Itti aansee, waa’ee Janus xiqqo ibsuun yaala. Maqaan kun ‘mythology’ Greek keessatti waaqa Rome tokkoof kan kename dha. Fuula lama qaba jedhame himama: fula jalqabaa (alpha) fi fuula xumuraa (omega). Suuraan isaaf kennamu garri caalu mataa nam-tokkoo, fuula lama waliin, argisiisama. Fuulli lamaan sun wal haa fakkaatani ykn wal hin fakkaatiin ani himuu hin danda’u. Akka asitti (http://de.wikipedia.org/wiki/
Bareefamni koo qeeqame sun akkasitti awwaara kaasuun isa karaa tokko na gaddisiise, karaa biraa ammoo na gammachiise. Kan na gadisiise, jarjarsuudhaan maxxansuu irraan kan ka’e waan xixiqoo irraa of qusachuu dhiisuu koo ti. Barreefamni kun wagga lama dura “Ethiopian review forum” irratti barreefame malee, akka ‘article’ tokkootti, hamma dhumaatti itti hin yaadamne ture; waan ani dhiyeenya kana deebisee bareefama “Jawarawi Harakat…” jedhu keessatti kaaseef, namni biraa fide akka yaada (comment) godhee maxxanse. Namni na beeku tokko ammoo yaada kana dubbisee, “kun mataan isa akka ‘article’ tokkotti otuu maxxansamee dansaa dha” jedhee yaada naaf kenninaan jarjarsuu dhaan maxxansiise. Jarjarsuu kana keessatti, maqaa kutaa tokkoo (Shoa) fi maqaa namoota kutaa sana keessaa akka fakkeenyatti kennuun koo akka dubbistoonni hedduun jallaatti na hubatan godhe. Warri akkas na hubataniis na shakkuu fi na yakkuu filatan. Kan na gammachiise ammoo, namuu yaada isaa garagaraa dubbii sana irratti kennatee mariihachuu isaa ti.
Mee amma gara yaadaa akkas nu afaanfaajesse kana haa ilaallu. Akkan shakkame sana, ani Oromoo kutaa tokko yakkuuf hin barreessine, hubannaa ani seenaa Oromoof qabu keessaa xiqqo calaqise malee. Namoonni ani akka fakkeenyaatti kennes waruma sammuu kootti dhufan malee, itti yaadee isaan fileen miti; otuun yeeroo fudhee itti yaadera ta’ee akkas hin godhu ture; kanaaf jarjarsuun sun waan dogoggora fakkaate kana uume. Garuu akkas nu mariihachiisuun isaa ammoo, “bagan jarjaree maxxansiise” na jechisiise. Gaariis haa ta’u hamaa, yaadni ani dubbistoota irraa arge, hawaasa keenyaaf barumsa waan ta’u dha jedheen amana. Yaadni ani hamma ammaatti barreessaa ture hundi, hawaasa Oromoo mariihachiisu irra kan darbe, akeeka biraa hin qabu. Seenaan Oromoo ammoo, akkumaan afaan Inglizitiin ibsaa ture, akka Janus waan bifa (fuula) lama qabu fakkaata; isaanis:
– ‘Core-Oromianist narrative’ (seenaa isa warri ‘decolonization of Core-Oromia’tti amanan himani). Fuulli seenaa kun kan seenaa Oromiya isa faalla seenaa Abyssinia ta’e ibsu dha. Fuula kana kan qaban warra Core-Oromianist ta’anii seenaa Oromoo akka saba aadaa guddaa fi bulchinsa gaarii qabaachaa ture, garuu kolonii Abyssinia jalatti kufetti himan. Isaan kun Oromoo warra “I am Oromo first; Ethiopia is imposed on me” jedhu hunda hammata. Seenaa isaan himan, Oromoon saba Kush yoo ta’u, Habeshaan ammoo saba Semetic akka ta’e fi biyyooleen laman (Abyssinia fi Oromia) ollaa akka ta’an ibsa.
– ‘Great-Oromianist narrative’ (seena warri ‘democratization of Great-Oromia’ sammuutti qabani). Fuulli biraa kun, isa seenaa Oromiya fi seenaa Abyssinia walitti fiduu yaalu dha. Warri fuula kana calaqisan warra Oromoo akka saba biyya Ethiopia jedhamtu kana wagga 3000 bulchaa turreetti dhiyeesani. Isaan kun warra “I am Oromo, who contributed a lot in building the current Ethiopian state” jedhu. Seenaa isan himan kan warra Kush/Meroe waliin wal qabatee biyya lamaanuu (Abyssinia fi Oromiya) hammata. Oromoo warri “federation dhugaa fiduuf qabsoofna, yoo barbaachises maqaa union kanaa Great-Oromia baafna” jedhan fuula seenaa kanas ni keessumsiisu.
Yoo fakkeenyaaf seenaa keenya yeroo waraana addunyaa II, bara lolaa Xaliyaanii waliin goone (Oromoo gar tooko Xaaliyaan lolani, kaan ammo Xaaliyaan faana dhaabbatanii Habashaa lolan) fi Oromota nafxaanya Minilik ta’anii lafa argatan tokko-tokko ilaallu, gaaffiileen ka’uu malan: fuula lamaan kana akka seenaa Oromootti fudhachuu dandeenya moo tokko filachuu qabna? Bifa lamaan kana keessaa tokko jajuu fi kan biraa xiqqeessuu qabna moo lamaanuu qixa ilaaluu dandeenya? Yoo tokko filanne hoo, maaliif filanna? Fuula lamaan walitti fidnee, achi keessaa seenaa waloo tokko baasuu ni dandeenya?…kkf dha. Keessattu warri siyaasa Oromoo gaggeessu, seenaa tokko yoo dhiyeesan, akka mul’ata isaanii tajaajilutti ta’uuf itti yaadaniitu. Kanaaf natti fakkaata, qaamonni siyaasa Oromoo warri “federeshina dhugaa ijaarra, Ethiopia keessatti Oromiyan of bulchuu qabdi” jedhan, seena lamaanu kan keesumsiisan. Achirra ka’aniitu kaayyoo ‘Ethiopian Federation ykn Kush Federation ykn Oromian Fedreation’ jedhu qabatanii kan deeman. Deegartoonni yaada kanaa gar-tokko, yoo furmaata yeroo dheeraaf ta’u barbaanne, “maqaa federation ijaaruuf deemnu sana Oromiya haa baasnu” jechaa jiru. Yoo kana goone, gara fulduraatti, “Oromootu Ethiopiawinet fudhata otuu hin taane, Habashaatu Oromiyawinet fudhata” jedhanii amanu.
Amma gaaffilee Ob Abdii kaasee sana gaggabaabsee deebisuuf: yoon loltoota Semien fi Tigrai jedhu, loltuun Abyssinia bakka biraa (Gojjam, Gondar Kibbaa fi Lasta) Minilik II faana hin turre jechuu koo miti; loltoonni isaa hedduun garuu Shoa kaabaa keessaa ta’uu waan haallu natti hin fakkaatu; loltuun Tigrai ammoo Oromiya keessatti kan heddummaatte erga 1991 as malee, isa dura hin turre; “mooraa diinaa keessa kan hojjete hundi meeshaa fi gantuu dha” waan jedhu kun sirrii natti hin fakkaatu; moora diinaa keessa taa’ani firaaf hojjechuu fi miidhaa tokko lammii irratti otuu hin dalagiin jiraachuunis numa jira; ani barrefamaa koo keessatti kutaa Oromoo tokko yakkuu hin barbaanne, yakkamtoota Oromoo hundas qulqulleessuunis feedhii koo hin turre; garuu namoonni yaada koo dubbisan gar-tokko warri akkasitti na hubatan, otuu irra deddeebisanii yaada koo dubbisanii nan gammada; fakkeenyi kubbaa miillaa Jarman fi Poland sun yaaduma koo ibsuuf malee, taphatoota sana namoota haala siyyaasa keessa jiran wajjiin wal qixxeesuuf miti; Dr Fikre seena kan waggaa 3000 barreesse, ani ammoo kan waggaa 300 duwwaan ilaale, kanaaf yaadni keenyi lamaan wal hedduu wal hin fakkaatu.
Waanuma fedheefuu, awaara dheekkamsaa fi marii ho’aa akkasi kaasuun sun milkaa’ina barreefama sanaa argisiisa. Marii godhame hundatti ani gammadeen jira. Barreeffama dhihaatan keessatti, qabxiileen tokko-tokko namoota mariif akka kakaasuutti, yoo barbaachise akkas ‘provocative’ ta’uun barbaachisaa dha. Dubbistoonni gar-tokko garuu, waanuma yaadni koo isaaniif hin liqimsanneef jecha, waan ani “hammina dhoksaan” deemu fakkeessanii himuu barbaadan (they wanted to make a diagnosis of my “evil intention”). Kun dogoggora keessa isaan buusa malee, waan ani deemuf beekuu isaanii hin argisiisu. Gara fulduraafuu, akka Ob Abdii godhe kana yaada mormuu fi xiinxaluu irratti otuu xiyyeefatanii gaarii dha. Hunda caalaa ammoo, ani yaada koo barreessee kaniin maxxansuu “barsiisuuf” miti, yoo namoonni yaada irratti kennan deebisee achi irraa barachuuf malee. Deebi’ii ani barreefama sanaaf argadhe garuu kan nama ajaayibu: dubbistoonni gar tokko “this is collective criminalization” jedhanii akka ani Oromoo kutaa tokkoo yakketti hubatan; warri kaan ammoo “this is collective de-criminalization” jedhanii akka ani yakkamtoota qulqulleesuu yaaleetti na fudhatan. Bareeffama tokkoof bifa wal hin simmanne lama kennan. Kan ani gochuu barbaade garuu, “importance of critical history” argisiisuu ture; “politicized history” hunda of waga’uu dhiisnee, ija qeeqaatiin seenaa keenya haa ilaallu jechuu koo ti. Hunda caalaa garuu, yoo akka dogoggoraatti fudhatame, maqaa kutaa Shoa duwwaa kaasuun koo, olola diinaaf karaa akka bane arguu dandaheen jira.
Diinni Oromoo qaawa akkasii yoo argattu, akka titiisa raqa argattee itti gammaddi; sanattis fayadamtee Oromoo walitti naquuf tattaafatti. Oromoof garuu yaada addaaddummaa qabu bifa gaarii fi nagaan keesumsiisuun haaraa miti; abbootiin keenya sirna Gadaa keessatti Odaa jala taa’anii akkasitti mariihachaa fi yaadaan wal dura dhaabachaa turan; ni wal dhaggeefatu ture, ni wal dandahus; abaarsii fi arrabni dubbii Oromoo keessa hin jiru ture. Gumii Gaayyoo keessatti Oromoon yaada garagaraa hundaaf bakka kenna; yaada walii ugguruun hin jiru; namuu seenaa fi kaayyoo addaaddaa sodaa tokko malee gadi baasee hima, mariifis dhiyeessa; “tolerance of diverse opinions” akkasii kun aadaa Oromoo keessatti beekamaa dha; maaliif kana barreesite ykn dubbatte jedhani wal yakkuun hin jiru ture. Seenaan garuu kan akka dhugaatti fudhatamu yoo waan dhugaa fakkaatu keessa jiraate dha; maaltu dhugaa dha, kamtu dhara jedhani irraa mariihachuun waanuma jiru. Anis waanuman dhagahee fi dubbise irran barreese; yoo dhugaa hin fakkaanne ykn ammoo kan qabsoo bilisummaa Oromoo miidhu ta’e, yaada akkasi dura dhabbachuun rakkina hin qabu. Walumaa galatti, ergaa ani barreefamoota koo dhiyeenya kana maxxanfaman keessatti dabarsuu barbaade, “Oromummaan duula warra Ethiopiawinet leellisuun godhamu irran kan ka’e laafuu hin danda’u ykn bishaawuu hin qabu” kan jedhu ture. Afaan Inglizitiin gababsee kaahuun yoo barbaachise: