Oduu Haaraya

Ibsa Jaarmaaya Tokkummaa ABO Yemen.

 

JaarmaayaanTokkummaa ABO Yemen guyyaa WBO Ammajjii 1/1/2016 sababeeffachuu dhaan guyyaa 15/1/2016 waamicha tokkummaa hawaasa oromoo hundaaf gochuudhaan haala midhaagaa fi hamilee hawaasa keenyaatii horuu dhaan ayyaaneffatee oolee jira.

Guyyaa kana akkuma aadaa oromoo eebba manguddootiin sagantaan yoo banamu itti aansuu dhaan dura taa’aan jaarmayaa haala yeroo ammaa dhaabni keenya keessa jiruu fi haala yeroo ammaa sochii biyya keessatti ibsa baldhaa godhee jira.

sadarkaa hogganoota dhaabaaf itti gaafataman birkii jaarmayaa jaarmayaa ABO jaala abdii bulee karaa sarara sabqunnamtii telephoonii sababoota guyyaa WBO ayyaa neffamuuf baldhinnaan erga ibsanii booda jaarmaya tokkummaa ABO yemen kan sagantaa kana qophessee fi miseensota galatoomfatan. Keessattuu immoo dubartoota bara hedduu qooda qabsoo irraa fudhatan galatoonfatanan. Guyyaa WBO jaarmaya tokkummaa ABO yemen biratti haala midhaagaa ta’een yoo ayyaaneffamu

Hawwisoon hawwii bilisummaa sirboota warraaqsa gara garaa tiin guyyaa WBO haala gaariin midhaaksaa oolan.

Guyyaan kun guyyaa ilmaan oromoo qabsoo bilisummaa galmaan gahuuf waadaa keenya itti haarawoomfannee waadaa waliin seenuu tahuu hubachuun qabsoo oromoo galmaan gahuuf waadaa keenya haaroonfanna.
Guyyaa kana erga haala midhaagaa ta’een xumurannee booda ibsa ijjannoo armaan gadii kana baafanne.

1.Jaarmaan tokkummaa ABO yemen tarkaanfilee siyaasaa mooraa qabsoo bilisummaa oromoo tokkomsuu fi humneessuuf dhaabni keenya ABO fudhate yeroo kamiyyuu ni deeggarra.

2.Jaarmaan tokkumma ABO Yemen yeroo kamiyyuu oromoon akka oromootti ijaaramee qabsoo hidhannoo finiinsutti amana.

3.Maqaa master plan jechuun tooftaa wayyaaneen ilmaan oromoo irratti sanyii duguugaa dalagdu ni balaaleffanna. Duras ni dhaabbanna.

4.Handhuurri oromiyyaa finfinnee irraa ilmaan oromoo fageessuun fi sirni gittaa gabrummaa wayyaanee ilmaan oromoo irratti fudhatan ni balaaleffanna.

5.Gaafiin abbaa biyyummaa fi ofiin of bulchuu ilmaan oromoo hanga galma gahutti falmiin duuba akka hin deebine hubachiifna.

6. Dhiigni ilmaan oromoo falmaa bilisummaa fi walabummaa oromiyaa irratti lubbuu isaanii qaalii dhaban dhiigni isaanii akka dhangala’ettihin hafu.

7. Sochiin barattoota oromoo fi gaafiin isaan gaafachaa jiran gaafii haqaa waan ta’eef qaamaa fi qalbiin isaan wajjiin jiraachuu hubachiifna.

8. Haala yeroo ammaa biyya keenya Oromiyaa keessatti deemaa jiru irrattti nuti Oromoon keessaa alaan tokkummaan Diina keenya hiddan buqqiisuu irratti wal hubaannoo fi  dammaaqinaan akka qabsofnu dhaamna.

Jaarmaayaa Tokkummaa ABO Yemen
Tokkummaan Dandii Saqxuu Bilisummaatti.!!!!.

On Jan 18, 2016 6:10 AM, “Damee Dantaa Alaa ABO” <dameedantaaalaaabo@gmail.com> wrote:

Check Also

alaabaa

Bulchiinsa gabrummaa diddaaf wal’aansoon godhaamaa turte tan ifatti mul’atte, bara 1962.

Abbaa Urjii tiin: Hawaasa Oromoo kanneen bulchiinsa gabrummaa Minilik jalatti buluu diddaaf lolanii injifataman keeysaa …