Oduu Haaraya

WALIIN MEE MARIYADHAA

~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Oromoo yoo taatan
Ofitummaa dhisaa
Natu caalaa dagadha
Oromummaaf jecha
Mee waliin mariyadhaa
Ummata dhumaaruuf
Mala tokko godha
Ilkee sabaa ta’uf
Walumaan falmadha

Oromoo yoo taatan
Tokkummaa leellisa
Kan wal lole hunda
Walitti tolchisaa
Oromummaaf jecha
Waluma jabeessaa
Qeerroo biyyaa keessaaf
Furmaata agarsisaa
Beekumsa qabdanuun
Dinati wal dulchisaa
Guuma lammi keenya
Tokkummaadhan baasa
Gargar hin deeminaa
Diinaaf karaa baasa
Ulaa keessaan cufaa
Iciti walii dhoksaa
Maaloo yaa lammi koo
Isintu waliif qorsaa#2

Dhiga baratootaa
Kan dinni gad-cobse
Dhiga ayyoof aboo
Kan dinni loolaase
Lubbuu saba bal’aa
Kan alagaan balleesse
Enyuti nutti fidee
Numatu waliti goobse
Kuni hundumtinuu
Marii barbaachise
Mee waliin mariyadha
Maltu adda isin baase
Oromummaa dhugaa
Maqaan enyutu faarse
Goototni durii hoo
Dhigaan as nu baase#2

Furmaata hin dhabdanu
Tokko osoo taatani
Badi jiruu hunda
Bira darbitanii
Oromummaaf jecha
Irra utaaltanii
Lubbuu baratootaa
Fuldura qabdanii
Maaf walii hin galle
Maaluma taatanii?
Wal faffacaaftanii
Yaadan fagaattanii
Maaf hamaa taatani
Ilmaan oromoo hoo
Isin abdatani
Hayyuuf goota jechuun
Isin faarfatanii
Maaf tokko hin taane
Maaf nagaa hin buftanii
Adaraa lammi koo
Tokkoomaa tokkummaan aannanii

Dhaabni oromo kamu
Yaada biraa dhiisuu
Oromummaaf jecha
Tokkummaa walii tumsuu
Lubbu waregamaa jiruuf
Bu’aa cimaa buusu
Marii cimaa gochun
Saaminsa hanbisuu
Biyyaa abbaa qabdu
Gochaan agarsiisu
Yaada tokko ta’un
Diina ofii salphisu
Biyyaa ofi irraa
Alagaa buqqisuu
Sanarraatti hirmaadha
Dinniis nun quucarsu#2

Hayyoota oromoos
Keessaatti hirmaachifne
Beekumsa qabdanuun
Akka biraa hin hafne
Gahee keessaan baha
Beekumsa qabdanu
Akka hin waakkanne
..
Angaa’ootni keenya
Hayyu dureen hundu
Waliin marii godhaa
Tokkummaa jabeessa
Diina hamtu kana
Nu keessaa buqqisaa
Afaan tokko ta’a
Irree wal jabeessaa
Wal irraa fagaachuu
Asumaatti dhisaa
Bu’aa tokko hin qabu
Dinaaf karaa baasaa
…..
Qabeenyi biyyaa keessaani
Lubbuun lammii keessaani
Dhigni qeerroowwaani
Harmi ayyoowwaani
Harki abbootiwwaanii
Lubbuun ambooti badee
Inni jalduu irraani
Lubbuun wallaggaatti bade
Inni mandiif sibuufaani
Lubbuun harariti bade
Kan ciroof awaday faani
Lubbuun arsitti bade
Kan shashamannef adaaba faani
Lubbuun baaletti bade
Kan walaabuuf roobefaani
Lubbuun jimmaati bade
Kan kittoo fi qociifaani
Lubbuun wollooti badee
Kan kamiseef naannoo isaani
Lubbuun iluutti badee
Kan beddeellef mattuufani
Lubbuun boranati bade
Bulee horaaf naannoosani
Isinitti haa mul’atu
Sukkanneessaan suni
Itti yaada ilaalaa
Hundumti keessaani#2

Gargar hin figinaa
Walin marii godhaa
Yoos dinni isiin dheessa
Tokkummaa ummadha
Badii keessaan hundaa
Oromummaaf jecha
Walii dhifne jedhaa
Hayyuu jabeeffadhaa
Gootas jabeeffadha
Walaala barsisaa
Tokkummaa ijaarradha####×2

Qopheessaaf
Barreessaa
Sabaan-boonFirrisaa
Ummata oromoof
Tokkummaa leellisa
Hundumti keessaanu
Wal tumsu jabeessa
By
‪#‎sabaan_boon_firrisaa‬
{Ahmed-Biyyaa}

Janu…17/1/2016

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …