Oduu Haaraya

Akka sabaatti ijaaramnee,oromummaa fi Oromoo duwwaa abdannee, gooboo garee fi maqaa qabsoon daldaaltuu, hundeen diiguu qabna.

 

….kutaa sadaffaaf xumuraa.

Mata duree kana jalatti bareefama kutaa lamaan qoodee dhiyeessuu kiyya ni yaadatama. Kutaa lammaffaa jalatti rakkoolee danqaa nutti tahan keessaa sadan tokko kan fuundura natti muldhatan lafa kahuu yaalee jira. dhugaa dubbachuuf rakkoon jiran sadan sana duwwaa otoo hin taane, kallattii gara garaa fi maddi isaaniis akkasuma dhimma gara garaa wajjin kan wal qabatan tarreessuun ni danda’ama. Jirus. Barreefama gabaabaa kana keessatti garuu, bakkuma sadiitti qoodee barruu kiyya kutaa lammaffaa keessatti akeekuu yaale. Wal yaadachiisuuf jecha :

“Hunda dura aadaa yaada addaa dhaggeeffachuu fi mareef qophii ta’uu dhabuu ti.”,

“Akka Oromootti yaaduu irra ilaalcha, garee, wal beekumsa, gandaa fi amantaan yaaduun tokkummaa qabsa’otaaf rakkoo olaanaa ta’ee jira.”,

 “Hooggansa QBO keessatti, garaa garummaa (generation gap) uumamee jiru dhiphisuu fi dhaloota harawaa guutummaatti aangessuuf murannoo fi qophii dhabuu” . kan jedhan ilaaluu yaalee jira”.

Barruu kiyya kutaa xumuraa kana keessatti amma naaf danda’amee fi tahuu mala jedhee yaaduutti, maal gochuutu karaadha jedheen yaada kiyya ibsuu yaala. ka’umsi yaada kiyyaa rakkoolee qabsoo keessatti yeroo dheeraaf numudachaa jiranii fi haala fuundura keenyatti nu eeggataa jiran yaada keessa galchuu yaalee jira. Rakkoo harkaa nuqabdu irra aanuuf, maal haa godhu?, haa googu?, maal wajjin haa raawwannu? Akka jaarmiyaattis tahee akka lammii oromiyaa tokkootti gahee maal haa gumaachu?… gaaffilee of gaafachuu qabnuu fi deebii isaa nama biraa otoo hin taane, ofumaa itti argachuu qabnuu dha. kan namni lammaffaa ykn sadaffaan namatti himu irra, kan abbaan ofiif of gaafatee ofiif deebii itti argatutu irra bu’a qabeessa. Yeroo gaaffilee kana of gaafannu garuu akka kana duratti of beeknuu fi of muunnetti otoo hin taane, akka qabsoon keenya muddama rakkoon qabamtee jirtuu fi qaama falaa tahuuf of qopheesseetti tahuu qaba. kana irraa kaanee yoo fala barbaanne rakkoolee jiraniif fala harka keenya akka jiru ifatti argina. Akkuma baratame garuu, rakkoo dhalchaa kan jiru nama biraa malee ana bira ykn garee koo keessa hin jiru jennee, qaama biraa sababeeffachuu ykn of qulqulluu goonee qaama biraa qulqulleessuuf yoo ni abballa tahe ammas rakkoo irratti rakkoo biraa dhalchuuf beellama waliif tolchuun ala fayidaa hin qabu. kanaaf mana ofii qulqulleessanii kan ollaatti cehuun eddu barbaachisaa dha. kanaaf yeroo fala barbaannu, qaama rakkoo akka taane of amansiifnee qaama falaa tahuuf of qopheessuu dha.  akka ilaalcha kiyyaatti dhimmoota kanaa gadii irratti yoo hojanne qaama falaa taana:

  1. Hunda dura rakkoon mooraa qabsoo keessa jiraachuu fi qaama rakkoo dhalchan keessaa akka dhuunfaattis tahee akka gareetti qooda qabaachuu itti amanuu dha.  qabxiin kun eddu ulfaataa dha. huumamuma ilma namaa keessatti, qaama rakkoo keessaa qoodan qaba jedhanii ofitti maxxansuun hulfaataa dha. namni yeroo hunda jabina jiran irratti wal saama malee, rakkoo jiran qaama lammaffaa ykn sadaffaaf kennuuf dhama’ama. Adeemsa siyaasaa keessatti garuu kun kufaatii irratti kufaatii dhalchaa deema. Rakkoon xiqqoon gara sakaallaa walii galaatti qabsoo sabaa geessa. Kanaaf rakkoo dhalatan yeroon fala itti kennuu baannaan qaama rakkoon xaxamee taa’u taana. Haalli amma qabsoo keenya mudatee jirus kanuma. Kanaaf hunda dura rakkoo mooraa qabsoo Oromoo keessatti dhalataniif itti gaafatamummaa fudhachuu fi qaama falaa ta’anii, egeree qabsoo sabaa furgaasuuf dhama’uun gootummaa madaallii hin qabnee dha. gootummaan ilma namaa dirree waraanaa duwwaa irratti kan muldhatu otoo hin taane, rakkoo jiran fala itti kennuuf dursanii ofitti maxxansuudha. Kanaaf waanta hunda dura rakkoon jiraachuu isaa fi rakkoo dhalataniif gahee keessaa qabaachuu keenya hunda dura itti amanuudhan qaama falaa .
  2. Rakkoo mooraa keenya keessa jiru eega adda baafannee irratti walii gallee booda, fala kennuuf qaama falaa ta’uu qabna. Kana jechuun qaamni biraa dhufee akka rakkoo qabsoon keenya qabdu akka hiikkaa itti hinkennine beekuu dha. rakkoo ilmi namaa dhalche fala ykn hiikkaa kan itti kennuu danda’u ilmuma namaa ti. Rakkoo rabbirraa dhufte otoo ta’ee ilmi namaa itti rakkachuu mala. Sababni isaa karaa amantaa kamiinuu yoo ilaalle rakkoo rabbirraa dhufe namni fala hin qabu waan jedhuuf. Keenya kun garuu rabbi nu eebbisee garuu, dhalli namaa rakkoo walitti taane. Kanaaf rakkoo ofii tolchine ofii keenyaa fala harkaa qabna. Falli tokkichi jiru mooraa qabsoo Oromoo tokkoomsuu fi gara fuunfduraatti tarkaanfachiisuuf hayyadurummaa fakkeessii (fake of chairmanship) dhiisuudhaan hayyadurummaa dhugaa fi qabsoon gaafatutti wal deebisuu dha. kabajaa fi hulfina kan namatti horu, qabsoo sabaa furgaasuuf yoo ummati Oromoo amantaa nurraa qabaatee dha. muudamni yoo ummataa fi qabsa’ota biraa dhufe kabajaan argama. Kanaan ala garuu wal morkii dhuma hin qabne keessa cuuphamnee qabsoo Oromoo gaggeessuun tasa hin danda’amu. Kan amma yoonaa wal morkame gahaa dha. bu’aan irraa argame gama hundaanuu hin jiru. Amma yeroo isaa hayyadurummaa dhugaaf dhaabbachuu ykn falmuu dha. kana goonaan ummati Oromoo nuwajjin jira.
  3. Qurxummiin xixiqqaan gosa tokkoo, wal liqimsuu yaaluu irraa of qusachuun fala qabsoo keenyaa ti. Qorxummiin xixiqqaa gosa tokkoon kan biraa liqimsuuf ni dhama’a ykn ni abjoota yoo ta’e qoonqootti wal rakkata. Kan liqimsus kan liqimsamus tasa hin jiraatu. Otoo qurxummiin xixiqqaan gosa tokkoo wal liqimsuuf yaalluu qurxummiin gurguddaan gosa biraa (addaa) lamaan keenya walitti qabee liqimsa. Kanaaf falli nuti akka sabaatti dhimma waloo fi galii waloof dhamaana. Kallattiin galii sana qaqabamu tarii garaa garummaa qabaachuu mala. Garaagarummaa jiran marii fi wal hubannoo uumudhaan gara tokkotti wal luucceffachuu dandeenya. Yeroo tokko tokko sagantaa siyaasaa ofumaa barreessinee jirru akka waanta samii ykn rabbi irraa barreefamee nuuf bu’eetti wal sobuu yaalla. Sagantaan siyaasaa qabnu macaafa qulqulluu ykn quraana miti. Namatu barreesse. Warruma abbaa dhimmaa taanetu waraqaa irratti maxxanse. Kanaaf yoo waliin mareen jiraatee fi wal amansiisuuf balballi keenya sammuu keenya wajjin banaa tahe, harka 80 ol galii waloo tolfachuu dandeenya. Kanaaf wal qoqoduu fi wal dhagahuu diddaa irraa bilisa taanee, dhimma waloo yoo mariif dhiheessine dhuma irratti walii galla. Qorxummii xixiqqaa qosa tokkoo irra darbinee qurxummii gurguddaa gosa tokkoo ta’uu dandeenya. Tokkummaan yoo dhaabbanne qurxummii gosa biraa nuliqimsuuf amuummatu qoonqoo isaatti danqaraa rakkisuu dandeenya. Kanaaf tokkummaaf haa dhamaanu.
  4. Haala amma irra jirruun jaarmiyaan siyaasa Oromoo kamuu jijjirama siyaasaa Oromoon fedhu akka barbaadetti fiduu akka hin dandeenye itti amanuu qabna. Kanuma kootu gubaa daldaaltuu barbaree tahuu hin qabnu. Keenya hunduu akka gubuu danda’u, beeknee walitti fiduu ykn kaleessuun dhuma irratti walitti baqsuutu fala ta’a. kanaaf of sobuu dhiifnee haala jiru karaa saayinsaawaa ta’een qorannee itti baha qorannoo keenyaaf abboomamuu qabna. Qorannoo taasifnu dhuunfaan otoo hin taane, waloon waltajjii tokko bannee taasifachuun fala maahii argachuuf nu gargaara.
  5. Hawaasi Oromoo abbaa qabsoo tahee jiru, hooggantoota dhaabbilee siyaasaa akka tokkummaa dhugaa huummataniif dhiibbaa gochuu duwwaa otoo hin taane, dirqama tahuu isaa jala muranii itti himuu qabu. keessumaa jaarmiyaan hawaasaa gara garaa (beektotaa, dargaggootaa, haayyotaa, namootiin dhuunfaa kabajamoo, abbaan qabeenyaa, hogummaa gara garaa irra namootiin jiran….. ) dhaabbileen siyaasaa bakka eddutti qircamanii jiran akka tokkummaa fakkeessii dhiisanii tokkummaa dhugaa Oromoo fakkaatuu fi Oromoo bakka bu’u uummatan gahee isaanii bahuu qabu. akka irraa barannuuf tokkummaan fakkeessii amma yoonaa maqaa gara garaan uumame ykn tolfanne jedhamee dubbatamaa ture bu’a qabeessa hin taane. Sababni isaa ammoo tokkummaa dhugaaf abboomamuu dhabuu fi siyaasa wal miliquu gaggeeffachuuf waanta akeekkateef. Amma kun saba keenya biratti bakka hin qabu. qaamonni tokkummaa uummanne jedhanis tahee kan ammas qaama tokkummaa keessa hin seenne maree dhugaa taasifatanii mooraa qabsoo Oromoo keessatti tasgabbii buusuu qabu.

Dhuma irratti dhugaaf dhaabbannee dhugaaf abboomamuun gootummaa dha. siyaasa fakkeessii dhiifnee, siyaasa oromummaa fi oromiyaa fakkaatu gaggeessuuf qophii tahuu qabna. Akka sabaatti ijaaramnee, oromummaa fi Oromoo duwwaa abdannee, gooboo garee fi maqaa qabsoon daldaaltuu, hundeen diiguu qabna.

Camadaa Hundee

camadaa@gmail.com

 

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *