Oduu Haaraya

Walgayiin jilli OPDO Meelboornetti taa’uuf karoorfame fashale jedhu

https://www.facebook.com/video.php?v=1560556390858731

Minnesotaafi OPDO
Jilli OPDO kan Wayyaaneen gara biyya alaa
bobbaafte mormii cimaan isa qunnaamuu
gabaasota dhihaatan irraa argaa jirra. Warri
Melbourne guutumatti walgahichi akka hafu
gochuun yoo milkaayan, warri Frunkfurt walgahiin
sun embaasii keessa waan ta’eef hambisuu
dadhabanis, hiriira guddaan mormii isaan
agarsiisan jiran. Gama Minnesota yoo dhuufnu
haala walmakaan jiraachuu agarra. Gama
tokkoon mormii cimaadhaan Abbaa Duulaa
naasisuu videon agarre. Akkasumas magaalaa
Oromoo kum afurtamii ol keessa jiraatu kessatti,
walgahii qondaalonni mootummaa gurguddoo
afur irratti argamaniif namni 39 qofti argamuun,
san keessaahuu walakkaa ol warra isaan mormuuf
seene tahuun sirni kun akka fedhetti ummata
keessa seenuu dadhabuu isaaf ragaadha. Haa
taa’uu garuu akka baay’ina ummata achi jiruutinif
haala amma dura Minnesotaan beekkamtuutin
namni mormiif bayes xiqqaa. Sababni kanaa
rakkoon qindoominaa falmattoota ( activists)
jidduu jiraachuu akka ta’e hubanna. Tarkaanfii
fudhatamuu malurratti dursa mariinfi ejjannoon
walfakkaataan akka hin fudhatamin agarra.
Mudaafi milikiin Oromiyaa Xiqqoo keessatti
mul’atu hamilee hawaasa Oromoo biyyaafi ala
jiraataniif muteessaadha. Kanaafu laafinni akka
amma mul’atee kun akka lamuu hin deebine itti
yaaduun barbaachisaadha.
Amma erga dubbiin dabartee booda jaarmayoota
hawaasaafi namootatti quba qabuun wal
balaaleffachuun daran wal diiguuf malee faaydaa
biraa hin qabu. Akeekni guddaan Wayyaaneen
jara asitti bobbaafteefuu dadammaqiinsaafi
tokkummaa Oromoo biyyoota alaatti waggoota
lamaan dabaran mul’ate kana shakki jidduu
naquun laamshessuufi. Kana hanqisuufi ciminaan
as bahuuf jaarmayaaleen hawaasaatifi
falmattoonni ( activists) walgahanii waan tahe
tasgabbiin xiinxaluun ejjannoofi tarsiimoo waloo
baafachuun barbaachisaadha. Hojii kana ammoo
kaleessuumarraahuu akka eegalan waan
dhageenyeef injifannoon akka as bayan abdiin
guddaadha.
Haaluma walfakkaatuun gaazexessitoonni OMN
hojii boonsaa hojjattan. Kaameraa seensisuu
dhoorganis luuxanii seenuun sagalee
waraabbachuun, gaafilee ciccimoo ummata
keessa jiraan gaafachuun isaani injifannoodha.
Odeeffannoo ummata barbaachisu maddisiisuuf
yaalii dhumaa godhuu isaanitiif ragaadha.
Haawwii odeeffannoo dabalataa argachuuf
qabniin jecha hamma walgahii boodaatti turan.
Yaalii kana hunda sa’aa dhaabbataa hojii
isaanitin alatti kaka’uumsa mataa isaanitin kan
godhan ta’uun murannoo isaanii kanaaf
ragaadha. Joolleen tun baatilee kurnan kana
keessatti shiraafi roorroo mootummaa kanaa ifatti
saaxiluun saalfachiisaa turte. Yeroo gabaabaa
kana keessatti joolleen muuxannoo televiziyoonaa
takka malee onneen hojitti seente tattaaffi hakanii
guyyaan gooteen gaazexeessitoota sabni isaanii
ittiin boonu, alagaan itti hinaafuufi diinni
haxooxifatee sodaatu ta’uu danda’anii jiran.
Affeeraan ‘kophatti isin dubbifnaa’ sun tooftaa
( set up) suuraa maqaa gaazexessitoota kanaatifi
dhaabbata isaanii, OMN, xureessuf baasan kana
argachuuf akka ta’e ifaadha. Joolleen yaaliin
interview Abbaa Duulaa waliin gochuu waan deebii
argatan itti fakkatanii duuka deeman. Jarri garuu
yoo danda’an sossobachuuf, dadhabnaan ammoo
maqaa balleessuuf karoorfatan. Kun ammoo olola
sa’aatilee muraasaatiif yoo fayyade malee bu’aa
biraa hin qabu. Eenyummaafi amanamummaan
gaazexessitoota kanaa hojii guyya-guyyaan
ummataan gahaniin malee suura takkittiin hin
madaalamu. Tooftaa rakishaa akkanaatitu
duraanuu OPDO saree alagaan gamaa gamana
ergattu ta’urraa baahuu isii dhoorge.
Warri suuraa kanatti fayyadamee OMN maqaa
balleessuu fedhu wanni hubachuu qaban, hojii
boonsaa gaazexeessitoonni dalaganitti dabalatee
hogganoonni dhaabbata kanaa bakka walgahii
sanitti argamuun murmii agarsiisaa turan. Warra
alatti Abbaa Duulaa gaafiin muddee ari’e keessaa
takka miseensa boordii OMN kan taate Aadde
Ertiraa Namarraati. Akkasumas namoota sadeen
mormii kanarratti qabamanii hidhaman keessaa
takka, Aadde Saamiyaa Usmaan, miseensa koree
qindeessitu OMN kan Minnesotaati. Yeroo
hogganoonni alaa mormiin jara waxalanii ari’anii
ol galchan, gaazexessitoonni ammoo keessaa,
naamusa ugummaan isaanii ajajauun gaafilee
belbletuu dhiheessuun isaanii OMN jaarmaya
akkamii akka tahe ragaa baha.
Waa hundaafuu mee haala jila OPDO Minnesota
dhaqe san mudate gabaasa guutuu OMN
dhiheesse irraa laalaa.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …