Oduu Haaraya
fincila 75

Sadaasi 9 kan bara 2016 waggaa 11n guyyaan FDG itti labsame

Waggaa 11ffaa Guyyaa FDGn Itti Labsame ykn Itti Eegale  Yoo Yaadannee
Oollutti Kaayyoo Gootonni Keenyaa Irratti Kufan Galmaan Gahuuf  Waada
Keenya Haaroomsuun Dubbii Ijoodha!///

Baarentuu Gadaa Irraa
gessogeda@gmail.com
……………………………….

Sadaasa 9 bara 2016, sadaasa  9 bara 2005 waggaa 11n  dura  guyyaa
borii dhaabni qabsoo bilisummaa Oromoo adda durummaan gaggeessaa turee
fi jiru ABOn  Ummanni Oromoo keessumaa ilmaan isaa qeerroon  akka
gamtaan ka’anii mirga abbaa biyyummaa, hiree ofii, ofiin
murteeffachuuf falamatan, akka mirga abbaa biyyummaaf FDG walirraa hin
cinne gaggeessan  guyyaa waamicha itti dhiheesse, ykn FDG itti
labseedha.
Gaafa  waamichi ykn labsiin FDG kun  itti labsamee booda kan baroota
dheeraaf gabrummaa jala turee fi  qabsoo walirraa hin cinne karaa
gurmaayee fi karaa adda addaatin gaggeessaa ture ummanni Oromoo
keessumaa qeerroon Oromoo FDG murna gabroonfattuu Wayyaanee irratti
finiinsuu eegale.  Baddaa-gammoojjitti, magaalaa- baadiyyaattii,
dhiiraa dubartiin, xiqqaa-guddaan diddaa isaa itti fufuudhaan qabsoo
hidhannoo gotichi WBOn gaggeessu cinaatti diina dhiphisuu eegalan.
Inni tokko jedhe; lama jechuun waan hin oolleef , FDG waggoota 11n
dura waamicha ABOn taasiseen eegale  sun kunoo injifannoorratti
injifannoo galmeesisaa har’a gaheera. FDG irraayis gara FXGtti cehee
Wayyaanee  waggoota 25n darbaniif nugoolaa fi nusaamaa turte kufaatii
jalaan gaheera.
Ummanni Oromoo keessumaa barattoonni dhaabolee barnootaa sadarakaa
godaarraa kaasee amma Yunivarstiitti baratan FDG kana walirraa
fuudhuun sadarakaa  har’a qabsoon Oromoo irra jiru kanaan gahaniiru.
Gaafii mirga abbaa biyyummaa, gaafii hiree ofii ofiin murteeffachuu,
qabsoo dhugaa, qabsoo haqa ofii deeffachuu ummanni Oromoo barootaaf
itti jiru kana; kuun harka duwwaa qalama qabatee waraana diinaa dura
dhaabbachuun, kuun ammoo ogummaa Artii qabuun , kuunis fiigee yeroo
injifatee galutti diddaa sirna wayyaaneef qabu argisiisuun, kan hafe
ammoo beekumsaan, qabeenyaa fi dandeettii qabu maratti fayyadamee
diinni akka baaragu,addunyaan akka quba qabaatu taasisaniiru.
Keessumaa Sirni gabroonafataan abbaa irree Wayyaaneen akka dirqamee
wal laaqu, waan qabee gadi dhiisu dhabu taasisuun waan amma Impaayeera
Itiyoophiyaa keessatti argaa jirru kana akka arginu taasisaniiru. Kun
Injifannoo safaramee hin dhumneedha.
FDG Sabboontoonni Barattoonni Qeerroon Oromoo, manneen barnootaa
sadarakaa  gadirraa amma Yunivarstiilee akka Jimmaa, Adaamaa,
Finfinnee, Amboo, Haramaayaa fi kanneen birootin  eegalame kun
babbalatee barattoonni yunivarstiilee Oromiyaa keessa jiranii fi
manneen barnootaa sadarakaalee adda addaa hirmaachisee achirraayis
gara guutuu ummata Oromootti cehee kunoo har’a FXGti cehe finiinaa
jira.
Sabboontonni qeerroon Oromoo FDG waggaa 11n dura waamicha ABOn taasise
hordofanii eegalan   har’as qabsoo injifannoolee gara garaa
galmeesisaa  gara FXGti cehe kana wareegamaa qaalii kaffalaa adda
durummaadhaan gaggeessaa jiru. Sirna gabroonfattuu ummata Oromoo
waggoottan 25n darbaniif saamaa, ajjeesaa fi dararaa akkasumas biyyaa
godaansisaa turte tanatti xumura gochuuf  kuffisanii kufaa jiru.
Qeerroon Oromoo hidhaa, ajjeechaa fi dararaaf osoo hin jilbiiffatin
inni tokko yoo kufu inni biraa itti darbaa qabsoo Oromoo, qabsoo
haqaa, qabsoo mirga abbaa biyummaa, qabsoo hiree ofii ofiin
murteeffachuu finiinsuun akka eenyufuu ifa ta’eetti kunoo balabala
bilisummaarran gahaniiru.
Qabsoon manneen barnootaa adda addaa keessatti keessumaa ammoo
Yunivarstootaa fi koleejootoota keessatti nyaata dhaabuun, hiriira
gaggeessuun, mormii adda addaa dhageesisuun eegale sun, gara daandii
kutuu, dhaaboolee murna gabroonfattuu Wayyaanee gubuu, waraana
Wayyaanee fi lukkeelee diinaa naannoo Oromiyaatii hari’anii baasuu fi
adabuutti cehee kunoo sirnichi  dhiphuurraa ka’ee  labsii yeroo
atattamaa baasee  biyya bulchiinsa waraanaa jala jirti. Mootummaan
baatilee muraasa dura ummanni biyyattii waan najaalateef  kunoo 100 fi
dhibbaan filatame jedhee humnaan paarlaamaa biyyattii dhuunfate
har’ammoo mormiin natty ka’e jedhee ministeeroota erga muudamanii
waggaa hin guutiin kaasee kan biraa muude. Gaafiin ummata Oromoo kana
ta’uu baatus maddi isaa garuu FXG ummanni Oromoo gaggeessaa jirruudha.
Kunis injifannoodha.
Kan FXG ummata Oromoo keessumaa ammoo  sochii qeerroo Oromoo kanaan
baragee fi muddame murni gabroonfataa Wayyaanee  guyyaa  FDG kun
eegaleerraa kaasee amma har’aatti  sabboontoota,barattoota, qeerroo
Oromoo  adamsee  hidhuu, dararuu fi ajjeesun qabsoo Oromoo kana
dhaasuuf yaaluus hin milkoofne. Qabsoon hin dhaabbanne.  FDG gara
FXGtti cehee, ittuu cimee kunoo dhiiga keenyaan injifannoorratti
injifannoo galmeessisaa jirra. Galanni kan qabsaawoota dhiiga isaanii
dhangalaasaa turanii fi jiranii haa ta’uutii kunoo dinni dhiphatee,
Oromoon ammo qabsoo ilmaan isaatin gammadaa jira, qabsoo caaluufis
bakka jirutti allaa manatti wal ijaaree socho’aa jira. Kaayyoo
gotoonni darbaa dabrsaan irratti kufaa turanis mirga abbaa biyyummaa
galamaan gahuuf kutatee FXG eegale finiinsaa jira. Kunis
Injifannoodha!
Egaa Sadaasa 9 Waggaa 11ffaa Guyyaa FDG ABOn itti labsame ykn waamichi
itti dhihaatee fi sabboontoonni daraggoonni Oromoo waamicha kana
hordofanii qabsoo hadhooftuu murna gabroonfataa wayyaanee irratti itti
eegalan yoo yaadannee ollu kan ta’uu qabu injifannoolee keenya
kunuunfachaa isa hafeef waada keenya haaroomsaa, qabsoo caaluuf  wal
ijaaraa ta’uu qaba.
Sadaasi 9 kan bara 2016 waggaa 11n  guyyaan FDG itti labsame; jala
bultii isaa  sadaasa 8 bara 2016 irraa eegalee  biyya keessaa fi bakka
hawaasi Oromoo argamu maratti sagantaa adda addaatin akka yaadatamee
oolu  karoorri bahe ni muldhisa.   Kanumaan wal qabatee Hundii keenyaa
bakka sirna kana itti gaggeessinutti kan wal yaadachiisuu qabnu;
adaraa, ykn imaanaa gottoota sabboontoota qeerroo kufanii gaafii
ummata Oromoo, gaafii mirga abbaa biyyummaa dhiiga isaanii irratti
gadi naqan, lafee isaanii irratti caban galamaan gahuuf waadaa keenya
haaromsuudha.  Goota yaadachaa kaayyoo goonni kuffeef galmaan gahuuf
caalaatti hojjechuudha. Kan hunda dursuu qabu holola diinaaf gurra
kennuu dhiisanii FDG waggaa 11 dura adda duree qabsoo Oromoo ABOn
labsamee kan hara’a dhiiga  qeerroo Oromootin FXG cehe Fiixa baasuuf
Hojjechuudha. Isa santu imimmaan Oromoo haqa, isa santu dhiiga
gootoota keenyaatti kabaja hora.

Qabsaawan ni kufa qabsoon itti fufa!
Kabajaa fi ulfina bara baraa qabsaawoota keenyaaf!
IUO!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …