Oduu Haaraya

‪#‎OROMOPROTEST‬: QABSOO OROMOOFI MIIDIYAALEE OROMOO

Beekan Guulamaatiin

Uummanni Oromoo miidiyaa ittiin ergaasaa dabarfatu dhabuun bara dheeraaf dhukkaafamaa ture. Miidiyaan biyya Itoophiyaa baay‘eensaa harka warra Habashaa kan tureefi gaheen lafsaarratti Oromoof kennamaa ture duwwaadha. Haata’u malee miidiyaan maqaa saba Oromoon dhaabate (TVO) biyya keessa jiru qooda hacuuccaafi dhibee sabaa dabarsuu, misooma sobaa (Abalu miliyoona akkasiif i akkanaa,, karaa akkasiifi akkasii ba’eeraafi.kkf ) saba gurra duuchaa tureera. Amma sabni miidiyaa dhaggeeffatuufi kooti jedhu adda baafachuurra jira. Yoo xiqqaaatee xiqqaates miidiyaaleen hawaasaa kanneen akka fb, twitter fi kkf yyuu darbanii deeman waan ta’eef dargaggoon Oromoo amma odeeffannoo waliif kennuurratti addunyaan dorgomaa jiru. Akkuma beekamu miidiyaan dhugaan hojjetu qabsoo sabaatiif daran barbaachisaadha. Yeroo ammaa kana miidiyaaleen maqaa Oromootti waamaman hedduu ta’aniyyuu kan dhugumaatti Oromoof hojjetaa jiru muraasa ta’uu nibeekna. Ammaaf maqaalee miidiyaa kanaa tarreessuurra kallattiin ergaakoottan darba.

A. Miidiyaalee Oromoofan hojjedha jedhurraa maaltu eegama?

1. Odeeffannoo dhugaafi qabatamaa maddeen hedduu keessa seenuun qotee baasee saba qabsootti jirutti kallattii agarsiisuu,
2. Godinaalee Oromiyaa mara keessatti caasaasaa bifa mul’ataafi dhokataan diriirsuudhaan odeeffannoo karaa walirraa hincinneen funaannachuu…
3. Waan Oromoofi tokkummaa Oromoo ijaarurratti walitti fufinsaan hojjechuu….
4. Waan garaan sabaa itti hidhamee jiru sodaa tokko malee ifa baasuu
5. Miidiyaalee dhaaba Oromoof hojjetan mara faana hojjechuun odeeffannoo waliif kennuufi fudhachuu, gama dadhabinaafi cimina ofii walitti agarsiisuu danda’uu,,,…
6. Waan saba keenyatti goolii naquufi gargar nujalaa baasu dabarsuurraa of eeguufi dhaggeeffataa kan gidduu gala taasifate (audience centred) ta’e dabarsuufi hubannaan dalaguu….
7. Haala itti sabni odeeffannoo erguu barbaadu salphaa ta’uuf teessoo ittiin argaman Oromoof ifaa gochuufi.
8. Miidiyaaleen Oromoo kanneen Tv fi Raadiyoodhaan tamsaasa laattan yeroo yerootti maddeen ittiin dhaggeeffatamuufi saba bira ittiin geessan teessoo keessan miidiyaalee hawaasaa mararratti beeksisuun hordoftoota baldhinaan horachuufi kkf.

Uummatarraa maaltu eegama?

1. Odeeffannoo waitawaa ta’an adamsuun waraabuu, suuraa kaasuu, maqaa galmeessuufi miidiyaaleetti atattamaan dabarsuu…
2. Karaalee ittiin odeeffannoo bal’aa argannu miidiyaalee hawaasaa gurguddoo (FB, skype, Twitter, Google group, Twitter, IMO fi kkf) baruufi walbarsiisuu….
3. Wantoota saba keenyaaf barbaachisan dafnee daddabarsuun (share) gochuun biyya hundaan ga’uu,,,…
4. Miidiyaalee yeroo obboloonni keenya dhuman misooma sobaafi sirboota nurratti dhiichisu ilaaluufi hordofuu dhiisuu, maatiin keenyaafi sabni Oromoo akka hinhordofneef qoqqobbii guddaa irraan geessisuufi kophuma isaanii taa’anii akka wacabbaran taasisuu..
5. Miidiyaa sabaaf hojjetu galateeffachuu, oonnachiisuufi qeeqa qabnus obbolummaan ittiin ga’uufi jabeeffachuufi…
6.Gocha hamaa diinni saba Oromoorratti raawwatu guyyaa guyyaan galmeessuun, Oromoo oromoorratti daguuggaa sanyii geggeessu suuraasaafi teessoosaa barbaaduufi argachuun miidiyaa hawaasaaf oolchuun qaanessuufi aggaamasaa mara cabsuu…
7. Miidiyaalee hawasaa ittiin nama quunnamtan kan iccitaallee qabaachuufi yeroo mana konneekshiinii hawaasaa gargaaramtan keessaa ba’uu (sign out) gootanii ba’uu,
8. Godinaalee, aanaalee, gandeen Oromoo mara keessatti ijaaramuudhaan diina nufixaa jiru kana dura dhaabbachuufi kkf…

Ooggantootafi Boordiiwwan Miidiyaarraa Maaltu eegama?

1. Hojjetoota itti dadhabanii halkaniif guyyaa sabaaf hojjetan kana jajjabeessuu, jajuu, badhaasa laachuu, carraa leenjii ciccimaa isaan ittiin miidiyaalee addunyaa kanaan dorgoman taasisuu, dandeettii isaanii yeroo yerooti gabbisuu, barumsa barsiisuufi kkf..
2. Namoota kennaa gaazexeessummaa hinqabne hojii geddaruufiin namoota dorgomaafi calallii qormaataa ulaagaalee miidiyaan barbaadu qaban qofa qacaruu, laga, ganda, amantiifi walitti dhufeenya kamirrayyuu bilisa kan ta’e qacarrii dhugaa geggeessuu….

***Sabni keenya rakkoo qillensaa (qulqullina Miidiyaatiin) bilisoomee jennaan abbaa biyyummaafi Lafasaatti deebi’uunsaa fagoo miti.

Injifannoon kan saba dhugaaf miidhamee haata’u!

Beekan Gulummaa Irranaa Mardaasaa, 2015

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …