Har’aawuu Oromoon Wal qabatee ol ka’ee kan Farraa fi Gufuun Keessa hin jirre waan dalaguufitti ka’e akkuma jedhe sanitti Galmaan gahee kunoo As nuuf Baase .
Duraan Dursinee Faaruu honga hin qabne Rabbii keenna guddaaf galchina
Waan itti kaani kana milkiin nu muudee galmaan nuuf gayee oromoo gammachiisee dinaa fii nyaapha oromoo naasisurratti.
Eegasii Nabiyyii keennarratti Rahmataa fi Nagaya buufna.
Eegasii gootota Oromoo kan haqaan oromoo bilisoomsuu fi Oromiyaa walaboomsuf qabsoo hadhaawaa godhanii eega Rabbiitii sadarkaa amma jirru tanaan nugayan hundaaf Rabbiin haa araaramu warra isaanirraa Rabbitti hin amaninillee seenaan hin dagatuu akka fakkitti garii isaanii maqaa kaasun nugammachiisa: kan akka: Leenjisoo diigaa, kan akka: Daadhii tarree, kan akka: she/ barruu, kan akka: bakara waaree, kan akka: harqaa buxee, kan akka: Imaam/ Muhammad Ali walloo, kan akka: Imbiraa xuur/ Iyaasuu Muhammad Ali , kan akka sulxaan Nuhoo Daadhii tarree, kan akka: Haaji/ Adam saaddoo, kan akka: Qaadi/ Ahmad dirree, kan akka: J/taddasaa birruu, kan akka: J/waaqoo guutuu, kan akka/ Huseen bunee, kan akka: konoreel Mahmuud Bunee, kan akka: Haaji/ Is’haaq Daadhii tarree, kan akka: konoreel / Ali cirri, kan akka: konoreel / Ali Umar Agaa, kan akka: konoreel/ Haaji/ Umar Qeebaloo, kan akka: Haaji/ Abdullaa Ganamoo, kan akka: Tilmoo Ali, kan akka: Maammee Harqaa, kan akka: Abdurrahmaan maammee, kan akka: kan akka: Jaarraa Abbaa gadaa, kan akka: Haaji/ Huseen suraa, kan akka gootichi hiriyaa hin qabne: Hasan juuree, kan akka: Siraaj Haaji Is’haaq kan akka Tafarii Bantii , , kan akka haaji/Hasan Ibraahiim (elemuu qilxuu) , fikkf kan hafanis eessa eessa maqaa dhahee keessaa bahuu dandeessaa , fakkeenyumaafi malee .
akkasuma kan isaan fakkaatan hedduu warra balbala bilisummaa biraan oromoo gayee wareegaman hedduu dhabne Rabbiin Isaaniif haa araaramu jechaa , akkanuma yeroo Rabbi kadhannuu, garee biraa tan farra bilisummaati fi gufuu qabsoo oromootti nyaqarsa taatee jirtu Abaarasa irratti roobsuu dagachuu hin qabnu . isaan cubbuu kun akka fakkitti doofaa dabeesa gantuu gadi galtuu Biyya Oromiyaa gurgure goobanaa daacee jedhamee kan beekkamuu fi bitamtoota warra garaa wayya qoonqoo isa jala deemtuun jalqabee hanga Abbaa cubbuu dabeesticha bitamaa guddaa Abbaa hongoo fi fafaa kan waggaa 23 ol carraa oromoon tattaafattee as baaftu guutuu jala miliqsee hongoon bira dabarse kan bilisummaa oromoon dhiigan fiddee hogganaa dhugaa seehee itti keennate dabarsee bara 1991, 1992, 1993 walirraa qaanfii takkaan malee diinaf gurguree Oromoo fi oromiyaa gabrummatti uf duuba deebise akkasuma bara 2000- 2004- 2006 walirraa carraalee orommon argate jalaa balleese kan Ar’allee oromoo burjaajessee akka gabrummaa jalatti waggaa dhibbaatam kan biraa dhaalchisuuf ykn dararuuf olii gadi batachaa jiru maqaan isaa Leencoo Lataa jedhamee kan beekkamu Abaarsa guddaa irratti roobsuun dirqama yammuu tahuf fi kan yeroon wajjiin itti nu gaafattuudha .
Gootichi gootota dhaale kan faana gameeyyotarra deemaa jiru kan qabsoo oromoo bakka isiin itti awwaalamte dhaqee qilxibsee baasee akka qabsoon kararraa baddee fi wanti takka akka lafa hin jirre adda baasee ummata keessa baheen gahe , oromoon yeroo isaati fi human isaa akkasuma qabeenna isaa bilaashumatti gubaa jiru oromoo hubachiisee gootummaa daangaa hin qabneen sodaa malee Oromotti gadi bahee sagalee olfuudhee lallabee: yaa oromoo qabsuun kee kararraa baduu qufa osoo hin tahin imaahuu maqaa isaatin mooraa isaa keessan gabrummaa irra hamaa simudataa jiraa beeki ka’ii , iyyii bakka jirtaniin hula dhadhahaa , qabsoo kee kararratti deeffadhu jedhee bal’innaa fi gootummaan beeksise, kan osoo isa Rabbiin nuuf godhee akka qabsoon teenna deemaa hin jirre hubachuu baannee wagga 100 ol teennee osoo eegnuu gabrummaan nyaatee nu fixu !!! akkasuma osoo inni akka qabsoon deemaa hin jirre nu hubachiisee namuu addeelluma jiruun tattaaffii mijjate gudhuu baannee miidiyuma Ar’a itti gammannu kanaahuu banachuu hin dandeenne, gooticha Oromoo Bergaader Jeneraal / kamala galchuu galatonfachuu fi du’aa’ii godhuuf qabna akka gaaritti.
Eega kanaa wanni ilmaan oromoo hundaan jennu Gammannee Gammadaa baga Rabbiin ar’a tattaaffi ilmaan oromoo tan milkiin muudamtee galma geettu nuhundaan gahe akkasuma gaafa oromoon bilisummaa isaa gonfatee ayyaaneffatulleen nuhaa gayu .
Eegasii wanni nu hundi beekuu qabnu oromoon doqnaa miti, dabeesaa miti, muyaa miti, sodaataa miti, gowwaa miti, maali ree maaf gabroomee gabrummaa jalaa bahuu dadhabe yoo jettan? Qabxiilee kanneen kaasuu nu freesias .
1- Angoof bolola hin qabu kanaaf jiruu isaa laaftuu amanteeffatee taa’a.
2- Walii galtee fi walmarii hin qabu, akkasum: waliif obsuu fi waliif irra taruu hin beeku, akkasuma diina ykn nyaapha isaa kan isa duguuguf deemu fi fira isaa kan isa jiraachisuuf carraaqu addaan baafatee hin beeku, rakkoon oromoo isa kana . Amma ammo miidiyaa kanatti fayyadamuun waan kana hundarraa ni muuxata kan jedhu abdii qabna.
3- Miidiyaan kun miidiyaa duraa waan taheef Deegarsi ummata oromoo Biyya keessa fi Biyya alaa Jiran keessaafuu warroonni beekkumsa gahaa qabanii fi Qabeenya gahaa qaban dabalatee jaarmayoonni oromoo cuftuu deeggarsa karaa hundaan godhuufiin dirqama keenya kan yeroon ittiin nu gaafattuudha . Kanaafuu akka gaaritti carraa baniinsa isaa kanatti fayyadamuun akka Aalamarratti of beeksifnu dhaamsa kooti .
4- Yeroo miidiyaan kun oromoof kan duraati jedhu nun ajaa’ibinaa, wanni kana nu jechisiise midiyoonni asdura oromoon banate hundi isaa Raadiyorraa jalqabee hanga tilvizoona gahutti rakkoon isaa dhoortoo kadhatamee yeroon isaa daqiiqaa 30 kan hin caallee fi sunummaanuu Torbaan keessatti marra takka ykn lama qofa oromoo bira gahuu . kana males karaa Miidiyaalee Adunyaan itti gargaaramtu akksuma akka miidiyaa walabaatti Adunyaa irratti beekkomsa argatee saba isaa fi adunyaa irratti dabarsaa jiruu miti . kan inni darbuunis karaa Intarneetaa fi waraabbi isa akka leenjiitti darbuudha . Isa kana qofa osoo hin taane ergaan inni oromotti dabarsuuf dhaabbate cufti ergaa oromoo dhamaasu malee kan oromoo kaasuu miti .
5- Waa’ee Miidiyaa kanarraa waa dabatanii dhumuu miti . Haatahuu ti miidiyaan saba isaaf hojjatu guyyaa keessaa kan argamanis jiru . kan sabboontotaa dhugaa warraaqtota sabaaf dhaabbatan hamma dandahan qabeenya isaanii fi sabichaatiin waa hojjataa jiranis jiru . Haatahuutii isaan kunuu harka namaa jala qabatanii kan hojjataa jiranii fi miidiyaa namaa irratti irkatanii rakkoo sabaa isaa irra gahaa jiruuf hojjataa jiraniif dhaamsa gabaabduu ergaa of qeessaa qabdu mammaaka kanaan goolabaaf . ( Namni Okotee Namaatti NYaatuun Hudha Gahee Hin Arraabu ) jedhan manguddoonni teenya . kanarraa kaaneeti yaada kana kennuu dandenye .
6- Waa’ee Miidiyaa kanarraa kan sabni kiyya beekee wallaluu hin qabnee Warra waggaa 30 ol qabsoo oromoo hoogganaa jirra jedhan kan akka Leencoo Lataa Umrii kiyya guutuu qabsoo oromoo keessatti fixe jechuun qaanyii takka malee odeessaa jiruu fi biyya keessaas tahee alaa fakkaattoonni akka isaa biyya keessaa fi biyya alaa jiran amaluma akka isa kanaa qaban hedduudha . Isaannan kunniin Miidiyaa walaba kana 1 Mitii Miidiyaa 60 ol banuu dandahan . baay’inna saba oromoo miliyoona 62 n wal qixxeesanii . Keessumattuu jaroonni kun wanti isaan saba oromoo irratti hin dalagin kan hafanis waa takkaa lamaa miti . Biyya maallaqatti Gurgurataa turanis ammas ittuma jirani . Osoo saba oromoof kan yaadan tahee Qabeenyuma biyya teenyaa saamaa turanii fi saamsisaa turaniin miidiyaa banuu dandahan . kana males Kanuma ummata oromoo irraa maqaa deeggarsa qabsoo bilisummaaf jecha sabboontonni dhugaadhaa godhaa turanii fi itti jiran saniin miidiyaa tokkoo mitii miidiyaa 50 ol kan adunyaa irratti dhageetti fi fudhatama qabu banana . kana qofaa deeggarsi warra dhihaa irraa argatan qofaan Tola banuu warra dandahanii . isaaniifuu dalaganii isaanuu tola banuu ykn gad furuu fii dandahan . Kan Waraana oromoo irratti dalaganii fi Mooraa qabsoo keessatti dalagaa turan kan qabsaa’otarratti hojjataa turan waan dubbatanii dhumuu miti . kan jara tanaa waan dhumaatii miti OSOMAA Arguu huuba wajjiin jette sareen . Isaan kun Guyya takka sabaaf osoo dhaabbatanii miidiyaa saba isaaniif banan turan . kana kan dhugoomsu Hujii jaraati .
7 . Sabni oromoo akka hin bilisoomnee fi tokkummaa isaan dheerke Warra FUULA LAMEE ykn Arrab lamee Warra gaafa fedhe Amaaraa fi Tigree , Gaafa Fedhan immoo OROMOO Tahantuu nu awwaalee oromoon bilisummaa mitii diiggamsa jala turtu nu gochaa turantu har’as nu keessa jira . Isaan kun kaayyoo fi akeekni isaanii kan biraa qabatanii maqaa oromootiin daldalachaa nu keessatti Harcaatotaa fi gantoota akkanuma boodeessitoota anatu beekaa fi yaanni kiyya kana tahuu qaba kan jechaa turan harcaatota murna leencoon barsiifaman karaa nutty cufaa ture , ammas itti jira . kana hubannee jaraa fi fakkaattota akka isaanii irraa Gurra keenya cufatuun abaarsaa irratti darbataatuma deemuu qabna . kun kanaan osoo jiruu akkuma ammaan tanaa kanati namuu bakka jiruun ol kaanee harka wal qabannee wal dhageettii fi wal kabajaan wal jala yaa’uun hayyootaa fi gootowwan teennas jajjabeeffannee kan karaa irra maqes gorfataatuma kan dide deebii isaaf tahu kennuuf akka abbootaa fi akaakayyoota teenyaatti wareegamaaf uf qopheessuun nurra jira .
Mee gara yaada miidiyaa isa jalqabneetti haa deebinu .Diiggamsaa malee tokkummaan akkanuma nama sabaaf Miidiyaa banu ykn hojjatu maaf dhabne ? kun hoo maaf tahe ?Miidiyaaleen jiran hoo akkamitti hubataa jirraa ? Miidiyaaleen maqaa sabaan hojjataa jiran akka silaa barbaachisutti maaf hin dalagne jenne irraa wal mari’achuuf ani akka kiyyatti Kan natti mul’atu waa lamaaf ~~~
1.ffaa: isumaahuu diina gabroonfatatu ijaare taha kun wama gabroonfataa tajaajilu qofarratti waan hundaahee ergaa isaa oromotti buufuuf yooyyuu Alba’uuf qophaahe inni kun oromoo rakkisuu malee kaasuuf carraa hin qabu.
2.ffaa: namoota oromootu sabbontota kan tahan rakkinnaa fi dadhabbinnarraa kan ka’e dhoortoo kadhatee takkaa gabroonfataa kalee kan ar’allee oromorratti deebi’uuf dhidhiitatu jalatti cinaa galee ijaare taha yoo kana tahe gabroonfataan kale kun yeroo daqiiqaa gabaabduu tana oromoof laatu ulaagalee hamtuu ulfaattu irratti bulfata ulaagaleen sun isitu ergaan haqaa akka miidiyaa kanarraan gama oromotti hin geenne dhoorga
Kanaafuu midiyaa oromoon bilisummaa fi walabummaa taa’ee qabeenna isaati fi beektota isarratti irkatee, sagantaa umma isaati fi biyya isaa tajaajilurratti hundeessee, yeroo gayaa fudhatee banate isa kana qofa waan taheef akka gaaritti deeggarsa gayaa argachuu qaba.
Kana Biraan galanni inni dacha Bergaader Jeneraal Kamaal Galchuu kan ummata oromoof karaa bane Adunyaa irratti akka waamaman kan godhee fi Mooraa kijibdootaa Biyya alaa jirtuus tahee Warra Biyya keessaa maqaa oromootiin daldalataa jiran keessa seenuun oliif gad hargufee akka isaan qullaa taa’an ummata oromoof ibsee . kana qofatti yoom dhaabe ummata oromoof akka wanti takka hin jirre saba oromoof himun mala akka dhawatan akkasuma yeroon osoo nurra hin kunne daddaffitti mariidhaaf karaa banuun teennee irraa haa mari’annu fala haa barbaadannu wanti karaa ummanni eegaa jiruun cufaa akka isaan kijiba duwwaa irra jiranii fi yeroo gara yerootti gabrummaa ummata oromoo dhaalchisuuf Rafaniituma akka waan hin garree fi hin dhageenyeetti ilaalanii erga hirriba quufanii ka’anii Mirgi saba oromoo sarbame jichuun taa’aniituma Ibsa fuula dhibbaa tamsaasuun kanumaan gurra ummataa duuchuun qofti gahaa miti jennaan warra kanarra jiraniin . kana malees karama miidiyaa isaaniituun Erga wanti darbe darbee akka waan boolla keessaa bahaniitti wacuuf bu’aa ummata keenyaaf kan fidaa hin jirre tahuu akka hubatuu qaban akkanuma Wareegama gootoowwan teenya kafalanii asiin nu gahan bilaash taasisuun dhaloota dhufanitti karaa itti golgoleessuun hafuu kan qabuudha .
Walumaa galatti yaada koo gara goolabuutti deemaa jiruuf dhaamsaa fi wal hubannoo gabaabduu tanaan isiniif dabarsa . Wayyaaneen murna laafaatti, akka qoosaatti isa harka duwwaa itti dhaqeef Aangoo keennituu miti. Dhaaba nagaahaa fi seera beektu akka hin taanes gochaaleen gara jabinaa ilmaan Oromoorratti waggoottan 22n darbaniif hojjette raga guddaa dha. Fuunduuraafiis hanga rukutamtee Oromiyaa keessaa hin baanetti murna yakkoota adda addaa saba Oromoorratti hojjeechuurraa duubatti hin deebitu. Murna waggootan 100n dhufuufi uummata Oromoorratti karoora baafattee hojjeechaa jirtuu dha. Silaa jarri kun kana hubatanii, warra isaan dura “karaa nagahaatin qabsoofna” jedhanii harka wayyaaneetti kufanii boodarra hidhaatti tortoran, ajjeefamanii , Biyya irratti dhalaterraa ari’amanii fi bakka buuteen isaanii dhabamerraa barachuu qaban turan. Beekaan namarraa barata wallaalaan ammoo ofirraa barata akkuma jedhamu san jechuu dha. Dubbiin Akka gaafa Aangoo ufumaa itti darasanii amaanaadha hanga waggaa kanaa jedhan san jirti natti hin fakkaanne . yoo duraanumaa wajjiin hojjataa jiran tahe malee . kanaafuu Dhaamsii fi fedhiin Oromoo yeroo hunda tokkummaa dha. tokkummaa diina keenya nurraa Jilbiiffachiisuudha . . Tokkummaa mooraa qabsoo Oromoo daandii injifannoo qabsiisu ta’uu qaba.
Eega faaruu Rabbii keennaati !!! Rahmata Nageenyi Rasuula keennaaf !!!
Kanarraa ka’uun Galanna dargaggoo fi shamarran oromoof hundaaf haagahu
Kan akka: johar Muhammad
Kan akka: Sa’id Muhammad
Kan akka: Muhammad Adeemoo
Tan akka: Faaxumaa Ali fi kkf cufaaf
Iznii Rabbiitin oromiyaan ni bilisoomti !!!!!!!!!!!!!!!!
Waan hunda dura galanni rabbiif haa gayu.Gadaameysi harmee Oromoo kaleeysa J/J/A/Gadaa ,J/Elemoo Qilxuu fii knn biroo nuuf arjoome,kunoo arraas qaroolee akka keessanii kana nuuf arjoomaa jira.Hujii yeroo dhihoo keessa jalqabdan kattiis baga milkooftan.Rakkoo miidiyaa kanarratti hojjachuun waan hundaa ol barbaachisaadha.Aniis carraa kanaan wanni isiniif dhaamuu barbaadu ji’a march 7/3/2014 yaadannoo Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaa tiifii J/Shaazalii Gaatur M/d godhachuuf qophii keenya xumurree jirra.Kuniis carraa OMN tv kanaan kan walsimatte waan taheef mee yoo isiniif mijjaawe qophii kana akka asumarraa suduudaan nuuf dabarsitan maqaa jaallawwan wareegamanii fii maqaa ummata bal,aa Oroiyaatiin isin gaafanna.Haalli jennu kun yeroof kan ulfaatu yoo tahellee irratti waliin dubbanna, nuqunnamaa.Tel,00967736253796-Email bakakaa12@yahoo.com-Waaqni isin waliin haa jiraatu Jabaadhaa!!!,mul,anni qeeyroo ganamaa qabsoo walirraa hin cinneen nidhugooma!!!.Nagayaan jiraadhaa.