"Wal dhabdeen siyaasaa mariin malee madfiidhaan hin furamu." | Bilisummaa Online
Oduu Haaraya

“Wal dhabdeen siyaasaa mariin malee madfiidhaan hin furamu.”

Dhumaatiin ummataa Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiru irratti maaf hin dubbanne komiin jedhu hedduutu dhufa. Gama tokkoon komii sirriiti. Gama biraan garuu maal haa baasuuf dhama raasuunis jira. Osoo dubbachuun bu’aa buusee, osoo haalli hangana hin babbadin hamma laagaan keenya goggoguu waywaanne. Lubbuu teenya qabsiifnee ummata keessa deemnee gorfanne. Ol deebine hogganoota gama hundaafuu waan argine gabaafnee akka osoo dubbiin daran wal hinxaxne furan kadhanne. Gaafa dhumaatiin kun akka dhufu timaamuun waywaannu aanaalee takkaafi lama qofatu jeequmsaan hubmaa ture. Har’a godinni Oromiyaa lolli keessatti hin godhamne, kan namni keessatti hin dhumne hin jiru. Dhugaa haa dubbannu yoo jenne lakkofsi ilmaan Oromoo waggoota afran kana ajjeefamanii kan bara Wayyaaneefi Darguu walitti dabalatee ni caala. Har’a ummanni keenya miliyoonotaan qe’e isaarraa buqqa’ee rakkoo hamaa keessa jira. Dargaggeessi Oromiyaa misoomsuuf barate gamaa gamanaan hidhatee walfixaa jira. Kuni qaanii dubbachuuf nama sururuudha.

Har’as waanuma kaleessaa waywaachaa baane jenna. Maddi lola kanaa wal dhibdee siyaasaati. Mariin malee madfiin hin furamtu. Akkuma Kaabatti agarre, hammamuu dheeratu lolli kun marimaan dhumuuf taa’a. Waan hin oolleef miskiina lafarraa fixuun, biyya hiyyeettii daran unkuteessuun haa dhaabbatu.

Rakkoo Itoophiyaa Kaabatti nagaan furree, Oromiyaatti lolaan fixna jechuun of sobuudha. Mana cinaa tokkoon gubaa cinaa biraan kabuun walfakkaata. Oromiyaan dhiigaa Itoophiyaan jaaramtu hin jirtu. Its matter of geography and demography. Balaan Oromiyaa ummatootaafi naannota mara akka tuqu kaleessa hubachuun dadhabamus har’a ragaan guyya guyyaan mul’ata.

Rakko gama Kaaba biyyattii araaraan fixuuf yaaluun abdii horee jira. Garuu hamma kan Oromiyaas karaa nagaa hin qabannetti, yaaliin araaraa Kaabaas carraan milkaayuu isaa xiqqaadha. Itoophiyaa gaaga’ama ishii mudaterraa baraarree biyya hundaaf taatu jaaruu yoo barbaannee walwaraansi roga hundaan godhamaa jiru dhaabbachuu qaba. Kanaan alatti fuuldurri ummataafi biyya sanii guyyama guyyaan hamataa deema.

Check Also

mararaa guddinaa 3

“Nutii Xoophiyaa dullattii suphuuf miti kan waggaa 40 fi 50 ol qabsoofneef, biyya Oromoof taatu ijaarrannee ofiin of bulchuufi”

Prof. Mararaa Guddinaa “Nutii Xoophiyaa dullattii suphuuf miti kan waggaa 40 fi 50 ol qabsoofneef, …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *