Warri abbaa-kabalaa
Warri abbaa-waxalaa
Lafarraa nu duguuguuf
Hamtuu nuuf abbala!
Margaa-muka guggubee
Namaa-sa’a guggubee
Bineeyyiis guggubee
Oromiyaa qabatee
Ukkaamsee ukukkubee!
Namaa-sa’a guggubee
Bineeyyiis guggubee
Oromiyaa qabatee
Ukkaamsee ukukkubee!
Awwaallan buqqisee
Lafa-saa gurgurataa
Beelaan nama huqqisee
Xiqqaa-guddaa kuffisee
Ija-saatoo jaamee
Kana yoom hubataa?
Yeeyyiin gaaraa as-galee
Akkum Mosolonii ciibsee nama qalee
Majaan gubbasii as-galee
Akkum Minilik-faa ciibsee nama qalee!
Akkum Mosolonii ciibsee nama qalee
Majaan gubbasii as-galee
Akkum Minilik-faa ciibsee nama qalee!
Waggaa digdamii-lama guutuu
Kunoo-kaa biyyasoo guutuu
Dhiddhiitee nama bitaa
Karcalleettis naqee fixaa!
Kunoo-kaa biyyasoo guutuu
Dhiddhiitee nama bitaa
Ilmaan Kuush kan beenyaa:
Afaari fi Somaalee
Afaari fi Somaalee
Akka dullacha masqalaa!
Garasittis dabree
Uummata Gambeellaa
Kan jedhuun “Shaanqillaa”
Warra dur abbootiin-saa
Warra dur obbolaan-saa
Gabaa dhaabee ittiin-daldalate
Uummata
Kan jedhuun “Shaanqillaa”
Warra dur abbootiin-saa
Warra dur obbolaan-saa
Gabaa dhaabee ittiin-daldalate
Warra Omoo hundaa ittiin-shaqaxate
Kunoo amma lafarraa buqqisa
Kilaashoon gadqabees kukuffisa!
Kunoo amma lafarraa buqqisa
Kilaashoon gadqabees kukuffisa!
Hayyee, qeerransoota Qubee
Hayyee, yaa dhaloota Qubee
Gaaf tokkollee harmeen dagatinaa
Kakuu-dhaa, laguu-dhaa irraan baqatinaa!
Hayyee, yaa dhaloota Qubee
Gaaf tokkollee harmeen dagatinaa
Kakuu-dhaa, laguu-dhaa irraan baqatinaa!
Yaa dhaloota Qubee
Yaa dhaloota Qubee
Tokkummaan olka’aa
Harqoota gabrummaa
Kooraa jalkaattummaa
Darbaddhaa acha’aa!
Darbaddhaa acha’aa
Ni mootuu abdaddhaa!
Impaayera dulloomee raamma’e
Kan addunyaa guutuun ofirraa acha’e
Supphuuf homaa hin dhama’inaa
Kun hoodaa gaaf tokkollee
Kan addunyaa guutuun ofirraa acha’e
Supphuuf homaa hin dhama’inaa
Kun hoodaa gaaf tokkollee
Oromiyaa-Kuushiyaa hin dagatinaa!
Harawwan summeessee
Oobruuwwan xureessee
Caakkaa barbadeessee
Uummatoota madeessee
Kanallee misooma fakkeessaa
Addunyaatti oliyyee odeessaa!
Kanallee misooma fakkeessaa
Addunyaatti oliyyee odeessaa!
Beela harkisee fidee
Joollee-harmeewwan fixee
Gogiinsa, gubiinsa
Jeejedhaan dhumiinsa
Ciriinsa, duguuginsa
Gondorii as fidee
Maqalee as fidee
Caaccuuwwan guggubee
Galmoota ukukkubee
Siiqqeewwan caccabsee
Bokkuuwwan daddabsee
Dhaalmaa kan abbootii
Sirna sirnaa gadii
Doofummaa kan badii
Qawwee fi fannoon nutti fide!
Kan Waaqeffannaa lalisaa akka Odaa
Arraba-saatiin xureessee
Harka-saatiin hurreessee
Kunoo, qabatee irra-ciisa
Ilaa, nu qawween kaanu malee
Gaaraa-dakaa waltaanu malee
Yoomum tolaan nu dhiisaa?
Hin ganinaa waadaa jagnootaa
Hin gatinaa yabboo gamnootaa
Hin gatinaa yabboo gamnootaa
Kan Jaarraa faa kan Maammoo
Kan Waaqoo faa kan Elemoo
Kan sabaa-fii kan qomoo
Kan Taaddoo faa kan Magarsaa
Dhalootaa dhalootatti dabrsaa!
Kan Waaqoo faa kan Elemoo
Kan sabaa-fii kan qomoo
Kan Taaddoo faa kan Magarsaa
Dhalootaa dhalootatti dabrsaa!
Hayyee, gichilloota Qubee
Maarree, yaa dhaloota Qubee
Walqabaddhaa beenaa, deemaa
Deemaa, laggeen Oromiyaa cufa seenaa!
Maarree, yaa dhaloota Qubee
Walqabaddhaa beenaa, deemaa
Deemaa, laggeen Oromiyaa cufa seenaa!
Roorroo qabaa kuffisaa!
Oromiyaa jaarraddhaa
Kuushiyaas abdaddhaa
Sirna dimokiraasii
Gabrummaa mancaasii
Kan Gadaa deebisaa, deebisaa
Impaayera kana muuziyama teessisaa!
Kuushiyaas abdaddhaa
Sirna dimokiraasii
Gabrummaa mancaasii
Kan Gadaa deebisaa, deebisaa
Impaayera kana muuziyama teessisaa!
Imimmaan harmee Oromiyaa
Imimmaan aayyoo Kuushiyaa
Bullukkoo bilisummaatiin
Kumala walabummaatiin
Irraa haqaatii qoorsaa
Saba keessan boonsaa!
Imimmaan aayyoo Kuushiyaa
Bullukkoo bilisummaatiin
Kumala walabummaatiin
Irraa haqaatii qoorsaa
Saba keessan boonsaa!
“Kakuu-dhaa dubatti hin deebinu”
“Laguu-dhaa harmeerraa hin dheensinu”
Jechaa waliin tarkaanfaddhaa, tarkaanfaddhaa
Namummaan namummaa olkaasuuf kakaddhaa!
“Laguu-dhaa harmeerraa hin dheensinu”
Jechaa waliin tarkaanfaddhaa, tarkaanfaddhaa
Namummaan namummaa olkaasuuf kakaddhaa!
“Oromiyaa, Oromiyaa”
“Kuushiyaa, Kuushiyaa”
Jechaa deddeemaa, dhaadaddhaa
Dhalawwan Kuush gaaraa-dakaa waammaddhaa
Awwaala gabrummaa irratti OROMIYAA jaarraddhaa!
“Kuushiyaa, Kuushiyaa”
Jechaa deddeemaa, dhaadaddhaa
Dhalawwan Kuush gaaraa-dakaa waammaddhaa
Awwaala gabrummaa irratti OROMIYAA jaarraddhaa!
============== // ==============
**: Walaloon kun Oromoota yeroo ammaa manneen hidhaa warra Wayyaanee keessatti: garafamaa, waxalamaa dabrees waadamaa jiraniif, dhalawwan Oromoo gara-jabeessummaa fi bineensummaa mootummaa Habashaa baqachaa otoo jiranuu, yabaloo fi doonniin ittiin-deemaa jiran Garba Adan keessatti garagalee irbaata qurxummii nama-nyaatuu, kan shaarkii tahuun hafanii fi kanneen adaala (“barahaa“) Sudaani fi Liibiyaa keessatti dhumanii awwaalli isaanii cirracha-adaalaa taheef, kan jiraniif: mararfannoo, biradhaabannoo fi jajjabeessa hamilee haa tahu! WAAQNI imimmaan oggaan ishii tana barreessu narra yaa’aa jiru kana arguun, fuula isaa gara isaaniitti akka deebisu abdiin qaba!
============== // ==============