Oduu Haaraya

Wal-fakkeenya Yugoslavia_fi_Toophiyaa

Seenaa Cabinsa Yugoslavia hanga tokko.
______________________________

Kan Barreesse #Dhaabbatoota_Mirga_Namoomaa_Gaazixeesitoota_addunyaa_fi_Barreesitoota addunyaa adda addaa ti.

Cabinsi Yugoozlaaviyaa Daandii Itoophiyaan irraa deemaa jirtu kanaan waan fakkaatuufiin waaniin dubbise gabaabsee isinii qooduu barbaade, isiniis akka waliif qooddan asumaaniin gabaa isiini ja’a.

Yugoozlaaviyaan akka Biyyaatti kan hundooyte yeroo Lola Addunyaa 1ffaa ture, Nama #Josip_Broz_Tito jedhamu Bara 1945 Repbulikii jaha akka qubsuma Sabootaatiin Biyya Yugoslavia jedhamtu godhee ijaare, isaaniis Bosiniyaa, Herzegovina,Crotia, Repunlikii Sooshaalistii Macedonia, Montenegro, Serbia fi Slovania Imeeyara tokko jalatti Sooshalistii Fedaralistii Yugoslavia jedhamu ijaare, yeroon sun yeroo Addunyaan hundi akka Biyyaatti hundoofte ture, Yugoozlaaviyaan akka Biyyaatti haa jaaramtuu malee ol’aantummaan Josip Broz Tito’n jalatti Biyyoota kana ijaare ol’aantummaa Sarbiyaati.

Ummanni Impeeyara tokko jalatti ijaarame kun Ummata Eenyummaa ofii, Biyya ofiitii fi aadaa ofii qabu ture, tahuus garuu haala yeroo san ture kan Biyyoonni Addunyaa akka irree qabaniin wal-weeran saniif walittj hirkatanii Roorroo ofirraa dhoorkuu murteefatan, Yigoozlaaviyaan akka Biyyaatti beekkamtii arkatte, Lola addunyaa lammaffaatiis Roorroo ofirraa ittisanii keessaa bahan, Sabaa fi Sablammoonni biroo kanneen akka Crotia, Bosinia, Kossove fi kkf Yugozlaaviyaan nu hundaaf Biyya walqixaati jedhanii Jedhaniis Sarbiyaan /Serbia/ Yugoozlaaviyaa Biyya isiin abbummaa addaa itti qabdu tahuu beeyti, inumaa Namoonni hedduun Sarbiyaa Biyyuma Yugoozlaaviyaa jachuuun beekkamtu tana Sarbiyaa guddoo /Great Serbia/ jedhanii yaamu , Republikaanota kan Eenyummaa fi Biyya ofiitiin Sarbiyaa jiraatan kana akka maxxantuutti ilaalan.

Bara 1980 keessa president Tito’n du’e, Yugoozlaaviyaan walitti bu’insi jiraatullee hanga du’a Tito Bara 1980 nagayaan jiraataa turte Du’a Tito booda walitti laaqamte, Walitti bu’insa hamaa fi Hiyyummaan qabeenyaa babbal’achuu eegale, kanaaf kan Sababa tahe ammoo Seera President Tito’n Bara 1974 keessa baase ture, Seerri kun restructured Federal Assumably jedhamee waamama, Seerri kun gama tokkoon ofiin of Bulchuu ni ifatti lafa kaaya, gama kanaan gaariidha, garuu rakkoon Seerri President #Tito kun qabu mirga Sabootaa caalaa mirga nama dhufaa kabajuu fi kabachiisuurratti xiyyeefata, sababni Seerri President Tito mirga Nama dhunfaarratti xiyyeefateef Sarbiyaa hedduutu Kossovo, Crotia, Bosnia fi Biyyoota hafan keessa jiraata, yeroo Biyya hundeesan san Ol’aantummaa Sarbiyaatiin Biyyoota namaa keessa qubatan jechuudha.

Sarbiyaan Yugoozlaaviyaarratti ol-Aantummaa barbaaddi, Sabootni biroo kan akka Slovenia, Kossovo fi Crotia faan Mootummaa of dandeesse tahanii Federeeshiiniin wajjiin jiraachuu barbaadan, Bara 1990 keessa Sabboonummaan Republikaanotaa kanaa hammaatee garee Sarbiyaa wajjiin xiiqii keessa galche, humni Federaalaa Dadhabaa dhufe, humni Rupblikii jabaachaa dhufe, walitti bu’insi hammaachaa dhufe, Bara 1990 keessa Mootummaan Federaalaa konkumaa dadhabaa dhufe, Kirooshiyaa fi Sloveeniyaan mootee qurkee Sarbiyaa wajjiin jiraachuu mannaa fottoquu nuu wayya jedhanii Seera Bara 1974 baha’tti fayyadamanii fottoquu labsatan, M/Ministeeraa Yugoozlaaviyaa #Ante_Markovic Fottoqinsa Seera alaati jedhee Ummataa fi Waraanaaf yaamicha godhe, dubbiin ni hammatte.

Afa-Daymeen Liigii Kumunistii Sarbiyaa ture tokko tooftaan as bahe, Innis #Slobodan_Meloševic jedhama, Republikaanota biroo keessa yoo dhaqe Ummanni Yugoozlaaviyaa jedhee sossoba, yeroo inni filamu Ummata duraan Sarbiyaa ol-aantummaa Sarbiyaa jibbaa ture hundaa deeggarsa godheef, hiriirri deeggarsaa kan isaaf godhame har’allee seenaaf himama, haa tahuu malee kanaas keessi isaa waan biraati, Afaan Republikaanota akka Kirooshiyaa fi Kosssovoo faa biratti tokkummaa dubbatu sun fi Ummata isaa Sarbiyaa biratti ” Sarbiyaa ” guddoo ni jaarra jadha.

#Slobodan_Melosevic Sarbiyaanota Kossovo, Kirooshiyaa, Sloveeniyaa keessa jiraatan cimsee ijaarate, hogganoota Waraanaa Sarbiyaa Sadarkaa Maa’aragii hireef, Waraana harka caalu Lammii Sarbiyaa godhe, Baayyina Ummata Sarbiyaa fi Shiraa wajjiin Sagalee Filannootiin injifate, Humna Waraanaa kan Sarbiyaa qofaan duurfamu Repblikaanota hunda keessatti ramade, Yugoozlaaviyaan sirritti Sarbiyaa taatee maqaa jijjiiruu qofaa hafe, Republikaanotni hedduun gaafii Abummaa Naannoo gaafachuu ittI fufan.

Kirooshiyaa, Monteenegroo fi Kossoovoon fottoquuf hiriira bahuu eegalan, yeroo Abbootiin Biyyaa fottoquuf hiriira baate Sarbiyaan Biyyoota kana keessa jirtu hiriira mormii isaanirratti baati, inumaa fottoqisitoota jedhanii maqaa itti moggaasan, ገንጣዮች akka nuun jedhan kana jechchuudha, waliin galuun dadhabamnaan Lolaatu eegalame, Dura Bara 1991 Lola guyyaa 10f gaggeefame, Lolli Lola guyyaa Kudhanii / Ten-Day War/ jechuun beekkama, Sababa fottoqinsa Labsachuu Sloveeniyaatiin eegalame, Sarbiyaan Waraana Biyyaa harkaa qabdi, Jeneraalota isaanii guddaan Lolchiisaa ture Jeneral #Slobodan_Paljak kan yakka Duguuggaa sanyiitiin himatamee Mana murtii addnyaa keessatti Summii dhugee du’e sani.

Lolli Sloveeniyaarraa Eegalame guyyoota muraasa booda gara Kirooshiyaatti Dabre, achi booda kan wal-Waraanu malee kan wal-gargaaru hin jiru, gaafa nagayaa malee gaafa dubbiin badde Lafarraa wal-dhabamsiisanii lafa walirraa fudhachuun Shakkiin hin qabdu,Kosoovoo fi Bosiniyaan wal arkan wal-haleelan, Sarbiyaa fi Koosoovoo, Slooveeniyas fi Bosniyaa, Bosniyaa fi Sarbiyaa wal arkan waluma rakutuudha, kan yeroof Jaalummaa wajjin Uumatees wajjiin hin turu, ibiddi nama hunda macheesee Diina walitti godhe.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii haala jiru baruuf yUgoozlasviyaa dhaquus kan Ummata Weeraraa jiru Sarbiyaa Mootummaa fi Waraana harkaa qabdu waan taateef Biyyi teenya nagaya qabdi jechuu malee hafuurri irraa hin bahu, firraahuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii /UN/ Humna nagaya Eegduu NATO ramaddee gara Yugooxlaaviyaa ergite, Sarbiyaan Humna Waraana Biyyaa waan harkaa qabduuf Humna UN’n ergite kannaahuu haleeluu Eegalte.

NATO’n Xayyaara kaaftee Sarbiyaa Ummata Biyyaa galaafattee addunyaan loluu barbaaddu haleelte, Ummataa fi Waraanaas hedduu galaafatte, Dhumaatii isaanirra gaye saniif hanga har’aa Sarbiyaa keessatti Wagga waggaan Ayyanni Wareegamtootaa kabajama, Lola Bara Bara 1991 hanga Bara 2001 gaggeefame lubbuun meeqa akka dabarte tilmaamuun nama hin dhibu, Ragaan tokko tokko namni Kumni Dhibbaa fi Soddom (130,000/ akka du’e ibsa, garuu sanii ol taha, Lolli kun Jaarraa 20ffaa keessatti Lolli akkanaa hin jirreef lola addunyaa jechuu ni dandayama jedha warri Biyyoota lixaa kun, kana hunda kaniin dubbadheef sababni Balaan kun Uumameen President #Slobodan_Melosevic garaagarummaa Sabootaa kabajee waliin Bulchuu mannaa Saboota walitti baqsuuf yaaluun akka balaa wal-galaafataa fidde yaadachiisuufi,.

Namni Barruu tana dubbise hegeree Itoophiyaa ni tilmaama, kan hin dubbisne tilmaamuu hin dandayu jechuufiimiti, Daandii Itoophiyaan itti deemaa jirtuu fi Cabinsi Yugoozlaaviyaa wal-fakkaata jechuu barbaadeeti.

Itoophiyaa keessatti Mallattoon karaa kana nama fiddu waan mul’achaa dhufteef Umrii Itoophiyaa hangam bulti jannee tilmaamaa jirra.

#JEMAL_AHMED

Jan.25/2020

Check Also

toophiyaa31

Ethiopian Empire: Socialism and Federalism as Schemes to Avert its Breakup

November 10, 2023 Fatansaa Sulee Shogodoo    The interest of this article is not to do …