Oduu Haaraya

Uummatni wal shakku fi wal hin amanne wajjin (waliin) deemee galii tokko ga’uu hin danda’u

Abdii Boruutiin

Haala qabsoon bilisummaa Oromoo (QBO) har’a keessa jiru fi waan hawaasota Oromoo keessatti mumul’atan tokko tokko yoon hubadhu, gaafiilee adda addaatu sammuu kiyya keessatti uumamu. Gaafiilee kana keessaa tokko tokko asitti dhiyeessuu dhaaf: 1) Uummatni Oromoo dhuguma gaafii tokko irratti walii galuu? Gaafiin uummata Oromoo dhuguma gaafii bilisummaa fi abbaabiyyummaa ti jedhanii hunduu kanatti amanuu? 2) Yoo kanatti amananii fi asirratti walii galan,  bilisummaa fi abbaabiyyummaa dhaban sana akkamitti argachuu dandeenya jedhanii of gaafatuu? 3) Hunduu bilisummaa barbaaduu? 4) Bilisummaan barbaadan kuni hoo akkamitti dhufa jedhanii yaaduu? 5) QBO kana keessatti maaltu gahee guddaa taphata ykn qooda guddaa gumaacha jedhanii gaafii kaasuu?…. fi kan kana fakkaatanii dha..

Kaayyoo fi qabiyyeen barruu kiyyaa mirgi ykn gaafiin uummata Oromoo maal akka ta’e; uummanni Oromoo maal akka barbaadu; maal akka godhuu qabu fi QBOtiif maaltu barbaachisaa akka ta’e, uummata keenyaf barumsa (barnoota) kennuufii miti. Waayee kana isaan caalaa beekee isaanitti himuus miti. Haa ta’u malee, waanan hubadhe tokko tokko ibsuu dhaaf jedhee gaafiilee kana asitti kaase. Oromoon akka uummataattis ta’ee akka saba tokkootti erga gabrummaa Habashaa jalatti kufee kaasee hamma har’aatitti bar-dhibbee tokkoo ol gabrummaa jala/keessa akka jiru kan seenaan ragaa ta’u waan ta’eef, kun waan waliin nama mormisiisuu miti. Seenaa fi dhugaan kun yoo hubatame ammoo, uummatni Oromoo bilisummaa akka barbaadu ykn gaafiin isaa gaafii bilisummaa akka ta’e ifa ta’a jechuu dha.

Haa ta’u malee, asirratti gaafiin Oromoo gaafii bilisummaa ykn/fi abbaabiyyummaa otuu hin taane, gaafii diimookraasii ti; kanaaf yoo impaayarri Itoophiyaa diimookraatessamuu danda’e, mirgi uummata Oromoos eegamuu danda’a jedhanii warri yaada akkanaa qabani fi gaafii bilisummaatiin morman jiraachuu malu ykn danda’u yookaanis hin dhabamne. Yoon akkana jedhu ammoo diina ykn alagaa dha jechuu otuu hin taane, Oromoo ta’aniituu kan yaada akkanaa qaban hin dhabamne jechuu kiyya. Alagaa fi diinni, gaafiin Oromoo gaafii bilisummaa ti jedhanii akka hin amanne fi hin fudhanne waan nama mamsiisuu miti. Haa ta’u malee, warri gaafii bilisummaatti amananii fi warri gaafii diimookraasiitti amanan wanti waliin qaban jiraa? Gaafii kanaaf deebii gabaabaa kennuu dhaaf, akka ilaalcha kiyyaatitti jechuu kooti, eeyyen wanti waliin qaban jira jedheen yaada. Kunis diina amma nu bitaa jiru Wayyaanee faashistii kana ofirraa kuffisuu dha.

QBO kana keessatti waa lama hubachuu qabna: Inni tokko har’as akkuma dur gabrummaa jala/keessa jiraachuu keenya yoo ta’u, inni lammataa ammoo galii keenya kan barbaadnu dha. Galiin hawwamu ykn barbaadamu kun, bilisummaas haa ta’u, diimookraasiis dhugaas haa ta’u, wanta argachuuf itti deemnu dha. Gabrummaa har’a keessa jirru kana keessaa baanee gara galii sanatti deemuu qabna jechuu dha; nutu itti deema malee inni nutti hin dhufu. Dhugaa kanarratti hunduu waan walii galan natti fakkaata. Haa ta’u malee, deemsa kanarratti kan rakkoo uuman galii bira ga’uu barbaadan sana fi daandii ykn karaa ittiin deemanii galii hawwame ykn barbaadame sana bira ga’anii dha. Isaan kanatu waliigaltee irratti mormii fi rakkoo uumu. Wal shakkuun kan dhalatu fi wal amanuun kan dadhabamus asirratti jechuu dha.

Mee asirratti gaafii tokkon kaasa: Wal shakkuun ykn wal amanuu dadhabuun maalirraa dhufa ykn maalirraa madda? Namootni sababa adda addaatiin wal shakku ykn amantii walirraa dhabu ykn wal amanuu dadhabu. Fakkeenyaaf:

Tokkoffaa, yoo wal hin beekne, waan tokko waliin hojjechuu dhaaf wal sodaatu. Eenyu eenyu akka ta’e sirriitti waan hin beekneef ykn wal hin beekneef, fedhiin ykn kaayyoon waliin qaban tokko dhuguma kan walii ta’uu fi galiin isaas tokko ta’uu irratti mamiin jiraachuu danda’a. Mamiin yoo jiraate ammoo wal shakkuu fi wal amanuu dhabuun akka uumamu godha.

Lammaffaa, yoo namootni kanaan dura balleessa ykn dogoggora hojjetanii ykn dalaganii jiraatan, namoota akkanaa wajjin wal amananii waliin hojjechuu mamii keessa galcha. Asittis wal shakkuu fi wal amanuu dadhabuun akka uumaman taasisa jechuu dha.

Sadaffaa, dandeettii, beekumsa, muuxannoo fi kutannoon namootaa baay’ee murteessaa dha. Namoota waan kana hundaa hin qabne yookaanis hir’ina kanaa qaban wajjin (waliin) hojjetanii waan barbaadan tokko waliin argachuun gaafii keessa waan galuuf, asirrattis wal shakkuu fi wal amanuu dadhabuun ni uumamu.

Afraffaa, waayee ykn dhimma tokkoof garaa qulqullinaan yaaduu fi hojjechuu dha. Fedhii mataa ofii fi dhimma dhuunfaa dura dhimma walii tokkoof kan dursi kennamu yoo ta’e, wanti waliin barbaadan sun dafee argamuu danda’a. Namootni yoo waliin hojjetan, fedhii kana beekuun waan rakkisaa ta’uuf, asirrattis mamiin ykn shakkiin akka dhalatu godha. Yoo kuni dhalate ammoo, akka namootni wal hin amanne taasisa.

Egaa, akka fakkeenyaatitti kaasuu dhaaf malee, sababootni wal shakkuu ykn/fi wal amanuu dadhabuu uuman kan asitti kennaman kana qofaa miti. Gara QBOtti deebi’uu dhaaf, uumatni Oromoo hundi isaanii illee yoo ta’uu baatan harki caalaan bilisummaa fi abbaabiyyummaa dhaban deebisanii argachuu akka barbaadanin amana. Waan waliin barbaadan kana argachuu dhaaf wanti waliigaltee isaan dhoowwu fi akka wal shakkan; akka amantii walirraa dhaban kan godhu maaliree?? Sababootni kanaa olitti akka fakkeenyaatitti dhiyaatan kun QBO keessattis mul’achuu danda’uu? Deebii gaafiilee kanaa uummata Oromootiif akkasumas dubbistoota barruu kanaatiif dhiisee; garuu wal shakkuu fi wal amanuu dadhabuun eessanuu akka nu hin geenye waan tokko tokko jechuun barbaada.

Kanas barbaadnu, sanas barbaadnu, wanti nama hin mamsiifne fi dhugaan jiru, uummatni Oromoo har’a gabrummaa yoomiyyuu caalaa hamaa ta’e keessa akka jiru fi kana keessaa/jalaa’is dafee ba’uu akka qabu dha. Yoo kuni hin taane, uummata keenya irrattis ta’ee, biyya keenya Oromiyaa irratti badii guddaan hamma kana hin jedhamne fi daangaa hin qabne akka godhamu hubachuun barbaachisaa qofaa otuu hin taane, dirqama illee akka ta’e beekuu qabna. Kanaaf, akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, karaa fedheen haa ta’u; tooftaa fi tarsiimoo fedheenis haa ta’u; gabrummaa hamaa kana keessaa ba’uu dhaaf, akkamitti Wayyaanee faashistii kana akka ofirraa buqqisuu dandeenyu yaaduu fi kanarrattis hojjechuun barbaachisaa ta’a.

Karaan dafee gabrummaa fi faashistummaa kana keessaa nu baasu yoo argame ammoo, kanarratti waliigalanii; wal gargaaranii; tumsa waliif ta’anii; humna jabeessanii; diina nama-nyaataa kana irratti qabsoo cimsuu dha malee, wal dura dhaabbachuu fi waliin mormaatuma yeroo fixuun umurii bittaa Wayyaanee dheeressa malee, uummata Oromootiif bu’aa takka illee hin qabu. Humni, beekumsi, dandeettii fi qabeenyi hundi qabsoo bilisummaa kanarra ooluu qabu malee, waliin mormanii waa hunda gara gara facaasuun qabsoo kana akka qancarse fi uummata keenya illee akka miidhe kanuma arginee dabarre fi argaas jirru waan ta’eef, kan dabre irraa barachuu qabna. Kan dabre irraa barachuu fi muuxannoo gaarii irraa argachuun ammoo, wanti gara fuulduratti hojjetamu akka fooyya’u godha.

Ilaalchi gara garaa kan fedhe haa jiraatu; galiin qabsoo kanaa akka fedhetti haa yaadamu; sagantaaleen jaarmayoota Oromoos waan fedhe haa jedhu; tooftaa fi tarsiimoon yaadamus  waan fedhe haa ta’u; kuni hunduu akkuma jiranitti taa’anii; garuu dhugaan ifa ta’ee jiru fi kan mamii ykn shakkii hin qabne, uummatni Oromoo bilisummaa fi biyyi isaa Oromiyaan waan humnaan irraa fudhatamaniif; erga gabrummaa Habashaa jalatti kufee kaasee hamma har’aatitti qabsoo bilisummaa hadhaawaa godhaa kan jiru; bilisummaa fi abbaabiyyummaa dhabe sana deebisee argachuufi. Dhugaan kun firaafis ta’ee diina Oromootiif ifa ta’uu qaba. Kana jechuun ammoo kaayyoon qabsoo bilisummaa uummata keenyaa inni guddaan, gabaabumatti, bilisummaa fi abbaabiyyummaa isaa argachuu dha. Kaayyoon QBO inni guddaan erga kana ta’e ammoo, wanti asi fi achi nama jechisiisu hin jiru; kanaaf qabsaa’anii kan barbaadan sana argachuu dha.

Gaafii guddaan ka’uu qabu garuu, kaayyoon kun akkamitti galii hawwame sana ga’uu danda’a? kan jedhu dha. Deebiin gaafii kanaas salphaa miti; otuu salphaa ta’e, qaata bilisummaa barbaadnu argannee turre. Ani akkan ofii kiyyaa yaadutti, otuu kaayyoon QBO hundaafuu ifa ta’ee; kanarrattis waliigalamee, waliin mormuun, wal shakkuun, wal amanuu dadhabuun hin uumamu jedheen amana. Yoo wal shakkuu fi amantii walirraa dhabuun hin jiraanne fi waliigalteen jiraatee, tokkummaan humna cimaa uumu ofiif dhufuu danda’a. Uummatni tokkummaa qabu ammoo, humna cimaa uumuu waan danda’uuf, humni kunis waan barbaadan sana akka argatan taasisa. Qbsoo bilisummaa uummata ykn saba tokkoo keessatti dhiisii, jireenya dhuunfaa keessatti illee wal shakkuu fi wal amanuu dadhabuun rakkoo dhaaf hundee uuma. “Namni lafatti wal shakku ykn wal sodaatu muka tokko waliin hin koru yookaanis laga tokko waliin hin ce’u” jedhaa mitiiree Oromoon yoo makmaaku!

Waayee kana illee kaasuu hin barbaadne, garuu mee waan tokkon jechuun barbaada. Akkuma hawaasa keessatti dubbatamu fi dhaga’amus, QBO kana keessatti ilaalchi namootaa waan gara lamatti qoodame fakkaata. Ilaalcha Itoophiyaa diimookraatessuu fi Oromiyaa walaboomsuu (democratisation and decolonisation) kan jedhanii dha. Akka yaadaatitti, wanti namoonni ilaalcha adda addaa kana qaban kun waliin qaban maali yoo jedhame, Wayyaanee kuffisuu dha. Yoo Wayyaaneen kufte malee, ilaalchi lamaanuu hojiirra ooluu hin danda’an jechuu dha. Yoo dhugaan kuni amanamee hundaanuu fudhatame ammoo, maaliif dura diina walii kana kuffisuu dhaaf waliin hin hojjenne? Maaliif wal hin gargaarre? Maaliif diina dhiisanii waliin mormuu dhaan qabeenya, beekumsa dandeettii fi humna walii balleessu ykn dadhabsiisu? Asirratti gaafiilee baay’eetu ka’uu danda’u.

Otuu humni cimaa fi waraanni bilisummaa abdachiisaan jiraatee; injifannoo irratti injifannoo biraa fiduu dhaan Finfinnee seenee Wayyaanee achii buqqisee darbu jiraatee, Oromiyaan akka walaboomtu mamiin ykn shakkiin waan hin jirreef, yaadni kaayyoo adda addaa illee yoo jiraate, humni kaayyoo QBO galii booddee irraa hanbisu hin jiraatu. Humni cimaan ykn waraanni bilisummaa cimaa fi abdachiisaan yeroo ammaa waan hin jirreef, namootni yaada gadii buusanii, ol baasuu dhaan, ilaalcha gara garaa akka qabaatan godha jedheen yaada. Karaa adda addaa yaaduun kaayyoo QBO ganuu waan ta’u natti hin fakkaatu. Haa ta’u malee, qabsoo kana galii dhaan ga’uuf, eenyu dhuguma garaa qulqulluu dhaan akka yaadu fi kanaafis ciminaan hojjetu addaan baasanii beekuun baay’ee rakkisaa dha. Kana beekuu dadhabuun ammoo akka shakkiin uumamu godha jechuu dha.

Yaada impaayarittii diimookraatessuu jedhu keessatti wanti lama waan mul’atan fakkaatu. Gabaabumatti, tokko impaayaritti diimookraatessanii kana keessatti mirgi uummatoota hundaatuu akka eegamu fi kabajamu godhuu yoo ta’u, kuni ammoo baay’atee yoo baay’ate Afaan Ingiliziitiin “oromian autonomy” ykn “true killil federation” kan jedhaman akka mirkaana’u godha jechuu dha. Inni lammataa, yoo Wayyaaneen kufte booda haalli tolfamee, kana keessatti mirgi hiree murteeffannaa uummatootaa akka mirkaana’u taasisuu dha. Akka namootni tokko tokko jedhanitti kun qabsoon walabummaa Oromiyaa illee akka itti fufu haala tolchuu danda’a jedhanii yaadu. Warra kaayyoo isaanii walabummaa Oromiyaa galii booddee godhanii yaadan biratti kan shakkii uumus isuma kanaa olitti ibsame kana ta’uu danda’a jedheen yaada.

Yaadni fi ilaalchi gara garaa kun mul’achuun diinaaf (Wayyaanee dhaaf) haala gaarii uuma. QBO cimsanii galii hawwameen akka hin geenye; yookaanis isa kana dhiisanii yaada fi ilaalcha gara garaa kana irratti akka waliin mormani fi waldadhabsiisan godhuuf Wayyaaneen carraa kanatti fayyadamtee, qabsoo kana dadhabsiisuu dhaaf halkani fi guyyaa hojjechaa jirti. Qabsoo kana keessatti wal shakkuu fi amantii walirraa dhabuun ykn wal amanuu dadhabuun Wayyaanee dhaaf lotorii guddaa dha. Uummatni wal shakku fi wal hin amanne waliin deemee galii tokko ga’uu akka hin dandeenye Wayyaaneen sirriitti beekti; addaan hirtee walirratti duulchisuuf tooftaa kanatti dhimma baati. Namoota ishii dhaaf hojjetanis mooraa QBO kana keessa galchitee akka qabsoon kun laafu gooti jechuu dha.

Kanaaf, dhugaa dubbachuu dhaaf, yeroo ammaa QBO kana keessa eenyu garaa qulqulluu dhaan uummata Oromootiif akka yaadu fi hojjetu; eenyu qabsaa’aa dhugaa akka ta’e; eenyu dhimma dhuunfaa dura dhimma uummata keenyaatiif dursa akka kennu; eenyu eenyu amanuu akka danda’u; addaan baasanii beekuun baay’ee rakkisaa ta’aa jira jedheen yaada. Haala akkanaa kanatu wal shakkii uuma; wal shakkuun yoo jiraate, wal amanuunis hin danda’amu. Uummatni wal shakku fi wal hin amanne ammoo, wajjin hojjetee ykn waliin deemee galii tokko ga’uu hin danda’u.

Galatoomaa.

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *