Oduu Haaraya

Seena saba Oromoo Fi sirna Gadaa Kitaaba(seenaa saba Oromoo fi Sirna gadaa) Birraa/Fulbaana 1995)

(Toleeraa Tasammaa fi Hundasaa Waaqwayyaa)
irraa.
Dhibbaa alagaa bitamuu waggaa dhibbaa Oromoo
irra turuurraa kan ka’e hedduun ummata Oromoo
har’a Oromummaa isaa haa beeku malee, seenaa
ummanni kun keessa dabree as ga’e ragaa
qorannoon deggaramee barreeyfame irraa wanti
inni hubatu baay’ee xiqqaadha.
Ammaas tanaan seenaa ummaata guddaa kanaa
guutumatti barreeyfamee jira jachuu utuu hin ta’in
gaaffiilee Oromoon tokko ofgaafatuufiis tahee,
seenaa dharaa diinni Oromoo irratti odeessuuf
deebii ga’aa ni taha waan jedhamuuf; kunoo
seenaa Oromoo kan sab-boontoota ilmaan
Oromootiin haala rakkisaa keessaaa barreeyfamee,
akka ummaata keenya gargaaruuf asirratti
maxxansine. Nuti maxxansitootni kan keessa qabnu
gulaala dogongora qubee dabree dabree mul’atuufi
maxxansaa qofa malee, qophiin isaa kan sab-
boontoota ilmaan Oromoo tahuu isaa osoo hin
hubachiisne bira hin tarru.
Barbaachisummaan barreeyfama kanaa bal’inaan
seenaa irratti waan kaa’amee jiruuf, Oromoon ani
eenyu? Maddi koo eessa? Daangaan koo eessa?
Firaafii diinni koo eenyu kan jedhu hundi haala
gahaatiin deebii quubsaa akka argachuu dandayu
shakkii hin qabnu.
Sirna gadaa
Hamma kiyyoo kolonii jala hin seeniniti Oromoon
sirna ittiin bulan kan mataa isaanii qabau turan.
Maqaan sirna kanaas Gadaa jedhama. Sirni kuniis
bal’aa ture. Dhimma jireenya ummata Oromoo
fuula hundaan kan ilaalu sirna siyaasa, aada
diinagdeefi amantiiti. Sirna hawaasaa guutuu ture
jechuudha. Sirni Gadaa sirnaafi seera Oromoonni
ittiin walbulchu, kan duulee roorroo ofirraa ittisu,
kan dinagdee isaa ittiin tikfatuufi dagaagfatu,
akkaata inni itti waliin jiraatuufi kan hawwiin
dhala Oromoo cufa ittiin guutu ture.
Sirn kun haala Oromoonni tokkummaan isaanii
laaffate kan itti roorrisaa turan Habashaafi Affaar
ofirraa deebisuu dadhabe keessatti, haala
hawaasaa ilaalerraa, jaarraa 14ffaa keessa biqiluu
jalqabee suuta guddatee deeme. Oromoota sirna
akkasii jalatti qindeessuudhaaf yeroo dheeraa
fudhate. Oromoota gosatti hiraman walitti fidanii
sirna tokko jalatti walitti qabuun kufaatiifi
ka’uumsaa yeroo dheeraa gaafate. Gara walakkaa
jaarraa 15faa isa lammaffaa keessa sirna gutuun
argamuu dandaye.
Akkaata himamsa aadaa Boorana kibbaa keessatti
yeroon itti Gadaan dhaabbate kanumaan walkipha.
Akka mangoddoonni Booranaa himanitti Gadaa
jaaruuf yaalii dheeraan eega godhame booda,
Gadaan yeroo dheeraaf bifa hojechuu dandayu
dhaabbate. Gadaa kanatti Abbaan Gadaa Gadayyoo
Galgaloo ture. Raabni isaa (yeroosii) Yaayyaa
Gulleelee jedhama ture. Eega gaafasii jalqabee
Booranni Abbootii Gadaa 61 lakkaawa. Kanarraa
waggaa saddeet saddeetiin yoo herrgne (Gadaan
tokko waggaa 8) 61X8 = 488 taha. Eega Gadaan
ijaarame, akka himamsa manguddootti Booranatti
waggaa 488 taha jechuudha. Barri isaa 1499tti
dhihaata. Kanaaf, sirni kun ijaaramuun isaa
walakkaa jaarraa 15ffaa isa lammaffaa keessa kan
jedhame dhugaa taha.
Sirna Gadaa keessatti wanni hundi gadaan
walilaala. Lakkooysi yeroo, aadaan, amantiin,
jireenyi hawaasaa, ittisi biyyaafi kkf hundi hidhata
Gadaa qabu, fakkeenyaaf sadarkaalee Gadaa,
goggeessa Gadaa, abaluu abaluu..jiru. kun, eegaa
Gadaan sirna kabajamaafi guutuu akka ture
mirkanessa.
Bara itti Gadaan sirna gutuu ture sana akka silaa
tahutti galmeessuun hindandaymane. Hammi
galmeeyfame baay’ee yaraadha. Sana keessaahillee
irra guddaan kan baroota dhihooti. Waa’een isaa
hammi beekamu baay’ee yaraadha. Guddinaan
odeeffannoon argaman oduu afaaniin kan
daddabraniidha. Isaaniis bakka bakkati garagar
tahu. Sunillee Gadaan Caffe Caffetti deebi’uu haa
agarsiisu malee, tokkummaa sirna kanaaf ragaa
kan tahu haftee sirna kan Gadaa Booranaa
har’aalee haga taheefuu hojjataa jiruudha. Kanaaf,
waa’ee sirna Gadaarratti hangi hubatame
xiqqaadha. Waliigalatti sirna kana caalatti
hubachuudhaaf qormaata cimaa sirna Gadaa kan
mul’isan armaan gaditti ilaalla.
1. uunkaa jereenya hawaasaa
2. siyaasaa sirna Gadaa
3. aadaa sirna gadaa
4. amantii sirna gadaa
1. Uunkaa jireenya hawaasaa
Hawaasa keessatti dhalli namaa kophaa hinjiraatu.
Kophaas hindalagu. Namoota biraa wajji jiraata,
hojjataas. Jireenyi dhala namaa walitti
hidhaataadha. Hawaasa Oromoo bara Gadaa
keessaa yoo fudhannee akkaataa jiruufii jireenya
Oromoo, akkaataa qoodama dalagaa, hariiroo
ummanni Oromoo hawaasa keessatti waliinqabau,
sirna Gadaa keessatti qaama tokko. Akkaataan
polotikaa sirnichaas uunkaa jireenyya hawaasa
Oromootti hidhamee jira.
Uunkaa jireenya hawaasa sirna Gadaa keessaa
hubachuuf waan kanaa gadii hubachuun
barbaachisaadha. Suniis:
a. Goggeessa Gadaa (Miseensaa) fi Marsaa Gadaa
b. Hiriyyaa
c. Ilmaan jaarsaafii ilmaan Kormaa
d. Sadarkaalee Gadaafi Murnoota Gadaa
a. Gaggeessa Gadaa(miseensa) fi Marsaa Gadaa:
Gadaan tokko waggaa saddeet qaba. Waggaa
saddeettan waliin GADAA TOKKOTTI YEROO ITTI
AANGOON polotikaa warra Gadaa tokko harka
jiraatuudha. Kanaaf, Gadaan waggaa saddeet
saddeetiin lakkaawama. Waljijjiiraas. Waggaan
saddeettan Gadaa tokko maqaa mataa isaa
qabaata. Gadaa tokkicha maqaa adda addaa
qabaatu. Kun Goggeessa Gadaa ykn miseensa
jedhamee waamama. Kun hawaasa Oromoo
keessaa, bakka gargaraatti maqaa adda addaa
qabata. Jechuun:-
Boorana keessatti- Goggeessa Gadaa jedhama.
Tuulama keessatti- Miseensa jedhama.
Arsii keessatti- Miseensa jedhama.
Gujii keessatti-Baallii jedhama.
Ituu keessatti-Miseensa jedhama.
Qormaata Gadaa Oromoo bakka bakkaarratti
godhameen lakkooysi Goggeessa gadaa bakka
heddutti shan. Kan kanarraa adda tahees nijiraa.
Fakkeenyaaf Boorana keessatti Goggeessa Gadaa
torba qabaatu jira. Maqaan isaaniifi tartiibni
isaaniia kopha kophaafi beekamaadha. Hoggaa
Goggeessi Gadaa jiran tartiibaan deemanii
raaw’atan gara isa jalqabaatti deebi’uudhaan
marsaa tokko tahu. Goggeessi Gadaa tokko bakka
heddutti waggaa 40 booda malee, hin deebi’u.
Fakkeenyaaf Ituu keessatti Goggeessi Gadaa
(missensi) jiran, Hormaata, Sabbaaqa, Dibbeessa,
Fadataafi Daraaraadha. Kanneen tariiba maqaa
Gadaawwan waggaa saddeet saddeetiin deeman
tahanii Daraaraan gaafa raaw’ate Hormaatatti
deebi’a jechuudha. Yeroon kun itti raaw’atee
deebi’ee marsuuf naannawuu marsaa Gadaa tokko
taha. Marsaan Gadaa tokkoo waggaa 40 qabaata.
Goggeessi Gadaa shanan, walitti marsaa Gadaa
shanan jalqabarraa ka’anii tartiibaan deemanii
xumuramanii marsuuf gara isa jalqabaatti kan
deebi’an kun “marsaa Gadaa(Gadaa cycle)”
jedhama.
Yeroo idiletti laalamu jireenya nam tokkoo
keessatti, Marsaa Gadaa lamaatu jira. Isaaniis,
Marsaan duraa Gadaa abbaa yeroo tahu, inni
lammaffaa Gadaa ilmaati. Ilmi Marsaa tokko fixee,
Gadaan isaa kan abbaa tahe, kan itti aanu kan
ilmaan isaa taha jechuudha. Akkuma kanatti itti
fufee dabra.
Eega, bakka heddutti Marsaan Gadaa waggaa 40
akka qabaatu olitti ilaalleerra. Arsii keessatti
miseensi Gadaa tokko waggaa 16 waan qabuuf
kanarraa adda. Kanarraa Marsaan Gadaa Arsii
keessatti waggaa 80 taha jechuudha.dagaagina
keessaa Gadaan eega Caffetti qoodamee, as
lakkooysifi maqaan Goggeessota Gadaa Marsaa
Gadaa tokko keessa jiranii bakka adda addaa
tahuun mul’ateera. Kanaas, qabsiisuuf armaa
gaditti mee haa ilaallu. Maqaan Goggeessota Gadaa
bakka garagaraatti:-
Goggeessa Gadaafi Marsaan Gadaa waan
hiriyymummaafi aangoo polotika ilaaluun hariiroo
murteessa qabu. Sanaas bal’inaan booda laalla.
B. Hiriyyaa:-
Hiriyyaan warra goggeessi Gadaa isaanii tokko
taheedha. Kana jechuuniis hawaasa Oormoo
keessatti warrii waggaa Gadaa keessatti dhalatan
hundiifi kan maqaan Goggeessa Gadaa isaanii yoo
dulloomoo tahanillee wal’irraa bu’ee yookaa tokko
tahee hiriyyaadha. Ijoolleen waggaa Gadaa 1-8
jidduufi gaheeyyiin waggaa Gadaa 45-56 jidduu yoo
Goggeessi Gadaa isaanii tokko tahe hiriyyaa tokko
jedhamu. Marsaan Gadaa naannawutti walitti fidee
ijoolleefi jaarsoolii hiriyyaa taasisaa. Marsaan
Gadaafi Goggeessi Gadaa akkanatti hiriyyummaa
murteessu. Hawaasa Oromoo keessatti hiriyyaan
akka obbaleeyyaniitti wal’ilaalu. Ayyaana
gurguddaafi beekamoorratti hiriyyaan wal argee
waliin turuudhaan walfaarsa. Jaalalti walii,
walamanuun, waliif dhimmuun,
walgargaaruunâ€ÂÃ
‚¦kkf hiriyyaa biratti jabaadha. Aangoo polotikaa
keessatti paartii tokko tahu.
Kanaf, hiriyyummaan karaa hawaassfi polotikaa
Oromootaa walitti hidhuudha. Waa’een hiriyyaa
hoggaa akkas tahu, ijoolleefi ga’eessoota maaltu
walitti fidee hiriyyaa godha? Gaaffiin jedhu ka’uun
nimala. Gaaffi kana deebisuuf, nama Goggeessa
Gadaa isaatiin Gadaa keenya jedha. Gadaa isaa
faarsa, kabaja. Kanarraa akka ilaalcha polotikaa
baraatti hubachuuf waan Paartii ilaaluun gaarii
taha. Hawaasa keessatti paartiileen uumamtu
turan jechuudha. Goggeessi Gadaa shanan
paartiilee shan kan ijoolleefii manguddoota
hiriyyaa godhuus paartii tokkicha waliin
qabaachuudha.
c. Ilmaan kormaafi Ilmaan jaarsaa:
sirna Gadaa keessatti Ilmaan kormaafi Ilmaan
Jaarsaa qoodameef beekama. Kan hawaasa bakka
lamatti qooduudha. Kun jireenya hawaasa Oromoo
bara sirna Gadaa keesaatti akkaataa Qabannoo
aangoo polotikaa kan murteessuudha. Warra
aangoo polotikaa qabachuuf deemaniifi kanatti
hawasa qooda. Kuniis, waggaa Gadaa wajjiin
walitti hidhataadha. Carraan aangoo polotikaa
keessaa qooda qabaachuufi dhiisuun isaa yeroo itti
dhalaterratti hundeeyfama. Kanaaniis ilmaan
Oromoo yeroo dhalatanirraa kaasee ilmaan
kormaafi ilmaan Jaarsaatti qoodamu. Akkaataan
qoodamaa kuniis, seera umamaa kan hordofu qaba.
Ijoolleen Abbootiin isaanii sadarkaalee Gadaa
keessa seenanii yeroo isaan aangoo polotikaa
qabachuttii dhihaatan ykn qabatan (gadooma
keessa) dhalatan ” ilmaan kormaa” jedhamu.
Isaaniis, bara Gadooma abbootii isaanii keessa
(waggaa 40 abbootii isaanii eeganii) kan dhalatan
waan tahaniif sadarkaa Gadaa keessa seenuudhaan
miseensa paartii tahuu dandayan. Kanaaf aangoo
polotikaa keessaa qooda fudhachuu dandayu.
Ilmaan Gadooma abbootii isaanii (aangoo polotikaa
qabachuu) dura ykn booda dhalataniifi abbootiin
sadarkaalee Gadaa seenuu hindandeenyerraa
dhalatan hundi “ilmaan jaarsaa” jedhamu. Ilman
jaarsaa warra sadarkaalee Gadaa seenanii
miseensa paartii tahuu hindandeenyedha. Kanaafiis
aangoo polotikaa keessaa warraa qooda fudhachuu
hin dandeenyeedha. Ilmaan jaarsaa warra waliin
dhalatan hundaan hiriyyaa tahuu dandayu,
jechuun ilmaan kormaa wajjiinillee hiriyyaa walii
tahuu dandayu.
Eega, hawaasa keessatti Gadoomuuf carraa kan
qaban ilmaan kormaa thuu hubanne. Ilmaan
kormaa gaafa dhalatanirraa kaasee sadarkaalee
Gadaa seenanii akkuma gudachaa deemaniin
dalagaa garagaraarratti dirqama polotikaafiis
qophaawan. Kun dirqama isaaniiti. Ilmaan jaarsaa
garuu, waa’een waan qoratamuufi baratamu
hundaaf dirqamuun yoo hawaasicha keessa
jiraachuu dandayuuf tahe malee, itti hin dirqaman.
Ilmaan Oromoo akkanatti qoodamuun bakka
heddutti mul’ate. Gadaa Boorana, Maccaa,
Tuulamaafii Gujii keessatti qoodamni kun jira.
Qoodamni yoo hinjiraanne tarii Gadaa Arsii, Ituufi
Humbanna keessatii tahuu hin’oolu.
d. Sadarkaalee Gadaafi Murnoota Gadaa:
Akkaataa waggaa dhalootaatiin gurmuu ykn murni
ilmaan kormaa tartiibaan keessa dabran sadarkaa
Gadaa jedhama. Sadarkaan Gadaa maqaa gurmuu
waggaa dhaloota ilmaan kormaati jechuudha.
Gurmuu kanaan akkaataan jiruufi jireenya dhala
Oromoo hundaatu keessatti murtaawa. Ilmaan
kormaatu kormaatu keessa daddabran yoo tahellee,
jirenya dhala Oromoo karaa polotikaa, amanti,
aadaa, dinagdeefi waraanaafi kkf keessatti kan
ilaalu addatti maqaa haaqabaatan malee
akkaataan guddinaa, dalagaafii jireenyaa, kan
ilmaan Jaarsaa wajjiin tokkuma. Karaa
polotikaatiin garuu, garaagarummaa guddaatu
jira. Tahullee sadarkaaleen Gadaa jiruuf jireenya
dhala Oromoo mara calaqqisiisa. Sadarkaalee
Gadaa garagaraakeessatti ilmaan Oromoo dirqama
(dalagaa) adda addaatu isa eeggata. Yeroon isaas
osoo hin gahinnillee waan beekamuuf sadarkaa itti
aanuuf isa qopheessaa ture.
Sadarkaa Gadaa tokko waggaa saddeet qaba.
Waggaa saddeet saddeettan kanaan namni Oromoo
hamma gaafa dulloomee du’utti hawaasa keessatti
bakkafi qoodama dalagaa qabaata. Sadarkaaleen
Gadaa ilmaan kormaa keessa dabran bakka gariitti
amala addaa yoo qabaatanillee waliigalatti akka
armaa gadiitti keenya.
1. Dabballooma waggaa 0-8
2. Gaammoma waggaa 9- 16
3. Dargaggooma waggaa 17- 24
4. Kuusoma waggaa 25- 32
5. Raaboma waggaa 33 – 40
6. Gadooma waggaa 41- 48
7. Yubooma waggaa 49- 56
Gadaa Tuulamaa keessatti Gadoomni waggaa 32 –
40 gidduutii waan taheef kana yaadachiisuun
barbaachisaadha. Armaa gaditti sadarkaalee
Gadaa jiraniifi murnoota Gadaa isaanii laalla.
1. Dabballooma
Kun jecha dabballee jedhamu kan Gadaa
Booranaarraa fudhatameedha. Ijoolleen dhiiraa
Gadooma abbaa isaanii keessatti dhalatan
Dabballee jedhamanii yaamaman. Ijoolleen kun
waggaa saddeet hamma fixaanitti Dabballetti
beekamu, Boorana keessatti Dabballee haa
jedhaman malee, bakka biraatti maqaa biraa qabu.
Fakkeenyyaaf:
a. Tuulam keessatti – Itti makoo jedhamu.
b. Ituu keessatti – maxxarrii jedhamu.
c. Gujii keessatti- Suluda jedhamu.
Sadarkaan Gadaa kun bakkayyuu waan jiruuf
walitti qabatti Dabballoota jechuun hin badu.
Dabballoomanii sadarkaa Gadaa isa dura ilmaan
kormaa akka dhalataniin itti seenaniidha.
Sadarkaa Gadaa kanatti ijoolleen hojii beekamaa
hinqaban. Naannoo qa’ee turanii toohannoofi
tajaajila guddaadhaan guddatan. Ilmaan kormaa
sadarkaa kana:
a. Boorana keessatti ilmaan Dooriiwwaniifi warra
Gadaati.
b. Tuulam keessatti Foollee jedhama
.
2. Gaammoma:-
jechi kun sadarkaa Gadaa Boornaa keessaa maqaa
gaammee jedhamurraa kan fudhatameedha. Ilmaan
kormaa sadrakaa Dabballoomaa fixan Gaammotti
dabru. Waggaa 8 – 16tti akkaataa itti rifeensii
isaanii qoramurraa yoo jedhame dhugaadharraa
hin fagaatu. Ijoolleen dhiiraa sadarkaa
Gammomaarra jiran:
a. Booran keessatti – Gaammee xixiqqoo jedhamu.
b. Tuulama keessatti – Dabballee jedhamu.
c. Gujii keessatti – Dabballee jedhamu.
d. Ituu keessatti – Ruuboo jedhamu.
Gaammoonni sadarkaa Gadaa yeroo itti ijoolleen
jabbiilee tiksan, hojii warraarratti gargaaraniifi
loon tiksaniidha. Dalagaa kanaafi kana
fakkaatanitti haa bobbahan malee, sadarkaa
kanatti tohannoo warraa ala hin bahan. Yeroo
kanatti taphatanii caalatti walbaruu jalqabu.
1. Dargaggooma
Yeroo kana kan itti dargaggooman waan taheef,
sadarkaa Gadaa kanaas bakka gargaraatti maqaa
garagaraa waan qabuuf sadarkaa kanaan,
Dargaggooma jedhama. Ilmaan kormaa sadarkaa
lammaffaa fixanii waggaa 16 – 24 jidduu:
a. Booran keessatti – Gaammee Gurguddaa jedhamu
b. Tuulam keessatti – Foollee jedhamu.
c. Gujii keessatti – kuusa jedhamu.
d. Ituu keessatti – Goobam jedhamu.
Dargaggoomni sadarkaa itti namichi toohannoo
warraarraa hillee walaba tahaa deemuufi
warrarraa fgaatee soch’auu dandayuudha.
Akkasumas, yeroo itti jabina, beekumsafi
jagnummaa ofii mul’isuu jalqaabniidha. Jiruu
dhufataa deemuudhaan yeroo itti ofdandayutti
tarkaanfataniidha. Hawaasichaa bu’aa buusuufiis
kan keessatti ofqophessu. Dalagaarratti
bobbahanii, loon fagaatanii bobbaasuu, ol’aantoota
isaanii wajjiin deddeemuu, adamoo bahuufi
bineessoota loonirraa ittisuudha.
4. kuusoma
kuusomni sadrkaa loltummaati. Naannoo
garagaraatti ilmaan kormaa sadrkaa kanaa adda
addaa qabaatanillee Booran keessatti kuusa waan
jedhamaniif kanarraa fudhannee kuusoma ittiin
jenne.
Murni kun:-
a. Boorna keessatti – Kuusa jedhama.
b. Tuulama keessatti – Qondaala jedhama.
c. Gujii keessatti – Raaba jedhama.
d. Ituu keessatti Raaba jedhama.
Hawaasa Oromoo bara sirna gadaa keessatti, kun
murna lolu ture. Waggaa 25 – 32 jidduu kan tahan
dirqama loltummaa qabu. Namuu roorroo biyyarra
geesse ittisuuf waan ittiin lolu- xiyyaas tahee,
eeboofii gaachana mataa isaatii qopheeyfatee farda
lolaas qabaate taha. Lolli argamnaan akka
dhagayeen qophaawee walgurmeessee duula.
Kanatti dabalee waan dhimma biyyaa ilaalan yeroo
kanaa kaasee qorachuu dandaya. Sadarkaan kun,
Tuulamaafi Ituu keessatti yeroo itti ilmaan kormaa
aangoo qabachuuf ofqophessan, sadarkaa 4ffaa
tahuudhaanifi dirqama loltummaa
qabaachuudhaan tokko yoo tahan kaanirraa
kanaan adda bahu.
1. Doorama
Bakka heddutti sadarkaa itti aangoo
qabachuudhaaf ilmaan kormaa qophii
barbaachisaa godhaniidha. Yeroo kana keessatti
dhimma biyya, bulchiinsa, sera, aadaa, amantiifi
seena dabre baratu. Waa’ee sirna Gadaa caalatti
hubachuu dandayu. Haalli isaanii warra biyya
bulchuu ykn qondaaloota Gadaa wajjiin walitti
hidhataadha. Bakka warrii Gadaa itti murtii
seeraa kennan, dubbii gosaa ilaalanfi marii
godhanitti argamanii irraa baratu. Bakka aadaafi
amantiitti argamanii sirna qalbifatu. Caffee yaa’ii
Gadaarratti argamanii murtii kennuudhaan
hojiidhaan ofqaru. Hayyoonniifi manguddoonni
biyyaarraa qoratanii barachuudhaan beekumsa
isaanii bal’ifatu. Biyya keessa sossohanii
ummataan walbaruu, akkanatti aangoo polotikaaf
ofqopheessu jechuudha.
Sadarkaan kun, Tuulamafi Ituu keessatti isa
afraffaadha. Ilma kormaa sadarkaa kanaa,
akkamu asii olitti kaa’ametti Tuulama keessatti
qondaala, Ituu keessatti Raba jedhamu. Sadarkaan
Gadooma isaanii waggaa 32- 40 jiddutti waan
tahaniif, isaan keessatti dalagaa akkanaa
(doorama) kan qaban wagaa 23-32 jidduutti kan
jiran Tuulama keessatti Qondaala, Ituu keessatti
Raaba, akkanatti ofqopheessu.
Boranaafi Gujii keessatti ammoo, yeroon aangoon
qabanna tartiibaan waggaa 45-53ttifi waggaa
40-48tti waan taheef, yeroon itti aangoof
ofqopheessan kun waggaa Gadaa 32-40 jiddutti
taha. Arsii kessattiis akkanuma.
Sadarkaa Dooramaa Booranaa keessatti iddoo
lamatti qoodama. Isaniis Raabamaafi Doorama
tahu. Raaboonni yeroo itti ilmaan kormaa Raaba
tahan jedhamu, waggaa 32-40 jiddutti. Waggaa
41-45tti Doorama jedhama. Inniniis yeroo itti
ilmaan kormaa Doorii jedhamaniidha. Kanaaf,
sadarkaadhaan bakka itti garaagarummaan jiru
tokko kana taha. Kuniis kan mul’ateef dagaagina
sirni Gadaa arge keessatti jijjiiramni waan
argameefi. Yoo sadarkaa kana ilaalle ilmaan
kormaa sadarkaa shanaffaatti (waggaa 32-40
jiuddutti)
a. Tuulama keessatti- Luba jedhama.
b. Ituu keessatti – Doorii (Raaba-dorii) jedhamu.
c. Boorana keessatti – Raaba dorii jedhamu.
d. Gujii keessatti – Doorii jedhamu.
Idileen sadarkaa kanatti kan ilaalle garuu,
Dooramni qophii aangoo qabachuuf godhamuudha.
6. Gadooma
sadarkaa itti ilmaan kormaa aangoo polotikaa
qabataniidha. Yeroo itti warri Gadaan isaanii
geessee biyya bulchan, seera ilaalan, dubbii Gosaa
furaniidha. Sadarkaa Gadaa kun Tuulamafi Ituu
keessatti isa shannaffaadha. Boorana, Gujiifi Arsii
keessatti ammoo, isa jahaffaadha. Ilmaan kormaa
sadarkaa Gadooma Booranaafi Gujii keessatti
Gadaa; Tuulamafi Ituu keessatti Luba. Ituu
keessatti Raaba doorii jedhamu. Yeroo Gadoomaa:
a. Tuulama keessatti – waggaa 32-40tti
b. Ituu keessatti – waggaa Gadaa 32-40tti
c. Boorana keessatti – waggaa Gadaa 45-54tti
d. Gujii keessatti – waggaa Gadaa 40-48tti
e. Arsii keessatti – waggaa Gadaa 40-48tti taha
Bakka heddutti Gadooma keessatti ilmaan kormaa
martinuu sadarkaa Gadaa keessaa hamma guutuu
biyyatti dhibdee polotikaa, dinagdee, hawaasafi
waraanaa cufa furuuf itti gaafatama qaba.
7. Yubooma
Sadarkaa gadaa, murni itti aangoo Gadaarra ture
aangoo eega gadi dhiisee itti dabruudha. Gadaa
jaarsummaa ykn manguddummaati. Sadarkaa kana
keessatti ilmaan kormaa akka hangafaatti
ilaalamu. Dalagaan isaanii warra Gadooman
gorsuu, qacheelchuu, maandhaa isaanii kan tahan
gorsuu, leenjisuufi barsiisuudha. Gara boodaatti
hojiirraa walaboomanii ta’anii sadarkaa itti
aangoo dhiisanii soorama seenaa kana keessa kan
jiran (kan Yubooma)
a. boorana keessatti – yubaafi booda Gadamoojji
b. Tuulam keessatti Yuba
c. Ituu keessatti Lubajedhamu.
Aadaa sirna gadaa
Dhallii namaa akkaata itti naannoo isaa hubatee,
itti jijjiiru qaba. Kana keessatti hooda, safuu,
beekumssa, qaroomaafi yaadumsi qooda guddaa
kennu. Kun hundi dinagdeefi polotikaa sirna
hawaasaarratti hundeeyfamau; kanneenirraa
calaqqisa argamaniidha. Akkaataaan itti dhalli
namaa naannoo isaa hubatee jijjiiru, daawwannoo
dinagdeefi polotikaa kan tahe kun aadaa jedhama.
Sirna Gadaa keessaas aadaan maddu jira.
Akkaataa dinagdeefi polotikaa issaarraa aadaan
hawaasa Oromoo keessatti, bara Gadaa dagaagee
beekamaa ture. “aadaa Gadaa” jedhama. Kuniis
sirnicha sirna aadaa fakkeessa. Hubannootni karaa
cufaa jiru akka aadaatti fudhatamee hawaasa
keessatti fudhatama. Kabajaa, safuu, hoodaafi kkf
qabaatee mul’ata.
Hoodni, safuufi amantiin sirna kana keessa ture
hundi nama hunda biratti fudhatamee kabajama;
sanii ala bahuun hawaasaa ala tahutti waan
fudhatamuuf nam-tokkoo kaasee hamma maatiitti,
maatiirraa kaasee hamma sabaatti qaama walii
tahanii jiraatu. Akkaataan jireenya maatii,
fuudhaafii heerumaa, hariiroon uumaa, baasiin
gumaa, adabni seeraa cabsaniifi kkf hundi aadaa
waan tahaniif fudhtamoo turan. Akka bara saniitti
eenyulleen aadaa kana nifudhata. Murtiin du’aa
yoo itti dabrellee namni sun aadaa waan taheef,
beekee eegumsa tokko malee, taa’ee adaba isarritti
raaw’atamu eeggata jedhamee himama.
Waliigalteen jaalalaan, tokkummaan
waliinjiraachuuniis aadaa jiraachaa ture. Aadaa
kanaa ala bahuun, badii isa sadarkaa oliitti waan
fudhatamuuf, namuu aadaa tahuu isaa waan
beekuuf sirna Gadaa keessa jiru kabajee osoo
keessaa hinbaasin kabajee jiraata.
Heeraafii seerri biyyaa akka aadaatti fudhatamee
jabaata, kabajamaas, waan jiruufi jireenya ofii
ittiin geggeeffatan taheef seeraafi heerri ni
kabajamu jechuudha. Waan sirna kana keessatti
tahan hundi akka aadaafii amala biyyaatti
fudhatamee kabajama. Akkaataan qabannoo
qabeenyaa itti loon bobbaasan, looniifi bishaan
eelaa baasan, itti qotaniifi akkaataan itti waa
horatanii dhimma ittiin bahan aadaa Gadaa
keessatti gamtoomaafi marabbaatu calaqqisa.
Namuu qabeenya mataa isaa qabaatee irratti
mirga guutuu qaba. Kan dhabe, kan balaan
uumaafi lolli dhaqqabe, kan dhukkubsateefi
abaarri itti dhufe, â€Ãâ
€šÃ‚¦ hundaa suphuufi hadhaadhiyyuun
beekamaadha. Har’allee Boorana keessatti
“Buussaafi Gonfa” kan jedhamu aadaa osoo hin
badin jiruudha. Namuu waan waliin horate waliin
dhimma bahuurraa dabree hawaasa keessatti
walbadhaasuufi walgargaaruun aadaa Gadaa
keessatti beekamaadha.
Aadaa kanaafi kana fakkaatan ala bahuun
hawaasa keessaa nama baasa. Jechuun adaba
namarratti seeraan dabru malee, waan halaba
(out-casted) nama taasisan jiru. Isaan keessaa
haraamuu, caphanaa,ââ‚Ã
‚¬Ã‚¦fikkf beekamoodha. Namni
haraamuu, caphana,.. jedhamee gosa keessaa bahee
namummaa dhabee kophaa jiraata; kophaa
godaana, qubata. Gargaarsi hawaasummaa
keessati godhamuuf irraa dhaabbata. Gatamuun
kana fakkaatan waan jiraniif namuu aadaa Gadaa
keessaa kabajee jiraata.
Sirna Gadaa keessatti yeroo garagaraatti aadaan
jireenya hafuura ilmaan Oromoo calaqqisan jiru.
Isaan keeessaa, ayyaanootni beekamoon
kabajamuun waan jiraatani. Ayyaanoota kana
keessaa kan sirna Gadaa keessaa jireenya polotikaa
ilmaan Oromoocalaqqisu ayyaana buttaati. Guutuu
hawaasichaa keessatti yeroo itti aangoon polotikaa
Gadaa tokkorraa kanitti dabru, ayyaana
kanarratti horiin (loon) qalamanii, nyaachisni
guddaan godhama. Sirba, tapha, faaruufi wanni
kana fakkaatan ayyaanicha ho’isan addatti
beekamoodha. Ayyaana buttaa malee, kanneen
sirna kana fakkaatanii maqaa mataa isaanii qaban
sadarkaa oliiti dhaabbata tahanii yeroo
beekoomaatti kabajaman hedduudha. Isaan keessaa
garii maqaa dhawuuf:
a. Boorana keessatti ayyaana Guduruu
buufachuufi qumbii walirraa fudhachuu.
b. Arsii keessatti ayyaana baraartiifi guduruu,
gurra uraafii jaarraa qaluu
c. Tuulam keessatti ayyaana dhagaa kooraafi
jaarraa
d. Gujii keessatti ayyaana bantii haaddachuu
Kanneenii alattiis, cidhni gargaraa yeroo
beekamootti bakka bakkatti godhamu, amantiiniis
qaama aadaa hawaasichaa waan taheef, ayyaanni
amantii sirna Gadaa calaqqisan bakka hundatti
godhamaa ture. Ayyaana kana namuu Qaalluu
(geggeessaa amantii) muuduudhaan eeyba kadhata,
waaqa (rabbi) isaa galateeyfata; biyyaaf nagaya
kadhata; hormaatarratti milkaa’uufi ilmaan isaa,
uummtaafi mataa isaaf, fayyaafi jireenya
kaadhata. Eegaa, kun aadaa amantii sirna Gadaa
keessaa isa tokko. Aadaa Oromoo kan bara sirna
Gadaa keessatti yeroon baay’ee barbaachisaadha.
Guyyaa, ji’a (baati), waggaafi Gadaa
lakkaawuudhaan hawaasa Oromoo sirna kan
jalatti qindeessuun qaama aadaa ture. Kanaafiis,
hawaasa Oromoo keessatti qaroomni (civilization)
addunyyaf gumaache kalandarii Oromooti.
Kalandariin Oromo kuniis, astronoomiin kan
qoratamee argameedha. Ji’a waggaa dhaloota, bara
Gadaa, guyyaafi ji’a ayyaanaa lakkaawanii add
baafachuuf tattaafii qormaata ji’a, urjiifi aduu
irratti godhamaniin qarooma Oromoota adda
godhuufi dagaagina argameedha.
Akkaataa kalandarii Oromootti ji’i (baatiin) tokko
guyyaa 29.5 qaba. Waggaan tokko ammoo, ji’a 12
ykn guyyaa 354 qaba. Kanneeniis addaan kan
baafataman:
a. ba’uu, seenuufi guddina addeessaa (ji’a)
lakkaawuu
b. bakka, teessuma, mul’ina urjiilee keessaa
buusaa, bakkalcha, ââ‚Ã
‚¬Ã‚¦ to’achuufi jala bu’anii
hordafuudhaan tahu.
Hojii mataa isaanii godhanii hordafuudhaan kan
hawaasicha beeksisan, beektoota astronoomiiti.
Isaaniis beekumsa qaban kana kaaniif
dabarsuurratti barnoota laatu, shaakalsiisu.
Guyyootiin ji’a tokkoo soddomitti dhihaatan hundi
maqaa mataa isaanii addatti qabaatu. Guyyootii
jiraniif maqaa 27tu jira. Har’a Boorana keessatti
hojjetaa jiru. Maqaan 27n tartiibaan guyyootii 27f
tahanii hoggaa xumuraman gara isa jalqabaatti
deebi’anii ammaas marsuuf itti fufu. Maqaaleen
27n kun:
Maqootiin kun hundi hiikkaa mataa isaanii qabu.
Inniniis urjii, bakkalcha fi ji’arratti
huundeeyfamee hiikama. Yeroo hiikamuus ayyaana
guyyootii sana ibsu. Fakkeenyaaf, Gidaadaafi
Gabra naannaa kan jedhaman ayyaana carraa
gadheeti. Inni hiikaa hangafaa waan qabuuf,
dureettiin jaalatama waan ibsuufi gaafa wanti
hojjetan hundi, waan namatti tolaniifi ayyaana
carraa gaariidha. Namni dhalatu ayyaana
akkamiirra akka dhalate kanneen irraa himama.
Eegaa, hundi qarooma Oromoota haatahan malee,
sirna Gadaa keessatti aadaa tureedha.
Waggaa tokko keessa kan jiran ji’ooti (baatiileen)
Oromoo 12n maqaa mataa isaani qabu. Isaaniis
bakka garagaraatti maqaa adda addaa qabaatu. Ji’
12n wagga tokko keessa jiran keessa guyyaa 354
akka jiran olitti kaafneerra, ammaas ni
yaadachiifna. Maqaan ji’oota Oromoo bakka
bakkaatti:
Walumaagalatti aadaan calaqqisan akkaataa
dinagdeefi polotikaa sirna tokkoo, akkaataa dhalli
namaa ittiin naannoo isaa hubatee jijjiiru tahuu
olitti ilaalleera. Sirna Gadaa keessattiis ummanni
Oromoo aadaa walii galatti bifa armaan olii
qabaatu akka qabu, aadaa kanarraahiis qaroomni
ummata Oromoo kalandara mataa isaa
qabaachutti akka geesse hubanna. Aadaa sana
keessaa immoo amantiin maddee maal akka
fakkaatu kophatti ilaalla.
Amantii sirna gadaa
Amaantiin Gadaa ummanni qabaatu keessaa tokko
waan sirna Gadaa keessatti hojjetaman aadaa
tahee qaama Oromootaa akka ture olitti
kaafneerra. Inniniis waan sirna sana gadi jabeesse
akka tahe hubatamaadha. Aadaa jiran keessaahiis
amantiin hordafamaa ture, sirnicha utubee kan
jabeesse dha. Amantiin aadaa haatahuu malee,
mataa isaatiis sirna Gadaa keessatti waan aadaa
tahan hundaa kan jabeesseedha. Kanaaf amantiifi
aadaan tokkummaa akka qaban ifaadha.
Jireenya hafuura qabu keessatti dhalli namaa,
hubannoota naannoo isaarraa qabuun waan
amanu qabaachuu waan malu, bara Gadaa
keessattiis ummanni Oromoo waan itti amanu
qaba ture. Inniniis waaqa jedhamee yaamama.
Waaqni waan hundumaa ol kan tahe, hunda kan
tolcheefi kan uume, waan hunda kan dandayu,
… tahuu
isaatti amanama. Ormootaafi waaqa kana kan
walqunnamsiisan qaalloota jedhamu. Hojiin
isaaniis akka qeesotafii sheekootaati.
Qaaloota yeroo jennu akka bara dhihoo keessa
ummata samuuf jecha sobanii, gowwoomsanii irraa
waa guurratan akka qaallichaa Habashaamiti.
Qaalloonni Oromoo bara sirna Gadaa ummata,
uumamaafi biyyaaf waaqa kadhatu; galateeffatu,
ummata eeybisu, looniifi madhaaniif rooba
kadhatu, warra bira dhaqanii waaqa kadhachuuf
isaaf muudaniif eebba keennu. Dalagaa kana fi
kana fakkaataniin akka ummanni amantii
Waaqatti amanuufi hordofu godhu; ummataafi
Waaqa walqunnamsiisu.
Oromoonni karaa Qaalluu Waaqaan walqunnamuu
malee, akkaataa biraas niqabu. Kuniis yeroo
garagaraarratti ofiis waaqa kadhachuufi
galateeyfachuudha. Bakki itti waaqa kadhatan,
galateeffataniis galma ijaarame keessa, muka jala,
gaararraa malkaa gubbaa,ââ‚Ã
‚¬Ã‚¦dha. Kanneen utuu kana godhanii,
yeroo yerotti dhaqanii Qaalluu muudu. Ayyaanni
amantiis yerootti ayyaaneeffataman nijiru.
Isaaniis warraa akka
a. Ateetee- Kan dubartootaati. Inniniis kan
mucaa argachuuti.
b. Nabii – Kan abbootiiti.
c. Jaarri ayyaana nagayaa, tikfama namaa,
looniifi qa’eeti.
d. Abdaarrii-ayyaana dachii midhaan baasisuuti
Qaallonniis sirna ayyaana amantii kanarratti
ummata gorsu, jajjebeessu. Qaalluun eessaa baha?
Gaaffiin jedhuu ka’uun nidandaya. Gosa keessaa
Qaalluun bahuu dandayuufi hin dandeenye jiru.
Inniniis waanuma hangafummaafi quxxusummaa
hawaasa Oromoo keessa turerraa tahuun nimala.
Qaalluun gosa beekamaa keessaa baha. Achi
keessaa bahee gosoota hafniifiis Qaalluu tahu.
Hundaaniis muudama. Qaalluun gosa beekamaa
keessaa haa bahu malee, tokko qofa taha
jechuumiti. Maadhee hawaasa olii sana keessaa
dabalanii jiraachuu dandayu. Garuu isaan keessaa
tokkootu hundarra kabajaa qabaata. Isaanutuus
yeroo ayyaanaa muudatti muudamaas.
Fakkeenyaaf Boorana keessatti Qaalloota (laduu)
shana jiran kan Maxxaarrii sadaniifi kan
Karrayyuu tokkoofi kan Odituu tokko keessaa
hunda caala kabajaman Qaalluu Odituuti.
Qaalluun isa oliiti jechuudha. Booranaa alaas
qaalluun kana muuduuf Oromoonni lafa fagoo
deemanii dhaqu. Kanaaf, sadarkaa qabu; warri gad
hafan isaa gaditti dalagu jechuudha. Qaalluun
abbaadhaa ilmatti dabree dhaalama deema.
Namchi mataan amantii Qaalluu hoggaa jedhamu,
haati mana isaa ammoo, qaallitti jedhamti.
Qaallitiiniis akkuma qaalluu kabajamtuudha. Ilma
hangafaatu yeroo abbaan isaa du’u dhaalee qaaluu
tahuuf carraa duraa qaba.
Sirna Gadaa keessatti muuda Qaaluu kan yeroo
malee, ayyaanni guddaan muuda jedhamu jira.
Inniniis jidduu Gadaa tokkootti yeroo (si’a)
beekamaafi dhaabbata tokkotti yaha. Ayyaana
kanarratti Oromoonni dhaqanii galma isaatti
qaalluu olii muudu. Sirna tahu keessatti yeroo
kanatti eeyba Qaalluu fudhachuun beekamaadha.
Namoonni lafa fagoorraa ka’anii dhaqan, ganda
isaatti muudu, achitti qalanii nyaatu,
nyaachisuusi.
Eegaa, walumaagalatti dalagaan Qaalluu inni tokko
namaafi waaqa walqunnamsiisuu akka tahefi
jireenyi hafuura Oromootaa maal akka fakkaatu
ilaalleerra. Qooda Qaalluufi amantiin sirna Gadaa
keessaas sirni kun sirna amantii tahuu fakkeessa.
Dhugaan isaa garuu sirna amantiis, ofkeessaa
qabaachuudha.
Qoodni Qaalluun qabu kan biraa aadaa Oromoo
kan sirna Gadaa keessaa tiksuufi too’achuudha.
Kanarratti bakka guddaa qaba. Akka aadaan sirna
kanaa hin dabnefi seerriifi heerri sirnichaa hin
banne qaceelcha. Ummata biratti karaa aadaafi
amantii fudhatama guddaa guddaa waan qabuuf,
yaada ummataa (public opinion) dhufata isaa jalaa
waan qabuuf aadaa Oromoo tiksuufi daandii sirna
Gadaarratti too’achuu dandaya. Waan haraamuu,
caphana,…
gatama namatti fiduu dandayanirraa ummata eegu
dandaya.
Kanneenirratti dabalee qoodni guddaan Qaalluun
qabu jireenya polotikaa sirna Gadaa too’achuufi
qajeelchuudha. Murtii polotikaarratti fuulaan yoo
qooda hin fudhannellee, waan yaada ummataa of
harkaa qabaniif qajeelchuufi karooraratti qooda
guddaa kennu. Filmaata qondaaloota Gaddfi marii
biyyaarratti argamuudhaan gargaaru. Filmaata
qondaaloota Gadaarratti yaada ummataa
sassaabuudhaan irratti hundeeyfamanii ija
filmaata godhamee adda baasanii labsu. Marii
seeraafi heeraarratti argamanii akka seerriifi
heerri Gadaa hin dabneef gorsuufi qajeechuudha.
Qoondaaloota Gadaa aangoo qabatan sirnaan
muudu, eeybisu. Kanaaf, amantiin sirna Gadaas
karaa kanaafii kana fakkaataniin jireenya
polotikaa ummata Oromoo qajeelchuurratti qooda
guddaa qaba.
Eegaa xumuruudhaaf, geggeessaa amantii kan tahe
Qaalluun jireenya hawaasa Oromoo sirna Gadaa
keessatti qooda guddaa sadii qabaata. Isaaniis:-
a. qooda amantii – namafii waaqa
walqunnamsiisuu
b. qooda aadaa- aadaa sirna Gadaa eeguuf,
tiksuufi too’achuu
c. qooda polotikaa- filmaatarrattiifi marii biyyaa
kan seeraafi heeraarratti too’achuufi
qajeelchuudha.
Dhumarratti aadaan, polotikaafi amantiin walitti
hidhatoo tahuun ifaadha.
Godaansa Oromoo Jaarraa 16ffaan duratti
Ummata akka waan hinsossoonee kana akka garaa,
dhagaa ykn galaanaa godhanii fudhachuun hin
tahu. Ummatni kamiyyuu ni sossoha, bakka takka
gadhiisee bakka biraatti ni godaana. Seenaa
ummatoota addunyaa keessatti godaansa heedduu
argina. Sababootii godaansaa uuman akkuma biyya
sanaafi haala yeroo sanaarratti hudeeyfama.
Kanaaf sababootii godaansa uuman bal’aafi
hedduudha. Haa tahuu malee, warri keessaa
gurguddaa tahan nijiru:
haalli qilleensaa geeddaramuun balaa dhufee jalaa
dheessuuf,
lakkooysi ummataa sanaa hedduu dabaluun
dhiphina lafaa dhalatu keessaa bahuuf,
lola ummatoota olla jiddutti dhalaturraa kan ka’ee
jalaa dheessuuf, kun ammoo lafa bal’ifachuuf tahu
nidandaya. Seenaan godaansa Oromoo kan jaarraa
16ffaan duraa haala kana keessaa tokkorratti
hundeeyfamuun nimala.
Madda ummata Oromoo yeroo ilaalletti Oromoon
Baddaa Baaleefi gam tokkoon Sidaamoo keessa
yeroo dheeraaf akka jiraataa ture mirkana’ee jira.
Kana jechuun Oromoon hangaa jaarraa 16ffaa
keessatti naannoo kana duwwatti murtaa’ee
jiraataa ture jechuumiti. Godaansa haala
akkasiitiin dhiheessinu warri barbaadan Qeesoota
Amaaraati. Godaansi ummata kamiyyuu ballama
qabatee jaarraa akkasiitiin godaana hinjedhu.
Godaansi sossohiinsa ummata dhawaataan, suuta
suutaan, yeroo dheerinaa keessa kan mul’atudha.
Waan jaarraa tokko keessatti jalqabee
dhumatuusiimiti.
Herbert S Luwis madda saba Oromoo argacuuf
afaanoota Kushoota bahaa bakka 24tti qoode.
Afaanoota isaanii karraa kan ka’e, durattii isaa
kun lammii tokko turan jedhe. Yroo dheeraa keessa
lakkooysii namaa babal’achurraa kan ka’e
walirraa fagaatanii qubacuun, lammiin adda
addaa dagaagan. Walbiraa godaanuun isaanii kun
yoomifii akkamitti akka jalqabameef wanti
beekamu hinjiru. Sababnii isaa garuu, waa asii
olitti ka’erraa tokko tahuun nimala.
Lammiin affaariifi Saahoon dura godaanuu waan
jalqaban fakkaata. Gara kaabaatti baay’ee
fagaatanii kan qubatan, isaan kana. Lammiin kun
lameen, yeroo dheeraaf waliin jiraataa turanii
booda foxxqanii akka qubataniidha. Bara dhihoo
dura akka waliin turan, afaan isaanii walitti
seenuun ragaa nitaha. Lammiin Somaalee itti
aanee sossohee waan gara bahaafi kibbaa qubate
fakkaata. Ar’a Somaaleen Oromoorraa gara
bahaafi kibbaa, Affaarirraa ammoo, gaara kibbaa
qubattee jirti. Akka Herbert S. Luwis jedutti isaan
kanatti aanee kan godaane Oromoodha. Affaar,
Sahoo,Somaaleefi Oromoon hoggaa naannoo
sanarraa sossohan Kuushootni bahaatti hafan
ammoo, naannoo ha’a irra jiraatan keessa
babal’atan malee hedduu hinsossoone.
Ormoon naannoo Mandayyoo, Dallofi Jamjam bara
dheeraa jiraataa turanii dhawaata lafa naannoo
isaaniitti siqaa, irra jiraataa dhufan. Yeroo isaan
itti naannoo Baaleefii Saidaamoorraa sossohanii
hamma Wallootti qubatan waan beekamuumiti.
Garuu yeroo dheeraa keessa tahuun hinmamu.
Eega Affaarootnifi Saahootni naannoo amma jiran
keessa jiraachuu jalqabanii ykn, isaanumatti
aananii godaananii qubacuun waan malu.
Akkaata godaansa Oromoo kan ofumaan deemaa
ture kana, isa jaarraa 16ffaatti akeekuun hin tahu.
Abbaa Baahireenuu yeroo akkaataa godaansa
Oromoo barreeyse:
Booranni biyya isaarraa yeroo godaanu hundaan
hindeemu, warri deemuu hin baebaanne nihafa.
Kuniis waan mootii hinqabneef namni isaan ajaju
hinjiru. Abbaan akka barbaade hojjata” jedhe.
Bartels namchi jedhamu ammoo, akkaata godaansa
Oromoorratti yeroo barreeyse: nama Oromoo tokko
gaafatee deebii argate:
Yeroo tochoonu, ilmi hangafni bakka itti
dhalateetti hafa. Ilmi quxxusuun dabranii lafa
haaraya barbaadu. Ilmaa warra hangafaa
naannotti hafan ammoo, firoota isaanii barbaaduu
ka’anii godaanu” jedhee jira. Ragaa kana
lamaanirraa kan hubachuu dandeenyu, Oromoon
godaanee daangaa Keeniya kaasee hamma daangaa
Tigreetti qubachuu kan dandahee, yeroo dheeraa
keessa akka tureedha. Jaarraa 16ffaa keessa yeroo
Baahireen barreeyse baayyinni ummata Oromoo
meeqa taha? Akaa inni jedhutti utuu godaansi
Oromoo yeroosunii jalqabee ilmaan quxxusuu
duwwaan dabranii kan qubatan yoo tahee, lafa
har’a Oromoon irra jiraatu firfirsanillee wal
hingayan jechuudha. Kanaaf Oromoon jaarraa
16ffaa keessa godaanuu jalqabee utuu hintaane,
jaarraa hedduun dura suuta suutaan, ilmi
quxxisuun dabree qubachaa, lafa margaafi bishaan
qabu barbaadaa godaane. Haalli jaarraa 16 ffaa
keessatti mul’ate waan gara biraa waan taheef
bakka isaatti laalla.
Duraani Oromoonni lammi tokko tahee osoo
jiraatanii gosa Booranafi Bareentummati adda
bahan. Bareentumafi Booranni osoo naannoo
Baaleefi Sidaamoorraa gara bahaa jiraatanii
lakkooysi namaafi horiin saanii baay’achuun
gargar fagaatanii qubachuu jalqaban. Ilmaan
Bareenummaas akka walitti heddommaachaa
deemaniin adda adda bahanii qubachuu jalqaban.
Ituufii Humbanni Mormorirraa ka’anii gara
bahaatti sossohanii osoo adda hin bahin naannoo
Odaa Bultum qubatan. Odaan Bultum kaarra
Qurquraarraa gara kibbaatti hamma km 3 fagaatee
argama. Ituufi Humbanni osoo adda hinbahin
bakka Odaa Bultum kana
Akkaataa bultuma Oromoon Gaddaan duratti.
Sirna Gadaan duratti akkaataa bultuma Oromoo
akkam akka ture wanti beekamu hinjiru. Qesoota
Amaaraa tahee, seenaa barreeysitoonni gara biraa
waa’ee Orommoo kan barreeyssuu jalqaban
jaarraa 16ffaa booda ture. Kanaf sanaan dura
seenaan Oromoo ture himamsa aadaarraa, yoo
argame malee wanti galmaa’e kan jiru
hinfakkaatu. Haa tahuu malee, himamsa afaaniitfi
akkaataa dagaagina hawaasaarraa kan hubachuu
dandeenyu nijira.
Akkaataan dagaagina hawaasaa dhala namaa
kamiyyuu sirna keeessa dabru niqaba. Haalli
hawaasni Oromoo bara Gadaa duraafi booddee
keessa ture calaqqiinsa akkaataa bulmaata isaa ka
duraanii nuuf ibsuu ni dandaya. Akkuma ummata
kamiyyuu hawaasni Oromooo gamtooma Doofaa
durii keessa turuun isaa waan hin’ooleedha. Kuniis
akkaata qabeenya dhuufaa turerraa calaqqisa.
Ormoon waan tikfattee tureef qabeenya dhuunfaa
loon yoo tahe malee, lafti qabeenya gamtaa ture.
Kanaa wajjiin kan ilaalamu haala walbulchiinsa
isa jidduu tureedha. Hamma hawaasaatti Oromoon
guddatee sadarkaa gosa gahetti manguddoo
walbulchuun saa hin’oolle. Kabajaa manguddoon
hawaasa Oromoo keessatti qabu har’allee aadaa
Oromoo keessatti ni calaqqisa. Hamma Gadaan
dhufee bakka qabtetti, manguddootaan buluun kun
sadarkaa sadarkaan guddataa dhufuun hinhafne.
Haalli kun akkamitti ture? Akkamitti hojjachuu
dandaye? Wanti kana calaqqisu boodana dabree
maali? Hawaasa Oromoo keessatti aadaan
jalqabarraa ka’ee gad dhaabbate hariiroo
hangafaafi quxxusuuti. Hariiroon kun dura
sadarkaa maatii keessatti gad dhaabbate. Ilmi
hangafni kabajamuu qaba. Warri quxxusuu isa
hordofu. Waan inni jedhe dhagayu. Hariiroon kun
maati duwwaa keessatti hin hafu. Akkuma
hawaasni sun dagaaguun hangafaafi quxxusuun
ibidda, manaafi gosa keessattiis hojiirra oola.
Ibiddi hangafaafi quxxusutti adda bahee
walkabjuuniifi waliif abboomamuun buluun
dhalate. Hariiroon ku yeroo dheeraaf hawaasa
Oromoo keessatti hojjate.
Goso tokko keessa karra hagafaafi quxxusuu
nijiraatu. Maanguddootni karra hangafaa keessa
jiran biyya (gosa) bulchuurratti qceelfama kennu.
Karri quxxusuu tahan warra hanagafa kana jalatti
gurmaawu. Sadarkaa gossaattiis hariiroon kun
ittifufa.
Gositi hangafni yeroo warra kaan qaceechu,
geggeessu warri quxxusuun isaan jalati walitti
qabamu. Gosootni kun akkasitt walitti dhufanii
tokkooma gosaa (tribal confederacies) tolfatan.
Tokkoomni gosaa kun ammoo, walkeessatti
hangafaafi quxxusuu qabu. Hawaasa Oromoo
keessatti akkaataan hangafaafi quxxusutti
qoodamuun kun qoodama karra cimdii” ( bi social
differentiation) jedhama. Sirni bulmaataa karra
lamatti qoodamuun bu’ureeyfamu ammoo, sirna
qoodama karra cimdii taha. Hamma Gadaan
dagaagutti akkaataan bulmaata Oromoo sirna
kanaan ture.
Sirna kana keessatti manguddoonni qooda lammii
guddaa qabu. Manguddoota lammii keessaa
ammoo, kan warra hangafaa hunda dursu.
Waldhabbii gosoota giddutti ka’u manguddoota
kanaatu ilaala. Gosoota Oromoo keessaa Booranni
hangafa. Kanaaf waldhabbiin gosa bareentumaa,
fakkeenyaaf Arsiifi Macca giddutti yoo ka’e,
manguddoota Booranaatu ilaala. Haalli kun gosa,
karra hundumaa keessatti akkasitti hojjata.
Ummata ollaa wajjiin waldhabbiin yoo argamees,
gumaabaasuufiis tahee, falmu, lola waan ilaaluufi
dantaa lammii saanaa guutummatti
manguddootaan ilaalamee murtii godhata.
Sirni manguddootaan qaceelu amaluma hawaasa
doofaa taheellee kan Oromoon dhaabbate jabaa
tahuun isaa, hangafaafi quxxusuun qaceeluu
isaati. Sirna isa booddee Oromoon tolfatee ittiin
walbulcheef bu’ura kan qabuudha. Sirna Gadaa
keessatti hawaasni Oromoo gartuu lamatti
qoodamee ijaarame. Gartuuleen kun aadaadhaan
hangafaafi quxxusutti beekamu. Garuu
waltoo’achuufi walgituurratti walqixa. Fakkeenyaaf
qoodamni akkasii Boorana keessati Sabboofi Goona,
Maccaa keessatti Booranaafi Gabaro, Ituu keessatti
Kuraafi Galaan, Humabnna keessatti Qal’oofi
Anniyya jedhamanii beekamu. Haaluma qoodama
gosa keessa duraan tureetu Sirna Gadaa keessattiis
ga-dhaabbate jechuudha. Kanaaf Oromoon osoo
sirna Gadaatiin as hin bahin, sirna qoodama karra
cimdii kanaan walbulchaa ture jechuun
nidandeenya.
Meelba:- bara 1522-1530
Gadaan duraa Melba jedhama jedhu. Bara Gadaa
Melbaa kana Oromoon abbaa duulaa itti ijaaree
yeroo duraatiif gurmuun duulutti bobbaase. Baalli
weeraruu jalqaban. Namichaa Amaara Faasil
jedhamuu wajji wal lolanii inniis duularratti du’e.
Duula Oromoo isa jalqabaa kanaan amaarri
“dawwee” jedhan. Afaan Amaaraatti dawwee
jechun, dhukkuba lamxii jechuudha
Muudana:- bara 1531-1538
Mebatti aane kan Gadaa fudhate Muudana jedham.
Bara Muudana kana seera jajjabaa lama tumatan.
Lubni hundi duula akka duuluufi laf haaraya
baasan malee, meendhicha akka hin hidhanne kan
jedhu ture. Baalli kan Melba weeraruu jalqabe
Muudannii dhufatee hamma qarqara laga
Awaashitti irra qubatan. Barri Gadaa Muudanaa
kun bara Islaamoonni Imaam Ahmadiin
geggeefamanii Kiristaanootaan lolaa turani. Lola
diinootni isaa lamaan wal lolaa jiran kan Oromoon
faana bu’aa ture. daareel Baates namichi jedhamu
kana hogga ibsu:
“lolli Kiristaanoota Habashafi Islaamoota ture,
Poortugaal gargaartee Imaam Ahmed mohamullee
hin dhaabbanne. Waggootii dheeraaf dabree dabree
deemsifamaa ture, gaallaa (Oromoo) haala kana
duukaa bu’anii too’ataa turan. Gartuun lamanuu
waan miidhameef lafa isaanii deebifachuuf ÃÃ
‚¢Ã¢â€šÂ¬Ã‚¦.yeroo itti
eeggachaa turan”jedha. Lolli amantii yeroof
akkasiit qabbanaawullee Oromoon lola isaa itti
fufe. Muudanni Gadaa isaa fixee Kiiloleetti dabarse.
Kiilolee:- bara 1539-1546
Kiiloleen duula bal’isee DAWAAROO rukutuu
jalqabe. Yeroo gabaaba keessati handhuura
Dawaaroo gahe. Galaawudoos mooti Habashaa
waana isaa kan nama Adaal Mabraq jedhamuun
hoogganamu Dawarrootti bara 1545tti erge.
Waraanni Adaal Mabraq harka Oromootti baqe,
inniniis lbaqatee laga Awaash cehe.Dawaaroo kan
jedhamu Arsii har’aatt akeekuun ni dandayama.
Galaawudoos Islaamoota mohuu dandahullee
Oromoobiyya isaaf lolu mohuu hindandeenye.
Kiiloleen Gadaa isaa fixee Biifoleetti dabarse.
Biifolee:- bara 1547-1554
Galaawudoos Adaal Mabraq moohamuu dhagayee
humna isaa waliti gurmeessee, waraana warra
Poortugaaal fogargaarsisee Oromootti bara 1548tti
duule. Humna guddaan itti haa duulu malee,
Galaawudoos Oromoo mohuu dadhabee, dahannoo
jabaa qotatee Dawaaroo keessa qubate. Oromoonni
achitti iti marsanii lolan. Lolli sun guyyaa
kudhalama deeme. Oromoonni gootummaan lolanii
gaafa 12ffaa waraana Habashaa dahannoo isaa
keessatti itti seenaanii hedduu irraa fixan. Ajajaan
waraana Poortugaal Ayrees Deez jedhamu
madaawee boodarratti du’e. Waraanni Habashaa
moohame. Biifoleen duulaa isaa itti fufef Awaash
cehee Faxagar waraanuu jalqabe. Hatahuu malee,
Biifoleen akka Luboota isa duraa lafa haaraya
qabachuudhaan hinmilkooyne. Habashoonni
dhiibbaan Oromoo gara qa’ee isaaniitti dhihaataa
waan deemeef jabaatanii dura dhaabbatan.
Galaawudoos humna Habasha gurmeesse ofirraa
ittise. Gama lachuu namni dhube baay’ee guddaa
ture. biifoleen Gadaa isaa raaw’atee Michilleetti
dabarse.
Michille:- bara 1555-1562
Michilleen Gadaa isaa kana keessatti namni diina
hinajjeefne akka hin fuune, akka rifeensa mataa
hinhaaddanne seera baase. Akka jedhamuttiis bara
Gadaa Michillee kana Oromoon fardaan loluu
jalqabe. Kanaaf lafa fagoo deemee lola gochuu
jalqabe. Bara Michillee kana Galaawudoos waraana
isaa Faxagar keessa jiru namicha Hamalmaal
jedhamuti kennee bataskaana Imaam gube ijaarutti
deebi’ee ture. bara 1555tti Michilleen Hamlmaaliin
bakka Dagoo jedhamutti waraanee moohe.
Hamalmaal moohamuun Faxagariin guutumatti
harka Oromootti deebise. Faxagar Enriif Karrayyuu
har’aani taha. Michilleen Faxagar irra dhaabbatee
Cafaat, Bazimoofi Daamoot salphatti rukutuu
jalqabe. Gibeen qabachuuniis yeroo kana jalqabe.
Bara Michillee injifannoo guddaan argame garuu,
Islaamootarratti ture. islaamoonni eega Imaam
Ahmed boodde weerara guddaa kiristaanatti
bobbaasuu hindandeenye. Hatahuu malee,
geggeessaan Islaama Harar Amiir Nuur jedhamu
humna walitti qabatee bara 1559tti Habashatti
duulee ture. amiir Nuur Galaawudoosiin lolee
moohe. Galaawudoos lola sanirratti du’e. Amiir
Nuur osoo inni injifannoo argatetti gammadee
ayyaaneeffachaa jiruu Oromoonni magaalaa Harar
seenanii barbadeessan. Oduu kana dhagahee osoo
inni gara Harar deebu’utti jiruu Michillee bakka
Tulluu Hazaaloo jedhamtutti haxxee hidhee rukute.
Lola taherratti Oromoonni haa dhuman malee,
Amiir Nuur ni moohame. Waraanni saa harka
loltuu Oromoorratti akka dhadhaa baqee dhume.
Lubbuun kan keessa bahan xiqqaa ture. lolli Tulluu
Hazaaloo biratti tahe kun, yeroo dheeraaf
Kiristaanaafii Islaama gidduutti lola deemaa ture
addaan kute. Humni Oromoo jabaachuun warra
wal lolaa turan gidduutti nagaya buuse.
Michillee booddee duulli Oromoo karaa lamaarraa
tahuu jalqabe. Isaaniis:- Oromoota Walloofi
Maccaafi Tuulama. Wallo keessati kan Gadaa
fudhate Harmuffaa jedhama. Kan Tuulama ammoo,
Hambisaa jedhama. Lachuu saanii bara 1563-70tti
Gadaarra turan. Hambisaan duula gurguddaa
Shawaa keessatti haa godhu malee, Amaara
dhiibuu hin dandeenye. Mootiin Habashaa Minaas
akka jabatti Hambisaafi Harmuffaa dura
dhaabbate. Osoo isaaniin loluu du’e. Malaak Saggad
ykn Sarta Dingil kan jedhamu itti dabree aangoo
Habashaa qabatee lola ittifufe. Hambisaaniis lafaa
haaraya osoo hinqabatin Minas wajjiin lola
gurguddaa osoo godhuu Gadaan isaa
dhumeeRoobaleetti dabarse. Harmuf Awaash cehee
Affaarootafi Habashootatti duuluu jalqabe. Gi’orgis
Haaylee kan jedhamu bakka qacinaafi Wayaata
jedhamutti lolee Moo’e. Affaarootaas lolee naannoo
Angootttifi Ganyi jedhamtu qabatee taa’e. Bakka
kanarraa Amaara Saaynitiifi Bagamidritti duuluu
jalqabe. Harmuuf bara Gadaa isaa Affaaroota,
Argoboota, Doobotafi Amaaroota Ganyiifi Angoot
keessa turan waraanee ofjala galchee gosa
moggaase. Harmuuf Affaaroota humna isaanii
cabsee baay’ee xiqqeese. Harmuuf Gadaan isaa
dhumee Robaleen harka fudhate.
Robaleen:- bara 1571-1578
Malaak Saggad Roobalee Shawaa keessatti
dabarsuu dhoorke. Ofiis garuu Roobalee dhiibuu
hindandeenye. Shawaa keessatti haala akkanaan
jiru Roobaleen Walloo Bagamidir seenee lola
jalqabe. Yeroo kana Malaak Saggad saffisaan gara
Bagaamidir deebi’ee Roobalee bakka wayinaa Dagaa
jedhamutti lolee Roobaleen moohame wallotti
deebi’e. Roobaleen hoggaa Malaak Saggfad gara
Bagaamidir deeme, duula Shawaa keessatti
jabeessee Amaaroota gara hallayyafi olqatti naqee
biyya qabate. Malaak Saggad deebi’ee Roobalee
dhiibuu hindandeenye. Gadaan isaanii dhumee
lamaanuu Birmajiif bakka gaddhiisan.
Birmajii:- bara 1579-1586
Bara Gadaa Birmajii Oromootni Amaara hedduu
muddanii qaban. Birmajiin Wallo Bagamidir
seenanii Amaaroota hedduu fixan. Aantoot Malaak
Saggad lolarratti dhuman. Amaara Bagamidir akka
malee hollachiisee. Birmajiin Tuulamaafi Macaa
lafa fardi isaa dhaquu dandayu mara deemee
qabate. Amaarri gara hallayyaafi holqatti galtee
dhokatte. Osoo gaarri, hoqiifi hallayyaan hinjiru
tahee, namni hafu hinjiru jedhaa ture barreeysaan
Habashaa Alaqaa Atsimeen. Malaa Saggad oliifi gad
fiigutti yeroo isaa fixe. Birmajiin Shawaa laga
Jamayii cehee Waqaa qabatee Amaara lafa Oromoo
keessa qubatte Habashaarraa kute. Achirraa
Gojjaamiifi Daamoot waraanuu jalqabe. Malaak
Saggad nama Daragoot jedhamu akka Gojjaamiin
ittisuuf itti erge. Birmajiin lola Daaragootirratti
du’e. Haa tahu malee Birmajiin gara dhuma Gadaa
isaati jala Gojjaam keessatti moohame. Biramjiin
bakka lachuutti Gadaa gad dhiisanii Mul’atatti
dabarsan.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

“Duumeeysaa rooba fida – roobaa badhaadha fida,” ja’u.

Ebla 30, 2020 Abbaa Urjii tiin: Kuni gaafajiruu fii jireenyi lammii dhunfata isaanii jala ture, …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *