Oduu Haaraya

Yeroo amma kanatti lubuun oromoota heduu yeroo gaaffii malee badaa jiruudha, maalif “stop killing Oromo” jechuullee dadhabne ??

Lubbuun Oromoota warreegamanii bacoo fi qoosaa diinaa ta’anii Oromoon raammoo dhoqqee keessaati ka’uuf ni yaala garuu eessaa hin ga’u jedhamee nutty baacamuudha.

Maaliif garuu sabni Oromoo dhugaas mirgas dhabe? Gamnummaa moo jagnummaa dhabne laata ?
Buqqeen bara qabu dhagaa cabsa jedhama; Garuu kan nama dinqu nuuf barri Buqqee dhagaatti nuuf jijjiramuu diduun mammaksicha ni faallessa. Bara Oromoo yoom jechuuf kan nama sodaachisu sochiin qabsoo biyya keessaa “from hero to zero” keessaa jiraachuu isaati. Seenaa Adunyaa keessatti qabsoon biyya diidaa ta’aanii walqunamttii Ummataa malee bilsummaa fidan hin jiran.

Kan ta’uu qabu walitti dhufeenyaa fi gargaarsa adda adda diidarraa argachuuf namoon akkumma beekumsaa fi dandeettii isaaniiti walitti dhufeenya alaa hordofan ni jiraata; kan ta’uu hin qabne ilmi ummataa fi ummataaf qabsaawu ummata isaa gatee diida deemuudhaan woggaatti yeroo tokko ykn lama yeroo wayyaanneen qarshii kadhachuuf gara biyya diidaa deemtu hariira nagaa bayyun ga’aa mitti. Qabsoon Oromoo Oromiyyaa keessaa biyya diidaatti godaanuu hin qabu. Kan dhumes dhumee biyya Oromoo fi bosonoota Oromiyya kan galtuu wayyaanneen gubachuurraa hafe keessatti saba keenya wajji qabsaa’uu qabna.

Yeroo amma ummatni Oromoo abdii kutaati jira. Namni lubbuu ofii irratti murteessee dhimma sabichaa gara fuul-duraatti deemsisaa jiru hir’achuutti jira. Kana kan fide yoo lammiin Oromoo lubbuun isaa galafatamu namni sagallee dhaggeessisu dhabamuu dha. ‘Yoo ollaan kee mana mana aarsu waan gubbu itti fakkaataa’ jedha oromoon. Yeroo Oromoon tokko du’e dhimmich dhima maatii fi naannoo tokkoo ta’uu dhiisee Oromoon hundi dura dhaabachuu qabna. Yeroo amma kanatti lubuun oromoota heduu yeroo gaaffii malee badaa jiruudha, maalif “stop killing Oromo” jechuullee dadhabne ??

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …