Oduu Haaraya

“Warra qabsoo waliin eegaltan of-irraa ariitee fixxee qofaatti hafte. Ijoollee ganda tokkoo qofa walitti funaantee addunyaa irra facaaftee akka saree maraatuu nutti dutuu fi nu ciniinuu malee qabsoo Oromoo taakkuu tokko achi butuu hin dandeenye.”

HOO’AA HADHOOFTUU!

Ayyaana waggaaf godhadhaa!

Jaale Daawud Ibsaa Ayyadaawud ibsaaanaaf (Hogganaa ABO-SG)

Bakka jirtutti nagaan kiyya kabajaa fi jaallumaa durii siif haa tahu! Jaalakoo ganamaa, qabsaawaa Oromoo bara jireenya kee qabsoo irratti dabarsitee lubbuun har’a gahuunkee hedduu nu gammachiisa. Firaaf abdii, diinaaf yaaddoo turuunkees ni yaadatama.

Haa tahu malee, bara 1998 yeroo Hogganaa olaanaa ABO taatee filamtu QBO bakkaan geessa jennee abdii guddaa sirra keenyee turre. Addi Bilisummaa Oromoo rakkoo haa qabaatu malee rokkoonsaa tokko ture. Waggaa 3 keessatti fuutee bakka lamatti cabsitee cabaa guddaa fudhattee Asmaraatti hafte.

Waggaa 3 booda gamaa gamanaa walitti funaantee kora sabaa jettee waan hin fakkaanne tokko gammoojjii Ertiraa keessatti geggeessite. Namoota qabsoo hidhannoo dhiisii maatii fi ofii isaanii iyyuu hogganuu hin dandeenye hogganoota olaanoo gootee muudattee, ”gadaan gadaa bilisummaa ti” jettee nuuf dhaamte. Hogganarra waggaa 6 guutte jechuu dha.

Waggaa 4 booda gaafa akka ati kora sabaaf qophaawaa hin jirre baran murni keessaan sitti dammaqe tokko fincilee bahuudhaan ‘’jijjiirama’’ jedhee fottoqe. ABO waggaa torban si harka turetti 3tti baqaqe jechuu dha. Kora sobaa 3ffaa isa dabre kan fakkaatu illee osoo hin waamin waggaan 8 dabree barri 2012 dhufe. ABO in 3 ture afur, shan. . . tahuudhaan akka ‘’hydrea’’ ofiin ciccitee lubbuu horachuu eegalee, ganda dandatti galee hafe. Hangasitti ati waggaa 14f hoggana turuunkee ifaa dha. Tarii haalatu hin mijanneef taha jenneen obsaan si dhaggeeffataa turre. Namoota maqaa gandummaan si balaaleffatanis sirraa qolataa turre.

Har’a-bor jijjiirama fidinnaa jennee osuma eegnuu barri 2016 seente. Waggaan 18 kuttee, ABO kudha meeqa taatee, gabrummaan hundee nuratti jabeeffatte. Kana gorsitoonni kee maaliif sitti hin himini akka turan hin beekne.
Mara

Nuti sababakeetti akka Wallaggaatti dhalachuu keenyatti qaanofnu taanee, itti arrabsamnee salphataa jirra. Osoo wareegama hanga lubbuutti kafalluu, sun gatii dhabee itti arrabsamuun keenya haqa miti. Kana atis hubatuu hin dadhabne.

Kanaaf har’aafi bor osoo hin jenne Kora Hatattamaa waamii, ABO caccabee gandatti galee taahu akka walitti deebi’uuf carraaqii baallii QBO dabarsi. Kora hatattamaa kana akka bakkaan gahaniif qabsaawota ABO duraanii kanneen akka (Galaasaa Dilboo, Xahaa Abdii, Zagayee Asfaawu . . . faa) fi miseensota WBO duraanii addunyaa irra faca’anii jiran waamii dirqama itti kenni. Qaanii fi saalfii keessaa nu baasi. Gaafas nutis ija jabaannee akka bakka tokkotti waliin dhalanne dubbanna.

Yoo yaandi kiyya kun ammallee fudhatamuu baate, takka turees sitti deebi’uun kiyya hin hafu.  Baasii kora hatattamaa kanaa fi bakka isaa ammoo nuti dirqama fudhannee irratti hojjenna.

Jireenya soora kee ilaalchisee nuti ilmaan Oromoo biyya ambaa jiraannu dirqama fudhannee si qubsiifna. Natti hin mufatin, garaatu na didee, usuu yaalus didee na tuxxuqa. Bakkan deemutti mataa gadi qabadheen dadhabe. Ni gaha, qaaniin na gaheera. Ekeraa fi dhaamsa Abbayeetu hirriba na dhorke. Halkan hirriba keessaa ka’ee taahuun nuffe. Eeenyuttan himadha, dhukkuba kiyya bulgaafachuu malee. Maali hamma yoomiittii? Himimmaan kiyya rabbi haa argu!

Nagaa wajjin,
Galatoomi!

Mathias Gudina irraa.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

One comment

  1. Ob. Mathias,
    Hedduu galatoommi!

    Xalayaan bareedduun barreesite kun kan kee qofa otoo hintaane kan oromoota hundaati jedheen amana. Waa geeddaramuu qaba.