Oduu Haaraya

Waldhaansoon doohaa lolaati, Mammaaksi duudhaa dubbiiti, Jabbileen biifa kormaati, Gaggabni seensa du’aati.

Jechoota kana sababa malee miti kan dhimma itti bahe. Maaliif jedhamuun hin oolamu. Deebiin gabaabaadha. Namni of hin fakkaatne nama biraa fakkaachuu hin danda’u. Namni of hin qeeqne nama biraa qeequu hin danda’u. Haalli yeroo ammaa murna yartuun dhimma qabsoo sabaa irratti hundaawamee odeeffamu maal akka fakkaatu kan hin hordofin malee kan hordofee fi quba qabu akka gaaritti beeka.

Namootni qabsoo sabaa irratti namoota bara dheeraaf rakkatan ta’e jedhanii itti bobba’anii maqaa balleessan of fakkaataniiti malee nama biraa fakkaatanii waa jechuu akka hin dandeenye kan hubatan natti hin fakkaatne. Dhimma qabsoo irratti yaada fedhe kennachuu kan danda’u guyyaa tokkoofis yoo ta’e nama itti ifaajee beeku ta’uu qaba. Waldhaansoon namootni dhimma qabsoo hin beekne qabsaawotaan qabuu fedhan tolaaf osoo hin taane lola barbaadaniiti. Oromoon har’a nama waliin lolu hin beekne, kan obboleessa isaan ololuuf dheekkamu yoo jiraate doofaa diinaan ergame qofa.

Gootummaan bakka itti of ilaalan qabdi. Diinni gootummaan dura dhaabbatan lafa guutee osoo jiruiu jagnummaan qabsaawota sabaa irratti argisiifatuuf lafa dhiitan wallaalummadha. Namoonni face book fi paltalk irratti yaa’anii waan ummata Oromoo walitti hammeessu facaasani eenyuun akka fakkaatan beekuun nama hin dhibu. Ilmaan Mallas waan inni barsiisee itti bobbaase raawwatu. Hojii fi haasofni isaaniillee kan abbaa isaanii irraa adda ta’uu hin danda’u. Oromoon Oromoo arrabsuun xiqqeessu hin jiru. Badiin jiraatu sirreessuu irratti duula bahee qajeelcha malee afaan nyaaphaa ta’ee waan nyaaphni dhala Oromoo irratti raawatu raawwatuun eenyu akka ta’an namatti hima.

Wayyaaneen ABOn goolessaadha, Dhiphoodha, Oromoo malee saboota biroo akka diinaatti ilaala, biyya diigee kan Oromoo hin ta’in fixuuf qabsaawa. Ummata isaatuu dhaaba fixee lafaa dhabamsiisuuf jiraatu jechuudhaan doohii gara garaa hojjattee bara bulchiinsa isii kana guutuu keessatti ummata biratti jibbisiisuuf waan hin godhin hin qabdu. Dhugaan dhara, dharti dhugaa ta’uu hin dandeettu. Tattaaffiin isii cufti gaafa fashalu OPDOn gaafa hooqamte ABOdha jedhutti kaate. Suuta suutaan Oromoon cufti shoorarkeessaadha jechuudhaan balaa daangaa hin qabne ummata meesha maleessa irratti geesite. Kun hundi ta’ee osoo jiru har’a diina kaayyoo guddicha lafa kaa’anii sababni hoggana ABO reebaniif maaliif? gaaffii jedhuuf deebiin namootni waan kana raawwachaa jiran warra wayyaanee harma hodhanii fi dhiiga Oromummaa hin qabne qofa akka ta’an ifatti mul’atu.

Qajeelfama wayyaanee qabatanii hooggana ABO irratti bobba’uun kaayyoo fi akeeka TPLF duudhaa itti godhuuf akka ta’e hubatamuu qaba. Sabaan nama du’e ragaaf qabata. Salphataan nama salphisuuf tattaafata. Fakkeessuun garuu mirkaneessuu miti.Ololli baay’ate dhugaa fakkaachuu danda’a. Dhugaa ta’uu garuu hin danda’u. Dhimma keessa hin beekne irraa waa dubbachuun dhala namaa biratti silaa qaanyii guddaadha. Rabbii fi nama birattis maqa balleessii jibbamaa nama irratti oofuun galgalli isaa maal akka ta’e namni hin beekne hin jiru. Farreenii fi diina du’aaf gagabe deebi’ee ni jiraaraa fi abdachuu fi sodaachuunis dammaqiinsa dhaba. Wayyaanee afaan boollaa irra jirtu boollatti darbanii biyyee irra gara galchuu dhiisanii Oromotti duuluu maaltu arge?

Namni abbaa loluun, abaaru, balaaleffatu, jibbuu fi jibisiisu hin beekne ofii hin beeku. Namni of hin beekne waa nama beeksisa jedhee lallabuun ammoo doofummaa ofii gabayaa baasuudha. Mi’a nama irraa hin gurgramne namni gabayaa baasee irra dhaabbatu hin jiru. Ololli yeroo ammaa ABO maqaa balleessuuf halkanii guyyaa hafarfamu cuftuu shaqata yeroon irra dabre. Kan bitatuu mitii kan mil’atuu hin jiru. Ummatni Oromoo asii achi eenyuunuun hin gowwoomfamu. Waan dhugaa ta’ee fi hin ta’in tolchee beeaka. Qaroo sobuun gadoo dabalachuudha. Kanaaf namootni akka dhuunfaa fi murnaattis yeroo gamataan diina keenya irratti bobbaanu kana keessatti garaa garummaa hin barbaachifne uumuudhaan umrii gabroomsaa ummata keenya irratti dheeressuu barbaaddan gocha fokkataa kana irraa osoo of qusattanii irra isiniif wayya jedha.

Ummatni Oromoo bifa walii galaan dhaabni isaa ABO akka ta’e dhalattuun ganna 2 waan haasoftu dhagahuu hin ooltan. Hoogganni ABOs haa laafuu haa jabaatuu dhala Oromooti. Kan laafe jabeeffachuun kan jabaate daran jabeeffachuun mirgaa fi dirqama saba Oromooti. Haa dhaa fi abbaadhaan ilma keessan jibbaa ajjeessaa/moggeessaa firri jedhee ilma irratti warra isaa gorsu hin jiru. Osoo garseelee warruu irraa hin fudhatu. Kanaaf kun hubatamuu qaba. Fira mufate tahan karaa ittiin araaraman barbaadachuudha malee karaa ittiin obboleessa ofii dhabamsiisan irratti hin bobba’amu.

ABOn 1,2,3 miti. ABO tokkicha. Hoogganni isaas akkasuma tokkicha. ABO moofaa, haaraya, qajeelaa, dabaa, tarkaanfataa, harkifataa jechuun maqaa hin jirre qabatanii ceehuun gowwummaadha. Bakka dhugaan jirtu Rabbii fi ummatni Oromoo bal’aanis ni beeka. Dhugaa ukkaamsanii dhara ol kaasuuf halkanii guyyaa boqonnaa dhabuun gochaa diigamsaa raawwachuun ammoo boru itti gaafatama seenaa jalaa nama hin baasu. Ol barartee, gadi barartes allaatii buuti lafa, duuti lafa akkuma jedhamu olola fedhan dhaaba kana irratti oofanillee ABOn ABOdhuma.

Wayyaaneen dhala Oromoo hojjachiifachaa baate cufaa akka inni itti waa diiguu fi saba diigu qofa barsiifte malee akka inni of ijaaruu fi saba isaa ijaaru tasumaa hin barsiifne. Namni waan baratee ittii hojjataa muuxeffata hojjata waan ta’eef bakka gahe hundatti dandeettiin isaa kan ittiin madaalamu waa diiguudha. Warra ogummaa kana diina irraa horatanii qaphxii ol aanaan eebifamanii bahan ijaarsaaf abdachuun kajeeluun fayyaalummaadha. Ragaan hara’a ummatni keenya osoo OPDOn jirtu dhumaa jira, lafa isaa irraa buqqifamaa jiira. Ummata keenya fixuu fi lafa isaa irraa buqqaasuu duubaan silaa jiraachuu baattee qaata dirmattee wanti bahe adda baha ture.

Ummata dhumaa jiru, lafa dhabaa jiru dhiistee waa’ee qarsii, misoomaa, dhimma hoji dhabdummaa hennaa odeessitu dhagahamti. Lafa hin jirre, ummata hin jirre irratti miseemaa fi guddiin haasawamu dhiiroo kan gosa kamiitii? Of diiguu fi ummata diiguu irratti ogummaa ol aanaa wayyaanee irraa waan horataniif muuyxannoo qabaniin ummata keenya fixuu fi ficcisiisiisuu, lachee irraa saamuu fi saamsisiisuu itti fafanii jiru. Diqaalotni Mallas kan biyya keessaa fi alaas hojiin isaanii walitti hidhataa waan ta’eef ummatni Oromoo namoota akkasii kanaaf gurra laachuu/beekkomsa kennuufii hin qabu.

Waldhaansoon doohaa lolaati. Weerarri lafaa quba qabeenya Wayyaanee fi funya buta OPDOn Somoolotni har’a ummata keenya banan kun isaanis marroo isaanii ummata Oromoo gabrooffachuuf akka danda’anii fi hin dandeenye irratti of ilaaluufiidha. Mammaaksi duudhaa dubbiiti. Akeekaa fi kaayyoo Wayyaanee kana jabeessanii yoo qabachuu fi hojjitti hiikuu baatan gocha hamaa duraan ummata keenya irratti raawataniifuu itti gaafatamuun isaanii akka hin hafne waan beekaniif fe’aa Wayyaaneen ummata keenya irratti fe’atte sirritti irratti duudhachuu qabna jechuudhaan gocha hammeenyaa kana raawwachaa jiru. Kanaaf Somaalotnis ilmaan wayyaanee waan ta’aniif jabbileen biifa kormaatii, Wayyaanee gaggaba seensa du’aa irra geettee jirtu tana baffachiisftee jireessuuf boqonnaa malee duula wal irraa hin citne ummata keenya irratti banuun beekkamaadha. Kun hundi hudhaa Ummatni Oromoo hudhee harkaa isii qabu of irraa fursiiisuuf jecha mala wayyaaneen ta’e jettee uummateedha.

Kanas ta’ee kan biraa haala ummatni keenya diina fuula hundaa itti jiruun hudhamee qabamee dhidhiitaa jiru kana keessatti Oromoon Oromotti duula banuun fayyaa miti. Fayyaa qabaatu haa dhaabbatu fayyaa qabaachuu baatu haa itti fufu. Ummatni keenya eenyummaa namoota akkasii gochaa akkasii sana itti fufuu fi irraa dhaabbachuu isaaniitiin irra deebi’ee adda akka baafatu abdiin qaba.

Oromoon tokko, Oromiyaan takka. ABOn tokko, Hooggannis tokko. Yaadni kun yaada ummata Oromoo walii-galaati jedheen amana.Qixxeessaa Lammii Irraa

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …