Oduu Haaraya

WRAABESSI MAHAANDISA DHIMMA KANA BAASE NYAATE MAALIIF YUUSUU DIDEE?

 

Obbo Abbaay Tsehaayyee maqaa firoota isaatiin lafa hedduu Magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Boolee keessa fira mataa isaa kaa’uun akka sooromeerubeekame.Iddoo baay’ee barbaachisaa ta’e tokkos abbaa qabeenyaa tokko irraa fudhatamee akka firasaaf laatame yommuu baramutti akka qorannoon jalqabame dhaabbbatus ajajni darbuunsaas itti dabalamee akka ibsames maddeen ibsanii jiru.Haalli kun Naannolee biyyattii hunda keessatti haala wal fakkaatuun diriiruun mul’achaa jiru.

Jiraattotaa fi Hojjetoota kutaa bulchiinsa magaalaa Boolee keessumaa dubartii qabeenyi isaanii irraa fudhatamee dhimma kana iyyachuuf iddoo addaa yeroo deemanitti beellamni qabameefii garuu guyyaa beellamaa isaaniitti deebii tokko argachuu dhabuu isaanii ibsuun dhaamsa naa dhagahaa isaan dhiyeeffatan kan kanaa gadii fakkaata.

Kanaan dura itti gaafatamummaan isaa kan obbo Mallas kan ture gareen qorannaa malaammaltummaa Obbo Abbaay Tsahaayiif maqaa”Abbaa Lafaa” jedhu kenneeraaf.Sababni isaas otoo lafa daldaluu waan qabameef.

Akka maddeeleen oduu ibsanitti Obbo Abbaay Tsahaayyee akka lafa daldalaa turan kan barame qorannoo kutaa bulchiinsa Booleetti godhameen ta’uu ni ibsa.Yeroo adda addaatti Koomishina Farra malaammaltummaaf odeeffannoon yeroo adda addaa kennamaa erga tureen booda Koomishinichi ittiin bulmaata hordofamuu qabu irratti hundaa’uun qorannoon akka eegalu ajaja dabarse.

Haaluma kanaan qorattoonni koomishinichaa hojii isaanii eegalu.Ogeessonni qorannoo kunis yommuu hojii isaanii eegalan kanatti odeeffannoo barbaachisoo ta’anii fi akka lafti seeraan alaan qircaan hiramaa ture waan argataniif ragoota kana saamsan.Safarrii lafaas ta’e dhimmi lafaa waliin wal qabate kamuu akka dhaabbatus ajaja irratti dabarsan.Itti dabalataanis Mahaandisoonnii lafa safaraa turan hundi akka to’annoo jalaa oolaniifii qorannoon barbaachisaa ta’e isaanirratti gaggeeffamus godhame.

Kutaan bulchiinsa magaalaa Boolee kun yeroo maraa lafa gara baadiyyaa naannoo sanaa jiraaniitti babal’isuun safara.Dadhabootni fi hiyyeessonni hedduun kaffaltii beenyaa lafa isaanii fudhachuuf yeroo mara gara kutaa bulchiinsa magaalaa kanatti deddeebi’an arguun waan haaraa otoo hin taane kan baramee fi quufame dha.Waggaa afurii fi shanii ol otoo beenyaa isaanii hin argatiin akka deddeebi’aa jiran humna dhabeeyyii hedduutu jiru.Abbaan qabeenyaa qabeenya dhuunfaa isaaf nama beenyaa isaa kaffalu dhabee yommuu rakkatutti mootummaan lafti kan kooti jedhee ofiif labsii baafate garuu aangawota mataasaatti fayyadamee qilleensarratti lafa gurguree ittiin badhaadha.Kun hojimaataa badaa sirni sun baatee ittiin raata’aa jiruu fi yakka lammiilee irratti raawwatamaa jiru dha.

Seenaan qorannoo gaddisiisaa jedhame asirratti eegala.Mahaandisonni hundi erga hidhaman booda qorataman.Bu’aan qorannoo hundi gara nama tokkichaatti yoo agarsiisanis namni onnee guutuun abalu dha jedhu tokko dhabame.Yeroo kanatti gaaffiin”Maaliif?” jedhu ka’e.Hoogganaan bulchiinsa lafaa fi Hojii Raawwachiiftuun kutaa bulchiinsa magaalaa sanaa akka dhimmi kun isaan hin ilaallanne godhamuu,ragaan guutuun haala seeraan ala ta’een lafti hiramuu isaa kan agarsiisu otoo jiruu,Lafti isaanii gara jabeenyaan irraa guuramee namoota biroof akka jalaa laatame ragaan abbootii qabeenya lafa sanaa otoo jiranii,Itti gaafatamtoonni kaartaa lafaa irratti mallatteesanii fi Mahaandisootaaf ajaja laatan akka hin qoratamne godhamuun koomishinicha irratti akka duubaan irratti hamiin ka’u taasise.”Leenca ilkaan hin qabnee fi ergamtuu Mallas” maqaan koomishinichaa jedhu bal’inaan ka’e.

”Koomishina Farra Maalammaltummaaf Koomishina Farra Malaammaltummaa kan biraa” kan jedhuun mamii fi mormii isaanii bifa xalayaan hojjetoonnni fi kan itti dhiyeenyaan dhimmi kun isaan quuqu erguun qorannichi  akka raawwatamu gaaffii fi odeeffannoo kennan.Namoonni maqaa fi eenyummaan isaanii hin beekamne tokko dhimma kana irratti dhaabbilee odeeffannoo mootummaas ta’e kan dhuunfaaf dhoksaa kana dabarsanii akka laatan kara karaan dubbatan.Waan barbaadinillee yoo namoonni kun jedhan namni nahus ta’e sodaatus dhagahus dhabame.

Dhimmoota qorannoon kun irratti taasifame keessaa kan dubbichi ifatti saaxilamu kan godhe keessaa inni jalqaba dhimma ijaarsa liqaan ijaaramee kiraa hedduun irraa funaanamaa jiru tokkoo itti baratamaan karaa Magganaanyaa irraa gara Garjiitti geessu Addis Godaanaa cinaatti kan argamu ture.Akka maddeen ibsanitti namni dhimma qorannoo kana qabate yommuu namni isa waliin hojjetaa ture dhoksaa kana baasee itti himu amanuun akka isa dhibee ture ni ibsu.

Hoogganaa bulchiinsa lafaa kutaa magaalaa sanaaf harka mirgaa kan ta’e Mahaandisa tokkorratti yommuu qorannoon gaggeeffamu”erga jettanii dhugaan jiru kana” jechuun ibse.Kan kanaan olitti ibsamee fi gara jabbeenyaan abbootii qabeenyaa irraa fuudhame kun kan laatame fira Obbo Abbaay Tsahaayyeef ta’uusaa ibse.Lafichi kan namoota duraa ta’uusaa ragaa guutuu qabaatullee Itti gaafatamaan isaa ajaja inni laateefiin akka inni ragaa abbaa qabeenyummaa haaraa qopheessee dabarsee akka lafa kana laate ibse.Yeroo kana ture qorannoon kun akka gara qorataa biraatti daddaffiin dabarfamu kan taasifame.

Kutaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Booleetti Hoogganaan dhimma lafaa Obbo Masarat fira dhiigaa Obbo Abbaay Tsahaayyee yommuu ta’u,Ajajaa fi furgaasa Abbaay Tsaahaayyeetiin lafoota baay’ee mi’aa fi gatii gurguddaa baasan firaaf hiree warra abbaa qarshiif immoo gurgurtaan akka dabarfamanii kennaman gochuunsaa akka barameen daddaffiin sirni ittiin gaggeeffaamaa haaraan laatame.

Sirni ittiin gaggeeffamaa sunis Maahaandisni hidhaa jiru akka ariitiin gadi dhiifamu,qorannichis akka dhaabbatu kan jedhu ture.Yeroo kanatti yakkaa fi amala badaa  gurguddaan uumamuusaanii,qabeenyi hiyyeessotaa hedduu karaa seeraan alaatiin maqaa babal’isuu magaalaa jedhuun irraa guuramee beenyaa tokko malee harka qullaatti hafuunsaanii yeroo bal’aa fudhachuun hin ibsamiin ukkaamfamee hafuu danda’e. Gabaasni hojii waliin dhahamaa ta’e akka dhiyaatu taasisuun galmeen dhimma kanaa akka cufamu taasisan.Mahaandisichi mana hidhaatii bahes achi buuteen isaa dhabame.Dhimmi nageenya biyyatti yakkoota kanaa fi kanaan wal qabatan dabalatee dhimma kanallee qabatee akka jirus maddeeleen itti dabaluun eeraniiru.

Firri Abbaay Tsahaayyee hidhamuu mitiitii gorsaa kantiibaa Magaalaa Finfinneee Obbo Kumaa Dammaqsaa ta’uun guddina argatee ramadame.Hojii raawwachiiftuun ol aanaan sunis Ministeera hojii fi misooma magaalaa keessatti muudama ol aanaaargate.Yeroo ammaa kanatti gorsaan kantiibaa firri Abbaay Tsahaayyee bulchitoota kutaa magaalaa walitti qabuun dhimmma lafaa waliin wal qabatee kiraa sassaabdummaan akka babal’ataa jiru ganamaa fi galgala labsuudhaan gurra namaa duuchaa oola.Akkasumas balaa malaammaltummaan qaqqabsiisu waltajjiilee adda addaa irratti akka barsiisus godhame.Gochaan kun namoota hedduu mufachiise.Xalayaan mufii agarsiisan Koomishina Farra Malaammaltummaaf akka galaanaatti burqeefi.Namootni qaamaan dhiyaachuun dhimmi ta’aa ture ifa bahuu qaba jechuun ragaa bahaa turan fi Koomishinichi himata banuuf ture yommuu deebi’anii gochaa kana argan baay’ee naasuun raafaman.

Dubbiin kun maaliif akka ukkaamfame yommuu ibsanitti”Hooggantoonni ol aanoon,namoonni dhimma nageenya keessa hojjetan,akkasumas hoogantoonni giddu galeeyyiin maalaammaltummaa keessatti liqimfamanii kan jiran ragaan dhiyaatullee Koomishinichi ejjennoo kan fudhachuu hin dandeenyeef sababni guddaan malaammaltummaan karaa sirnichi ittiin umurii isaa ittiin dheereffatu keessaa tokko ta’uu isaati” jechuun yaada laataniiru.

”Namoonni ADWI ykn EPRDF tajaajilaa jiran kanneen TPLF keessa jiran ceephaa’uu sababni itti hin dandeenye keessaa tokko ofuma isaaniiyyuu raaree malaammaltummaa waan keessa ciisanii jiraniif yoo dubbanne hojiin keenya nurratti baramee mana hidhaatti hafna”  sodaa jedhuun akka ta’e gabaasaan ጎልጉል ibseera. Ogeessichis” gaaraa hamma godaatti biyyittiin malaammaltummaadhaan guutteetti” jechuun itti dabalee ibseera.

Hubachiisa:-Barreeffamni kun kana dubbistootaan gahamee kan turee fi irra deebiin Amajjii 12 bara 2016  ጎልጉል‘N KAN MAXXANFAMERRAA HIIKAMUUN KAN DHIYAATE TA’UUSAA NUUF HUBADHAA!

Maddi:-http://www.goolgule.com/

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …