Haasaan Abbaa Duulaa Gammadaa miseensota paarlaamaa Itoophiyaa kanneen Oromiyaa bakka bu’an waliin godhan gama lamaan laalama. Gara tokkoon dhugaa Oromoo dhaabni isaanitifi mootumummaa Wayyaanee umrii guutuu awwaaluuf hojjachaa ture as baasani dubbachuun ‘haqxi afaan qaban funyaaninxiixxi’ kan mirkaneessuudha. Oromoo lafti isaa bahaa dhihaa, kaabaa kibbaan saamamaa akka jiru, ilmaan Oromoo baratan akkuma jiruun hoji dhablummaan dararamaa akka jiranifi dhugaa biroo hedduu dubbatee jira. Dhugaan kun saba keenyarraa takkaa dhokatee hin beeku. Qondaalonni mootummaa badii kanaaf sababa tahan ragaa yoo bahan arguun garuu bu’aa injifannoo qabsoo bilisummaa Oromooti.Gama birootin haasaya tarkaanfii qabatamaa ta’een dabaalame waan hin ta’iniif amanamummaanifi faaydaan qabsoof qabu xiqqaadha.
Abbaan Duulaa waan kana maalif dubbate? Dhugaa jiru isumatu beeka. Garuu tilmaama gargaraa kennuun ni danda’ama.
– Dhugaa kana yoo dubbanne, ummanni amma mootummaanuu dhugaa naaf baye kanaafuu furmaatas isaanumatu naaf laata jedhee qabsorraa manatti akka galuuf
– Tarii ammoo dhaabni isaanii dhugaa akkanaa amanee fudhachuu yoo eegale of jijjiiree amanamummaa ummataa argatinaa laata abdii jedhuun miseensonni paarlaamaa yoo ummatatti dhaqani dhugaa haaluu osoo hin taane amanuun ummata akka araarfataniif
a
– Yookin ammoo haasawa ilaalcha Wayyaanee faalleessu kana miseensoa OPDO ittiin gorsuun akkasumas ammoo yaada kana ummataan gahuun sirna sanirraan dhiibbaa keessaa ( internal pressure) uumuun jijjiirama barbaachisaa akka fidan dirquuf yaadee mala. Yaadadhaa, dubbii ejjannoo mootummaa faalleessu erga dubbachuu eegalee bubbulee jira ( ibsa ilaalcha Abbaa Xaayyee faalleessu raadiyoo namitti saniitirratti dubbachuu isaa ni yaadatama). Ejjannoo faallaa calaqqisuun isaa qondaalonni Wayyaanee dhiibamanii afaaninis taatu dhugaa Oromootif harka akka kennan godhaa jiraachuu mallattooleen agarsiisan jiran. ( Haasaya Haylmaram laalaa)
– Yooki ammoo sirni tun faca’aa jiraachuu isii waan hubateef gara ummataa goruun seenaa isaa garagalgalaas taatu tolfachuuf yaadee ta’a.
Sababni isaa waan fedhes ta’u onnatee dhugaa Oromoo hamma tokko ragaa bahuun waan gariidha. Ammoo gahaa miti. Akkuma innuu irra deddeebi’ee jedhe, sadarkaan dammaqiinsa ilmaan Oromoo yeroo ammatti kan arrabaan sossoban bira dabree jira. Keessattuu yeroo ummanni keenya golee cufaa bifa qindaayeefi tokkummaa qabuun falmachaa jiru, yeroo diinni lammiilee keenya guyya guyyaan fixaa jiru kana keessatti arrabaan dhugaa bahuun dhugaa san hin galchu. Dhugaa Oromoo har’a mukaa citaa, habashaafi faranjiinuu ragaa bahaafi jiru. Dhugaa Oromoo galchuuf arraba mi’aawaa osoo hin taane tarkaanfii qabatamaa barbaachisa. Abbaan Duulaafi waahillan isaa dhugaa Oromo qabatamaan galchuu yoo fedhan:
1) Ifaan ifatti lolli Oromoo irratti banameefi ajjeechaan akka dhaabbatu, waraanni federaalaa manneen barnootaa, gandoota baadiyyaafi buufataalee fayyaa dhuunfatee jiru akka bahu dubbachuu qabu
2) Lafaafi qabeenyi uumamaa waaqni Oromoo badhaase saamuun akka dhaabbatu, kan saamames akka deebi’u gochuuf ifaan ifatti falmachuu qaban
3) Hoggannoonni fi ilmaan Oromoo sababa mirga isaanii karaa nagayaatin gaafataniif hidhaman hiiksisuu qabu. Haasaya Abbaan Duulaa godheefi ejjannoo Obbo Baqqalaa Garbaa jidduu garaagarummaan takka hin jirtu. Maarree wanti Baqqalaafi jaallan isaa hidhaa jiraniif maali?
4) Yeroo amma kanatti waraana Agaazii maskuun haa ta’uu harka isaanitiin ummata keenya fixaafi hidhaan hiraarsaa kan jiru kaabinee OPDO sadarkaa gandaafi aanaarra jiraaniidha. Abbaan Duulaatifi waahillan isaa yoo dhuguma Oromoof quuqamuu eegalan warra isaanii gadii kana ummatarraa dhaabuu wanti isaan dhibu hin jiru. Osoo miseensonni OPDO ummata keenya ficcisisaaf hiraarsaa jiranii dhugaa Oromoo arrabaan dhaadheessuun madaa jirturratti soogiddaa firfirsuudha.
Akkuma yeroo adda addaatti jedhame ummanni Oromoo namni tokko miseensa ykn qondaala OPDO ta’uu qofaaf haaloo cittuu itti hin qabatu. Gaafa angorra ture taaytaa saniin toltuufi hamtuu maal hojjate kan jedhuun madaala malee. Namoonni akka Abbaa Duulaa badii amma duraatirraa of baranii sirnichuma san keessatti dhugaa Oromootif ragaa bahuu eegaluun ummataan walitti fayyuuf tarkaanfii duraati. Garuu gahaa miti. Saamicha, ajjeechaafi hiraarsa saba keenyarra gahu tarkaanfii qabatamaadhaan hambisuuf carraafi aangoo barbaachisaa ni qaban. Akkuma onnatanii dubbatan kana kutatanii tarkaanfii fudhatanii laata? Fardis raasaanis kunoo!
Obboo Johaar Muhaammad dhiifamni Abbaan Duulaa gaafate gahaamiti jechaa jira. Maali adda jireenni Abbaa Duulaa fi Johaar Muhaammad? Abbaan Duulaa akka wayyaaneef hojjatu beekamaadha. Garuu akka Johaar Muhaammad oromoo irratti duula hin labsine. Walitti bu’iitiin biyy Masrii eeddutti taate rakkoo Johaar Muhaammad alaabaa Kaallacha Walabummaa irratti inni barreesse irraa kan ka’eedha. yoo kan yaadattan taatan, Johaar Muhaammad barrii isaa keessatti dhaadatee ture. dhaaduun isaa sun hujiidhaan edduu oromoota Masriitti argamee jira. Joohar yeroo waltajjitti dhufu akka nama miidiyaa tokko hoogganuutti odoon taane akka miseensa yookaan bakka bu’aa dhaabaa ta’ee dubbata. kanaaf kallacha walabummaa oromiyaa irratti duula labse. rakkinna dhalatee fi kan ammaan booda dhufuufis kan gaafatamu johaar ta’uu hubadhaa yaa ilmaan oromoodha. Johaar Muhaammad horima ilmaan oromoo irraa guuruun isaan ajjeesaa waan jiruuf, horii itti hin kenninaa. namni isaaf horii kenne qooda ummata oromoo walitti buusuu keessatti qooda guddaa qaba jennee amanna. oromoonni waan itti amananiif dhiigni isaanii dhangala’e, jabaadhaa isiniin boonna. dhumarratti ni mootu.