Oduu Haaraya

Wayyaaneen ergamtoota isii lama paasporti harka fudhatte

Gabaasni Abbaa Duulaatifi Dirribaa Kumaatirraa paasportii fudhachuu kun, Wayyaanen duula Oromoo ukkamsuuf gootu kan marsaa lammataa eegaluu dhawwaaqa. Duula kana keessatti miseensotaafi hogganoota Dh. D.U.O shakkamaniifi sodaataman irratti aggamama. Tarkaanfin qondaalota ol’aanoo lamaanirratti fudhatame isaan miidhuuf jedhamee osoo hin taane, warra hafan sodaachisuun harka kennisiisuu ykn akka biyya dheessan gochuufi. Wayyaaneen, qondaalonni kun, keessattuu Abbaa Duulaa tasa akka biyyaa dheessuu hin barbaanne ni beeyti. Osoo dheessuu fedhii qabaatee waggota afran bifa fokkisaa ta’een itti duulamaa ture kana keessa biyyaa baqate ture. Garuu yeroo hedduu biyya alaa bayee deebi’uun isaa ni beekkama. Kanaafuu ergaan tarkaanfii ammaa kun qondaalota Dh.D.U.O sadarkaa adda addaarra jiraniin ‘ warra isinni oliitin jalqabnee, isiniifis dhufaa jirra. Dafaa amanamummaa keessan nufu mirkaneessaa ykn osoo paaspoortiin keessan hin fudhatamne biyyaa dheessaa’ jechuun sodaafi weerara laphee isaanitti naquufi.

Dhaamsi gama qondaalota Oromoo sirna san keessa jiraniitifi dabarsuu barbaannu, tarkaanfii faallaa waan Wayyaaneen barbaadduu kana fudhachuun akeeka isii hongeessuudha. Biyya teessanirraa hin dheessinaa.Warri isin dura dheesselleen jiruu qananii jiraachaa hin jiru, dheesseetis oduu torban takkaa malee bu’aan qabsoo buuse hin jiru. Beekaa, yeroo Oromoon jarri shakku ykn sodaatu tokko biyyaa dheesse, hangasuma dubbiin jaraaf laaffatti. Kanaaf yoo dandeessan bakka jirtanii murannoon falmadhaa, yoo hin taane ammoo riphaatii ofirra dabarsaa. Hamma dandeessanitti yakka Oromorratti raawwatamaa jiru keessaa harka gabaabfadhaa, nama keenya miidhamaa jirus waan dandeessaniin gargaaraa. Tooftaan alagaan doorsiftee biyya isaatirraa Oromoo ariitu fashaluu qaba!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …