Oduu Haaraya

“Jette jettee faradduu Funaantuu oduu dharaa, Meeqaatam waliin dhooytee Facaafte garaa gara…..”

#Saphaloo / Abdulbasit Kediriin

Wellisaa Abraahim Baadiyyaa Eenyu?

“Yaa waaqayyoo nu gargaari,
Gabrummaan affeelamne Oromoonii,
Takka faraqaan nu haa geessu bilisummaani…”
——

“Yaa Oromoo gantuu
Saba isiitti qabsoo qabdu,
Bilisummaa dura dhaabbattu,
An Oromoodha ifiin jettii,
Oromoo dhiiga cunfattii,
Hijaan yoom nu garaa baddi..”
—–

“Jette jettee faradduu
Funaantuu oduu dharaa,
Meeqaatam waliin dhooytee
Facaafte garaa gara…..”
—–

Biyya abbaa kiyyaa Oromiyaa,
Tola malee numa abbaan biyyaa,
Dhunfadhu malee’n cittu qabsoon tiyya,
Halkaniif guyyaa itti fufuu kiyyaa…”
—–

Yeroo mara sirba Abraahim Baadiyyaa yoon dhageeffadhu dubbiin seenaan isaa dhokachuu kun sammuu koo na waraanti. Namni sabaaf waan gaarii hojjatu tokkolleen seenaan isaa reeffa isaa waliin awwaalamuu hin qabu. Seenaa wellisaa kanaa namni guutuu ol baasu akkamitti dhabame laata? Jedhee nama komachuu irra Seenaa isaarraa xiqqo yoon isiniif qoode hoo?
——-

Wellisaa #Abraahim_Baadiyyaa wellisaa jaalatamaa qofa osoo hin taane walaleessaafi yadaleessaa sirbaa cimaadha. Wellisaa qofaas osoo hin taane qabsaawaa, sabboonaafi quuqamaa sabaa ture. Artist Abraahim Baadiyyaa wallee warraaqsaa baayyee hojjate. Tahuus garuu wellisaan kun akkuma wellisaa Usmaayyoo Muussaa faa wallee warraaqsaa waan sirbe qofaaf shira wayyaaneen itti xaxxeen yeroo dheeraaf mana hidhaatti darbatamee mana hidhaa Harar fi kan biraa keessatti baayyee cafaqamaa ture. Sababuma kanaan illaawee dhukkubsachaa turee bara 1994 A.L.H itti du’aan addunyaa kanarraa boqote.

Abraahim Baadiyyaa Harargee Bahaa Aanaa Kombolchaa araddaa Tuulaa (Ammad-Suur) ti dhalate. Tuulaan ganda shuunaa magaalaa Harar irraa gara kallattii Kaaba-Bahaatti fageenya KM 10 irratti argamtu yoo taatu Harar irraa gara Kombolcha, Malkaa Raafuutti yoo imaltu Muuxii, Hassan-Geey, Dirree Xayyaaraa dabartee osoo bakka Faaxee hin geenye meeyxuu Ammad-Suur’iin gara harka bitaatti gortee xiqqo deemtee dhaqxa. Tuulaan oomisha jimaatiin baayyee kan beekkamtu yoo tahu magaalaa Harar, Kombolchaafi Aaw-Wadaay dabalatee Jijjigaaf illee gosa jimaa filatamaa fi jaalatamaa dhiheessuun beekkamti. Qonnaan bultoonni araddaa Tuulaa bishaan boollaa baafachuun kuduraa adda addaa kan akka dinnichaa faa ni oomishan Akkasumaas midhaan akka boqqolloofi bishingaa oomishuuniis hin komatamtu.

Tuulaan ganda baadiyyaa tahuus amala magaalummaatti hiixachuu kan qabduufi jiraattoonni isii qabeenyaan kan badhaadhaniidha. Konkolaataan manuma qonnaan bulaa mara dura dhaabbata. Qotee bulaan gariin konkolaataan ooyrutti bobbahee galgala nyaata beeyladaafi akaafaa irratti fe’ee gala. Wellisaa Abraahim Baadiyyaas ganda amala magaalatti hiixachuu qabu kana keessatti dhalatee hojii artiitiin sirbaas hojjachaa, ooyruu isaas qotachaa ture. Weellisaa Abraahim wellisaa seenaa guddaa qabu tahullee seenaan isaa garuu akkuma ukkamamtetti hafteedha. Namni seenaa Artistii kanaa guutuu beeku yoo barreessitan galata guddaa argattu. Suuraa isaas namni qabu yoo naaf ergitan jaalala Oromummaan isiniif qaba.

Mee eega Tuulaa dhuftan xiqqo isin siqsee Malkaa Raafuu isin geessuu? Yoo Meeyxuu Tuulaa bira dabartee Bakka Faaxee dhaqxa. Bakka Faaxee jechuun maqxuu Ammad-Suur bira dabartee xiqqo deemtee kan geessu yoo tahu moggaasni maqichaa maqaa dubartii Faaxee jedhamtu tan iddoo san teessee jimaa bitaa turte irraa maqaan moggaafameef. Bakka Faaxee dabartee hadaammii karraatiin yoo achi qaartu araddaa Sibiiluu seenta. Sibiiluun naannoo afaan karaatti magaalaa xiqqoo Biiftuu jedhamtu qabdi. Biiftuun magaalaa maqaa walda daldaltoota Jimaa Biiftuu Diinshoo irraa moggaafamte yoo taatu dur jimaan walda Biiftuu Diinshoo waan itti hojjatamuuf magaalaa oowwituu turte. Biiftuu dabartee Magaalaa Malkaa Raafuu seenta. Hundaafuu Welliisaa Abraahiim Baadiyyaa naannoo kanatti dhalate jechuufi malee waa’ee seenaa naannoo kanaa haasawuuf miti. Barbaachiisaa yoo tahe immoo yeroo biraa itti deebina.

#Yaadachiisa: Namni suuraa Wellisaa Abraahim Baadiyyaa qabdan yoo naaf ergitan galata Oromummaa waliin kabajaa sabummaa guddaan isiniif qaba. Dabalataan seenaa wellisaa kanaa namni beeku waanuma beeku irraa yoo naaf qiqqiccan walitti qabee seenaa isaa guutuu barreessee isiniif dhiheessuuf wa’adaan seena.

“Seenaan nama Oromoof waan gaarii hojjatee reeffa isaa waliin awwaalamuu hin qabdu!”
Mudde, 2016

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …