Tasfaye Daba Kumsaatiin
Akkuma ammaan kana argaamaa fi muldhataa jiru ummatni Oromoo waliigalaa keessatuu Qeerroon Oromoo biyya keessaa gabrummaa diduun qabsoo hadhaawaa diina hamma funyaaniitti hidhate irratti harka qullaa deemsisaa jira.
Ummatich qabsoo eegaluun isaa baatiiwwaniin kan lakkaawwamu osoo hin taane; Jaarraa tokko irra kan taree fi edda biyyi abbaa isaa kolonii Habashaa jalatti kufee kaasee kan deemaa jiru ta’u illee; al tokko ho’aa, al tokko qabbana‘aa, altokko diina raasuu irra taree bifa kamiinuu ta’u jigsaa; garuu galii kaayyoo isaatii osoo hin ga’in diinichi akka bofaa muuxachaa kufaatii irraa damdamachuun as ga’uun isaa kan namuu irra guddaan beekuu fi seenaan dhugaa ba’u dha.
Kanneen keessaa bara weeraraa Minilike eegale 1880-mman keessa ittisa biyya abbaa isaa irratti dura dhaabbanaa ummaanii Oromoo godhe yoo yaadanne; qabsoon ummati Arsii, Harar, jimmaa, wallagga , shawaa fi kanneen biraa keessatti qabsoo ta’e irratti wareegama sabi keenya kafalee fi injifalloolee diina irratti galmeesse; garuu diinni tooftaan deebi’ee irra aanee as ga’e kaasuun yaadannoo seenaaf ga’eessa dha.
Qabsoowwan Oromoon diina waliin hanga ammaatti godhaa as ga’e yoo ilaalle diinni Oromoo gootummaan ykn heddoominaan ummata Oromoo caaluun osoo hin taane ; heeddoomina hidhata meeshaa hammayaan Oromoo caaluu fi tooftan diinaa Oromoo irra caaluun ta’uun isaa waan seenaa keessati mul’ate dha. Akkasis ta’ee Oromoon qabsoo haala wal qabataa fi walitti ejjaa ta’een deemsisuu baatus; qabsoon addaan citee akka hin beekne seenaan ragaa ba’a.
Kanneen keessaas haga tokko yoo eeruuf jedhame kanneen akka qabsoo baalee, qabsoo maccaa fi tuulamaa, sociiwwan afran Qalloo, kanneen kana fafakkaatan beebbeekamoo eerun ni danda’ama.
Egaa kun kan nu hubachiisu qabsoon sabni Oromoo gochaa ture akkuma haalaa fi yeroo isaatti utuu addaan hin citin deemaa kan turee fi rakkoowwanii fi dadhabina garaagaraa qabaatus tattaaffiin ta’aa ture laayyoo akka hin turree fi yeroo dhaa yerootti ol guddachaa dhufuu argina.
Sadarkaa Qabsichi gulantaa addaatti qaxxaamure tokko bara 1970-mman yoo ta’u; bara kana qabsoo deemaa ture saboontota ilmaan Oromoon haala walii galaa qabsoo ta’aa ture xiinxaluun fala akeekuun gulantaa addaatti ce’ame dha. Qabsichi bifa faffaca’ee deemaa ture irraa, bifa qiindoomina qabaate tokkoonii fi haala caalaa walitti ejjaa ta’een oofuun barbaachisumaa isaa hubachuun isaa hubtame.
Qabsichi bifa haaraa fi ayinaa addaan qindoomuun barbaacisummaa isaa kanneen hubatan yoggusii eegala 1970-mman keessa ABO bu’ureessuun qabsoo uummatichaa gulantaa addaatti ceesisuun qaabsicha bifa qabachiisuun irra kaayyoo xaliila ta’e tokko bifa Bareeffamaan lafa godhachuun eegalee injifannoowwan cuccululuqoo namuu haaluu hin dandeenyee fi amman kana argaa jirru galmeessuun danda’amee jira.
Bara 1970-mman keessa Gulantaan qabsoon Oromoo irra ga’e sadarkaa ol’aanaa fi bu’ura seenaa kaleessaa keessatii daawwatamuun danda’uu fi egerefis mul’ata daawitii ta’uu akkasumas walumaa gala furtuu fi akeektuu galaii xumuraa qabsoo sabiichaati jedhamee lafa kaayuun ni danda’ama.
Dhugaan kun kan wal nama hin gaafachiifnee fi ifa cululuqee mul’atu dha. Waayeen qabsoo Oromoo yoo ka’u kan itti akka kaayyoo bu’ura qabootti itti masakamnu eegala kana ta’uuns hubatamaa dha. Milkoominaa fi kufaatii, ciminaa fi dadhabina qabsoo Oromoo keessatti ta’anii fi jiranis maldaalanii ilaaluu fi xiinxaluunis as irratti hundaa’uun ta’uun gatii fi daafii qaba.
Egaa qabsoo uumatichaa deemaa turee fi jiru keessatti haalawwan keessa darbamee fi itti jiramu dhaabbatanii ilaaluu ni fi xiinxaluun, laafinaa fi cimina qaban beekuun, laafina ofii fooyyeffachuun, cimina qaban akka kununfamuuf qoodi inni gumaachu kan wal nama gaafachiisu hin ta’u.
Dheerinni baroota qabsoon kun fudhatee fi amma illee itti jiru Oromoo osoo abdiin hin kutachiisin, abbaa dhalatti dabrsaa qancee qabsichaa fufaa asiin ga’uun fi qabsichi haalaanis ayinaanis cimaa fi dagaagaa deemuun gulantaa kana ga’uun cimina qabsoo sabichaa yoo ta’u; akka barbaadamuttii fi eegamutti galii kaayyeffatee qabsichi eegalame guuttachuun hanqachuun mudaa ykn qaama laafin ofii ta’uun amananii fudhachuunis dirqama haqaati.
Ciminni eerame qabsichi yeroon dheeratus addaan osoo hin citin deemuun waanta akeekuu fi hamilee qabsoo har’a itti jiramuuf ta’uun fayidaa ykn gatii guddaa qaba. Qabsichi abbaa ilmatti darbee haala fedheenuu as ga’uun; bu’urri qabsichaa ykn kaayyoon qabsichaa kan haqa irraatti hundaayee fi gaaffiin qabsichi qabatee ka’a hanga yoonaatti akka hin deebi’in kan raggaasisu ta’a. Kunis kan akeeku haala fedheenuu kaayyoo ykn gaaffiin qabsichi itti eegalame deebi’u malee bifa kamiinuu haala kamiinuu qabsoon eegalame dhaabachuu ykn dhaamuu fi dhibamuu akka tasa hin dandeenye agarsiisuun hamiilee uummatichatti horuun dhaarraa ykn abjuu diinaa doomsa.
Dheerini yeroon qabsichi fudhatee akka qaama laafina qabsichaatti ilaaluun kan malu yoo ta’u; kanaaf daafii kanaatis waliin ilaaluun dirqama. Ijoon kun irra guddaa barbaachisaa fi muteessa dha.
Dheerina qabsichaaf kanneen qooda gumaachan keessaa tokko tokkoon tuquun barbaachisoo dha.
1 Meeshaa lolaan hidhannoon wal gitu dhabuu
Bara Oromootti duulee Oromoo beeyi’ina hidhata meeshaa hammayyaan caaluun edda cabsee kaasee diinni Oromoo hanga har’aattillee olaantummaa hidhata meeshaa hammayyaa qabaachuun haqa lafa jiru dha. Kun ka’umsa irraa Oroomoon durfamuu fi akkasumas diinni sabichaa kan of hin dagannee fi yoomuu meeshaa isaa kan of harkaa hin buusne yoomuu qophaawaa ta’uu akeeka.
Kunu dadhabina ummatichaa fi ummatichi uume osoo hin taane; eegala irraa kaasee diinni waan dursee itti qophaawuun godhee fi edda injifannoo Oromoo irratti galmeessee kolonii jala galchatee meeshaa argachuu fi qabachuu dhorkuun Oromoon akka carraa meeshaa hin arganne gochuu danda’uu isaati. Empayeratti keessatti seerri meeshaa mirga meeshaa waraanaa qabachuu Oromoo kan dhorgu yoo ta’u; kanneen biroof akka mirgaatti eyyamamee durii hanga ammaatti akkasumaan jira.
- Qabeenyaan uummatichi caalamuu
Empayerttii keessatti lafti Oromoo qabeenyaan badhaatuu taatu illee waan bittaa Kolonii jala galtee jirtuuf qabeenya isheetti kan abboomuu fi itti tajaajilamaa as ga’ee fi ammas itti jiru diinota Oromoo eegalaa hanga ammaatti tartiibaan wal geddaraa bitaa jiraniiti. Oromoo qaabeenya ga’eessa dhabuun, waan qabsoo isaaf isa barbaachisu akka bifa kamiinuu guuttachuu hin dandeenye ugguruu ykn daangessuu irra taree; diinni Oromoo sabichaa keessaa kanneen dantaaf bitaman sabphaatti argachuu fii itti tajaajilamuf gargaaree jira.
Falli furtuu kanaa Oromoon waan qabu kamuu irraa waloon qabsoo saba isaaf akka ramaduun gumaachu ta’uu. Qabeenya Oromoo diinni itti fayyadamu gogsuu, dhorguu fi saamuun ofiif dhiimma itti ba’uu dha.
Ummati Oromoo biyya ambaa irra faffaca’ee qubatee jiru qooda duddaa qaba. Sagalee uummatichaa ta’uun gidiraa diinni Saba Oromoo irratti geessisaa jiru saaxiluun isa tokko ta’ee osoo dhiibbaa diina irrati godhuun madda deeggarsa dinagdee diinaaf ta’u goosuu irras taree gargaars dinagdee wal irra hin cinnee qabsoof gumaachuu fi argamsiisuun dirqama isa guddaa dha. Dinagdeen qabsoo tokkoof lafee dugdaati.
2 Tooftaa
Tooftaa diinni Oromoo ittiin cabsee fi ittiin of jalatti tursuuf tattaafate akkasumas yeenaa kufus ittii deebi’ee bayyanate Oromoota bifa adda addaan gowwoomsee ofitti qabuun ture.
Qaamni dadhabinaa kun isa guddaa fii dheerina qabsiif daafii guddaa dha. Akkuma seenaa irraa hubatamu bara Minilk Oromootti duule biyya Oromoo kan qabachuu danda’e Oromoota tooftaa diinaa kana hubannoo dhabuun ykn dantaa dhuunfaa ofii qofa ilaaluun humna diinaa waliin dhaabbatanii saba isaanii cabsaniin akka ta’e ifa dha.
Edda cabsees diinni tooftaa Oromoo Oromoon cabsuu fi Oromoon Oromoo gowwaamsuu haala itti fufeen itti fayyadamuun as ga’ee jira.
Qa’aa kana duuchuuf falli ummata Oromoo akka inni seenaa isaa haqaa kan darbee fi jiru gadi fageenyaan barsiisuun damqasuun akka sabboonummaan isaa ititu gochuun fardii dha. Kanneen saba ofii dantaaf jecha jalee diinaa ta’an irratti tarkaanfii adaba ta’uu malu gochuun dirama dha. Fakkeenyaaf qooduu, lagachuun kophxeessuu, du’aa fi gaa’ela isaa diduu fi kanneen kana fafakkaatan dhiibbaa irraan ga’uun jalee diinaa ta’uu guutuutti dhibamsiisuu baatus ni xiqqeessa.
3 Beektotti irra wayyabni qasoo irratti gutuu guutuutti qooda fudhachuu dhabuu.
Qabsoo ummatichaa keessatti akkums hubtamu irra wayyabni beektota Oromoo qabsoo godhamaa as ga’e keessatti heddoominaan seenuun jaaramuun aarsaa kafalchiisuu malu guutuutti hojiin argarsiisaa hin jiru.
Beektotti qabsoo keessatti qooda hogganuummaan gumaachuu malan guddaa fi barbaachisaa ta’uun haqa cululuqaa dha. Kun utuu beekamuu irra wayyabni beektotaa itti of kennuun guutumaatti qabsootti makamanii dirqama fudhachuu yoo dheessan argaa as geenye.
Kanneen idlee barnootaa bifa addaa addaan Ogeessa ta’an rogaan qabsootti makamuun jaarmiyaatti miseensa ta’uun kaayyoon masakamanii dura bu’ummaan geggeessuu irra akka gorsituu qofaatti of dhiiheessanii ta’uun mudaa guddaa dha. Ijaarsa komuniitii ykn afooshaa keessatti of kaayanii taa’uun beektoa keenyaa baroota qabsoo kana keessatti walitti ejjaan kan mul’ataa as ga’ame yoo ta’u; ammas itti fufee jiraachuun mudaa guddaa dha.
Fakkeenyaa bara 1980-mman keessa sadarbaa barmoota hammayyaa sadarkaa gurguddaa kan ga’an qabsoo sabichaa keessatti kallatiin qooda fudhachuu irra akka gorsituu ykn Activist qofa of gochuun deemaa akka turanii fi akka haalaa fi amala kamuu dhalatu keessati gegeddaramaa deemuun dhuma ira jireenya ofiitti deebi’uu deddeebi’ee waan muldhatee fi ayyaan laallatuummaa ta’uun dhugaa jala arriiqamee himamuu qabu dha.
Bara1992 boodas waanuma wal fakkaatutu mul’ate. Ammaan kanas beektoti hedduun dalaga siyaasaa yeroo hambaa isaanii qofa akka itti tolee fi itti fakkaatetti hojjechuu irra taree ijaaramuun qooda ga’eessa taphataa akka hin jirre argaa jirra. Akka Ogeessatti qorannootaa fi gorsa irratti qooda fudhachuun gaarii ta’ee osoo jiruu; qabsoo ta’u keessatti bakka amanan keessatti ijaaramuun kaayyoo amanan fudhachuun itti masakamanii qooda gumaachuun bu’aan isaa ifaa dha.
Ammaan kana keessattuu biyya alaa keessatii human nama baratee hedduu Oromoon kan qabu ta’uun kan nama gammachiisuu fi abdachiisu yoo ta’u; irra guddaa nama baratee dhuunfaan akka itti toletti waa gumaachaa jiraachuu irra taree ijaaramee qabsootti qooda fudhachaa hin jiru.
Qabsoon kaayyoon masakamuu gaafata. Kaayyoo amana irrattis cichoomina qabaachuu fi aarsaa baasuus gaafata. Kaayyoon yoo masakaman immoo heeraa fi seeraan waan daangeffanii fi dirqamaniif sirnaa akka ta’an godha. Kanaaf bu’aa ijoa qabeessa qabsoo keessatti gumaachuu fi milkoomina arguuf hayyoonni keessatuu beektonni oguma kamiituu jaarmiyaa qabsootti jiran keessati miseensa ta’uun ijaaramuun barbaachisaa dha.
Tefaye daba Kumsa