A , isaanis dhaabbilee siyaasaa maqaa tokkummaa dachee fi Itoophiyaa dullattitti amanan fi kan Mirga saba isaaniif qabsaayan dhaabbilee sabaa fi sablamoota jedhanii kaa’uun ni danda’ama. Isaan kana addaan baasanii ilaaluun enyummaa, ideology fi siyaasaa isaan hordofan irra dhaabbachuun diinummaa fi firummaa isaanii sirnaan kaa’uun dirqama ta’a. Iaaan kana addaan baasuun hojii qabsoo fiixa baasuu keessatti ga’ee ol’aanaa qabaata, Firaa fi diina addaan baasuun yeroo qabsoon godhamu kan waliin hiriiraanii fi kan irraa of qusatan jiraachuu irratti garagara. Karaa biraatiin diina Tarsiimoo fi FiraTarsiimoo yoo addaan baasan malee wal makatee bakka yaadamee ga’uu irratti gufuu waan uumuuf isaan kana akka kanaan gadiitti addaan baasamee kaa’uun yaalameera.
Dhaabbilee siyaasaa oftuultota/ Ideology/ Tokkummaa duloomee fi Itoophiyaa dullattii oofan, akkasumas olaantummaa saba tokkoo kan abjoomaniidha.
-Humni kun hunda caalaa kan diina godhatee karoorfate itti deemaa jiru inni angafni Oromoo fi Oromiyaadha.Humni kun sadarkaa kamittuu Oromoon akka taayitaatti ba’uuf biyyattii keessatti akka baay’ina isaatti akka qooda qabaatu hinfedhu, Afaan Oromoo akka baduu fedha, aadaa Oromoo fi seenaan, safuun, keenya akka badu barbaada. Hundaa caalaa ammoo lafa Oromoo maqaa lafti qote bulaaf ta’uu qaba jedhuun lafa Oromiyaa Qabeenya qabuun bitee too’achuun falmaa jira. Siidaa Harma muraa fi Harka muraa mormuu caalatti akkamitti kan booji’ameef siidaan tolfama kan hojjatamuufii qabu isa Oromoo fixeef ta’uu qaba jedhee ifatti falmaa jira. Legacy Minelik fi akkasumas siidaa isaatiif muldhii isaa hidhatee falamu cinaatti, kan nafaxanyooni hin hoogganne biyyi jiraachuu jechuun salphina akka ta’etti huumna of ilaaluudha
Oromiyaa fi naannoleen kanneen biroo ijaaramuun of bulchuu qabu kan jedhu sirna Federala ni morma./ as irratti/ sirni wayyaanee sirna federaalaa siriidha jechu miti. Ummatoota laman Oromoof Amaaraa wal dura dhaabee walficisiisuuf karaa hundaan labsii godhaa jira. Falmii barattoota Oromoo ammaa dura dhaabachuun Oromoon Amaara lafarraa fixaa jira jedhee oolola oofuu irratti jira. Dhimma Finfinnee irrattis ta’ee naanno Oromiyaa kan Oromooti yaada jedhu goonkumaa hinfudhatu.
Humni kun qabeenya Oromoo irraa bara dheeraaf saamee tuulatee guddaa of harkaa qaba, Birookirasii motummaa keessatti yeroo dheeraaf amaarota hojjatan hammate jira, dipilooomaatota hedduu kan hojii diploomaasii hojjataa turan biyyoota ambaa keessaa qabu boobbaasuun addunya maratti hojjachaa jira. Meeshaa Propagaandaa guddaa of harkaa qaba.
Oromiyaa fi naannoo kibbaa keessatti Amaarota karaa dhooksaan galchuudhaan qubachiisaa ture ammas itti jira, kana malee Meeshaa waraanaa hedduu naannoo Oromiyatti Amaarota qubatanii jiran hidhachisee jira.Lola tarsiimoof huumna qophaayaa jiruudha jechuun nidanda’ama. Humna kana gidduutti garuu wal ta’uumsi baay’een hinjiru, humna Haaraa fi dulloomaa waliin jedhuun wal baqatu, wal shakku. Taayitaa qabachuu irrattis bakka tokko hinjiran, kana malee nafxanyoota kana keessa humni moderate ta’ee kan deemsa karaa duloomaa kana hinfudhane ni jiru. Isaan keessa kan diina jala kukurus nijira.
Humni kun isaan armaan gaditi. 1. All Ethiopian Orginazition/ Alla Amhara Orginaztion 2. Unity for Justice and Democracy 3. EDPP/ Ethiopian Democartic People’s Party/ 4. Bule party/ partii semayawwii/yemuu ta’aan -cimina humna kanaa -Qabeenya fi diinagdee guddaa of harkaa qabu -Hojii diploomaasii irratti jabaadha -Propaganda afanfajii oofuu danda’a -Birookirasii baayyee qaba -Oromiyaa fi naannoo biyyatti hedduu keessa nafaxanyoota duubbee hedduu qaba – Humna ilaalcha isaa baachuu danda’an yartuu hin qabaata. *Hir’ina humna kanaa – Humni kun mirga sabaa fi sablamoota mormuu isaatiin ummatoota kana biraa deegaarsa hinqabu -Dhaabbilee sabaa fi sablamoota jibbee qophaa isaa dhaabatee jira. -Deeggarsaa biyyoota lixaa cimaa hinqabu -Ummata Amaaraa hunda biraas Deeggarsa cimaa hinqabu -Gareen kun walii isaa giddutuu tokkummaa hinqabu. -Heeraa mootummaa ni morma, tokkummaa dulloomtuu abjota
Eegaa akka waliigalaatti humni kun akka amma deemaa jiru kanatti guufuu fi diina qabsoo keenya waan ta’eef gama hundaan kophatti isa dhaabuuf hojjachun barbaachisaadha. Kana malees mormii nuti diina irratti oofnu dura dhaabachuun isaa mirkana. Yoo humna taanee tokkoomne fi humnoota sabaafi sabalamoota biroo hammachuu dandeenye humna kana irraa aanuu nidandeenya. Ummatoota biraa biratti akka bulguu ta’ee ilaalamuuf hojii propaganda irratti oofuun gaariidha, Ummata amaaraa irraas addaa baasuun moggeessuuf irratti hojjachuu qabna. Kana malee humna kana keessa warra Modrate ta’aan irraatti hojjachuun barbaachisaadha. Yeroo kana goonu garuu diina keenya isa angafa ta’ee irratti waan hojjachuu qabnu osoo hindagatin ta’uu qaba. Humni keenya fi hojiin keenya ; karoorri keenya yeroo yaadamu akkamitti diina keenya irra akka aanuu qabnuufi humna kana ammoo akkamiti akka laamshessuu dandeenyu ta’uu qaba Karoorri yaadamus akkaataa lamaanuu irra aanuu dandeenyutti qophaa’uu qaba. Humni kun ammatti yoo angoo harkaa qabaatuu baatellee isaaf garuu diinni inni duraa akka nu ta’ee beekne irratti qophii gochuun fardii dha.
B/Haala Dhabbillee sabaa fi sablamoota biroo gama ilaaluun Isaan kun yoo nuti humna taanee olbaane humna Oromoo guddaa akka ta’an shakkiin hinjiru, sababni isaas huumna nafxanyoota irratti jibbaa bu’uuraa waan qabaaniif yoo yeroof ta’ee malee miiltoo isaanii ta’uun amma dhumaatti deemu hinfedhu. sababa nuti boodatti hafneef yeroof nafaxanyoota waliin tirachu malee firummaa gararraa hin qaban. Mootummaa Wayyanee keessattis bakka hinqaban. Kana malee Olola diinaa irraa ka’anii Humna Oromoos baayyee nishakku, Oromoon nu liqimsaa sodaa jedhu qabu.Kana duras gama Keenyaan waan irratti hojjanee shakkii isaanii of irraa salphifne kan hinjirre yoo ta’u ammaan booda garuu kana kan haquu qabnu nu mataa keenya.Kana malee ummatni Oromoo hunda caalaa ummatoota isaani waliin gama aadaa, hawwaasumma , amantaa, fuudhaa fi heerumaa, daldalaan, daangaa hariiroo gaarii qaba, Kun hojji keenya fuula duraaf haala mijuu kan uumu waan ta’eef ciminaan irratti hojjachu qabna.
*Cimina fi hir’ina humna kanaa – Cimina – Ummata hiree Oromoo waliin wal fakkaatu keessaa ba’uu isaanii – Humnoota nafxanyoota waliin firummaa fi miiltoo waaraa ta’u qabaachuu kan hindandeenye ta’uu – Mootummaa amma jiru irraas jibba kan qaban ta’uu – Ummata keessaa bayan irraa yoo xiqoo ta’ellee deegaarsa qabaachuu – Sabboonummaa mataa isaanii qabu aadaa fi seenaa isaanii guddisuu fedhu, kan kana isaan dhabsisuu hinfedhan. * Hir’iina – Humni isaanii xixiqaa fi faffaca’aadha – Caasaa cimaa hinqaban – Hoogganna cimaa hinqaban – faaydaan xaxamuu danda’u – Dhaabbilee Oromoo irratti shakkii qabu, – Oromoon isin liqqimsa kan jedhu olola diinaa ni qabu
C.Haala Ummatoota Itoophiyaa Akka waliigalatti haalli ummatoota Itoophiyaa baayyee walxaxaadha. Sababni isaas ummata ilaalcha siyaasaa tokko jala jiru miti.kana cinaattis ummatoota bara dheeraaf ukkaamsaa jala jirantu heddummaata. Kana irra darbee Ummatooni Itoophiyaa rakkoo siyaaasaa , dinagdee,akkasumas dhiittaa mirga namaa,kan dimokraasii fi sababa loogii Wayyaaneen godhaa jirtu irraa mootumma kana irraatti jiba guddaa qabu.. Karaa biraatin ammoo dhaabbillee Oromoo irratti amantaa hinqaban nishakku nisodaatu. Kana cinaatti diinis afaanfajjii itti uumee jira. Oromoon fottoquuf hojjatu, yoo tayitaa qabatan isin balleessuu jedhee nasiseera. Dhaabbillee Oromoo akka goolesituutti dhiyeessee sodaachisuu yaalee jira.ammas itti jira. Gama biroon keessatu ummata Amaaraa keessatti humnootiin of tuultoota olola ofaniin Amaarri naannoo Oromoo jiru Oromiyaa keessa taa’ee har’as akkuma kaleessatti akka yaadutu hubatama.Ummatooni biroonis Oromoon yoo fottoqe eessa galla kan jechuun yaaddoo qabu, nu liqimsas kan jedhanii kan sodaatan baay’eedha. Waluma gala oolola diinni oofuun ummatootni Itoophiyaa Dhaabbilee Oromoo fi ummata Oromoo baay’ee sodaatu, gama keenyaanis kanaan dura rakkoo kana cabsuuf hojiin hojjatamee waan hin jirreef yeroo diinni Oromoo irratti roorrisuu caldhisanii ilaauun kan barameedha jechuun nidanda’ama. Eegaa kana booda kana cabsuuf irratti hojjachuun fardii ta’ee as bayee jira, sababani isaas diinni Oromoo irratti duula godhu ummatootni biroon akka qoodatani fi Oromoof dirmatan gochuun barbachisaa waan ta’uuf.
*cimin ummatoota • Diina kan ta’ee wayyannee ni jibbu. • Yoo hooggana argate diina dura dhaabachuu irraa hin deebi’u. • Ummatni akka ummataatti jibba wal irraa hinqabu. *Hir’ina – Wal qoodaa dha – Dammaqina wal fakkaatu hinqabu – Olola diinaaf saaxilamaa dha.diinas ni sodaata – Bara rabbiin nurraa kaasuu egna kan jedhu abdii kutannoos qaba. – Misooma diinni afarsuun Afanfaajjii keessa jira. Keessattuu hidhaa laga abbayya
D.Haala biyyoota Ollaa Haala Biyyoota kana ilaalun nuuf baay’ee barbachisaadha.Innis qabsoo goonu kana yeroo gabaabaa keessatti fiixa baasuuf karaa diiplomaasitiin dhimma itti ba’uu cinaatti hariiroo Oromoon fuula duratti biyyoota ollaa kana waliin qabatu akeekuuf waan gargaruuf faaydaa olaanaa qabaata. Kana malees Oromoon biyyoota ollaa kana keessatti baay’inaan bakka itti jiraatuuf akkasumas baqattummaan baay’inaan kan keessa jiraatuudha, kanaafuu haala biyyoota ollaa kana sirnaan kaa’uun faaydaa inni nuuf qabu keessa ilaallachuun dirqama. Eegaa kunoo armaan gadiitti dhiyyesuun yaalamera.
1.Keeniyaa Biyyi kun biyya gaafa Afrikaa keessatti daran guddachaa jirtu keessaa isii takka. Biyya fedhaa fi faaydaa isii eegsisuuf yeroo ammaa humna waraanaa gara somaaliyaatti dulchistee Alshebabiin waraanuu irratti argamtudha. Sodaa shororkeessitootaan marfamtees jirti miidhaanis daddabalamee irra ga’aa jira. Itoophiyaa waliinis gama diinagdeen, gama nageenyaa fi daldalaan hariiroo gaarii qabdi. Humna ibsaa galfachuuf waliin hojjachaa jiru Ummani Oromoo kan baay’inaan keessatti argamu fi lafa bal’aa qabatee jiru keessa jiru ta’uu isaahubanna.Bara 1989 akka namni barreessan Baraukamper jedhamu Keeniyaa irratti qormaata godhetti Ummani Keeniyaa milii’ona 20 akka ta’ee ibsee, yeroo sanatti Oromoon keeniyaa 3.4% akka ta’e kaaye. Kun har’a yeroo ummatni Keeniyaa gara Miliyoona 40tti siqu kanatti Oromoon Keeniyaa keessa jiratu gara 8% amma 10% ta’uu danda’a. Eegaa Oromoon Keeniyaa keessa jiraatu qaama ummata Oromoo bal’aa Oromiyaa fi gaafa Afrikaa akka ta’ee ifaadha. Kanaafuu Keeniyaa waliin hariiroon ummamu qabu hariiroo ilmaan Oromoo lamaanuu walitti hidhu ta’uu irraa darbee Keeniyaa Fira godhachuun baay’ee barbaachiisaa akka ta’e gaaffii hinqabu. Haala dhimmoota faaydaa Itoophiyaa waliin gama diinagdee fi nageenyaan qabdu cinaatti qabsoo bilisummaa Oromoo irraa sababa ummata Oromoo Keeniyaa jiru waliin wal qabsiiftee baay’ee sodaa qabdi. Oromoon yoo humna ta’e ummata kana waliin lafa koo qabata sodaa jedhus irraa kaati. Nutis duraanis ta’ee amma ammatti akka gaaritti karaa diplomaasitiin irratti hin hojjanne waan ta’ee Keeniyaaf sodaa taane akka turree jiru beekuun barbaachisaadha. Ammattti biyyi kun Deeggarsaa qabsoo bilisummaa Oromoof gochuu goonkumaa hin feetu, sababni isaas sodaa guddaa waan nurraa qabduuf . Eegaa kana beekne hojii hariiroo gaarii uumuu fuula duratti hojjachuf qophii gochuun ammuma itti yaadamuu qaba.
2. Jibuutii Biiyyi kun biyya baay’ee xiqoo dha, Garuu biyya bakka galaanni diimaafi fi galaanni Indii walitti dhufuuf ulaa waan tateef baayyeebarbaachistuudha.Gama dhiyyeessii jimaa fi kudraa kan rarraate jirtu Itoophiyaa irraa kan ergamu irratti. Kunis hunduu Oromiyaa irraa madda. Kana malee har’a buufata galaana isiitti kan fayyadamna jiru mootummaa itoophiyaati kana irraas galii guddaa argachaa jirti, kana cinaattis Hydro Electric Power waan hinqabnef Itoophiyaa irraa harkistee galchatee fayyadamaa jirti, Dhimma dinagdee, nageenyaa fi waan hundaa irratti Itoophiyaa waliin hariiroo guddaa qabdi.Humni waraana Amerikaas maqaa Shoroorkkesitoota too’aachuu jedhuun too’atee jirti.akkasuma farasaay ni too’atti wayyaanees ni sodaatti. Kanaafuu Oromoota baqattoota qabdee Wayyaneef kennaa turte itti jirti. Faaydaa fi sodaa kana irraa kaatee qabsoo Oromoo bifa kamiinuu hindeeggartu. Yoo humna taane baane garuu biyyatti kana faaydaa keenyaaf Oolchuu nidandeenya .sababni isaas waan jireenyaa dhala namaf ta’u kan argattu Oromiyaa irraa waan ta’eef fedha keenyaf olfachuu nidandeenya. Kanaafuu hariiroon qabaannu akka fuula duratti Oromoon gaafa kana keessatti humna ta’ee ba’uu danda’utti hubaachiisuun irratti hojjatamuf ilaalu qabna . Ammaa ammattis gama hariirootiin humni qabsoo bilisummaa Oromoo irratti hin hojjane waan ta’ee ammaan booda sirritti hojjachuuf itti karoorfachuun firummaa horachuun barbaachisaa ta’a.
3 Suudaan kaabaafi Kibbaa 3.1. Suudaan kaabaa Biyyi kun Ofii isiitiifuu iyyuu biyya jeequmsa keessa bara baay’eef turte ammas gama tokkoon keessa hin ba’in jirtuudha, Dhimmi daarfur rakkoo morma isii qabee jirudha. Dhimma Sudaan Kibbaa waliin qabdu irrattis rakkoon qoodannaa boba’aa fi daangaa ammayyuu furmaata waaraa kan argatee miti. biyyootiin kun wal jeequuf humna wal irratti ijaaranii wal irratti hojjacha jiru, biyyoota akka Keeniyaa fi Ugandaa waliins hariiroo gaarii hinqabdu.Kana Malee Wayyanee waliin hariiroo cimaa qabdii, Dhimma Hidhaa Abbaayaa irratti tumsaa gaarii qabu, kana cinaattis Itoophiyaa irra Hydro Electric Power galfattee fayyadamuu eegaltee jirt. Lafa bal’aa Itioophiyaa irraa fudhachuufis foolata jirti. Ummatooni biyyoota lamanis walkeessa deemu, karaan biyyoota lamaan walitti hidhuu Gondor irraa amma gadaarifitti diriiree jira .Gama biroottin dhimma nageenyaa, dingadee fi daldalaa hawwaasummaa irrattis tumsaa gaarii qabu, Ertiraa waliins tumsaa gaarii gama hundaan qabdi.Oromoota baqaan biyya isii jiran qabdee Itoophiyyatti kenniti waraanni Wayyaanees keessa fiigaa ola.Corruption baay’ee hamaataadha biyyatti keessati.kanaafuu biyyaattiin kun faaydaa fi bu’aa argatu irra dhabattee sochii qabsoo bilisummaf godhamu tokkollee yeroo amma kana deeggaruuf fedha hin qabdu, Wayyaanee ni sodaatti. Kana irraa dhaabannee biyya ollaa kana waliin fuula duratti hariiroon qabaachuu malu xiinxala ga’aa ta’ee irraatti hunda’ee ta’uu qaba. Humna taanee ba’uun keenyas kanaaf murteessadha deemsaa keessas akka humna taane baanu hubachiisaa firummaa jabeeffataa deemun barbaachisaadha.
4 Suudaan Kibbaa Biiyyi kun biyya dhiyeenna kana bilisummaa isii labsatteedha. Garuu yeroo ammaa kana akka hintaane taate gosaan wal qooddee dhumaatiin hamaa ta’e keessatti kan raawwatamaa jirtuufii mootummaa tasgabaa’aa kan hinqabnedha. Gosoota Anyu’aak fi Dinkaa giduutti sababa wal dhabdee hoogganootii Presidenti fi Itti aanaa isaa gidduuti dhalateen gosti laman walfixaa jiru. Kanaafuu yeroo amma kana rakkoon biyyaati kana gagaa’ee salphaatti waan dafee furamu hinfaakkatu. Suuta ilaalaa deemun gaarii ta’a malee ammatti kanatu ta’uu danda’aa jedhanii tilmaamuun nama dhiba. Biyyooti ollaas kan akka Itoophiyaa fi Ugaandaas faaydaa isaani irraa ka’anii rakkoo biyyatti kana keessatti dhalate irraatti wal gareerfachaa jiru.garuu ifatti dubbachuu hinfedhan, Ugaandaan kallattiidhaan humna waraana isii galchuu isii Itoophiyaan hin jaalanne fuula dura Maaltu dhufu mala ilaaluun gaariidha, Kana malees Egypt biyyaatti kana keessa harka galfachuuf yaadaa jirti.garuu rakkoon maataa isii waan isii hudhee qabeef akka yadamee ta’uu hindandeenye. Kanaaf ammatti biyyaattiin kun nuuf faaydaa qabdi jedhamee hin ilaalamu, gaaga’uumsi biyyattii kanaas biyyoota ollaa irrattis dhiibaa gudda qabaata. Gama keenyaan haala isii hordoofa irratti hojjachuuf karoorfachuun dirqama ta’ama. Ilamaan Oromoo hedduun hojiif jecha biyya kana keessa jiru.
5. Somaaliyaa Biyyi kun ammas rakkoo yeroo dheeraan gagaa’amtee gidiraa argaa jiriti, Harkaa itti naqaachuun biyyoota ollaa baay’ee jeequmsa biyyatti keessatti ga’aa jiruuf ga’ee ol’aanaa qaba. Kanas kan duubaan oofan biyyoota gara lixaa Amaerikaan durfaman waan ta’eef furmaatni tasgabbaa’uu biyyatti kanaa yeroo gabaaba keessatti fala waan argatuu hinfakkaatu.Kana malee humni shoroorkkeessaa Alshebab rakkoo gaafa Afrikaa kana ta’uu irraa darbee kan Addunyaa ta’ee dhufaa jira. Alshabab biyyoota waraana isaanii Somaaliyaa galchan , Keniiyaa, Ugandaa, Ruwwandaa Jibuutti fi Ithiophiyaa irratti haaloo bayuuf guddaa hojjachaa jira, Keeniyaa fi Ugaandaa baayyee gaga’ee jira, kaanis akkasuma. Ammatti Itoophiyaa irraatti waa hingoone garuu waan gochuu irraa deebi’u hinfakkaatu. Rakkoon Somaaliyaa caalmaatti Itoophiyaa keessatti kan dafee gaaga’uu danda’u Oromiyaa ta’uun isaa jala muramuu qaba. Waan hundaafuu itti ba’aa rakkoo biyyaatti kana suuta ilaala deemuun waan godhamu qabu itti yaada deemuin barbaachisaadha.
6..Eertiraa Biyyi kun biyya yeroo dheeraaf dhimma daangaa irratti Itoophiyaa waliin furmataa irra ga’uu hindandeenyedha.Ammas furmaata argachuun dhimma kanaa harka Amerikaa akka jirutti ilaalamaa jira. Amerikaan biyya kana Economic Sanction warra lixaa hiriirsitee miidhaa guddaa irraan geessee jirti ammas kan itti jirtuudha. Kun garuu warra lixaaf akka yaadameetti hintaane, mootummanif Ummatni Ertiraa kana keessa darbaa waan jiran fakkaata. Biyyi kun Qabsoo Oromoof deeggarsa keennaa kan jirtuudha
. Hariiroon biyya kana waliin fuula duratti qabnu faaydaa gama hundaan argamu qabu irratti hundaayee hojiin firummaa jabeessuu fi wal gargaaruu jiraachuu qaba. Biyyi kun bakka galana diimaa irratti waan argamtuuf baayyee barbaachistuudha .gaafa Afrikaa keessatti walicinaa dhabachuun cimina qabsichaafis fis ta’ee gama nageenyaa fi tasgabbiitiin walii tumsuun barbaachisaa waan ta’uuf hariiroon fuula duraatti biyya kana waliin qabaannu dhimmoota kanaa fi kan biroo irratti hundaa’uun ta’uu qaba.
barreessan Mahadi Idris