Oduu Haaraya
walgayii washington20170312

Yaa’iin Hoggansa Oromoo akkam ture? Maalin gadi bahe?

 

Gaafilee jedhaniin inbox kiyya guutaa turtan. Yaroodhaan akka isiniif hin deebifneef cabbiifi dirsaan naannawa Baha Ameerikaa haguugee qabe karoora imala keenyaa waan waliin dhaheefi. Haala yaa’ii sanii ibsa koreen qindeessituu baaseefi gabaasaalee miidiyaa irraa ni habattan jedheen abdadha. Gabaabaatti wanti ta’eefi murtaaye akkan armaan gadiiti.

Akeekni yaa’ii 2ffaa kanaa waan lama ture. Kan duraa murtiilee yaa’iin tokkoffaa kan Atlanta sun murteesse hojitti hiikkamuu isaa hordofuun murtii dhumaa kennuu. Kan lammataa ammoo ajandaalee haaramya mariif barbaachisan dhiheessun mariin fala itti barbaaduudha. Haaluma kanaan;

1) Yoo yaadattaan yaa’iin Atlanta Dokumantiilee bu’ura tokkummaa Oromoo ( declaration of Oromo Unity) fi Irbuu Oromoo ( Chartara Bilisummaa Oromoo) jedhaman irratti erga mari’atee booda koree ogeeyyotaa filate daran akka gabbisan ajajee ture. Koreen hayyootaa kun ji’oota afuriif erga bilcheessanii booda fidanii jila yaa’ii lammataatif dhiheessan. Jilli kunis galmeelee kanarratti erga mari’atee booda wantoota ammas fooyya’uu qaban eeruun, waliigalteen kun marii hawaasa baldhaatif akka dhihaatuufi hojitti akka hiikamuuf Komishinii Chaartara Oromoo itti dhaabee jira.

2) Yaa’iin Atlanta barbaachisummaa qindoomina diplomaasiin Oromootifi gargaarsi hawaasni biyyaa alaa godhu irratti baldhinaan erga mari’atee booda koree jaarmaya diplomaasiifi gargaarsaa dhaabdu ramaduun ni yaadatama. Koreen sun ji’oota afuriif qorannoo erga godhanii booda caasaa, tarsiimoofi adeemsa jaarmayoota saniif tahu qopheessuun jila yaa’ii lammataatif dhiheessan. Jilli kunis kurfii isaaf dhihaate erga madaalee booda, dhaabbata gargaarsaa HIRPHA International jedhamu ijaaree jira. Boordii bulchiinsaatis itti ramadee jira. Akkasumas jaarmaya diplomaasii Oromoo qorannoofi qindoonimaan gargaaru ODAAHA jedhamu dhaabuun boordii itti ramadee jira.
( Jaarmayoonni lamaan armaan olitti tuqaman kun yeroo dhihotti karooraafi tarsiimoo isaanii ummatatti dhiheessan jennee abdanna)

3) Yaa’iin Hoggansa Oromoo ajandaa haara “Qooda Dubartoota Oromoo” ilaallatu erga marii baldhaa godheen booda, Jaarmaya sadarkaa addunyaatti dubatoota Oromoo humneessuf propozaala qopheessitoonni agandaa kanaatin dhihaate irratti mari’atee raggaasisee jira. Jaarmaya jaararmuusfis jilli yaa’ii kanaatifi hawaasni baldhaan deeggarsa barbaachisaa akka laatuuf waliif galameera.

4) Haaluma walfakkaatuun “Qooda Dargaggoonni hawaasa Oromoo keessatti qaban” ajandaa jedhu irratti qorannoofi propozaala dhihaate irratti erga mari’aatee booda karoora Kora dargaggoota Oromoo ( Oromo Youth Leadership Conference) qopheessuuf, akkasumas Waldaa Daragaggoo Oromoo Addunyaa daran jabeessuuf dhihaate raggaasisuun tumsa barbaachisaa hunda gochuuf waadaa galee jira.

5) Guyyaa dhumaa fuulduree Yaa’ii Hoggansa Oromoo irratti yaanni baldhaan mana keessaa ka’ee irratti mari’atamee ture. Yaadota ka’an keessaa yaa’iin akkanaa waggatti yeroo muraasaaf magaalota fagoo keessatti godhamuun dabalatee sadarkaa hawaasaatti akka godhamuu qabu akeekamee jira. Yaa’ii sadaffaa irratti ajandaalee adda dureen dhihaachuu qaban keessaa dhimmi waraana jaaruu akka tahus eeranii jiran.

Waliigalatti wannin yaa’ii kanarraa hubadhe, bilchinni ( maturity) nama keenyaa daran cimaa dhufuu isaati. Dhimmaa falmisiisaa kamirrattuu hulaa cufatee wal waqaree ejjannoo tokkofi murtii walootin bahuu akka danda’u ifatti muldhatee jira. Kana jechuun hoggansi siyaasaa, hawaasaa, diinaggee, amantiifi sivikii Oromoo saba bilisoomsuu qofaaf osoo hin taane biyya ijaaruufis qaamaa qalbiin qophaayuu isaat agarsiisa.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …