Oduu Haaraya

Wayyaaneen maqaa Maastar pilaanii jedhuun ajjeechaa 2ffaa nurratti labsuuf jirti.

Baarentuu Gadaa Irraa

Maastar pilaaniin Finfinnee naannwa Finfinnee walitti makuuf qophaawee
ture   dhiiga sabboontoota lammiif lubbuu isaanii dabarsanii kennaniin
akka hojiirra hin oolle yeroofis ta’u uggurameera.
Gootonni,sabboontoonni,barattoonni dargaggoonni Oromoo ofii dhumanii
kaayyoon Wayyaanee akka galma hin geenye taasisaniiru. Shira
wayyaanonni Oromoo lafa isaarraa buqqisanii ofiif irra qubachuuf
shiran yeroon itti dammaquun battala sanitti akka hojiirra hin oole
harkaa fashalsaniiru.Tilmaamni Wayyaanonni tilmaaman kan Oromoon
gammadee,ilichaa,harka rukutee Maastar pilaanicha qayee fi qabeenya
isaarraa isa buqqisu simata jedhanii yaadan sochii alaa manatti
taasifameen milkii malee hafeera. Maastar pilaanicha ummata Oromoo
bulchiinsa Wayyaaneetin waggoottan 24n darbaniin hiraaree mirga isaaf
falmachaa jiruu mitii warruumaan ulee isaanii ta’ee ummata Oromoo
dabarsee gurguraa jiruu miseensoonni Opdo dhiigan Oromoo ta’an tokko
tokkolleen yeroo balaaleeffatan muldhatee jira.
Maastar pilaanii Finfinnee dachaa lamaa fi sadihiin baldhisee ummata
Oromoo qayee fi qabeenya isaarraa buqqisu kana akkuma hunduu quba qabu
biyya keessaa fi alaa akkasumas jaalattoota Oromoorrraa dura
dhaabbannaa guddaan isa muudatee ture. Namoonni baayyeen maastar
pilaanii  osoo hin taane maastar kiilariidha jechuun  akka malee
hadheeffatanii abanniiru, akka hojirra hin ollees tattaafataniiru.
Miiidiyaaleen dhimma Oromoo gabaasan hedduunis rakkoo inni fidu ibsuun
akka ummanni Oromoo ofirraa ittisu tattaafataniiru. Akka inni abbaa
biyyuummaa Oromoo dhiibu, keessumaa badii inni ummata Ormoo
naannichaarran gahu hayyoota haasoofsiisuun hubannaa baldhaa
uumaniiru,Walumaa galatti M.P. Wayyaanee Finfinnee fi naannawa
Finfinnee walitti maku kun yeroofis ta’u kan dhaabbate tokkummaan dura
dhaabbannoo guutuu ummata Oromoo fi dhiiga sabboontoota Oromootin
jechuutu danda’ama.
Sochii ummanni Oromoo alaa manatti taasiseen, dhiiga sabboontoota
ilmaan Oromootin, diddaa miseensotumti OPDO tokko tokkolleen
taasisaniin kaayyoon Finfinnee fi naannawa Finfinnee walitti makuu kun
yeroof haa dhabbatu malee xumura argatee akka hin haqamin eenyufuu
ifaa dha. Karoorri Wayyaanee inni ummata Oromoo qayee fi qabeenya
isaarraa buqqisuu akka jirutti jira.  Amma inumaawuu babaldhatee
akkuma argaa fi dhagahaa jirru naannawa Finfinnee qofaa osoo hin ta’in
magaaloota akka  Mattuurraa maatiin dhibbi 2 oli,  kan manni irraa
diigame yoo ta’u,Amboo,Naqamtee,Buraayyuu,Adaamaa,Shaashamannee fi
magaaloota Oromiyaa hedduu keessattis Oromoon qayee fi qabeenyarraa
buqqayee lafti isaa halagaatti gurguramaa fi irra qubsiifamaa jira.
Akka amma haasa’amaa fi muldhachaa jiruun ammoo M.P. magaalaa
Finfinnee babaldhisuuf qophaawe; kan yeroof dhaabbatee ture  hojiirra
olmaa isaaf sochii guddaan taasifamaa jira. Sochii yeroo ammaa kana
Wayyaaneen taasisaa jirtu waabeeffachuun maddeen gara garaa akka
gabaasaa jiranitti yeroo Paarlaamaan fakkeessii  tiibba darbe filame
ofiin jedhe hojii calqabutti M.pilaanichi akka humnaan hojiirra olu
qophiin xumurameera. Bulchiinsi Finfinnees waggaa haaraa
Habashootaatti akka hojii irra oolchu dhaadateera. Kanarraa ka’uun
karoorri Wayyaaneen Oromoo qayee fi qabeenyarraa buqqisuuf
qopheeffatte yeroo dhihootti kan hojiirra ooluf jiru ta’uun ifaadha.
Kana bu’uura taasifachuun wanti jedhamu yooo jiraate jaalannees
jibbines, beeknes wallaalles Wayyaaneen waraana  2ffaa nurratti
labsuuf jirti, kan kaleessaa caalaa nufixuuf  qophii xumurattee jirti.
Kun dhugaa ifa jiruudha. Yeroo dhugaa kana dhageenyu nuti hoo akka
sabaatti gama keenyaan diddaa keenya jabeessuuf qophaawaa jirraayii
jennee of gaafachuun dirqama ta’a.
Diinni nuuf rafaa hin jiru, guyyuma guyyaan jibbaa fi hammeenya nuuf
qabu hojiin argisiisaa jira, kaleessa Maastar pilaanii kana yeroofis
ta’u akka dhaabbatu taasifnee jirra. Ammammoo humnaan hojiirra ooluf
jira.  Kanarraa ka’uun hundi keenyaa kan of gaafachuu qabnu maal yoo
goone sirna nu ajjeesee  hin qufne, sirna tufii fi jibba guddaa nurraa
qabu kana jalaa of baafna kan jedhu ta’uu qaba.  Waayee Maastar
Pilaanichaa qofaa osoo hin taane, walumaa galatti ajjeechaa fi
saamicha sirna nama nyaattuu Wayyaaneedhaan nurra gahaa jiru ofirraa
buusuuf falli jiru qobsoo keenya irree tokkoon jebeessuu qofadha.
Diddaa keenya karaa walirraa hin cinneen itti fufuu dha. Calqabanii
dhiisuu ofirraa fageessuu dha. Irree fi sagalee tokkoon gabrummaan nu
gahe jechuu dha. Sochii fi qabsoon keenya haala kanaan finiinee itti
fufnaan dhimma maastar pilaanii naannawa Finfinnee qofaa osoo hin
ta’in gabrummaa bara dheeraaf gateettii keenyarraa sirbaa tures kunnee
gatuu dandeenya. Salphaatti akka bilisa of baafnus shakkiin hin jiru.
gabrummaa jalaa bahuuf muuxannoon addunyaa kanarra jirus kanuma waan
ta’eef!!!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …