Oduu Haaraya

Waraannii naannoo Soomalii liyuu poolisi jedhamu beekamu Oromoota Anniyyaa daangaa Soomaletti dhihaattan irratti akka haarawaati lola labsee jira

Oduu Naannoo Anniyyaa irraa dhuftu akka mirkaneeysutti . Humni loltoota Liyuu Poolis kan Ogaaden keeysatti ummata shororkeessun beekamu daangaa Oromiyaa cabsee Ummata Oromoo Anniyyaa Shorokeessa akka jiru Oduu Gamasi dhuftu ni Addeesa , Duula Liyuu Poolis Oromoo Anniyyaa irratti yaroo dheeraf godhama turee keessatti Ooromoota 45,000 oli tilmaamamu naannoo kana irra akka buqqa,e ragaa jiru ni addeesa . Ardhas Motummaa Wayyaane Humna liyuu Poolis Oromoota Anniyyaa Irratti bobbaaste ficcisiisaa bakkarraa buqqaasaa jira !
akkuma beekamu Hawaashii gadi lafa teenya jechun lolaa yaroo dheeraf ummata oromoo fi Ogaadiin Jidduuti lola taha turee irratti Ummanni Oromoo Anniyyaa Humna Diinaa kan yaroo dheeraf dachii Oromoo Saamuf ol deemu kana Utubee qabu irratti hawaasa gahe guddaa baha turee dha . Motummaa Wayyaanettin shirra beeku Xaxxuun ummata oromoo Awaashii gadii irraa kaasaa fudhadhaa jechun Gossoota Somalee hidhachiise Ummata Oromoo irratti bobbaasa jiru

. Ummanni Oromoo Alaa fii keessaan harka wal qabachuudhaan humna fi qabeenyaa dirmachuudhaan Ummata Oromoo lolli itti banamee bakka jiraaturraa buqqisaniif akka dhaqqabdan yaamicha oromumma isiinif Goona .
shiftoota wayyaanee fi Humna Liyuu Poolis jedhamu Ummata keenya irra faccisuuf Ummanni Oromoo yaroo ol ka’u amma,

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …