Oduu Haaraya
yaazoo kabbadaa

DHUGAA NI QAL’ATTI MALEE HIN CITTU: OBBOO YAAZOO IRRATTI MAALITU RAAWWATAME?

Oromiyaa keessatti ummatni keenya yeroo ammaa waraana Mootummaan nama nyaatan Woyyaanee irratti bane keessa jira. Haati Oromoo ilma isii tokkicha diina gara-nyaattoo dhala namaatiif hin qabneen dhala ofii dhabdee mar’imaan isii belbelaa ijji harmee Oromoo imimmaan fixattee coraan namummaa irraa dhumee, akka guuyyeetti ibiddaa gaddaatiin waxalamaa jirti. Qaroo fi hayyootni sabaa kan boru biyya teenyaaf abdii ta’an yakka tokko malee akka busaawaa bosonaatti adamsamanii karchallee diinaa keessatti doorsisaa fi ajjeechaaf saaxilamaa jiru.

Kun osoo kanaan jiru, gochi ilmaan Oromoo baqaan biyyoota addunyaa kana irra faca’anii jiraachaa jiraanii yoo ilaallu ammoo waan garaa nama nyaataa fi nama qaaneessan heddutu dhagahama. Wal dhidhiibuu fi anatu si caalaan diyaaspooraa keessatti dhalate, atakaroon wal gufachiisuu akka uumaa ture namuu quba qabna. Halli kun Oromoo biyya alaa jiraataniif haara ta’u baatus, ummata keenya biyya jiruuf waan haaraa fi rifaatu yeroo uummu ni mala. Ololli dharaa yeroo dheeraaf hawaasa kana keessatti bifa duulaatiin mooraa qabsoo Oromoo laaffisuuf keessaa fi alaanis sududaan diinaan warra mindeeffamuun godhamaa turee jira, ammas haalli kun bifuma wali fakkaatuun adeemaa jira.

“Du’aa fi hirriba booda kan aane waan heddu dhagaha ” akkuma jedhamee mammakamu, biyyoota alaa keessattuu biyyoota Afrikaa kan ollaa biyya teenyaa jiran kan ummatni Oromoo baay’een roorroo diinaa isa irra jiru jalaa baqatee, itti qubate keessatti waan argaa fi dhageettii, gurraa fi ija namaatti hin tollee dhagahuu fi argutti jirra. Maal jechuu hin oolitan?

Dubbiin akkanaa:

Baqataan Oromoo maqaan isaa Obbo Yaazoo Kabbabaa jedhamu biyy Masrii magaalaa Kaayroo keessatti qaama hin beekkamneen lilmoo summii qabuun, morma isaa irra waraanname oduun jedhu, suuraa isaa mana yaalaa ciisu agarsiisu facafamee ture. Kanuma irraa ka’udhaan, ilmaan Oromoo bakka gara garaa jiraatan, wal harkaa fuudhanii, maxxansuun marartoo fi miidhamuu ilma Oromoo kanaaf namuu gadda itti dhagahame barressee “Baga Rabbi Si Baasee” jechudhaan dhaamsa dabarsaaf turan. Kun osoo kanaan jiru, qaamoota gara garaatiin ololli jibbisiisaa gosa Arsii irratti xiyyeeffate hedduu hafarfamaa ture.

Akkuma Obb. Yaazoo woraannamee kufeen, namootni dursaanii argan haala ijaan argan gaafadhee akkanatti ibsan. Namootni kun (name withheld for privacy reason) akkana jedhu:

” Anaa fi miiltoon koo magaalaa turree osoo gara mana keenyatti galuuf deemaa jirru Obbo Yaazoo bakka kufetti arginee bira geenyee, lafaa ol qabnee maal taatee?” jennee gaafanne. Obb. Yaazoon akkana jedhee deebise, “namoota eenyummaan isaanii ammaaf addaan baafachu hin dandeenyetu duuban dhufanii na ukkamsani wohiin na waraananii na biraa deeman” nuun jedhe. Namootni ragaa bahan kun itti dabaluudhaan “achi booda anaa fi hiriyyaan koo baajaajii kireeffannee, Obb. Yaazoo fuunee wayta gara mana yaalatti deemuuf imala eegalu, daqiiqaa muraasa keessatti hiriyootni Obb. Yaazoo kan wajjiin hooggansa Komaniitii (Cayaa community leaders) kan Caayaa Baqattoota Oromoo Masrii jedhamu keessa wajjiin dalagan fiiganii dhufan. Nuti bilbila nama tokkotis hin bilbille, eenyu akka bilbiles hin beeknu, akka lolaa didsaa dhufuu jara kanaa malee. Fedhiin keenya dursa namni kun ogeessa yaalaatiin rakkoo irra gahe kana qoratamee yaala akka argatu ture. Ogeessi fayyas qorannoo barbaachisu cufaa erga taasiseef booda Obbo Yaazoo rakkoo hamaaf akka hin saaxilamnee ogeessi erga mirkaneessee booda, gara mana isaatti galuu akka danda’u dubbate. Ergas, Obb. Yaazoon “na dhukkubaa jira ijji koo na argaa hin jirtu” nuun jennaan tole jennee gara mana yaala ogeessa fayyaa ijaatti geessine. Achittis ijji isaa yeroodhaaf malee yoo tasgabahee ni wayyaawa nuun jennaan, anaa fi waahilli koo hiriyyoota isaa wajjiin achumatti dhiifnee gara mana keenyatti galle. Barii yoo hirribaa kaanu wanti ta’ee fi ololli social-media gubbatti deemaa ture hedduu na rifachiise” jedha namni ani dubbise kun kan yeroo Obb. Yaazoo kufee kaasee hanga mana yaalatti waliin ture”.

Biyya Masrii keessa ilmaan Oromoo gulaantaalee gara garaa keessa jiran kanneen diinaafis akka salphatti saaxilamu danda’an, Mootummaa Woyyaneetiin beekkaman hojii, maqaa, fuulaa fi ogummaa isaanii ifatti beekuu nama heddutu jiraata. Akka fakkeenyatti: Artistootni Oromoo bebbekkamoon kanneen akka Fayyisaa Furii, Meetii Jamamaa, Taajuu Shurrubbee, Kadir Sa’id Xiqqaa (Shibirree), Gaaddisee Shamsaddiin, Mohammed Morkama fi kkf, akkasumas aktivistoota, gaazexeesitootni, barreessitootni fi hayyootni ogummaa gara garaa qaban baay’etu jiru. Dargaggootni goototni qabsoo sabaatiif mallattoo warraqsaa ta’an kan firaa fi diinnis fuulaa fi gocha isaanii qajeelatti beekuu kan akka Darg.Gammadaa Waariyoo fi Fiqaaduu Shumataa fa’as achuma Kaayroo keessa baqattummaan jiraachaa jiru. Qabsaa’otni buleeyyiin kanneen akka Raggaatuu Roobaa fi Jaallaan qabsoo isaan wajjiin turan baay’eetu jiru. Dabalataanis, hayyootni fi qabsaa’otni Oromoo sadarkaa gurguddaa Mootummaa amma biyya bulchaa jiru keessattis tajaajilaa turaaniif, booda irra qabsoo Oromotti makaman, amma ammoo dirqama isaan irraa eeggamu bahaa jiran kanneen akka Obbo Yoonatan Dhibbisaa fa’as achuma Kaayroo jiraatu. Qabsaa’ota hanga sadarkaa ol aana ABO (murna Shanee), dubbi himaa dhaabichaa ta’uudhaan kan tajaajilaa turan, Obbo Boruu Barraqaas Masrii keessa baqattummadhaan jiraacha jiru. Ilmaan Oromoo qajeelatti bilbila Ambaasadara Itoophiyaa kan biyya Masrii, Mohammed Diriiriinis guyyaa guyyaan dorsifamanis achuma magaalaa Kaayroo keessa jiraatu.

Oromoonni gummachaa gurguddaa qabsoo ummata keenyaatiif godhan, kan diinaan barbaadaman, kan sadarkaa ol-aanatti Mootummas tajaajilaa turan nagahaan magaala Kaayroo keessa jiraatu, maaliif Obb. Yaazoon isaaniin addaa of godhe? Obb. Yaazoon bu’aan inni qabsoo ummata keenyaaf buuse kan isaanii waan caaleef moo? Mee gaafii saliphaa tokko wal haa gaafannu, maali bu’aan qabatamaan Obb. Yaazoo ummata Oromootiif buuse?

Gochi Obb. Yaazoo irratti raawwatame jedhame kun namoota halaala taa’an dhagahaniif dhugaa fakkaachuu ni mala. Garuu haqni jiru diraamaa baratamaa fi ololli akkas asiin duras biyyoota baqaa keessatti bifuma wali fakkaatun raawwatama ture. Fakkeenyaaf: Keeniyaa, Ugaandaa, Suudan,Somaaliyaa fi achuma Egypt keessatti baratamaadha. Gocha akkasi namootni baqattummadhaan UNHCR jalatti galmaa’an “Case” isaanii tolfachuuf jecha olola akkasi akka uuman warri baqattumma keessa dabre muuxannoo irraa ni beektu. “Protection” fi hiree biyya sadaffaa argachuuf wanni hin godhamne hin jiru. Dubartiin jaarsa hin qabne maallaqa namaa kafaludhaan ilmoo abbaa hin qabne ulfaa’udhaan dirqisiisanii na gudeedan jettee UNHCRtti iyyatti,warri dhiiraa kashlabboota biyya keessatti baqatanii, kan isaanitti dhiyaataniif maallaqa kafaluudhaan of tumsiisuu. Diraamaa sobaan uumamu akkas kun baratamaadha. Kana jechuun haala baqattumma keessatti, dubartootni hin gudeedaman jechuu kiyyas miti. Kan Obbo Yaazoo garuu diraamaa iskiriiptiin isaa yeroo dheeraaf barreessa cimaadhaan barra’ee, daayreektara cimaan deeggaramee kiroogirafara bilchaatan soname, ilmaan Oromoo afanfajeessuuf kan qophaa’ee ta’uu agarsiisa.

Dhuguma akka Obbo Yaazoon gadi bahee Raadiyoo Simbirtuu jedhamu irratti dubbate sanatti hiree Baaroo Tumsaatu mudatee moo? Kan caalatti nama ajaa’ibu, namni kun lafumaa ol ka’ee sadarkaa hammas gahu ofii kennuu isaati. Tarii walitti bu’iinsi namoota dhuunfaa wajjiin qabaachuu mala, garuu yoo nama dhuunfaa tokkoon wal dhabbii qabaatee, dhimmicha san fuudhee gara ijaa fi gurraa saba keenyaa, OMN fiduunii fi OMN qeequn ija ummata keenyaa jaambsuu dha. Akka ibsa Yaazootti namootni gocha kana irratti raawwatan Garee OMN Kaayrooti. OMN’n erga yoomiitii waraana furgaatuu leenjifatee? Armaa dura, tuutni OMN kan Kaayroo yeroo jalqabaatiif akka inni biyyaa baheen, hiree inni ummataan wal baruu fi of beeksisu kenneef akka ture ni yaadatama. Obbo Yaazoo dhimmoota gara garaa irratti OMN’nitti dhiyeessanii yoo dubbisan argaa turre. Har’a garuu wayta inni OMN garee Kaayroo fi hooggansa ol-aanatu na ajjeesuuf shira narratti raawwatan jedhu ni qaanfadhe, ittis gaddee, tarii namni kun karaa kanaan dhageetti (attention) argadha jedhee ta’a jechuudhaan yaadus jalqabe.

Akka baqatootni biyya Masrii jiran dubbatanitti haalli jiruu biyya sanii heddu jabaata, kanaafis, yeroo heddu baqatootni gargaarsa fira alaa barbaadu. Tarii Obbo Yaazoonis jiruun tun waan itti jabaatteef karaa kanaan Oromoon isaaf rifatee “Go Fund Me”n gargaarsa akka guuruuf woy barbaade ta’aa? Haasawa isaa fi waahilli isaa Raadiyoo sana irratti godhan yoo taajjabu,dhimma miidhama isaa dhiisee qaamaa fi dhaabbilee siyaasaa dhadheessutu keessatti hubatama. Kun ammoo shira kanaan duuba eenyu akka jiru ifatti saaxile. Gaazexeessaan Raadiyoo sanaas qaamuma diraamaa sanaati. Sababi isaa Raadiyoon kun kan hoogganamuun Murna Shanee jedhamuun akka ta’e, Oromoon tolichee beeka. Raadiyoon kun biyya Holland irra darbaa. Miidiyaan kunis miidiyaa ololaati malee kan walabaatii miti, kanaafis ragaan, gaafiilee Gaazexeessaan Raadiyoo sanaa Obbo Dassuu Duulaa Obb. Yaazoo dhiyeessaa ture kan yaada madalawaa hin qabne, daraanu dhimmicha dhaadheessutti kan xiyyeeffate akka ta’e, namni dhaggeeffate ni hubata jedhee amana.

Dhuma irratti, gochi Obb. Yaazoo irratti raawwatame diraamaa ta’e jedhamee qindaawe, tokkumma ummata Oromoo addaan diiguu fi qabsoo ummatni keenya woloodhaan biyyatti godhaa jiru danquu fi karaa maallaqa ummata irraa ittiin sassabachuuf jecha ta’e jedhamee shira tolfame akka ta’e ummata Oromoo bal’aan itti dammaqee jira. Shirri akkasi moora qabsoo Oromoo keessatti waan baratameef, tooftan akkas kun amma dulloomee jira. Kan isin baasu, shira akkasii irra of-qusatanii, ummata keessan dhiifama gaafattanii, tokkummaa ummata keenyaatiif yoo hojjatan gaarii ta’a.

Fiixaa Leenjisoo

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …