Oduu Haaraya

Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessa, garaagarummaa ilaalcha fi karaa ti moo, garaagarummaan kaayyoos jira?

 

 

Abdii Boruutiin

 

 

Gaafii akka mata dureetti dhiyeesse kanaaf deebii otuu hin barbaadin dura, gaafii waliigalaa tokko kaasuun barbaachisaa dha. Innis: “Nuyi uummatni Oromoo kaleessa eessa turre, har’a eessa jirra, boru eessa ga’uu barbaadna?” kan jedhu dha. Gaafiin waliigalaa kun gaafiilee sadi of keessatti mul’isa; kophaa kophaatti baafnee yoo ilaallu, i) kaleessa eessa turre? ii) har’a eessa jirra? fi iii) boru eessa ga’uu barbaadna? kan jedhanii dha. Waayee kana ibsuu dhaaf akka natti tolu, kaleessa kanan jedhu, erga uummatni keenya gabrummaa Habashaa jalatti kufee kaasee hamma bara 1991 yoo ta’u; har’a kanan jedhu ammoo bara 1991 kaasee hamma har’aatti; boru kanan jedhu walumaagalatti, egeree keenya jechuu kooti.

 

Gaafii isa duraa i) kaleessa eessa turre? kan jedhuuf deebiin mamii hin qabne; warra OPDO illee dabalatee, kan hunduu irratti waliigalan jedhee yaadu, gabrummaa jala akka turree dha. Gara gaafii lammaffaa ii) har’a eessa jirra kan jedhutti yoo dabarru garuu, asirratti ilaalchi adda addaa mul’ata. Warri OPDO uummatni Oromoo bilisummaa barbaadu argatee jira jedhanii guutumaa guututti akka dubbatan waan shakkii qabu natti hin fakkaatu. Oromootni biroollee, kan OPDO dhaa ala ta’an, warri yaada fi ilaalcha akkanaa qaban hin dhabamne. Haa ta’u malee, dhugaan ifa ta’ee jiru fi ragaalee ifa ta’anis qabu, uummatni Oromoo har’as akkuma kaleessaa, gabrummaa jala/keessa jiru. Gabrummaan har’a uummatni keenya keessa jiru ammoo yoomiyyuu caalaa hamaa akka ta’e ragaalee baay’ee dhiyeessuun ni danda’ama.

 

Har’a Wayyaaneen uummata keenya hidhuu, dararuu, ajjeeftee karaarratti gatuu, biyyarraa baqachiisuu, hidhaa bara dheeraa fi umurii guutuu namoota keenya irratti murteessuu birallee dabartee; uummata keenya qayee fi lafa isaarraa buqqisaa; lafa isaa gurguraa; karaa biraatiin lagoota fi haroolee keenya summii dhaan balleessaa; walumaagalatti, uummata keenyarratti qofaa otuu hin taane, biyya keenya Oromiyaarratt illee badii guddaa dalagaa jirti. Dhugaa kanatu gabrummaa har’aa hamaa isa godha. Dhugaa kanatu akka Oromoon har’as gabrummaa jalaa hin ba’in agarsiisa. Dhugaa kanarratti hundeeffamee, deebiin gaafiilee tokkoffaa fi lammaffaa tokko’uma jechuu dha. Gabaabumatti, uummatni Oromoo har’as akkuma kaleessaa gabrummaa jala/keessa jira.

 

Gaafii sadaffaan iii) boru eessa ga’uu barbaadna? kan jedhu, kan salphaatti deebii argatuu miti. Gaafii kanatu gaafii guddaa mata dureerratti ka’etti nu geessa. Kan ilaalcha adda addaa uumullee deebii gaafii kanaa ti jedheen yaada. Erga uummatni keenya har’as gabrummaa jala jira jennee amanne; gaafii, uummatni Oromoo maal barbaada? jedhuuf deebii gabaabaan “bilisummaa fi abbaabiyyummaa dhabe deebisee argachuu” akka ta’u waan nama mamsiisuu miti. Wanti barbaadamu sun yoo ifa ta’e booda, gaafiin itti aanee ka’u, waan barbaadnu kana akkamitti arganna ykn argachuu dandeenya? kan jedhu ta’a. Akka mala fi karaa garagaraa yaadnu nu taasisa. Maaliif yoo jedhame, bilisummaa uummata tokkoo dhiisii wanta biraatuu karaa tokko qofaa dhaan argachuun rakkisaa waan ta’uufi.

 

Jaarmayoota fi dhaabilee siyaasaa Oromoo yeroo ammaa jiran yoo ilaalle, kan OPDOrraa hafan, kan walaba ta’anii bilisummaa Oromootiif qabsaa’an ykn hojjetan saditu jiru. Adda Bilisummaa Oromoo ABO (garee hundaa), ULFO fi OFC dha. Humnoota kana ammoo bilisabaasota fi humnoota diimookraasii jennee bakkee lamatti hiruu ni dandeenya. Bilisabaasonni kan akka ABO fi ULFO yoo ta’an, humnoota diimookraasii kanan jedhu, warra biyya keessatti socha’aa jiran kan akka OFC ti. Asirratti wanti hubatamuu qabu, humnoota diimookraasii yon jedhu, ABO fi ULFOn diimookraasiitti hin amanan jechuu kiyyaa miti. Bilisabaasota kanan jedhu, warra qabsoo hidhannootti amanani fi isa kanas gaggeessanii dha.

 

Sagantaalee siyaasaa jaarmayoota fi dhaabilee kanaa akkuma jiranitti dhiisee, walumaagalatti, akka hubannoo kiyyaatitti, yoon isaan walbira qabee ilaalu, wanti isaan hunduu waliin qaban tokko akka ta’en yaada; innis mirga uummata Oromootiif qabsaa’uu ykn hojjechuu dha; hundi isaaniituu akka uummatni keenya gabrummaa jalaa ba’u barbaadu jechuu kooti. Asirraa kaanee kaayyoon isaanii kan walii (common objective) bilisummaa uummata Oromooti jechuus ni danda’ama. Maaliif yoo jedhame, uummata bilisa ta’etu mirga hiree ofii ofiif murteeffachuu danda’a.  Erga kaayyoon isaanii tokko’uma ta’e ammoo, gaafiileen, maaliif wajjin hin hojjenne ykn maaliif wajjin hin qabsoofnne? Maaliif tokkummaa ykn tumsa hin ijaarre? jedhan ka’uu danda’u. Deebiin gaafiilee kanaa inni tokko, ilaalcha adda addaa waan qabani fi karaa gara garaa waan yaadaniif, tokkummaa ykn tumsa ijaaruun ykn wajjin hojjechuun rakkisaa ta’a, kan jedhu akka ta’un yaada.

 

Haa ta’u malee, deebiin kun quubsaa akka hin taane waan nama mamsiisuu miti. Wanti hubatamuu qabu, qabsoo uummata bal’aa tokkoo, kan akka uummata Oromoo dhiisii, jireenyuma ilmaan namootaa keessatti illee, ilaalchi adda addaa kanuma mul’atuu dha. Ilmaan namootaa yaada adda addaa waan qabaniif; yaadni adda addaa ammoo ilaalcha adda addaa akka qabaatan waan taasisuuf, kun jiraachuun uumaa’uma dhalootaa ti. Kanaaf, ilaalchi adda addaa mul’achuun akka waan badaatti ilaalamuu hin qabu jedheen yaada. Ilaalchi gara garaa kun kaayyoo tokkorratti kan dhiibbaa godhu ykn faallessu yoo ta’e garuu, kuni galii tokkorratti rakkoo fiduu danda’a. Asirratti galiin maali, kaayyoon maali?

 

Kaayyoon bakkee tokko ga’uuf waan yaadan ykn karoorfatan yoo ta’u, galiin garuu bakkee kaayyoon ykn karoorri itti milkaawu ykn xumuramuu dha. Akkuma kaayyoo tokko, kaayyoo yeroo gabaabaa, yeroo jiddugaleessaa fi yeroo dheeraa jedhanii baafatan ykn karoorfatan, galiin kaayyoo sanaallee akkasuma kan yeroo gabaabaa, yeroo jiddugaleessaa fi yeroo dheeraa yookaanis xumuraa ta’a jechuu dha. Jaarmayoota fi dhaabilee Oromootti deebi’uu dhaaf, erga kaayyoon isaanii tokko ta’e, akka waliin hin hojjenne; akka tokkummaa ykn tumsa hin uumne kan taasisu, galii isaan barbaadan ta’inaaree laata? Akkuman kanaa olitti tuqee dabre, sagantaaleen siyaasaa isaanii waan jedhan akkuma jirutti dhiisuu dhaan rakkoon jiru ilaalcha galii booddee ta’uu ykn ta’uu baachuu ibsuun yaala. Ibsi kiyya kun ammoo, jaarmayootaa fi dhaabilee keenyaa keessa isaanii beekee otuu hin taane; yookaanis isaaniin mari’adhee otuu hin taane, hubannoo ani hawaasa Oromoo fi QBO keessatti argadherraa madda.

 

Oromo Federalist Congress (OFC) yoo fudhanne, tooftaaf jedhaniis haa ta’u; galii booddee illee godhataniis haa ta’u; wanti ani sirriitti beeku jiraachuu baatu illee; kan isaan barbaadan, gabaabumatti ibsuu dhaaf, impaayara Itoophiyaa keessatti mirgi uummata Oromoo eegamee; federeeshiniin naannolee dhugaa ijaaramee; sabni Oromoo saboota impaayaraa kan biroo wajjin walfaanummaa dhaan akka jiraatan godhuuf natti fakkaata. Akkan kanaan dura barruulee kiyya kan adda addaa keessatti itti fayyadame, jechi “walfaanummaa” jedhu waa lama agarsiisee ture. Inni tokko walfaanummaa saboota Itoophiyaa yoo ta’u, kan biraa ammoo, walfaanummaa saboota walaba ta’anii ykn Afaan Ingiliziitiin “union of independent nations” kan jedhamuuf ture. Inni duraa hiika “autonomy” jedhus kan mul’isu yoo ta’u, inni lammataa garuu “independent” jedhu agarsisa jechuu dha. Haa ta’u malee, akka waan tokko tokko ibsuurratti afaanfaajjii hin uumne, kana booda akka kanaa gadiitti itti fayyadamuun barbaada.

 

  • Walfaanummaa saboota Itoophiyaa= autonomy of Ethiopian nations in a true killil federation
  • Gamtaa saboota walabaa=union of independent (Ethiopian or/and horn of Africa) nations

 

Sababni jechoota kana filadheef boodarra yaada tokko tokko ibsuuf akka natti toluufi malee, jechootni kun afaanfaajjii akka uuman hin barbaadu.

 

Jaarmayoota bilisabaasota keenya ABO fi ULFO yoon ilaalu, galii tokko ga’uuf ilaalcha adda addaa haa qabaatan malee; yookaanis ammoo tooftaa, tarsiimoo fi karaa gara garaa haa yaadan ykn yaalan malee, kaayyoon isaanii tokko’uma – bilisummaa fi abbaabiyyummaa uummata ykn saba Oromoo mirkaanessuu dha jedheen yaada; asittis sagantaaleen siyaasaa isaanii waan jedhan akkuma jirutti dhiisee jechuu kooti. Haa ta’u malee, akka yeroo tokko tokko dubbatamutti ykn barreeffamutti, ABO QC fi ULFOn kaayyoo ifa ta’e tokko fi akkasumas galii ifa ta’e tokko “walabummaa Oromiyaa” akka galii xumuraatti yoo ilaalan, warri hafan garuu tooftaa fi tarsiimoo gara garaa waan yaadaniif; kaayyoo isaaniis akka kaayyoo yeroo gabaabaa fi yeroo dheeraatti waan ilaalan fakkaatu. Asirratti yoon dogoggore hundi isaaniituu na qajeelchuu danda’u; wantin asitti barreessu yaada dhuunfaa kiyyaa waan ta’eef jechuu kooti.

 

Kaayyoon yeroo gabaabaa kun, Wayyaanee kuffisanii, sana booda haala tolfamu keessatti mirgi hiree murteeffannaa uummata Oromoo akka mirkaanawu godhuufi jedheen yaada. Kaayyoon yeroo dheeraa ammoo, Oromiyaan yoo walaboomte booda; saboota biroo, kan akkasuma walaba ta’an ykn walabooman, wajjin (waliin) gamtaa saboota walabaa ijaaruuf akka ta’es natti fakkaata. Asirratti, akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, yoo kaayyoon akkanaa kun dhuguma kan milkaawu ta’e, bu’aa uummata keenyaa qofaa dhaaf otuu hin taane; naannoo’uma gaafa Aafrikaa sana keessatti illee nagaa fi tasgabbiin akka bu’u waan taasisuuf, kana birallee dabree, guddina sabootaa fi diinagdeetiif filannoo (option) gaarii ta’uu danda’a jedheen yaada. Filannoon kanaa garuu kan uummata bal’aa Oromoo ti.

 

ABO QC fi ULFOn kaayyoon keenya inni guddaan ykn galiin keenya inni booddee ykn xumuraa “walabummaa Oromiyaa” waan ta’eef, nuyi kaayyoo fi galii ifa ta’e qabna waan jedhan fakkaatu. ABO gareen hafanis kaayyoon keenya inni guddaanis isa’uma “walabummaa Oromiyaa” ti; kana argachuuf garuu tooftaa, tarsiimoo fi karaa gara garaa yaaluun barbaachisaa dha; diina walii Wayyaanee kuffisuu dhaaf, humnoota diimookraasii Habashaa wajjin illee hojjechuu dhaaf qophii dha waan jedhanis fakkaatu. Asirratti wanti hubatamuu qabu garuu, galiin inni booddee, akka OFC walfaanummaa saboota Itoophiyaas haa ta’u; akka ABO QC fi ULFO walabummaa Oromiyaas haa ta’u; akka ABO garee hafanii gamtaa saboota walabaas haa ta’u; kun hunduu kan milkaawuu danda’an yoo Wayyaaneen kufte qofaa dha; otuu ishiin jirtuu kana hundaa keessaa tokko’umti illee milkaawuu hin danda’u. Erga dhugaan kana ta’e ammoo, dura diina walii kana kuffisuuf maaliif wajjin hin hojjenne? Maaliif kaayyoo ganamaa, kaayyoo galgalaa, jedhanii waliin mormu?

 

Ani akkan ofii kiyyaa yaadutti, otuu uummatni Oromoo bal’aan gaafatame fi deebii kennuu dhaaf carraa argate, guutumaa guutuutti “walabummaa Oromiyaa” waan filatan natti fakkaata; kan sana booda dhufuu danda’u akkuma jirutti dhiisee jechuu kooti. Kaayyoo guddaan kuni ammoo, kan ilmaan Oromoo kumaatamaan lakkaawaman wareegamaniifis akka ta’e, dhugaa hunduu itti amananii dha; kan seenaan illee ragaa ta’u dha. Haa ta’u malee, uummatni qawwee faashistiitiin ukkaamamee jiru kun, sagalee kana dhageessisuuf ykn hiree mirga ofii ofiif murteeffachuuf, dura bilisa ta’uu ykn bilisoomuu qaba. Kun kan ta’u ammoo yoo Wayyaaneen kufte qofaa dha; otuu ishiin jirtuu kun milkaawuu hin danda’u. Kanaaf, dura ishii hundee ishii wajjin Finfinnee keessaa buqqisanii darbuu dha; karaa biraatiin haalli gaariin uummata keenyaaf waan uumamu natti hin fakkaatu.

 

Egaa, asirratti gaafiin biraa kan ka’uu danda’u, erga kaayyoon duraa (primary objective) yookaanis tarkaanfiin duraa Wayyaanee kuffisuu fi uummata keenya bilisoomsuu ta’e; erga kaayyoon inni guddaan (main or core objective) kan qabsaa’ota fi bilisabaasotaa “walabummaa Oromiyaa” ta’e, wanti wal nama shakkisiisu maali? kan jedhuu dha. Akkan ofii kiyyaa yaadutti ykn akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, gaafii kanaaf deebii kennuun yaala. Akkan waan tokko tokko ibsuuf tolu, anis akkuma uummata Oromoo fi qabsaa’ota hundaa, kaayyoon “walabummaa Oromiyaa dirqama” akka ta’en lafa kaawuu barbaada. Maaliif yoo jedhame, impaayarri Itoophiyaa impaayara gabrummaa fi kolonii waan taateef; uummatni ykn sabni fi biyyi gabrummaa fi kolonii jala jiran ammoo kana keessaa walaboomuu waan qabaniif; dhugaa kanarratti hundeeffamee “walabummaan biyya keenyaa-Oromiyaa” dirqama ta’a jechuu dha.

 

Wanti walabummaa Oromiyaa booda dhufu filannoo uummata keenyaa ti. Yoo hafes nu hin miidhu; yoo danda’ame garuu hundaafuu bu’aa guddaa waan fiduuf, akkuman kanaa olitti jedhe, kuni filannoo gaarii dha. Haa ta’u malee wanti dagatamuu hin qabne, Habashoonni hammuma fedhan diimookraasiitti haa amanan; hammuma fedhan humnoota diimookraasii dhugaa haa ta’an; wanti ani dhibbarraa dhibbatti amanu, walabummaa Oromiyaa arguu dhiisii, dhaga’uu illee waan barbaadan natti hin fakkaatu. Yoo baaya’tee baay’ate, kan isaan amananii fudhachuu danda’an jedhee yaadu, federeeshinii naannolee Itoophiyaa yookaanis walfaanummaa saboota Itoophiyaa ti. Kuni dhugaa waliigalaa tokko dha jedheen amana. Karaa biraatiin ammoo, har’a impaayara Itoophiyaa kana keessa diina diina keenyaa (diina Wayyaanee??) haa ta’an malee, warri kaayyoo keenyaan morman, diinni biraas hin dhabamne. Isaan kuni ammoo, walabummaan Oromiyaa hafee, warra federeeshinii nannooleetuu hin barbaadne dha. Walumaagalatti, rakkoolee gara lamaa qabna jechuu dha.

 

Kan ta’es ta’u diinnii amma hunduu waliin qaban (diinnii cimaan walii) Wayyaanee waan ta’eef, hundi isaaniituu akka kuni kufu barbaadu. Akkamitti tumsa waliif taanee, wal gargaarree diina kana kuffisna ykn kuffisuu dandeenya, kan jedhurratti waliigaluun garuu baay’ee rakkisaa dha. Maaliif yoo jedhame, hunduu kaayyoo ykn galii booddee adda addaa waan qabaniifi. Warra kaayyoo addaa addaa qaban wajjin hojjechuu fi tumsa waliif ta’uun ammoo baay’ee rakkisaa qofaa otuu hin taane, sirumaa waan hin danda’amne illee ta’uu mala. Humnoota akkanaa kaayyoo walii tokkoon amansiisanii, kanarratti akka waliin hojjetan godhanii, qindeessanii, humna cimaa uumanii, tumsa waliif ta’anii Wayyaanee kuffisuuf yaada qabaachuu fi yaaliis godhuun waan gaarii dha. Yoo kan milkaawu ta’e,yaada fi yaalii deeggaramuu qabu dhas jedheen yaada. Haa ta’u malee, humnoota akkanaa wajjin hojjechuun waan nama shakkisiisuuf, warra isaan wajjin hojjechuu barbadani fi hin barbadne jidduutti wal shakkuun akka uumamu taasisas. Egaa, ol baasanii, gadi buusanii yoo ilaalan, rakkooleen jiran kan lakkaawamanii dhumanii miti.

 

Haa ta’u malee, rakkoolee kaasanii dhiisuunis faayidaa waan hin qabneef, hamma danda’ame mala ykn furmaata argachuu yaaluutu bu’aa fiduu danda’a. Mooraa QBO keessatti akka shakkiin ykn wal shakkuun hir’atu (yoo baduu baatellee jechuu kooti) maaltu godhamuu qaba? Furmaata jedhee yaadni ani asitti dhiyeessu, akka salphaa hin taane naaf gala. Haa ta’u malee, kun yaada dhuunfaa waan ta’eef, akka dhuunfaatti dhiyeessuun barbaade. Akkuman kanaa olitti irra deddeebi’ee kaase, yaadni “gamtaa saboota walabaa” akka kaayyoo walii (common objective) tokkotti fudhatamee, kanatti amananii, irratti waliigalanii, kaayyoo kanarratti hojjechuun yoo danda’ame, kuni hundaafuu bu’aa fiduu danda’a jedheen yaada. Isaanuu amananii hin fudhatan malee; otuu kaayyoo kanatti amananii fudhatani, humnootni Habashootaa illee, warri karaa danda’ame hundaan immiyyee Itoophiyaa isaani akkuma jirtutti arguu barbaadan, yaada dulloomaa fi kan yeroo wajjin hin deemne qabatanii deemuu dhiisanii; yaada hundaafuu bu’aa fidu tokkorratti humnoota biroo wajjin waliigalani, Itoophiyaa isaan halkani fi guyyaa iyyaniif tanallee bifa biraatiin ijaaruu danda’u. Kaayyoon akkanaa kun, kan hundaa walqixxummaa dhaan keessummeessu waan ta’uuf, akka naannoo gaafa Aafrikaa sana keessatti illee nagaa fi tasgabbiin bu’u godhuu danda’a jedheen amana.

 

Kaayyoon kun, kaayyoo walii ta’ee, yoo kan hojiirra oolu ta’e, bu’aa-qabeenyi isaa baay’ee ta’uu waan danda’uuf, tokko tokko akka fakkeenyaatti dhiyeessuun barbaada.

 

  • Kaayyoon kun kaayyoo QBO isa guddaa (core objective) “walabummaa Oromiyaa” mirkaanessee waan bira dabruuf, kaayyoon dirqamaa kun dura akka galii isaa ga’u taasisa.
  • Humnootni bilisummaa Oromoo, keessumaayuu bilisabaasonni kan akka ABO QC fi ULFO, kaayyoon isaaniis kana keessatti waan galii barbaadan sana ga’uuf; kan sana booda dhufus akka isaan hin miine yoo hubatan, mooraa QBO keessatti waliin mormuun ni dhaabbata jedheen yaada.
  • OFCnis kan barbaadan birallee dabranii, waan caalu waan argachuu danda’aniif; wanti isaanirraa hir’atu waan hin jirreef, kaayyoo kana akka deeggaran taasisuu danda’a. Haalli ulfaataa taanan karaa biraa filatan malee, isaanis otuu danda’ame, walabummaa Oromiyaa waan jibban natti hin fakkaatu.
  • Humnootni diimookraasii Habashootaas, yoo gamna ta’ani fi dhuguma waan nagaa fi tasgabbii buusuu danda’u tokkotti amanan; impaayarittiin diigamtee gara gara hiramtee hafuurra; hunduu naannolee ofii walaboomsanii; sana booda, yoo fedhii uummatootaa ta’e, walitti deebi’anii gamtaa saboota walabaa ijaaruun hundaafuu bu’aa guddaa fida.
  • Sabootni ykn uummatootni olla Oromiyaa ta’an, Oromiyaa walaboomtee kophaatti baatu arguurra; hunduu walab ta’anii sana booda fedhii isaaniitiin walitti deebi’anii gamtaa saboota walabaa uumuun akka danda’amu yoo beekan, nagaa fi tasgabbiin akka bu’u hunduu gahee ofii taphachuu danda’u.
  • Gamtaan saboota walabaa akkanaa, kan saboota Itoophiyaa qofaa otuu hin taane, saboota gaafa Aafrikaatiif illee waan balbala banuuf ykn karaa baasuuf; yoo kana dabalate ammoo, caalaatti naannoo sanaaf nagaa fi tasgabbii uuma. Yoo kuni uumame, guddinaaf karaa baasa jechuu dha.
  • Impaayarittiin Itoophiyaa, kan rakkoolee dhuma hin qabneen miiccamtee, cuuffamte tun; kan dulloomtee kufuu dhaaf fiixee hallayyaarra jirtu tun, yeroo dhumaatiif (yeroo xumuraatiif) akka diigamtu fi sirni ishii akka awwaalamu taasisa.
  • Kaayyoon akkanaa deeggarsa hawaasota fi mootummoota addunyaa argachuu danda’a. Impaayarittii diigamtee, cicciramtee, gara garatti hiramtu arguurra, kan bifa biraatiin ijaaraamtu arguu waan filataniif, kaayyoo kana deeggaruu danda’u jedheen yaada.

 

Kanaaf, ammumaa jalqabee kaayyoo yeroo dheeraa kana, kaayyoo walii godhatanii, irratti yoo hojjetame, kaayyon walii fi kan xumuraa tokko waan ifa ta’uuf, rakkooleen mooraa QBO keessa jirani illee hir’achaa deemuu danda’u jedheen yaada. Mirgi hiree murteeffannaa uummatootaa ykn sabootaa, yeroo fedhee ta’u, akkuma jirutti taa’ee; kanaafis dursi kennamu illee; garuu jaarmayoolee fi dhaabileen hunduu kaayyo ifa ta’e tokko lafa kaa’anii; kanarratti waliigaltee godhanii; ciminaan yoo irratti hojjetan, tokkoffaa, dafanii Wayyaanee kuffisuu danda’u; lammaffaa, kaayyoon walii (common objective) tokko jalqabumarraa kaasee yoo ifa ta’e, kufaatii Wayyaanee boodas akka rakkoon biraa hin uumamne taasisuu danda’a jedheen yaada. Tumsi hundaa hammatu, kan ijaaramuuf yaadamu illee kaayyoo kana kaayyoo walii godhatee yoo ijaarame, jalqabumarraa kaasee wanti hunduu waan ifa ta’uuf; karaan ittiin deemanis ifa ta’uu danda’a. Wanta waliin barbaadan tokko yoo lafa hin keenye fi ifa hin goone, wanti irratti waliin hojjetanis nama rakkisa. Isa kanatu mormii uuma; walshakkuu fi wal amanuu dadhabuun illee asirraa madda jechuu dha. Jaalatanis jibbanis kaayyoo walii tokko lafa kaa’uun kanaaf barbaachisaa ta’a.

 

Kaayyoon biraas, walfaanummaan saboota Itoophiyaa, yoo dhuguma “oromian autonomy” kan mirkaanessu ta’e, akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, kunis gaarii dha. Haa ta’u malee, yoo kaayyoon kun kaayyoo galii booddee ykn galii xumuraa ti kan jedhamu ta’e, wanti “walabummaa Oromiyaa”tii as ta’u, wanti kana bira otuu hin ga’in hafu, mooraa QBO keessatti waliigaltee waan uumu natti hin fakkaatu. Kaayyon biraa, kan walabummaa Oromiyaa hin mirkaanessine; fi kaayyoo dirqamaa kana galii isaatiin hin geenye, tokkoffaa, rakkooleen gara garaa bifa adda addaatiin akka ittifufan taasisa malee akka dhaabbatan hin godhu jechuu kooti. Lammaffaa, Impaayarittiin tun yeroo xumuraatiif sirna ishii wajjin yoo diigamte malee, furmaata nagaa fi tasgabbii xumuraa fidu (lasting solution) ishii keessatti argamsiisuun ykn argachuun mamsiisaa ta’a. Karaa biraatiin garuu yoo kaayyoon kun akka kaayyoo yeroo gabaabaatti kan ilaalamu ta’e; yoo galiin isaas galii xumuraa hin taane; yoo qabsoo walabummaa Oromiyaa itti fufuu dhaaf haalli gaariin akka uumamuuf jedhamee kan ilaalamu ta’e, tooftaa fi tarsiimoo kanarratti wanti walii hin galleef sababni waan jiru natti hin fakkaatu. Yoo uummatni bal’aan Oromoo galii kana akka galii booddee ykn xumraatti kan filatu ta’e ammoo, kanaan abbaan fedhee mormuu hin danda’u.

 

Egaa, QBO keessa garaagarummaan kaayyoo akka hin uumamne fi diinnis kanatti fayyadamee; addaan nu hiree akka nu hin dadhabsiifne; waan waliin qabani fi galii tokkorratti waliigaltee uumuun; karaa ittin adeeman qulqulleessuu danda’a jedheen amana. Garaagarummaan ilaalchaa fi karaa jiraachuun badaa miti; kanuma jiru dhas; garaagarummaan kaayyoo kan jiraatu ykn mul’atu ta’e garuu, waayeen akkanaa kun diinaaf balbala bana ykn karaa baasa; waliin mormuu fi wal dura dhaabbachuun akka ittifufu taasisa. Walfaanummaan saboota Itoophiyaa (autonomy of Ethiopian nations in a true killi federation) furmaata gaarii ta’uu otuu danda’uu; Abdii Boruu, kan dhiyoo diisee maaliif kan fagoo akka furmaataatti yaada jedhamuu danda’a ta’a. Dubbiin kun akka makmaaksa Habashootaa “yammittilabsawu yeellaat, makkanaanab amaaraat” akka hin taane malee, hawwiin walabummaa Oromiyaa laphee uummata Oromoo keessatti magree waan lalisuuf, yeroo dheeraa fudhata ykn dhalootarra dhalootatti dabra malee, gaaf tokko mirkaana’uun isaa hin oolu. Kanaaf, ammumaa jalqabamee, kaayyoo walii, kan kaayyo kanas galii dhaan ga’u fi kana biras dabree hundaafuu bu’aa fiduu danda’u tokkorratti hojjechuun barbaachisaa ta’a jedhee, yaada kanaa olii akka furmaataatti dhiyeesse. Hawwiin kiyya inni guddaan mooraa keenya keessatti waliigalteen akka uumamu fi waliin mormuu dhiifnee; irree tokkoon akka diinarratti duulluufi.

 

Dhumarratti, yaadni ani asitti dhiyeessu yaada dhuunfaa kiyyaa waan ta’eef, kan isaaf ta’u kan filatu uummata Oromoo bal’aa akka ta’u ifa godhuun barbaada. Haa ta’u malee, dhugaan kun akkuma jirutti taa’ee, garuu kaayyoo guddaan QBO “walabummaan Oromiyaa” kaayyoo dirqamaa akka ta’u hunduu hubachuu qabu. Waliin mormaa, karaa walitti cufaa jiraachuu fi kaayyoo hundaafuu bu’aa fiduu danda’u tokkorrattis waliigaluu dadhabuunis umurii Wayyaanee dheeressa malee, uummatoota fi sabootaaf bu’aan argamu hin jiru. Yoo haalli kuni akkuma amma jiru kanatti itti fufe ammoo, wanti hubatamuu qabu, har’a biyyi teenya Oromiyaan cicciramtee gurguramaa jirti; boru garuu namootni keenyas akkuma gabra dur gabaarratti gurguramuun isaanii waan ooluu miti. Bala fi badii nutti dhufuuf deemu ykn nutti deemaa jiru alaalatti arguu qabna.

 

Galatoomaa.

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *