Oduu Haaraya

Wareegama gatii Dhabe.


———————–Jamaal Ahmadiin

Ummanni Oromoo waggaa 50 ol Sirna Nafxanyaa ifirraa fonqolchuuf Qabsoo hadhaawaa godhe, Qabsoon Waggaa 50 ol gaggeefate Qabsoo yeroo gabaaduu osoo hin tahin Qabsoo Dhaloota lama lakkaawwatte, Jeneraal Waaqoo Guutuu faa irraa Eegalee Qeerroo Ganamaa irraa hanga Qeerroo ammaatti Qabsoon Oromoo takkaa addaan hin cinne, wareegamni Lubbuu Qaalii Ilmaan Iromoo 50,000 olii kitimaa itti tahe.

Qabsoon Bara Dheeraa kana deemaa turte Bara 1991 Goolabbiirra geessee turte, Bara san Oromoo, Afaan Oromootii fi Oromiyaan ifatti bahaniis injifannoon Dogongoroota adda addaatiin osoo galma hin gayin hafte, Goototni Oromoob kan Suduudaa fi karaa Naannawaatiin Qabsoo gaggeesaa ture tokko tokkoon Manaa funaanamee Mana hidhaatti Wayyaaneen nyaadhame, Oromoon hedduun eenyummaa isaatiif Qabeenya isaa Saamamee Biyyarraa baqachuu mudate.

Wayyaanee Nafxanyaa bakka buutee Mataa Oromoo irratti baate, Waggaa 27 Guutuu Oromoo Foon irraa irraa fixxee lafee Qoqoraa turte, Qeerroo, Qarree fi Ummanni Oromoo Walumaa galatti osoo Abdii kutatin Wayyaanee ifirraa kasuuf falmaa hadhaawaa godhe, Falmaa hadhaawaa Lubbuun Qaqqaaliin Ilmaan Oromoo hedduutu dabreen Wayyaanee Fonqolchuun injifannoo gudda ture. Wayyaanee fonqulchuun akka injifannoo gaaritti laalamuus injifannoo Bakka hin malletti kufuun gadda guddaa mul’isaa jira.

Ummanni Oromoo Wareegama guddaa Kafalee Injifannoo argage na hoggani jedhee Qaama Kaayoo Qabsoo Bilisummaa hin beeynetti kanne, Qaamni kun Mootummaa Jijjiiramaa jedhee of labse, yeroo hidhamtoonni Kuma-Dhibbootaan lakkaawaman mana hidhaatii Bahan jijjiirama Dhugaa fakkaata, jiijjirama jedhan waan hamtuu hin yaadaminiitu Duuba jira, Qaamni jijjiirama jedhee of labse itti dabaluun isiin Ceesisa jedhe, Ummanni Oromoo Qaama isa himatu waan hin Shakkineef gara barbaadde nuun fiigi jedhee itti if kanne.

Ummanni Oromoo Nama hin Shakku, Keessattuu Qaama isa himatu onneerraa amana, yoo gara fiigi jedhan fiiga, isin ceesinfna jennaan osoo if cinaa hin laalin fiigicha Eegale, akka nama miilaan fiiguu osoo hin tahin akka nama mataan fiiguutti osoo if cinaa hin laalin Waggaa tokkoo ol fiigaa jira, yeroo fiigee mataa ol qabatee of cinaa laalu Mooraa Minilik tan Waggaa 100 dura biraa deemetti of arke, fiigicha Duraan Waggaa 27 fiigee as gahe amma Waggaa 100 of booda deebi’ee achirraa fiigicha eegaluu deema, Wareegama keenya kan bakka Waggaa 100 dura Qabsoo irraa Eegaletti nu deebisaa jiru Oromoon hundi itti yaaduu qaba.

Jemal Ahmed
Onko.29/2019

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …