Oduu Haaraya

SEENAA GABAABDUU MAHAMMAD HUSSEEN (QONDAALA) 1952 – 2016

 

 

agarsiisa aadaaQabsoon bilisummaa tan arraantana xiqqaa fii guddaa lammii Oromiyaa fudhatte baroota afurtam dura haala kanaan faallaa keessa turte. Yaroon san, gaafa sirni gabrummaa Habashaa Oromummaa fii aadaa hooda lammii teenyaa awwaalee, hidda sirna bulchiinsa isaa hawaasa keenya keessatti akkaan jabeeffate. Haala san injifachuuf biyya keessaa fii alattiis qabsoo cimtuu tu godhame. Wareegamni kafalamees guddaa dha.

Oromummaa diinni awwaale qabrii keessaa baasuuf qabsoo baroota afurtam dura biyya alaa keessatti godhamte keessaa tan biyya Jabuutii-tti gaggeeffamte seenaa qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaa keessatti qooda ol’aanaa qabdi. Jabuutiin, gaafasii fii arraas, biyya warri mootummaa Xoophiyaa bulchan gunaa adda-addaa tiin dantaa siyaasaa isaanii keessatti tiiyfatani. Kanarraan kan ka’e, gama Embaasii isaanii malees, karaa namoota mootummaa Jabuutii keessaa gunaan dhunfataniin, miidhaan namoota fedhii isaanii dura dhaabbatan irratti fidan guddoo. Nama barbaadan hamma biyyatti deebisiisuu takka aangoo qaban. Haala akkasii keessatti, Oromoonni fedhii diinaa tan gaafasii irratti fincilanii maalummaa isaanii ifatti beeysisuun hawwii jaraa hoongeessuurraatti bobbahan, akkuma Qabsaawota qabsoo bilisummaa ganamaatti, seena-qabeessota.

Haala armaa olii kanaan, Oromoota maalummaa isaanii tiif qabsoo godhaniin Oromummaa biyya Jabuutii keessatti utubuun, seenaa qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaa tan biyya alaa keessatti galmeeffamuu qaban keessaa tokko Mahammad Husseeni. Mohammed Husseen abbaa isaa Husseen Alii fii haadha isaa Aashaa Imar irraa Baha Oromiyaa, Godinaa Humbannaa Aanaa Kombolchaa Araddaa Dirree Xayyaaraa Ganda Tuulaatti, Onkololeessa 05, bara 1952, dhalate.

Mohammad, barnoota amantii Islaamaa barachuuf xiqqeenyaan qe’eerraa sossoohee, odoo miila gandarraa fageessuu, bara 1971 keessa, haboo isaa waliin magaalaa Jabuutii seene. Haalli biyyaa isa fudhatee achumaan achi qubatee, lammii biyya isaa barbaadee waaheleeffate. Waahiloota kanaa waliin jam’aatummaan barcaaf odoo walitti yaa’anuu sab-boonummaan dhunfatamuu jalqabe. Bara 1973 irraa kaasee haasoyni barcaa gubbaa dhibdee Oromoo tii fii Oromummaan dhunfatamte. Akkaasiin, bara 1977, gaafa Jabuutiin gabrummaa Faransaayii jalaa bilisoomtu, isaaniis, dhiibba dooginyoo Habashaa kan maqaa waldaya hawaasa Xoophiyaa tiin dhaabbate jalaa if walabeessuun, maqaa Caayaa Oromoo tiin mootumma biratti if galmeessan.

Caayaan Oromoo magaalaa Jabuutii akka hin-jaaramne godhuurratti mootummaan Xoophiyaa heddu qabsooyte. Akkuma Wayyaanee ammaatti, Oromoota yaroo sanitti biyya Jabuutii keessa jiran dhibdee mudachuuf jiraataniin doorsisan. San malees, gunaan bittineessuuf ijibbaatan. Haala kanarraan kan ka’e, warri abuura Caayaa Oromoo magaalaa Jabuutiirratti miseensummaa isaanii ifatti beeysisan, nama kudha sadihi qofa turan. Isaan keessaa tokko Mahammad Husseeni. Kanneen hafan, Abuubakar Khaalos, Yuusuf Ibraahim Daawud, Hassanee Galmoo, Aadamee Yuusuf (Dhaga Affeel), Yaaqubee, Ibrahim Khaliilee, Ahmad Shaakh Usmaan Qawwee, Abdulmajiid Raaree, Muumee (Qaxii), Abdalla (Yaquulii), Bakharee fii Abdusalaam Yuusufi.

Gama biraa tiin, Mahammed, ogummaa makaanikummaa makiinaa tan akka biyya san seeneen barateen, jireenya achii tolfatee, bara 1976 keessa, Aadde Aminaa Yuusuf waliin bultii jaarratte. Baruma kana, lola Soomaalee fii mootummaa Xoophiyaa jiddutti dhalatee fii haala sossoohinsa qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaarraa kan ka’e, Oromoota biyyarraa baqatanii Jabuutii seenuu jalqabaniif, Mahammad, haadha warraa waliin, Oromoota waan qabaniin lammii isaanii bira dhaabbatan keessaa tokko. Mohammadii fii Aaminaas, waan dandayaniin nama isaanii gargaaruu malees, Oromoota manaa fii mooraa isaanii baqattootaaf banan irraa tahan. Biyya oowwi isii azaaba adunyaarraa, tan bishaan xaasaan gurgurmu keessatti, nyaataa fii dhugaatii malees tin’isin hamilee kan sab isaanii tiif laatan sanmmuu baqqattoota fuul-durri dukkanaa meeqaantam sabachiise. Gargaarsa kanarratti dabaluun, Mahammad, qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaa tiif, gama Caayaa tii fii dhunfaaniis qooda guddaa laate.  

Mahammad, bara 1984 keessa, jiruu if dura tarkaanfachiisuuf, warraa waliin, Jabuutiirraa Bahara Diimaa ceehee Sa’uudii seene. Akka achi dhaqeen, sab-boonota Riyaad keessatti maqaa Tokkummaa Hojjattoota Oromoota Riyaad, (THOR)-n, gurmaawan irraa tokko tahuun, qabsoo bilisummaa Oromoo gargaarutti seene. San malees, daawwii dammaqiinsaa tan dhaabni THOR miseensaa fii Oromoota iddoo biraa tiif qopheessaa turerraa qooda fudhachuun dirqama sab-boonummaa fiixa baasutti seene. Odoo haala saniin jiruu, Sa’uudii keessa turuu irraa hegereen itti mul’achuu diddee, bara 1986 keessa, warraa waliin, Xaaliyaan seene. Roomattiis, sab-boonota Jabuutii fii Riyaaditti waliin qabsaawaa turan waliin wal-arkatanii, Tokkummaa Oromoota Roomaa dhaabuun seenaa, aadaa fii qabsoo Oromoo gabbisutti seene.

Isaa san keessa ture, walakkaa bara 1978 hiree qubsuma biyya Kanadaa arkatee, warraa waliin, Torontoo seene. Guyyaa Torontoo seenerraa kaasee miseensa Tokkummaa Oromoo Ameerikaa Bitaa Damee Ontaariyoo tahuun, gumaacha qabsoo bilisummaa tiif godhaa ture, keessaa huu, tan aadaa Oromoo guddisuu fii agarsiisuu irratti if qusannaa malee bobbahutti seene. Faaruu fii weedduulee Mahammad dooyaarratti wallisaa turee keessaa kanneen armaa gadi warra yaroo hunda afaanii hin baane.

Ka’aa qeeyroon Dargaggoon biyyaa

Yaa humna warraaqsaa shamarran aayyaa

Qabsoof hidhadhaa yaa ilmaan biyyaa

 

Bahaa Dhihaa kaabaa kibbaa

Isin yaamtii biiyti abbaa

Yaa ilmaan koo nadhaqqabaa

Salphinarraa ol na qabaa

 

Haala armaa olii kanaan, Mahammad Husseen, sossooha qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaa tan biyyoota alaa keessatti nama seena-qabeessa tahe. Seenaa wal’aansoo ganamaa tan ummanni keenya maalummaa isaanii beeysisuuf biyya Jabuutii, Sa’uudii, Xaaliyaanii fii Kanadaa keessatti godhaa turan irraa qooda fudhachuun gumaanni qabsoof laate himamtee hin dhumtu.

Mohammed qaama malees nama haalaa fii amalaan ulfaataa, sab-boonaa fii murataa dha.  Mahammad arjaa qabeenya isaa qabsoorraa if duuba hin kaayyatini. Mahammad nama obboleeyyan afur waliin dhalate. Garuu isaan biraa fagaatee nama Oromoota arku hunda obboleessaa fii obboleettii godhatee jaalalaa fii kabajaan nama waliin jiraachaa bahe. Duuba, dhibdee yaroo gabaadu keessatti isa mudditeen ji’a afran dabran rakkachaa bahee, warra lamadaa, Aadde Fooziyaa Mahaamed-rraa ilmaan reefu arkate, Obsan, Boonaa fii Boonsan waliin odoo taphatee hin quufin, bitooteessa 11, bara 2016, biyya Kanadaa magaalaa Kaalgarii keessatti boqote.

Rabbiin Jannatul-Furdoosiin isa haa qananiyu!

Oromiyaan bilisummaa isii hawwaafii bahe ni bilisoomti!

Bitooteessa 12, 2016

Abbaa Urjii

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Abbaan Seeraa naaf haa jijjiiramu’ waan jedheef qofa adabbii qarshii 500 irratti murteessee jira..

Dabalataan manni murtii guyyaa har’aa Jawaar Mohaammad Abbaan Seeraa naaf haa jijjiiramu’ waan jedheef qofa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *