Dhukkubni kintaarootii kan dhufu hoggaa hiddootni dhiigaa naannoo qaama bobbaatti argaman hamma barbaadamuu ol baballachuun (dilated )dhiiga of keessatti kuufatanidha. Dhukkubni kun yoo xiqqaate nama harka dhibba keessaa harka 4 (4% of all population) kan qabatudha.
Mallattoowwan isaa keessaa kan baay’inaan mullatan: Dhiiguu( kun yeroo bobbaa bobba’an kan dhiigu yoo ta’u yeroo baay’ee dhukkubbii hinqabu), hooqsisuu ( itching) fi dhukkubbii (pain) dha.
Furmaanni dhukkuba kintarootii akkuma sadarkaa (sadarkaa afur waan qabuuf) dhukkubichaatti qoricha irraa kaasee haga baqaqsanii sirreessuutti kennamuu danda’a.
Yoo hin yaalamiin ture rakkoolee lammataa isarratti hundaa’anii dhufan kan akka hir’ina dhiigaa ( sababa baay’ee dhiiguutiin) waan namatti fiduuf yaalamuu qabna.
Source: Dr. Gurmeessaa
Dhukubni kun baayyee narakkisaa jira Dr. Maal nagargaaruu dandeessu?
Yeroo jalqabaaf narratti muuldhateera reefu natti dhagahamaa jira
Yeroo baay’ee kuduraaf fuduraa nyaachuun Akka furmaataatti kaafama, nyaatonni kunnin maal fa’i Dr.?