Oduu Haaraya

WBOn, YEROO AMMAA OFEEGGANNOO CIMAA GODHUU QABA

Berhanu Hundee

Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) keessatti humna hidhate fi jabaate qabaachuun hangam barbaachisaa fi murteessaas akka ta’e ifa ta’aa jira. Warri qabsoon hidhannoo nu hin baasu jechaa turanillee suuta suuta dhugaa kana fudhachaa akka jiran ni mul’ata. Kana jechuun WBO cimsuun barbaachisaa akka ta’e hubatamaa jira jechuu dha. Qabsoon karaa nagaatiin godhamu hin barbaachisu jechuu osoo hin taane, haalli qabsoon nagaa keessatti godhamu yeroo irraa gara yerootti hammaachaa akka deeme fi wanti karaa nagaa jedhamu haphachaa akka deemu waanuma hubatamaa jiruu dha. Uummatni Oromoo karaa nagaatiin falmatus waraanni irratti labsamuu fi ajjeefamuun irraa hin oolle. Kanaafuu qabsoo hidhannoo jabeessuun filannoo (option) osoo hin taane dirqama ta’ee jira. 

Erga haalli baay’ee hammaachaa deemee as (keessumaayuu erga Haacaaluun ajjeefamee as) duulli uummata keenyarratti godhamu yeroo kamuu caalaa hammaachaa waan dhufeef, Qeeroon lakkofsi isaanii guddaa ta’e WBOtti makamaa akka jiran himamaa jira. Haa ta’u malee, yeroo tokko tokko dhimma WBO yoon yaadu waa hedduutu na yaachisa. Yeroo ammaa yeroo bitamtootni, gantootni fi basaastotni heddoomaa jiranitti ofeeggannoo cimaa godhuun baay’ee murteessaa dha. WBOn dhimma kana hin too’atu jechuu kiyya osoo hin taane, dhimmootni tokko tokko yaaddoo waan natti uumaniifi. Fakkeenyaaf, akkuma miidiyaalee hawaasummaa kan akka Face Book irratti argamaa jirutti, basaastotni miseensota WBO of fakkeessanii balaa fidaa akka jiranii dha. Kun dhugumatti waan baay’ee nama yaaddessuu dha. Kanaaf, gaafiileen tokko tokko fakkeenyaaf kan armaan gadii kun sammuu kiyya keessa deddeebi’u.

  1. Ijoolleen haaraan WBOtti makamuuf yoo deemu, Hoggantootni fi leenjistootni WBO ijoollee haaraa kana akkmiin simatu? Basaastota ta’uu isaanii ykn warra dhugumatti qabsoo kanatti dabalamuu barbaadan ta’uu isaanii akkamitti addaan baafatu?
  2. Ijoolleen haaraa WBOtti makaman kun leenjii fudhatanii dirqamatti yoo bobba’an hoo akkamitti too’atamu? fi kkf

Egaa wanti asirratti hubatamuu qabu tooftaa, tarsiimoo fi akkaataa WBOn ittiin hojjechaa jiru gaafii keessa galchuuf osoo hin taane, yeroo ammaa kana keessatti wanti hunduu waan nama shakkisiisaniif gaafiilee kana kaase. Waanuma ta’eefuu, ani akka gorsaa WBO ta’ee dubbachuuf osoo hin taane, garuu WBOn ofeeggannoo akka godhu yaada dhuunfaa tokko tokko dhiyeessuun barbaada.

  1. Ijoollee haaraan WBOtti yoo makaman duubeen (background) ijoollee tanaa sirriitti qoratamuu akka qabu. Bakkee (iddoo) isaan dhufanii fi maal hojjechaa akka turan; laalcha maalii akka qaban fi eenyu wajjin walqunnamtii qabaachaa akka turani fi jiran laalamuu fi sirriitti qoratamuu qabu jechuu kooti.
  2. Ijoollee WBOtti makaman qofaa osso hin taane, maatii fi firoottan isaaniillee hubannoo keessa galuu qabu jedheen amana. Kuni Qeerroo kutatanii bosonatti galuu barbaadan shakkuu fi kutannoo fi murannoo isaanii gaafii keessa galchuuf osoo hin taane, dhimmoota qulqulleeffachuun murteessaa waan ta’eefi.
  3. Naannoolee WBOn keessatti socha’u keessa uummatni keenya miseensota WBO beekuu waan malaniif, basaastotni naannoo sana deemanii uummata gowwoomsan addaan baafachuun kan danda’amu yoo ta’e, hojii WBOtiifillee gargaarsa ta’a jedheen yaada. Uummatnis WBO wajjin akka hojjetu hubachiisuun barbaachisaa dha.

Dhumarratti, dhaamsi ani akka ilma Oromoo tokkootti dabarfachuu barbaadu. WBO gargaaruu fi jabeessuun dirqama Oromoo hundaa ta’uu qaba. WBOn bilisummaa argamsiisuuf qofaa osoo hin taane; bilisummaa boodallee bilisummaa fi walabummaa argannu tikfachuu fi humna Oromiyaa eegu (Oromian National Defense Force) waan ta’uuf, isa kana hubannoo keessa galchuudhaan WBOn akka jabaatu gochuun dirqama Oromummaa ti. Warri hidhannoo fi humna jabaa qaban hangam akka sodaataman, Tigraayi akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama.

Hanga dhima biraatiin walitti deebinutti nagaatti. 

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

2 comments

  1. Abdiisa agaa/ abdii ahmad adam

    Galatoomi.Ani hoj/mootummaati.Du’a hacaaluun walqabatee ji’a 2f hidhamen bahe.Amma WBOti makamuun fedha.Akkamtti makama?

  2. Abdiisa agaa ykn Abdi Ahmad Adam (3A)

    Erga hidhamnee wabii ja’anii nqar. 10000 nurraa fudhatanii baanee as mindaas nudhoorkuun wareega hamaa kafalaa jirra.