Oduu Haaraya

Aasxaa fi Alaabaa Kallacha Walabummaa Oromiyaa (KWO/OIF) labsuu.

 

Aasxaa Kallacha Walbummaa Oromiyaa (KWO/OIF)

Alaabaa Kallacha Walabummaa Oromiyaa (KWO/OIF

kwo

Hagayya 2, 2015

Ummanni Oromoo gabrrummaa jalatti erga kufee kaasee gaaf tokkollee tole

jedhee gabroomfattoota Habashaa jalatti bulee hinbeeku. Ummanni keenna erga

gabroomffattoonni balbala isaa gahanii kaasee humna qabu hundaan lola ufirraa

ittisuu (War of resistance) dabalatee gootummaadhaan diinota isaa falmaa ture.

Qabsoo Ummata Oromoo haalli seenaa tokko tokko jidduu seenanii yoo bifa biraa

qabsiisanillee (lola xaaliyaanii, sochii Mangistuu Nuway, warraaqsa bara 1974 fi

dhufaatii wayyaanee kan bara 1991) qabsoon teenna waggoota dheeraa kanniin

keessatti kufaa ka’aa yoona geettee jirti. Qabsoon Saba keennaa tun, akka

ammayaatti kan eegalamte bara 1973 hundeefama Adda Bilisummaa Oromoo

(ABO) tiin akka ta’e namiifuu ifa galaadha. Qabsoon bara dheeraaf hoggansa

dhaaba siyaasaa dhabdee kufaa, ka’aa asgeette yeroo jalqabaatif ilmaan Oromoo

gootummaadhaan ka’anii dhimma Saba ufiitiif akkasumas dhimma biyya ufiitif

(Oromiyaaf) falmmudhaaf sagantaa siyaasaa qopheeffatanii waanjoo gabrrummaa ufirraa

darbuuudhaaf sochiin taasisan, sochii seenaa qabeesssa jennee amanna. Uummanni Oromoo haqa isaa barbaadachuudhaaf dhaaba ufiitin hogganamee deemudhaaf fedhiin inni qabu hedduu kan nama dinqisiisu fi ar’allee kan mul’atuudha.

Haa ta’u malee, qabsoon bilisummaa tan ABO dhaan hogganamtu baroota 1973

hanga 1991 keessatti bu’aa adda addaa kan ifaa ta’ee fi kan ifa hinta’in

(tangible & intangible results) haa buusu malee sochiin kun bu’aa lubbuu qabu

galmeesisuu osoo hindandayin wayyaneen mootummaa jiddu galeessaa

tooyachuudhaan sirna gabroomfataa dulloome abaaraa sirna gabrroomfataa isa

caalu bakka buusudhaan ummatarratti feete. ABO fi dhabbotiin Oromoo adda ddaa

jalqabarratti motummaa cehumsaa keessatti qooda yoo qabaatanillee waggaa tokko

keessatti dhiibamanii akka mootumicha keessaa bahan taasifame.

Qabsoon Oromoo bara 1992 irraa kaasee hanga ammaatti bifa hoggansi

dhaabolee biyya keessaa bahee biyyoota alaa (diaspora) kessatti hundooftee kan

deemu ta’e. Har’a qabsoon tun waggoota afurtama booda gatantarttee gara kufaatii

deemaa jirti. Yeroo diinni keennaa gama hundaan ukkamsaa isaa cimsee itti

deemaa jiru kana keessatti qabson teenna bacancara akkanaa keessa seenun waan

dhala Oromoo hunda gaddisiiseedha. Kanaaf, sochii fi qabsoo ABO jijjiiramaa

keessatti adeemsifamaa turee fi sochiiwwan qaamoleen adda addaa yeroo dheeraf

karaa adda adddaatin taasisaa turan walitti qindeesudhaan Jilli Qabsaayotaa ABO

yeroo isaa eeggatee adeemsifame kana iratti rakkoolee qabsoo bilisummaa

Ummata Oromoo qunnaman kana dhabamsiisudhaaf dirqama jiijiiramni hundee

akka taasifamu waliif galamee jira.

Haaluma kanaan nuti qabsaayonni falmii bilisummaa Saba Oromooti fi

Walabummaa Oromoyaatif dhaabanne baati Adolessaa 2015 guyyaa 20 iraa

kaasee biyyota adunyaa adda addaa keesatti teessuma/kora adeemsifachuudhaan

akkasumas kora isa guyyaa dhumaa Magaalaa Minneapolis, MN (USA) keessati

Adoolessa 30 fi 31 bara 2015 adeemsifannen yaa’iwwan keenna hunddayyuu

miliidhaan xumuranneerra. Guduunfaa koroota keennas ilaalchisee waan irra

geenne ibsa ijjannoo kanati aanu baafanneerrra:

  1. Haala fi sadarkaan qabsoon Walbummaa Oromiyaa irra geette xiinxallaa

gadi fagoo fudhachuudhaan, qabsoo tana bacancaraa fi gatantara keessaa

baasudhaaf dhaaba haarawa qabsoo tana hafuuraa fi yaada akkasumas sochii

haarawaan finiinsu uumun waan barbaachisaa ta’ee argameef dhaaba Kllacha

Walabummaa Oromiyaa (KWO) jedhamu hundeesineerra.

  1. Xiyyefannaan kallacha Walabummaa Oromiyaa (KWO) gabrrummaa bara

dheeraaf Uummata Oromoo irra ture araarama tokkoon malee irratti

qabsaayudhaan Saba keenna bilisummaa isaa, biyya teenna Oromiyyaammo

Walabummaa isii mirkaneesudha.

  1. Haala kanaan sirnni gabrromfataan Uummata keennaa fi Sabootaa fi

Sabllammota adda addaa waada kijibaati fi heera gowwomsaa gatii waraqaa

seerichi iratti barreefamee hin geenne qabuun Uummattota ukkaamsuu

dhisee, mirgoonni diimokraasii, mirgoonni ilmma namaa, mirgoonni haqaa

akksumas mirgi hiree murteefannaa Saboota hundaa haal duree tokko malee

akka kabajaman jabeesinee waamicha dabarsina.

  1. Biyya Impaayera Itoopia keessatti falamitonni dimokrasi, mirga Sabootaa fi

mirga ilma namaa manneen hidhaa jiddu galaa, maanneen hidhaa poolisi

biyya guutuu keessati, manneen hidhaa naannolee, kaampiwwan waraanaa,

kaampiwwani fi jiddu galeesota leenjii polisootaa fi waraanaa keessatti

namoonni kuma dhibbaatamatti lakkaawaman murtii malee fi murtii

dharaatin hidhamanii tumaman, torcharii seerri addunyaa dhoorgen haala

suukkanneessaa ta’een balaan kana hinjedhamnne irratti raawwatamaa jira.

Kanaafuu, hidhamttonni kun haal duree tokkoon malee akka gadi

lakkifaman waamicha goona.

  1. KWOn shorarkeesummaa bifa kamiinu dhufu hadheefatee balaalleffata.

Waanjoo gabrrummaa uummata keenna irraa fonqolchuudhaf qbsoo

siyaasaa fi hidhannoo ni fininsa.

  1. “Seerri shorarkeesummaa” Motummaan wayyanee baafatee biyya ittiin

unkuraa jiru, nagaya uummataa eeguf osoo hin taane taa’ita isaa eegsisuuf

kan tolfameedha. Seerri sun seera labsii yeeroo hatattamaati (Marshall law)

malee seera namoota dhunfaa, garee adda addaa fi Sabootaa fi

Sabllammoota eeguf, bu’aa fi mirgoota isaanii eeguf bayee miti. Kanaaf,

seerri ukkaamsaan kun haal duree tokko malee hatattamaan akka diigamu

mootummaan adunyaa dhiibbaa akka godhu waamicha dabarsina.

  1. Heerri Motummaa wayyaanee gatii waraqaa iratti barrefamee hin gayu.

Heerri kun mataa isii wayaaneedhaan yeroo dhibba irra dedebi’amee

capheera. Heera hujiirra ooluu hindandeenne kan sobaa tayeera. Kanaaf,

heerri kun diiggamee uummattonni karaa bilisa ta’ee fi addunyaan marti

arguun dhiibbaa tokkoon malee hiree isaanii ufin akka murteefatan akka

taasifamu waamicha goona.

  1. Ummanni Oromoo, ilmaani fi dhalli Oromoo hundi bakka jirtanitti

tokkummadhaan mirga keesannif dhabaadhaa, abdii kutannaa keessaa bahaa,

mirga uumamaa keessaniif qabsotti seennaa jenna.

  1. Biyyi Oromiyaa kan Oromoti. Tuffatamaa fi ukkaamsaa biyya teennarratti

fe’ame kana cacabsinee biyya teennarratti dimokraasii dhugaa, haqaa fi

dhugaan uumamaa akka lalisan Sabni keenna bakka jirutti olola diinaatiin

osoo hin gowwomne walabummaa biyya isaatif murannoon akka qabsaayu

waamicha lammummaa dabarsina.

  1. Kan Oromoo ta’e, kan Oromummaa fi Oromiyaa jaalatu fi qabsaayonni

Oromoo hundi sababa adda addaa tarreesuu dhiisanii, ufii walitti garagaluun

wal diiguu dhiisanii, gabrrummaa fi gabrroomfattotarratti akka xiyyeefatan

waamicha goona.

  1. Sabootaa fi Sabllammonni mirgi isaanii ukkaamsame hundi shira

wayyaaneen xaxxuun osoo hin jilbiifanne akka mirgoota keessaniif bakka

jiratn hundatti qabsoofttan waamicha goona.

  1. Humnoonni dimokraasii dhugaatif dhaabbattan, humnoonni mirga hiree

murteefannaa sabootaatif dhaabatan, humnoonni wal qixummaa fi

bilisummaa amantiitif dhaabatan, warri sirni haqaa kan dhugaa tayee fi bilisa

taye akka jiraatu amantan hundi, sodaa dhiisudhaan bakka jirtanitti akka

qabsooftan waamicha dabarsina.

  1. Sirni gabromsaan wayaanee, saamicha daangaa hinqbnneen ummata keenna

hiyyoomsuu bira dabree, lafa isaarraa buqqisee alagaa irra qubsiisudhaan

Oromiyaa qubsumaan addaan diigudhaaf summii inni facaasaa jiru cimsinee

balaalefanna.

Oromiyaan Ni Walaboomti!

Injifannoo Saboota Cunqurfaman Hundaaf !

Bilisummaa, Haqa, Mirga Ilma Namaa!

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …