Oduu Haaraya

Afaan Oromoo dur hacuuccaa diinaatu duubatti isa hanbise, har’a hoo maaltu duubatti isa hanbisa?

 

 

Abdii Boruutiin

 

 

Akkuma beekamu, Afaan Oromoo bar-dhibbee tokkoo ol hacuuccaa ykn cunqursa diinaa jala waan tureef; akkasumas otuu ittiin hin barreessamin baroota dheeraa waan dabarseef, Afaan ittiin dubbatamu qofaa ta’ee akka ture kan yaadatamuu dha. Galanni qabsoo bilisummaa Oromootiif haa ta’u, kunoo bara 1991 kaasee qubee ittiin barreessamus argatee, har’a sadarkaa kanarra ga’ee jira. Injifannoo kana ammoo Oromoon hunduu ittiin boonuu qabna. Haa ta’u malee, Afaan keenya rakkoolee hamma kana hin jedhamne keessa dabree, har’a sadarkaa kanarra haa ga’u malee, bar-kurnee lamaan dabran keessatti akka Afaan tokko guddachuu qabutti guddatee jiraa? Yoo deebiin gaafii kanaa “lakkii hin guddanne” kan jedhu ta’e, gaafiileen itti aananii dhufan: Maaliif guddachuu dadhabe? Amma hoo akka guddatu maaltu godhamuu qaba? fi kan kana fakkaatanii dha.

 

Gaafiilee asitti ka’an kanaaf deebii otuu hin barbaadin dura mee gaafii: Guddinni Afaan tokkoo akkamitti madaalama? kan jedhu haa ilaallu. Gaafiin kun salphaa fakkaatu illee, deebiin isaa kan xinxala barbaachisu fi hubannoo guddaas barbaadu dha. Karaa kanaan deebii quubsaa kennuu dhaaf ammoo ogummaa Afaanii illee nama barbaachisa. Ogummaa kana qabaachuu baadhus, akka ilaalcha, yaada fi hubannoo kiyyaatitti, gaafii kanaaf deebii gabaabaa kennuun yaala. Ulaagaaleen guddina Afaan tokkoo baay’ee ta’uu danda’an illee, inni guddaan tokko guddina hogbarruu ti. Guddinni hogbarruu guddina Afaan tokkoo agarsiisa jechuus ni danda’ama. Ulaagaan biraa ammoo, kan guddachuun Afaan tokkoo ittiin beekamu, yoo Afaan kun qulqullaa’e fi waalteffamee dha. Egaa asirraa kaanee Afaan Oromoo yoo ilaallu, Afaan keenya yeroo ammaa ulaagaalee kana guutuu ykn guutuu baachuu isaa hubanna.

 

Akka Afaan keenya hacuuccaa guddaa jala turetti fi akka bara 1991 jijjiiramni argametti, silaa beela fi dheebuu Afaan keenya kanarraa qabnuun guddina isaatiif ciminaan hojjennee; bar-kurnee dabran kana keessatti waa hundaa guddisuutu nurra ture. Haa ta’u malee, guddisuun isaa hafee, Afaan keenya waan dagatame fakkaata. Ulaagaaleen kanaa olitti kaase yoo ilaalle, gara hogbarruutiin Afaan keenya baay’ee baay’ee duubatti hafe yoon jedhe dhara ykn dubbii raajessuu miti. Fakkeenyaaf, kitaabonni waggoota diigddamman dabran kana keessatti Afaan Oromootiin barreessaman walumaagalatti lakkoofsa isaanii illee yoo ilaalle, hammam Afaan keenya akka dagatame fi duubatti hafe ragaa ta’u. Egaa kuni maaliif ta’e jennee of gaafachuu hin qabnuu? Yoo nuyi guddina Afaan keenyaatiif tattaaffii hin goone, eenyutu nuuf guddisa jennee teenyee eegna? Afaan keenya hundee Oromummaa ti; mallattoo keenyas. Mallattoon fi eenyummaan keenya akka guddatu hin barbaadnu moo waan biraatiif dursa kennina?

 

Dhugaa dha, wanti yeroo ammaa caalaatti itti xiyyeeffannu fi dursa kennuufii barbaadnu ykn qabnu qabsoo bilisummaa fi abbaabiyyummaa akka ta’e waan nama mamsiisuu miti. Dura kana galii dhaan geenyee, sana booda guddisuu Afaan keenyaatti deebina yaadni jedhu ka’uu danda’a ta’a. Yaadni akkanaa garuu, akka ilaalcha kiyyaatitti, dogoggora dha. Guddinni Afaan Oromoo qaama qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) akka ta’e hubachuu qabna. Maaliif qabsoo kana lamaan addaan baafnee ilaaluu barbaadna? Afaan keenya guddisaas bilisummaa dhaaf qabsaa’uus ni dandeenya jechuu dha. Bilisummaan yoo ture, guddinni Afaan keenyaas isuma wajjin turuu qaba jechuu dhaa? Akka carraa ta’ee yookaanis jabaannee ciminaan hojjennee bilisummaa fi walabummaa otuu argannee, sana booda Afaan hin guddatini fi hin waalteffaminiin hojjechuun; biyya keenya ittiin bulchuun qabsoo biraa akka ta’u hubachuu qabna. Kanaaf, guddinni Afaan keenyaa qabsoo bilisummaa wajjin wal bukkee gaggeeffamuu qaba.

 

Mee gara hogbarruutti deebi’uu dhaaf, yoo dhugaa dubbanna jenne, kitaabota Afaan Oromootiin barreessuun hafee; yookaanis kan barreeffamani illee bitnee dubbisuun hafee, waanuma xixiqqoo illee Afaan keenyaan barreessuu fi dubbisuu dhaaf hammam fedhii qabna? Yoo barreessuu fi dubbisuuni illee kan nu rakkisu ta’e; yoo qubee Afaan Oromootti fayyadamuun kan nu dhibu ta’e, meeqa keenyatu kana barachuu dhaaf hawwii fi fedhii qabna? Babal’inni fi guddinni hogbarruu asirraa ka’aa bar! Yoo Afaan keenyaan hin barreessine fi kan barreeffames hin dubbifne, Afaan keenya ni dagatama; yoo dagatame ammoo, duubatti hafa. Wanti tokko hammuma irraa fagaachaa deeman dagatamuu bira illee dabree hirraanfatamuu illee danda’a. Dur carraa dhabnee; dhiibbaan adda addaas waan tureef, Afaan keenyaan barreessuu dadhabne. Har’a garuu waan dandeenyu, karaa dandeenyuun gahee keenya gumaachinee Afaan Oromoo akka guddatu godhuu ni dandeenya.

 

Akkuman kanaa olitti tuqee dabre, ulaagaa lammaffaan, kan guddinni Afaanii ittin madaalamu, qulqullina fi waalteffamuu Afaanichaa ti. Karaa kanaanis Afaan Oromoo yoo ilaalle, ulaagaa kana guutuu dhaaf waa baay’eetu hafa. Karaa tokkoon Afaan keenya har’a illee bar-kurnee lama booda jechoota alagaa ofitti makuu irraa of hin qulqulleessine. Fakkeenyaaf, namootni tokko tokko akkuma ofii barbaadanitti, akkuma isaanitti toletti, jechoota Afaan Amaaraa fudhatanii isaan kana Afaan Oromootti hiikuu dhaan kanatti fayyadamaa jiru. Waayeen akkanaa kuni ammoo, jechoonni Afaan keenyaa kan qulqulluu ta’ani fi naanolee adda addaa keessatti dubbataman akka bakkee ofii hin arganne taasisa. Afaan keenya akka dogoggoraan baratamu godhas. Bakka jechoota alagaa ykn bakkee jechoota sirrii hin taanee kan ofii buusuu dhaaf ciminaan irratti hojjechuu barbaachisa.

 

Waaltessuun Afaanii baay’ee barbaachisaa fi murteessaa dha. Waayeen kun Afaan guddachuuf jalqabarra jiru, kan akka Afaan keenyaa dhiisii, Afaan gaariitti guddate fi biyya teeknoolojii dhaan guddatan keessatti illee baay’ee barbaachisaa dha. Biyyooleen diinagdee fi teeknoolojii dhaan guddatan tokko tokko illee fooyyii barreessuu Afaanii (orthography reform) jechuu dhaan yeroo yerootti guddina Afaan isaanii too’achuu dhaan waan kanarratti hojjetu. Waaltessuun Afaan tokkoo bu’ura guddina isaa ti. Akkuma beekamu, biyyi keenya Oromiyaan bal’aa dha. Kana biratti ammoo uummatni keenya baroota dheeraa (bar-dhibbee tokkoo ol) addaan hiramanii; kutaa kutaatti qoqqoodamanii waan turaniif, Afaan tokko haa dubbatan malee, jechootni isaan itti fayyadaman naannoo dhaa naannootti; kutaa dhaa kutaatti gara gara ta’uu danda’u; waliigaltee irratti illee rakkoo fiduu danda’a. Yoo Afaan keenya waalteffamu garuu jechootni walii (common words) filatamanii kanatti waan fayyadamamuuf, barreeffama keessatti illee akka dogoggorri hin uumamne taasisu jechuu dha. Kanaaf, waaltessuun Afaan keenyaa barbaachisaa ta’a.

 

Wanta tokko otuu hin hubachiisin kanan dabruu hin barbaadne, Afaan Oromoo kan duubatti hanbise hacuuccaa diinaa, kan dur irratti godhamaa ture qofaa otuu hin taane, diinni har’aas kan dalagaa jiru kan dur sanarraa baay’ee adda miti. Kan dur sanarraa kan adda godhu yoo jiraate, diinni har’aa Afaan keenyatti fayyadamee meeshaa godhatee nu bitaa yoo jiru, garuu Afaan kun akka hin guddanne godhaa jira. Kuni ammoo hacuuccaa bifa biraa ti. Diinni har’aa akka Afaan Oromoo guddatu barbaaduu baatu illee, warra isaaf hojjetaniif leenjii fi barumsa Afaan Oromoo kennaniifii nutti bobbaasan. Karaa biraatiin akka Afaan keenya guddatu barbaaduu baatanis akka inni dhabamus hin barbaadan jechuu dha. Kanatu diina durirraa adda isaan godha.

 

Gaafiilee jalqaba barruu kanaarratti ka’anitti deebi’uu dhaaf, gaafii isa duraa, Afaan Oromoo maaliif guddachuu dadhabe? kan jedhuuf deebiin, akkuman kanaa olitti ibsuu yaale, guddina Afaan keenyaatiif waan ciminaan irratti hin hojjetaminiifi. Ciminaan irratti hojjechuun hafee, akka inni hin dagatamne illee yaalii baay’een hin godhamne. Kuni komii otuu hin taane, dhugaa mul’ate fi mul’achaas jiru waan ta’eefi. Haa ta’u malee, waayee waan tokkoo yoo dubbatan, rakkoolee jiran qofaa kophaatti baasanii dubbachuun faayidaa hin qabu. Rakkoolee kanaaf mala ykn furmaata barbaaduutu bu’aa fida jechuu dha. Gaafii lammaffaan jalqaba barruu kanaarratti ka’e: Amma hoo akka Afaan keenya guddatu maaltu godhamuu qaba? kan jedhu, gara mala ykn furmaata barbaadnutti nu geessa. Mala ykn furmaata kanas argachuun dirqama Oromoo hundaatuu ta’uu qaba jedheen amana.

 

Gaafiin: Akkamitti Afaan keenya guddifnna? jedhu sammuu Oromoo hundaa keessatti deddeebi’ee ka’uu qaba. Karaan Afaan keenya ittiin guddachuu danda’u adda adda ta’u illee, inni tokko hogbarruu Afaan keenyaa babal’isuu fi guddisuu dha. Kuni ammoo kan ta’u yoo Afaan keenyaan barreessine dha. Namni hunduu barreessaa ta’uu hin danda’u ta’a yookaanis kana godhuuf dandeettiin jiraatu illee fedhiin hin jiru ta’a jechuu kooti. Haa ta’u malee, warra barreessuu barbaadani fi dandeettii kanaa illee qaban jajjabeessuun; waan isaan barreessan dubbisuun, guddina hogbarruutiif karaa baasa ykn balbala bana jechuu dha. Akkuma kitaabota Afaan biraa bitnee dubbisuu dhaaf fedhii fi hawwii qabnu, kan keenyaatiifis akkasuma caalaatti fedhii fi hawwii yoo qabaanne, kitaabotni baay’een Afaan Oromootiin akka barreeffaman taasisa. Yoo kitaabotni Afaan keenyaan barreeffaman hin gurguramne ykn hin bitamne fi hin dubbifamne, hamileen barreessaa illee hir’achuu waan danda’uuf, kan waan baay’ee barreessuu dhaaf yaada qabu fi karoorfate illee yaada ofii kana jijjiiruu dhaaf dirqama. Waayee akkanaa kanatu akka hogbarruun hin guddanne godha.

Dhiyoo kana gadaa.com irratti mata duree “OPride.com Seeking Contributors – Hamba Habalee Cittee” http://gadaa.com/oduu/?p=6792  jedhuun waayee Afaan Oromoo dubbissen ture. Ani akkan ofii kiyyaa yaadutti, yaadni kun baay’ee gaarii dha; deeggaramuu fi jajjabeessamuus qaba . Deeggaruu fi jajjabeessuu jechuun ammoo, yaada gaarii dha; jabaadhaa itti fufaa jechuu dhaan yaada (comment) kennuu ykn dhiyeessuu qofaatti hafuu hin qabu. Bakkeen kun kan namootni yaada, beekumsa fi dandeettii ofii itti hirmaatani fi asitti walirraa barachuus danda’an ta’uu qaba. Kuni bu’aa karaa lamaa qabaachuu danda’a. Tokko, walirraa barachuu fi beekumsa tokko tokkorraa argachuu yoo ta’u, bu’aan karaa lammaffaa babal’isuu fi guddisuu Afaan Oromoo ti. Kanaaf tattaaffiin akkanaa kun yoo deeggarame, bu’aa fiduu danda’a jedheen yaada.

Asirratti yaadni ykn gaafiin: Maal godhuu qabna? jedhu ka’uu danda’a ta’a. Warri yaada kana dhiyeessan (OPride.com) wanta godhamuu qabu yookaanis akkamitti yaada kana akka babal’isan ibsani illee, ani yaada tokko dhiyeessuun barbaada. Fakkeenyaaf, namootni jechoota Saayinsii, Kompiyuutaraa, Afaanii (grammar words or terms) … walumaagalatti jechoota Teeknoolojii Afaan Oromoo fi Afaan Ingiliziitiin beekan, jechoota kana wal bira qabanii dhiyeessuu dhaan akka namootni biroo baratan yookaanis yaada ofii itti dhiyeessan godhuu dha. Akkanatti jechootni baay’achaa akka deeman waan taasisuuf, gara fuulduraatti kitaabotni tokko tokko illee, kan ogummaa gara garaatiif qophaa’an akka barreeffaman jajjabeessuu danda’a jedheen yaada. Kuni ammoo yaada dhuunfaa kiyyaa fakkeenyaaf jedheeti malee, wanti asirratti hirmaatamu baay’ee ta’uu danda’u. Kan ta’es ta’u, yaada akkanaa irratti hirmaachuun baay’ee barbaachisaa dha.

 

Dhumarratti, dhaamsi ani carraa kanaan Oromoo hundaafuu dabarsuu barbaadu, keessumaayuu warri barumsa, beekumsa fi dandeettii qabdan waan dandeessan, karaa dandeessaniin qooda keessan gumaachuu dhaan, Afaan keenya akka hin dagatamne fi duubatti hin hafne; kana bira illee dabree akka guddatu; dirqama Oromummaa keessan akka baatani dha. Afaan Oromoo hundee Oromummaa ti; mallattoo Oromoo ti. Kanaaf, eenyummaa fi mallattoo keenya haa guddifnu; addunyaatti haa agarsiifnu; ittiinis haa guddannu. Guddinni Afaan tokko guddina saba tokko ti.

Galatoomaa.

 

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *