The Awash Post: News, Opinions and Analysis on Ethiopia and the Horn of Africa
Marii guyyaa sadiif geeggeesse booda Dhaabbanni Dimokraatawaa Ummata Oromoo (DHDUO) Maaster Pilaaniin Finfinnee, galaafatamiinsa lubbuu fi hidhamiinsa dargaggoo Oromoo hedduuf sababa ta’e, dhaabbachuu labsee jira. Maaster Pilaanii dhaabbachuun, yeroofis ta’u, waan gaariidha. Ammaaf, Oromoon miliyoonatti laakkayamu woggaa takkaafis taatu buqqa’uu jalaa dandamate; karoorri Abbaay Tsahayyees gufate. Gaafiin Oromoo, kan ummanni meeqaa irratti wareegamee fi kumaatamaan hidhameef, waa’ee maaster pilaanii Finfinnee qofaa? Miti. DHDUO’n akkas yaaddi taanaan, silaa dubbiin yeroodhaan hin galtuufii, ammas dogoggorteerti.
Maaster Pilaaniin Finfinnee gaafii Oromoo guddichaa fi tokkichaa miti
Maaster Pilaaniin Finfinnee sababa hatattamaati malee gaafii Oromoo guddichaa fi tokkicha hin turre. Qaamni kamuu Oromoon 140 oli, isa bara darbee dhiisaa, lubbuu qaalii kan gabbaraniif; kumaatamaan kan hidhamanii fi kan qaama itti dhabaniif Master Pilaaniin Finfinnee hujii irra akka hin oolle godhuu qofaaf akka hin taane qajeelatti beekuu qaba. Kan Oromoo daanditt Amboo, Haramaayaa, Olonqoomii, Roobee, Ciroo, Gindoo, Ammayya, Buraayyu, Wolisoo, Naqamtee, Amuruu, Shaambuu, Salaalee, Nageellee baasee bittaa mirgaaf lubbuu akka kaffalu kan taasise dhimma salphaa miti: gaafii ukkaamamee fi rakkoo woggoottan heedduuf woliratti kuufameedha.
Rakkoo fi gaafiin Oromoo heddu; falaa fi deebiinis heddu ta’utu irra jira. Rakkoo fi gaafii kumaatama keessaa takka gurra qabanii baasanii ‘deebiin kunooti’ jechuun fala miti. Yeroo Oromoon dammaqee, sodaa fi doorsisaa waan jedhamu lafatti naqe kanatti ‘maaster pilaaniin hafee’ manatti galaa jechuun waanuma hin taanee fi hin fakkaanne. Silaa biyyattii sani keessatti waanuma hin taanee fi hin fakkaannetu ta’a yeroo heddu. Gowwoomsaa fi tuffiin guutummatti dhaabatuu qaba.
Sochii hanga ammaatti ta’een gaaga’ama guddatu ta’e. Woraanni ummata irratti bobba’e dhala Oromoo adamseeti kan ajjesaa jiru. Lubbuun barattoota keenyaa kan sinbiraa hanqatte. Sochii baatii lamaa kana keessatti ummata heddu kan qaama dhabee, kumaatama mana hidhaa maqaa fi iddoon isaa hin beekamnetti kan gatame. Barattoota yunivarsiitiitti hawwiin baratanii guddachuu fi abdii boruu horachuu xalayaa kaadironni barreessituun kan dukkanaayaa jiru. Abbaa-irrummaan daangaan maletti babala’tee sadrakaa reeffa daandii irraa kaafachuu fi kan du’eef imimmaan buuffachuu dadhabuu irra gayame. Yakki bal’aa fi akaakuu addaddaa kuni dhala Oromoo irra kan gayaa jiru ummanni yakka waan jedhamu tokko raawwatanii (lubbuu namaa baasanii ykn qabeenya mancaasanii) miti. Haqaa fi mirga isaaniitiif dubbachuu qofaaf kan Oromoo, keessattuu barattota, dararaa akkas hadhaayu kanaaf saaxile. Duuchatti maaster Pilaaniin hafuun alatti, mirgi ummataa kabajamuu, haqni Oromoo tikfamuu fi guyyaa duummessi Agaazii ummata irraa saaqamuun wolqabtee labsiin DHDUO waan jedhe qabaa? Wanti tokko hin jiru. Gaafiin ummataa fi deebiin DHDUO ammas, akkauma woggoottan darbanii, quba wolhinqaban jechuudha. Kanaaf, qabsoon diddaa gabrummaa oo’ee itti fufa jechuudha.
Hundi kan hubatuu qabu, keessumattuu DHDUO fi Abbaay Tsahayyee, kan baye lubuu sinbiraa akka hin taane. Kan akka lagaatti lola’e dhiiga dargaggoo Oromooti. Gochi garajebeenyyaa Oromoo hedduu madeesse. Haadholee ilmaan dhaban akkaan boochise; hallayya gaddaa yoomuu keessa hin baane isaan seensise. Shororkaan baatii lamaan darbaniif mootummaan Oromoo irratti gadi lakkise hawaasa addunyaa yaaddoo guddaa keessa seensise. Gaafiin Oromoon qabatee daandii irratti baye gaafii sirrii fi haqa qabeessa ta’ee osoo jiru yaaliin gaafii ummataa xiqqeessuu fi gatii dhabsiisuu bal’aan godhamaa ture. Hunda caalatti ammoo, maaliif waa’ee Sabbataafi Sulultaa, Bishooftuu fi Buraayyu hafuursitan jechuudhaan daandii irratti adamsaa dhiiga Oromoo dhangalaasuu fi mana keenya keessatti nu ukkaamsuun dhufe. Egaa dhugaa kana kan gaafii maaster pilaanii boqonnaa haarawa seensise.
Kan booda DHDUO’n deebi laatuu kan qabdu, dandeetti yoo ta’e, waa’ee maaster pilaaniif miti. Dhimmoota biraatiif. Lubbuun osoo hin bayin, kumaatamni mana hidhaatti osoo hin darbatamin maaster pilaaniin haqamuun nidanda’ama ture. Suni osoo hin taane hafeera. Amma garuu, Oromoon foon ilmaa fi obboleessa isaa diina nyaachisee, kumaata mana hidhaatti dhiisee, maaster pilaanii haqame DHDUO’n jetteef qabsoo eegale irraa dhabatuu fi haqa isaa tikfachuu irraa tasa kan limsatu hin ta’u. Imalli eegalame isa rakkoo jaarraa hedduuf Oromoo yaachisaa fi qeerroo isaa mataa lafa laalchisaa turetti xumura latuuti. Kuni akka ta’uuf deemu amma argineerra.
Hunda caalatti yeroon kuni yeroo Oromiyaan dachii woraanaa itti tatee fi huni Agaazii bulchiinsa naannoo keenya harkatti galfateedha. Huni maaster pilaaniin hafuu nutti himu isa yero Agaazii daanii irratti nama ajjeesuu fi mana namarrati jigsu dhaabsisuu mitii itti hafuursuu hin dandeenneedha. Haala kana keessatti, yeroo oromoon mootummaa fi wobii jireenyaa hinqabne kana keessati, manatti galuu miti kan nama baasu. Gaafilee ammas deebii hin arganne gaafachuu qofa falli.
Ajjeechaa dhaabuun dhimma dursi laatamuufii qabuudha
Gaaga’ama Oromoo irra gaye booda fallai jiru tokko qofa. Innis, gaafii ummataaf deebii quubsaa laatuu qofa. Hanga sa’aa kanaatti dhugaan argutti jirru, mootummaan oromoo ajjeesuu fi madessuu irraa uf hinqusanne, ukkaamsamuu fi mana hidhaatti darbatamuunis hin dhaabbanne. Dhiigni oromoo magaalotaa fi baadiyaalee oromiyaa keessatti haalaan dhagala’a. Imimmaan haawwottifi abbootii Oromoo osoo wolirraa hin citin yaa’a. Dhugumatti waa’een nageenyaa, tasgabbii fi misoomaa naannoo Oromiyaa isa yaachisa taanaan mootummaan yeroo gabaabaa keessatti ajjeechaa dhaabuu qaba.
Du’a jalaa bayuun waan tokko. Mana fi naanoo ufii keessatti tasgabbiin jiraachuunis dhimma akka laayyotti laallamuu miti. Haala qabatamaa amma jiru kanaan Oromoon yaaddoo yoo na ajjeesu fi mana hidhaatti nageessuu keessa jira. Marmartoo rakkoo kana keessaa bayuun kan danda’amu jalqabatti yoo humni woraanaa Oromiyaa dhuunfatee fi motummaa naannoo hujii irraa ari’ate naannoo keenya gadi lakkisee baye qofa.
Kan galaafatame lubbuu Oromooti malee isa sinbiraa miti
Kan galaafatame lubbuu sinbiraa miti. Dhiiga sarees miti kan dhagalaee akkasitti yaa’e. Kan Dhiiga Oromooti malee. Lubbuu qalii namonni lubuu Oromoo galaafatanii fi akka galaafatamuuf ajaja kennan seeraaf akka dhiyaatan godhamuunis dirqama ta’a. Kana gochuu kan danda’u ammoo qaama wolaba ta’e qofa. Qaamni mootumma Itoophiyaatiin wolitti hidhata qabu kamuu kan gochuu hin danda’u. Umanni gaafii haqaqabeessa gaafataniif hidhaman hiikamuu fi barattoonni barnoota irraa ari’aman barnootatti deebifamutu irra jiraata. Mirgi yaada ufii ibsachuu fi haqa ufii tikfachuu bakka hin jirretti borus samamuun, ajjeefamuu fi ukkaamfamuun waan hin oolle. Kanaaf dhimmi dhabamiinsa ol’aantummaa seeraa, dimokraasii, kabajaan mirga namaa fi bulchiinsa gaarii biyya hin jirre keessatti jiraachuun hedduu rakkisaadha. kana booda gaafiin oromoo kan fuulleffatuu qabu dhimoota ijoo ta’an kana iratti. Mootummaanis deebii kan laatuu qabu dhimootuma kanaaf ta’uu qaba. Kuni guutamuu qofa kan nagaa fi tasgabbii; akkasumas misoma waareetti kan biyattii geessu.
Rakkoo Oromoon ganna 25, kan uggu ifatti dubbataa fi kan sodaatu quunquffataa, keessa jiraate DHDUO’n qajeelatti beeka. Ifatti amanaii fudhachuu sodaachuu fi humna deebii ittiin laatan qabaachuu dhabuudha rakkini ture. Hedduun isaanii dhugaa jalaa dhokatu, ajaja ummata irraa osoo hin taane qaama biraa irraa fudhatu. Gaafii ummataaf deebii laatuuf ni harkifatu; Saahuu ‘gooftota’ osoo hayyama gaafatan yeroo murteessaa galaafatan. Isaan rafanis, ammatti kan argutti jirru, Oromoo hedduu dammaquu isaati. Isaan lafarra shunquuqanis Oromoon gaafii mirgaa, haqaa, wolqixxummaa, abbaa-biyyummaa fi dimokraasii qabatee funduratti tankaarfachaati kan jiru. DHDUO akkauma dhimma maaster pilaanii gaafii ummataa jallisuu fi lafarra harkisuu dhiiseee gaafilee biroos deebisuuf ufqophessuu qaba- yoo xiqqate gooftotatti geessutu irraa eeggama. DHDUO’n haala ganna 25’f turaniin itti fufan taanaan gatamuu fi dagatamuun isaanii ifa. Amma ummata woliin dhaabbachuu fi tankaarfachuu qofatu isaan baasa. Dhugaa oromoo fi oromiyaan keessa jirtu hubatuu? Yeroo qofatu kana ifa godha.