Oduu Haaraya

Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) Oromo Liberation Front(OLF)

Lakk/NO. ABO/008/2016

Guyyaaa:Fuulbana/5/2016

____________________________________________________________________________________________________________________________________________

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Gochaan yakkaa suukaneessaa kan murni Wayyaanen ilmaan Oromoo mana dhihaa Qilnxoo keessa jiran irratti fudhate

kan baay’ee nama gaddisiisuu fi laalessuu dha. Murni ”ani mootummaadha” ufiin jedhu tokko ummata mirga isaa karaa

nagayaatiin hiriira bahee gaafatu mana hidhaa keessatti walitti qabee ibiddaan gubuu fi rasaasaan fixuun kan takkaa

addunyaa kana irratti mul’atee fi argamee hin beeyne. Kun duguuggaa sanyii kan ummata tokko lafarraa duguuganii

balleessutti kan laakkamu jennee amanna.

Lakkoofsaa fi eennummaa ilmaan Oromoo fi saboota biroo kan mana hidhaa san keessatti ibidaa fi rasaasaan dhumanii

haga ammaa guututti beekuu yoo baannellee mootummaan kun ta’e jedhee ilmaan Oromoo kanneen qaroo ija saba isaanii

ta’an hoogganootaa siyaasaa, koree fala barbaaduu dhimma muslimootaa, gaazexessitootaa fi sab-boontota biraa akka

fixuuf murteeffatee gochaa kana raawwatuun isaa eennun jalaayyuu dhokataa miti.

Balaan mana hidhaa kana keessatti hidhamtoota siyaasaa mirga saba isaaniitiif falmatan irra gahe kan maatii isaanii qofa

yaaddessu osoo hin taane kan hundi keenna akka Oromootti ykn sabaatti nu yaaddessuu dha.

Kanaafuu, akka dhaaba ABO-tti balaa diinni hidhamtoota keenna irraan gahe kana yaaddoo nutti dhagahame ummata

keennatti ibsachuu barbaanna.

Gochaa suukaneessaa fi bineensummaa kan Mootummaan Wayyaaneen ( TPLF) ummataa fi hooggnoota isaa kan mirga

ummata keennaaf falman turan irratti fudhatte kana jabeessinee balaleeffata.

Shirri mootummaan Wayyaanee mana hidhaa Qilixoo irratti fudhate kun kan ar’a eegalame osoo hin taane kan tana

dura manneen hidhaa Finfinnee, Amboo,Qaallitti, Goondar, Dabrataabor fi Harargee dhihaa Naannoo Masalatti Masjiida

lama gubuun ummataa fi hidhamtoonni lakkoofsaan dhibboota heddutti lakkaawaman keessatti dhuman ta’uun ifaa dha.

Gaaffii abbaa biyyumma, kan ummanni mirga isaa falmachuuf kaase ukkamsuuf jecha, ummata walitti qabanii hidhuun,

hiraarsuun, jumlaan ajjeessuu, biyyaarraa ari’uun fi gochaa binneensummaa irratti raawwachuun furmaata hin ta’u. Nama

ajjeesuun danda’amullee yaadaa fi kaayoo isaa ajjeessuun kan hin danda’amne ta’uu mootummaan kun beekee gochaa

faashitummaa kana irraa akka dhaabbatu akeekkachiifna.

Ilmaan Oromoo mootummaa kanaaf meeshaa taatanii lammii keessan miidhaa jirtaniif, mootumaan ni kufa; kan yeroo

hundaa jiraatu ummata. Saba keessaa dhalatan qabsiisuun, ajjeessun fi yeroo diinni isin biratti salphisu dhaabbatanii

ilaaluun, badii dhiifama hin qabnee dha. Mootummaan wayyaanee yeroon isii dhumatee waan jiruuf gara itti gortu

wallaaltee akka saree maraattee oliif gadi fiiga jirti. Wayyaaneen abdii waan kutatteef kana booda akka mootummaatti

biyya kana bulchuu akka hin dandeenye beektee jirti. Osoo mootummaan Wayyaanee isin dursee hidhannoo harkaa

qabdan isin irraa hin guurre dursaatii tarkaanfii malu fudhaa lammii keessaniif aantummaa qabaadha. Fakkeenyi Ilmaan

Amaraa saba isaaniif agarsiisaa jiran isin birattillee mul’achuu qaba.Mootummaa kana wajjiin hin dabrinaa karaa

keessan tolfadha Qabsoo bilisummaa ummata keessaniif adeemsifamaa jiru keessatti akka hirmaattan ABOn yaaminsa

lammummaa isiniif godha.

Yaa ummata Oromoo! Mootummoonni gita bittu habashaa baruma baraan sirratti wal dabranii cunqursaa fi roorroo

hiriyya hin qabne sirraan akka gahaa tura atuu ni hubatta. Keessattuu, murni bicuun Wayyaanee kan TPLFn durfamu,

sanyii kee lafa irraa duguugee dhabamsiisuuf ilmaan kee gaaraa fi mana hidhaatti jumlaan walitti qabee rasaasa fi

ibiddaan fixaa jira. Atis kana hubattee qabsoo itti jirtu finiinsuu fi mootummaa kana ufirraa buusuu qofatu furmaatata’a

jennee amanna. Duguggaa sanyi kan diinni sittiin jiru kanatti osoo hin rifatin wareega qabsoon nu gaafattu hundaa

baafnee abbaa biyya keenyaafi qabeenya keenyaa ta’uu qabna. Kana fiixa baasuuf miidhaa nurra ga’uun rifannee of

duuba deebi’uu hin qabnu. Wareega sii fi qeerroon ilmaan keetii baasaa jiran kanatti firii gochuuf jabaannee harka wal

qabne biyya keenya irratti abbaa ta’un murteessaa dha.

Dhaabni ABOn mirga eennummaa fi abbaa biyyummaa ummata keennaa kan mootummoota abboota irree Impayera

Toophiyaatiin Jaarraa tokko dura irraa mulqamee ture deeffatuuf qabsoo hadhooftuu fi bu’aa fi bahii guddoo qabdu

godhaa turuun isaa ifaadha.

Ar’allee, mootumma Wayyaanee kan ummata keenna lafa irraa duguugaa jiru kana akka ummanni keenna qabsoo isaatiin

ufirraa mulqee bilisummaa isaa gonfatuuf qabsoo fuula hundaa kan diina waliin itti jiru jabeessee kan itti fufu ta’uu isaa

irra deebi’ee mirkaneessa.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …