Oduu Haaraya

Addunyaa qaroomtee irraa booda hafnee ,osoo afaan qabnuu dubbachuu dadhabnee…

Addunyaa qaroomtee irraa booda hafnee
,osoo afaan qabnuu dubbachuu dadhabnee
,,,osoo aadaa qabnuu kan ormaa hordofnee,
seenaas hedduu qabnaa kan hin dagatamne,
miidiyaa alagaan keenya qoqqoobamnee,
jaarraa tokko oliif qawweef miidiyaadhaan waa hedduu reebamne,

waltajjii diinaatiin seena dhablee taanee
Addunyaatti himamne.
SEENAA hedduu qabnaa kan himamee hindhumne,
aadaa keenya boonsaa kan yoomu hin duune,,,,,

SIRNA DIIMOKRAASII kaleessa Addunyaan qaroomaan nuuf TUME,
nuuf haarawaa mitii OBBO-ROO GANAMAA WAAQNI ITTIIN NU UUME,
osoo kana qabnuu luugamaan hidhamnee,
MIIDIYAA dhabuudhaan dukkanatti hafne. Keenyaan faallaa taanee namatti mul’annee,
xurree diinnii saaqee irra imaluudhaaf dhiittaadhaan dirqamne.
Nutis kunoo amma mataa ol qabannee
tarree hawaasa addunyaa keessaatti hirmaannee,
Miidiyaa waaltessaa oromoo dhaabbanne
sabaa himaa jabaa
dhuunfaan YAYYABANNEE,
hundi ilmaan oromoo gammachuun guutamne,
lammiileen biyyarraa biyyatti facaane,
tamsaasa wal qixa guutuu addunyaatiin kunoo tokko taane,,, Hayyuun keenya ka’ee dhaamsa waliif dhaamee,
beekaanis bikkayyuu lallabee wal yaamee,
miidiyaa nuudhaabuuf YAA’II gamtaa uume,
Inni abbaa qabeenyaas lammiidhaaf arjoomee
,kunoo akkasittiin humnaafii beekumsi walitti gamtoomee,

yaroo gabaabduutti waltajjii tokkummaa oromoo dhugoome. Kunoo nuufis guyyaan gammachuu nuu dhufee,
dubbachuu dandeenyaa afaan keenya guunnee,
karaa miidiyaadhaa kunoobilisoomnee.,,
EENYUMMAAN OROMOO maal akka fakkaatuu,
seenaan awwaalame
akka ifa baatu,
biyyaaf biyyeen keenya maal akka fakkaattu,,
tamsaasuudhaaf jirraa ADDUNYAA MARATTUU,
sagalee qaradhaa qophaa’aa martinuu
,dhageettii halagaa haa barbadeessinuu,,
keenya wal fakkaannee keenya haa leellifnuu,
beekumsaa diinagdeen tumsa haa roobsinu,,,,, GUYYAANSAA DHUMEERAA AFAAN ALAGAATIIN, AFAAN ALAGAATIIF KAN NUTI WEELLIFNU(2),
keenya gonofamnee kan ormaa gonfamnee, osoo hayyuu qabnuu doofaa alagaatiin hammeenya gorfamnee, seenaa goota oromoo baruuf mirga dhabnee,, dabeessa HABASHAA faarsuuf ajajamne. Alagaan sobamuun yaroonsaatu dhumee, Beektota keenyatu afaan nutti UUME, jechaa gammachuudhaan lammiin biyya keessaa oduu waliif dhaame. Xumureera Galatooma * Birkii Burqaa Kaleessaa.”

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …