Oduu Haaraya

Yaa Tokkummaa dhaba…………? Oduu Durii

Sangootatu (qotiyyootatu) haala keessa jiran yeroo tokko bakka dheedichaatti walitti dhufanii marii taasifatan. Sanagooti (qotiyyooti) bifa gara garaa qabu. Tokko Diimaa dha. inni lamaataa Gurraacha. Inni sadaffaan Adii dha. qabxii marii isaanii isa jalqabaa irratti, bifti keenya maaliif gargar ta’e jedhanii yaada wal jijjiran. Hunduu eega yaada isaanii kennatanii booda, dhuma irratti kun kennaa waaqayyooti, bifti keenya gargar ta’us hundee fi amalli keenya tokkuma. Nuti sangaadha. Namas ta’ee bineensi kan ittiin nu beekan sangaa ta’uu keenya jedhanii yaada kana  irratti waliif galan.

Qabxii marii lamataa irratti ammoo haala jireenya isaanii kaasanii marii taasisan. Innis Sangaan tokko isaan keessaa olka’ee, akkuma argitan kana kunoo gateettiin keenya gindii harkisuutti nuqunca’ee, bara baraan waanjoodhuma baannee jiraanna. Nyaata (marga) illee akka garaa keenyaa hin argannu. Waanjoo kana ammoo bara baraan kan nutti fe’ee nurakkisaa jiru, ilma namaa ti. Kanaaf rakkoo kana keessaa bahuu qabna jedhee yaada dhiheesse.  Sadanuu eega yaada walfakaataa fi marii ho’aa godhanii booda, fala jedhanii kan yaadan irratti mari’atanii waliif galan.

Falli isaan kahan waanjoo baannee bara baraan jiraachuu fi rakkachuu hin qabnu, sadan keenya iyyuu wal qabannee biyya namni nu arguu hin dandeenyee fi lafa marga dheedaa gahaa qabutti godaanuu qabna jedhanii waliif galan. Hundi isaanii iyyuu yaada maddisiisan kanaan mirqaananii wal fudhatanii biyyaa godaanan. Bakka barbaadan sanan qaqabanii eddu gamadan.
Marga dheedichaaf ta’u eddu bakka qabu qubatanii dheedaa oolanii quufanii cicisanii haasaa isaanii itti fufan. Caamaa fi qilleensa bareeda argatanii cicisudhaan alalchaa (analchaa) aasaa isaanii itti fufani. Sangaan diimaan gammachu irraa kan ka’e akka qoosaa fakkeessee maaliif amma yoonaa bakka bilisummaa kana dhiifnee namaaf waanjoo harkisaa akka bane nama dhiba jedheen. Hundi isaanii iyyuu waan aja’ibaati jedhanii quufanii, gammadanii cicisanii oolan.

Guyyaa akkanatti gamadanii oolanii, aduun dhiinan bakka bulmaatii isaanii filatanii deeman. Alkan walakkaa bakkuma cicisanii jiranitti waraabessi beela’e waa barbaadachaa ture tokko itti dhufe. Warabessi beelaan muddamee jiru yeroo sangoota sadii bakka tokkotti argatu, gorora coccobsee nyaachuuf itti qaxxise. Sangooti sadanuu gaanfa gurguddaa qabu ture. Sadani isaaniituu fagaara (odduu) walitti hirkifatanii warabessa isaan marsee nyaachuuf mirqaanee jiru, gaanfa isaaniitiin findiganii of irraa qolatan. Waraabessa wal waamanii dhufan keessaa, sangaan inni diimtichi gaanfa qara qabuun garaacha waraabessaa findigee lafatti keessaa jigse. Waraabessi kaan yeroo kana argan albaatii gadhiisanii bakka sanaa baqatanii badan. Sangootiin sadanuu injifannoo waraabessa irratti argatanitti gamadanii kolfaan du’an. Edaa waraabissi sodaatudhuma akkanaatu dur sanyii keenya nyaatee fixee jedhanii xiqahan.  Alkan jalqabaa injifannoo sangootaan xumuramee lafti bariitee gara dirree dheedicha isaanii bobba’an.

Waraabessi alkan guutuu sangoota nyaachuuf wal waamee itti marsee bule injifatamee, lafti itti bariitee otoo gara oolmaatii isaaniitti fiigaa jiranuu  Sar-diidoon (jeedalli) tokko itti dhuftee maali Obbo Waraabuu ardha isinitti bariitee? Jetteen. Achumaan waraabessisi mee nudhiisi yaa Sar-diidoo, silaa waanta nyaatamu eddu argannee turre.  nurraayyuu afee atuu kan quuftee ooltu ture, jedheen. Sar-diidonis maarree maaltu dhalate jetteen. Sangoota sadii tokko diimaa, inni lamataa gurraacha inni sadaffaa ammoo adii argannee akkuma durii seenee yeroo nyaachuuf itti walwaamee dhaqnu fagaara walatti hirkifatanii gaanfa isaanii qara eeboo fakkaatuun findiganii tokko nurraa ajjeesanii kunoo nutuu lubbuuf baqannee jalaa bane jedheen.  Sar-diidonis waanta dhageessetti mirqaantee keessa isheetti gammachuun guutamtee gaaffii akkana jedhu gaafatte. Sangooti sun eessa jiru jetteen. Waraabunis kuunnoo dirree olii sana jiru. Akkana jettee itti hin dhiyaatiin sidhiisiituu nuyyuu kunoo salphannee biraa deemne jedheen. Achumaan Sar-diidonis akkana jetteen. “ naannoo kanaa fagaattanii hin deemiina. Ani mala qabaa. Garuu fooni isaanii naaf qooduu keessan dura waadaa naaf gala” jetteen.  Waraabunis foon isaanii keessaa bakkuma sibarbaachise filadhu siif kenninaan jedhaniin. Eega kana irratti waliif galanii booda, alkan ardhaa sangaa isa diimaa qophaa isaa isiniif qopheessa riphaa eegaa jetteen. Waraabunis gamadanii naannoodhuma sana bosona seenanii riphanii oolan.

Sar-diidoon waadaa waraabuuf galte sana galmaan gahuuf, gara sangootaatti susukte. Yeroo bosona keessaa gara dirreetti gadi baatu, sangoota cucculuqoo sadii fuulletti argite. Yeroo otoo hin fudhatiin fiigdee gara sangootaa dhaqxe. Sangootiis ija tuffiin ilaalaa eessaa dufta Sar-diidoo? jedhaniin.  Sardiidoonis akka boohuu wahii taatee, kunoo waraabuun sadii taanee otoo deemaa jirruu nutti dhufee akkanatti nurakkisaa bulee, mala itti malannee jalaa baane. Hiriyoota kiyya lamaan bakka tokkotti dhiiseen isin arginaan isin bira dhufe jetteen. Achumaan sangaan inni gurrachi ariifatee,  maal siduwwaadha nus akkanumatti irriba malee nubulchan jedheen. Sangaan inni Adiis dhugaadha alkan ardhaa bulmaatii keessa hin bulle jedheen. Sangaan inni diimaan ammoo waraabuun dabeessa. Nu nyaachuuf wal waamanii yeroo nutti dhufan wal taanee, anuu tokko irraa ajjeesee baqatanii badan jedheen. Sar-diidoon yaada isaanii dhaggeefatee garaatti mala yaadaa ofirra gadi teesse.

Sar-diidoon waada waraabuuf galte galmaan gahuuf jecha, sangoota marga dheedaa jiran keessaa gara sangaa isa gurraachaa fi adiitti siqxee gurratti akkana jetteen “ ilaa malan qabaa dhaggeefadhaa. Rakkoon isin alkan ardhaa keessa bultan eddu sammuu naxaxee jira. yeroon yaadu madda rakkoo kanaa kan ta’e isin keessaa sangaa isa diimaa dha. sababni isaa ammoo sangaan diimaan kun waraabessatti foon fakkeetee waanta muldhatuuf isa wajjin ta’uu keessantu kana hunda rakkoo isinitti uume jetteen sar-diidoon” sangaan gurraachisi waanta sardiidoon jette kana dhugaatti fudhatee maal gochuu qabna jedhee gaafate.? Sar-diidonis kun salphaadha. Isin lamaan sangaa diimaa irraa adda bahaatii qophaa bulaa, sana booda rakkoo tokko malee raftanii bultu jetteen. Mala kana fudhatanii yeroo aduun galgalaahu sangaa isa diimaa sana, isa waraabessa diree ajjeese, kan dura waadaa waloo qaban sana cabsanii ofirraa adda baasan.
Sangaan diimanis gaddee qophaa isaa buluun dirqama itti ta’e.  yeroo kana Sar-diidoonis waraabessaan sangaan diimaan qophaa bulaa isa bira deemaa jetteen.  Waraabunis gammadee yeroo dhaqu sangaa diimaa kan kaleessa gaanfa isaa sodaatan baqatan qophaatti argatanii nyaachaa bulan. Sardiidons aftee waraabessaa nyaattee bulte.

Ganama yeroo bari’u, Sar-diidoon sangoota lamaan (gurraachaa fi Adii) bira dhaqxee akkam bultan  jettee gaafatte. Jarana ardha akkam bultan? jetteen. Rafnee bulle. Dhugaatti malli kee eddu nugargaare jedhanii Sar-diidoo galateeffatan. Sardiidonis malli ishee kun galma gahuu isaatti gammaddee mee iftaan dhufee isin gaafadha jettee biraa deemte.

Waraabessi ardha ammoo kan biraa dabalee nyaachuuf alkaniin gara sangoota isaan afan (Adii fi gurraacha) bira deeman. Sangootis rifatanii eessaa nutti dhufe jedhanii gadduudhaan, akkuma ta’an ta’anii wal tumsanii waraabessa isaan nyaachuu dhufe of irraa deebisan. Alkan guutuu birdhachaa fi rakkachaa bulanii, akkuma taatetti bariiteef. Sar-diidonis guyyaa beellama ishee eeggatee deebitee dhufte. Sangootala lamaan afan bira dhaqxee akkam bultan jetteen. Sangaan gurraachi kunoo ardha ammoo waraabuun nutti deebi’ee akkanumatti nurakkisaa bule jedheen.  Sardiidonis waan dabaati jettee callisuudhaan, gara sangaa gurraachaatti siquudhaan akkana jetteen. Ilaa yaa sangaa gurraacha nanaa eddun sijaaladha. Nagaddisiifte. Amma mala tokkon sitti himaa dhaggeefadhu jetteen gurratti itti asaasaa.  Ati gurraacha. Alkaniin wal fakkaata. Sangaan adiin sun ammoo alkan addaatetutu waraabessatti muldhata. Kanaaf maaliif ati irraa adda baatee jireenya gaarii hin jiraattu jetteen. Sangaan gurraachis sangaa isa Adii icciitii dhofkachuun yeroo aduun dhihu jalaa miliqee qophaa buluuf biraa deeme.

Sar-diidoonis dhuma irratti dhaqxee waraabuudhaan sangooti lachuu qophaa qophaa jiruu maal eegdu jetteen. Waraabessi bakka jiruu wal waamee sangoota lachuu alkan tokkotti fixee bule.  Sardiidoon amma sangootaa hin geenye kun fira fakkaattee tokkummaa sangootaa diiguudhaan dhuma irratti erbaata bineessaa goote.  Sangooti dura waadaa waloo qaban sangummaa isaanii dhiisanii gara bifaan wal filachuu fi waliif galuutti deemnaan waadan tokkummaa isaan cabe. Humna kan turan sardiidoon yartuun akkuma laayyootti tokkummaa isaanii diigde.

Maal jettu kana??????????????

Sirba Daagim Makonin  “ yaa tokkummaa dhaba jedhu irratti dhaggeefadhaa.

Cmadaa Hundee
camadaa@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *