boojiyamtan akka gara moraa QBO makamuun mirga abbaa biyyummaa ummata Oromoo kabachisuuf qabsooftan waamicha ilaalcha Oromummaa hundeefate isiniif erginerra!

  1. Master Plan–>Master killer dha!!! kana cimsinee morminaa! Injifatnnoon ummata Oromoof!

 

Hirmaattota kora 38ffaa TBOJ (Jarmanii, Frankfurt, Fulbaana 14-2014)

 

IUOf!!!!

 

KHG TBOJ/UOSG

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Tel. + 49 (0)151 63727696 • e-Mai l: tboj.uos g@gmail .com

 

 

 

 

 

IhrSchreiben vom

Yourletter

IhrZeichen

YourRef.

Unser Zeichen

OurRef.

Datum

Date

 

 

 

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …