Abdii Boruutiin
Akkuma sabaa-himaalee adda addaarratti dhagayamaa fi argamaas jiru, barattootni Oromoo Yunivarsitiilee Oromiyaa adda addaa keessatti diina hanga funyaaniitti hidhate dura dhaabbatanii sodaa tokko malee waayee keenyaaf falmii guddaa godhaa akka jiranii dha. Biyya seera fi heeraan bultuu fi nagaa qabdu keessatti hiriira nagaa bahuun waan nama dinquu miti. Biyya Itoophiyaa jedhamtu, kan dhiiga fi lafee uummatootaatiin ijaaramte, kan mana hidhaa sabootaa taate sana keessatti garuu ijoolleen keenya hiriira nagaa bahanis, nagaan bahanii galuu hin dandeenye. Kuun dhaanamaa (tumamaa), kuun hidhamaa, kuunis ajjeefamaa akka jiran waan hubatamuu dha. Hireen uummata Oromoo waanuma murtaayee kana ta’e fakkaata. Kan nama gaddisiisu garuu gochaa diinaa qofaa otuu hin taane, yeroo ammaa, yeroo nafxanyootni moofaa fi haaraan lafa jalaan tumsa waliif ta’anii; dhimma tokkorratti waliigalanii; uummata keenyatti roorrisaa jiran kanatti; yeroo ijoolleen Oromoo iyyaa iyya dabarsaa jedhanii sochii guddaa biyya keessatti godhaa jiranitti, uummatni Oromoo biyya ambaa jiran callisanii taa’uu isaanii ti.
Yeroo barattootni keenya harka walqabatanii tokkummaadhaan gaafii mirga uummata keenyaa kaasaa jiran kanatti; dargaggoota keenyarra miidhaan qaamaa isaanirra gayaa jirutti; warri ijoolleen isaanii jalaa ajjeefaman imimmaan bira dabranii dhiiga booyaa jiran kanatti; yeroo iyya dabarsanii waliif mirmachuun dirqama ta’etti; warri xinnaatullee biyyoota nagaa keessa jiraatan taa’aniituma akka fiilmii mana sinimaa waan biyya keessatti ta’aa jiru hordofuun xinnumallee sammuu keenya hin tuquu?? Akkuma makmaaksi Oromoo jedhu, yoo funyaan dhayame, ijji wajjin boochi. Qaama tokko waan ta’aniif miidhamuun ykn hubamuun isa tokkoo kan biraatti waan dhagayamuuf jechuu dha. Maarree, ilmaan haadha fi abbaa tokkoo koodeewwan yoo miidhamaa fi diinaan ajjeefamaa jiran kanatti; qaamaan biratti argamnee walbira dhaabbannee mirga keenyaaf sagalee keenya dhageessisuu yoo hin dandeenye, maaliif bakka jirrutti, biyya keessa jiraannutti walqindeessinee, gadi baanee addunyaatti sagalee keenya hin dhageessisne?? Maaliif uummata keenya biyya jiraniif tumsa hin taane?? Kompiyuutara ykn televisiyoona fuulduru teenyee, waan ta’aa ykn deemaa jiru ilaalaa gadduun bu’aa nuuf fidaa?
Oromoo, wanti hubatamuu qabu diinni har’a lafa keenya (biyya keenya Oromiyaa) cicciree dhiphisaa jiru kun, boru yoo haalli mijateef (yoo nuti callisneetuma taa’uu filanne) uummata keenyaa haphisuu fi dhabamsiisuuf akka deemu waan nama mamsiisu ykn shakkisiisuu miti. Gama tokkoon, yeroo nafxanyootni haaraan, maqaa misoomaatiin badii guddaa nurratti dalagaa jiranitti gama biraatiin ammoo nafxanyootni moofaan (Minilikootni haaraan) nu nyaachuuf hamuummachaa akka jiran hubachuu dadhabnee? Minilikootni haaraan kun, yoo aangootti dhufani fi deebi’anii Finfinnee qabatan, akka Minilikoota duraanii warra harka fi harma keenya qofaa muranii dhiisanii miti; isaan haaraan kun warra morma nurraa muruuf deeman akka ta’an Oromoon maaliif hubachuu dadhaba? Waayeen maqaa misoomaatiin Finfinnee babal’isuu kun gochaa fuulduratti nurratti dalagamuuf deemuuf bu’ura akka ta’u hubachuu qabana, dhiiroo! Yoo har’a tumsa waliif taanee; walbira dhaabbannee tokkummaadhaan mirga keenyaaf falmanne, gochaa (balaa) nutti dhufuuf as deemaa jiru kana alaalumatti hambisuu dandeenya; yoo kana hin goone garuu badii keenyaaf of qopheessuu jechuu ta’a.
Yeroon ammaa yeroo taa’anii wal ilaalani fi waldhaggeeffatanii callisan otuu hin taane, yeroo iyyanii iyya waliif dabarsan; karaa danda’amu hundaan qabsoo kana keessatti hirmaatnaa fudhatani fi qooda lammummaa gumaachan ykn/fi dirqama Oromummaa bahanii dha. Yeroon kun, yeroo Oromoon bakka jiru hundaa, keessaa fi alaan sagalee tokko dhageessisu ta’uu qaba. Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDGn) kan barattootni keenya qabsiisani fi akka ibiddaa boba’aa jiru kun akka hin dhaamne; akka caalaatti bobayee diina keenya gubee balleessu, tokkummaadhaan walbira dhaabbachuun carraan isaa banamee jira. Carraa gaariin kun akka nu hin dabarre, callisnee taa’uu dhiisnee, barattoota fi uummata keenya kan waraana faashistii Wayyaaneetiin reebamaa, hidhamaa fi ajjeefamaa jiraniif tumsa ta’uun amma yoo hin taane yoomiyyuu ta’uu hin danda’u. Oromoo, kan rafte, hirriibni si gayee dammaqii ka’i; kan dubbii hubachuu dadhabde, ijaa fi gurra kee banii haala uummatni keenya keessa jiru hubadhu. Kan otuu hin beekinis ta’ee beekaa uummata Oromoorratti balleessa dalagde, kan dabrerraa baradhuutii; uummata kee bira dhaabbadhu. Oromoon wal malee gargaarsa biraa akka hin qabne hubadhu. Tokkummaa ilmaan Oromoo malee, humni biraa kan rakkoo keessaa nu baasu akka hin jirres hubadhu.
Oromoon yoo har’a waliif hin mirmanne (dirmanne) yoom waliif mirmata (dirmata) jedhii of gaafadhu!!