Oduu Haaraya
yaadannoo

YAADANNOO AMNA QEEYROO GANAMAA BARA SHANTAMMAFFAA

Haalli ummata Oromoo kan arra bahaa-dhihaa fii kaabaa-kibba Oromiyaa keessatti xiqqaa fii guddaa – dhiiraa fii dhalaa lammii qabsoof onnachiisee wareegama bilisummaa tiif harka qullaa waraana gantootaa dura dhaabaa jiru, bara shantam dura, faallaa kanaa keessa ture.

Gaafni san gaafa gabrummaan Amaaraa Oromiyaa keessatti sirritti hidda gadi jabeeffatte. Gaafa nafxanyaan “hadaraa Hayle Sillaasee!” qofaan, hawaasa Oromoo bobbaasee galchu. Gaafa tooftaan Oromoo adda qoqqooduu karaa itti qabatee fii lammiin maqaa adda addaa tiin if yaamu. San biratti, gaafa Ammaarummaan Xophiyummaan hagoogamte a’oo Oromoota hedduu seentee eenyummaa ifii wallaalchifte. Gaafa kan if beeku miira gad-aantummaan weeraramee maalummaa ifii dhooysuuf ijibbaata cimaa keessa ture. Sanirraan gaafni san gaafa, lammii Oromiyaa keessaa irra hedduun, “harqoota mootummaa Habashaa jalaa bahuun hin dandayamu,” je’anii, gabroomsaaf oggolani. 

Hawaasaa haala akkanaa keessa jiru, jeeynoonni 36 kanneen qabsoo hidhannoo bilisummaa Oromiyaa keeysatti maqaa Qeeyroo Ganamaa tiin beekkamuuf jiraatan, daggala bulchiinsa gabrummaa Habashaatti (Amaaraatti) qaanqee qabsoo bilisummaa ummata Oromoo qabsiisuuf, Onkololeessa 17, bara 1970, Soomaalee keessaan cabsanii Oromiyaa seenuuf, biyya Yaman magaalaa Adanirraa dooniin karaa seenan.

Hawwiin Qeeyroo Ganamaa mootummaa Soomaalee tiin gufachiifamtu-llee, galiin ka’aniif, fii murannoon isaanii seena-qabeeysa waan taateef yaadatamuu fii kabajamuu qabdi. Bu’urri karoora qophii yaadannoo tanaa tiis kana. 

Yaroo hidhannoon qabsoo ummata Oromoo tiif yoomiyyuu caalaa barbaachituu taatee itti arkamaa jirtu tana keessatti, guyyaa kana hawaasni walitti dhufee kabajaa isaan malteen yaadachuun barbaachisaa ture. Garuu, jeeqama Koovid-19 adunyaa keessatti uumaa jiru-rraan kan ka’e, iddoo takkatti walitti dhufuun rakkisaa waan taheef, carraa gama dooyaa sab-qunnamtiin jirtutti dhimma bahuun, Onkololeessa 17, 2020, haala sadarkaa adunyaatti qooda irraa fudhachuun dandayamutti, sarara Zuumiin kabajuuf saganteeffamaa jira. 

Guyyaa kana namoonni dandayan marti karaa sab-qunnamtiilee if dura ibsamuuf jiraataniin qophii yaadannoo seena-qabeessa taate tanarraa akka qooda fudhaatan kabajaan afeerra. Akkasumattillee, TV-lee fii sab-qummantiileen Oromoo jal-builtii ayyaanichaa-rraa kaasee kabajaa yaadannoo seenichaa tiif xiyyeeffannaa barbaachiftu akka kennan asumaan dhaamsa dabarfanna. 

Oromiyaan haa bilisoomtu!

Koree Qopheessituu Yaadannoo.

Check Also

baqqalaa gabraa

Obbo Baqqalaa Garbaa biyya aambaatti hafuufi hooggansummaa KFO’s gad-dhiise

Baroota dheeraaf karaa dhaabaa fi dhuunfaan siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmannaa godhaniin kan beekaman Dura taa’aa …