Oduu Haaraya

 Amaloota Farra Qabsoo Oromoo Gaaga’aa jiran !

        Amiin Jundiin

 

     Gaafiin nama hedduu, yeroo ummanni keenya tokkummaadhaan  mirga isaatiif  lubbuu jijjiirraa hinqabnne wareega  jiru, yeroo hayyootaafii ilmaan qaroo sabaa funaanamanii dhabamsiifamaa jiran, yeroo ummanni keenya dirmannaafi lallabataa jiru,  afanfaajjiif diiggaan qabsoo oromoo keessatti deemaa jiru kun hundeen isaa maal?

 

      Gaafii kana deebisuufi sababoonni isaa hedduu ta’uu danda’a akka ilaalcha kiyyaatti qabxiilee sadi guggurdoo qabsoo ummata keenyaa firii hanqisaa jiran akeekuu yaala.

        

         Isaanis  Ufi-tuulummaa ,Doofummaa fii Ayyaan-laallatummaa.

 

1.Ufi-tuulummaa :     

       Amalli ufi-tuulummaa waan hunda ufirraa kaatee akka yaaddu sigodha. Beekkumsa, hogganummaas  ta’ee qabsawummaas nama birootiifi akka hinqodnne siqadaada.  Qabsoo oromoo anaa eegalee anaa xumura itti godhuu qaba jettee akka yaaddu sikeessatti uuma . Firiin qabsoo oromoo yoo anaan ta’e malee xurree fedheenuu dhugoomttus  bu’aa ummataa caalaa qodnni koo maal jettee akka yaaddu dhiibbaa sitti godha.

       Amalli kun yaada haarayas ta’ee humna haaraya biqilituu fi umamittu hundaafi kabajaa akka hinqabaanne sigodha. Waan ufii harka keessaa hinqabanne hunda ija shakkii fii sodaatiin gara lalittutti sigeessa. Qaama sicinaa socho’u wajjiin itti kaloofittee wajjiin hojjachuu caalaa  olola ittiin diiyidu  akka qindeeffattu qofarratti sikakaasa. Galii waaloo fedha waloo bu’aa waaloo( National Interest) biyyaa caalaa fedha murnaa yookaan maqaa  ufii akka dursanitti nama tolicha.  

      Humna diinaa gamaaggamte  ,haala olloota keenyaa qorattee, dandeetti oromoo faffaca’an tokkomistee , tarsimoo qabsoo oromoo itti mooyanna goonffatuun akka hinyaanne sihaguugaa. Kanarraa ka’uudhan  injiffannoolee  xixiqoo farfachaa humnna sii gadiitiin ufi waldorgomsiisee jabina hinjirre ufitti himtee maqaa qabdu qofa tursiiffachuufi akka carraaqixxu sigodha..

   Namnni amala Ufi Tulummaa  qabu oromoon wal ta’ee  qabsoon finiinuu caalaa yeroo dhibba Hayyu Duree,hooggana YKN qondaala jedhamee yaamamuu isa gammachiisa.  

    Qabsoo ummataa ,asxaa qabsaawotaa, maqaa dhaaba ,fii alaabaa qabsaawota akka qabeenya dhunfaa isaatti ilaalaa. Tokkummaan qabsaawota oromoo araarri jaarmayoota siyaasaa oromoo hunddi sodaa angoo isaa ta’ee itti muli’ata..         

 

       Kanaafi xurree argame hundaan sababa tarrisuudhaan tokkummaan qabsaawotaa akka hinmilkoofinne carraaqa.

     Qabsoo oromoo mooraa ufii itti amanee taligu yookaan murna wajjiin jiru sanii alatti ilaaluu hindanda’u. Beekaa isa caaluu waan sodaatuufi wajjiin dalaguu hinbarbaadu. Kanaafi namoota wallaaloo isaa gadiitiin ufi marsee bakkuma jiruu bookkisuu filata..  

    Waldayaalee hawaasaa hunda keessa harka naqatee abbaa itti tayuufi shira xaxa yoo dadhabe diiguufi itti bobba’a. Amalli Ufi-tuulummaa amaloota farra qabsoo jedhaman keessaa arra kan qabsoo keenya qancarssaa, diigmaya hanga ammaa ta’e hundaafi sababa ta’an keessaa isa hangafa

 

2.Doofummaa:  

 

    Hiikkaan doofummaa wallaalummaadhaan tokko . Kan duraa Doofummaan siyaasaa barnoota wajjiin hidhata hinqabu.  Namoonni uumaadhaan  qaroo ta’an, kan qabsoo keessatti yeroo dheeraa dabarsuudhaan muuxannoo gayaa horatan, akkasuma kitaaba hedduu dubbisuun osoo barnoota baree (Modern education) hedduu hinqabaanne siyaasaan bilchoo ta’an hedduu jira.

       Akkasumma namoota umri isaanii mana barnoota keessa turanii waan ittiin baratan malee waan siyaasaa hinbeeyne garuu  akka beekaatti ufi midaaluun wallaalummaadhaan ummata keenya diigan hedduu agarra.

     Amalli Doofummaa namoota hubannoo siyaasaa hinqabnne garuu akka beekaatti ufi ramadan irraa muli’ata. Siyaasaanis akkuma saynsiille biroo hujii ogummaa guddaa gaafatu.. Siyaasaan namoota ogumma siyaasaa baratan, ykn siyaasaa hordofan ,namoota kitaaba siyaasaa hedduu dubbisan,kan siyaasaa biyya keenyaa qofa osoo hintaane siyaasaan adunyaa gama itti deemu hubataniin geggeffamuu qaba ture.

 

     Mooraa qabsoo oromoottii faallaa kanaa agarra. Namonni hedduun osoo ogummaa kana hinqabaanne nama siyaasaa ufi godhanii waan beekaniifi hinbeeynne hojjachuudhaan waa ijaarra jechaa  waa diigutti jiru.  

    Siyaasaan aadaa mataa isaa qaba,akkasuma olollis akkasuma. Ololli diinarratti ofaniifi ololli obboleeyyan  yaada addaa  qaban irratti oofamu  tokko ta’uu  hindanda’u. Garuu namoonni Doofummaa siyaasaa qaban kanas gargar baasuu waan hindandeenyeefi diiggaa araara hinqabnne hawaasa jiddutti facaasuutti jiru.

      Murna ufii keessa jiran yookaan nama isaan hoogganu ittisuufi jecha tokkummaa ummata oromoo osoo hinbeeynne itti aggaammatu. Garaagarummaa xixiiqqoo bali’isuun olola diiggaa facaasu yookaan facaasisisu fedhii diinaa guutu

   Amalli Doofummaa bosonni itti  dagaagee guddatte muli’atu ,namoota ganda kutaa fii amantii calanqisan irraa hinguddattin biratti hedummaata.  Kan biroonamoota  kaayoo siyaasaa fii galii siyaasaa  jedhu maal akka ta’e hinhubannee irratti muli’ata

      Doofummaan hoogganoota siyaasaa, hawaasaa fii activistootaas dabalatee namoota bekkamoo keessattis bali’atee muli’ata. Amalli kun obsa nama dhooggee gama diigmayaa fii gargar qoodamuutti nama dhiiba.   

    Qabsaawaan hunddi nama siyaasaa ta’uu hindanda’u. Kanaafi namoonni sadarkaa hogganaa irra jiran kan ulaagaa nama siyaasaa guutuu hindandeenye hedduutu jira.

     Namoonni hoogganoota jedhaman hedduun namoota  murna isaanii keessa jiran namarratti bobbasuun amala dopfummaa siyaasaa yeroo calanqisan muli’atu. Amalli doofummaa kun babali’atee dagaaguu irraa  arra qabsaawaa caalaa abbaa siyaasaa heddumaatee kan dubbatu malee kan caqasu dhabame.

      Namoonni amala kanaan waxalaman kun beekaa jedhanii waan ufi shalaganiifi gorsaas hindhagayan. Miidhaan ummata keenyaas gadi fageenyaan arguu hindanda’an. Amalli kun gaafii oromoo bifa dhooggee, waan barbaannuuf akka itti argannus faallatti nama hubachiisee.  Kanarraa  ka’amee ummata kolifaa nutaasisee nusalphisaa kan jirus amaloota kana. Gabaabamatti rakkolee qabsoo keenya sakaalan keessaa tokko Doofummaa siyaasaa jedheen amana.

 

  1. Ayyaan -laallatummaa;  

    Namooni amala kana qaban ammoo mooraa biroo keessaa jiran. Isaan kun siyaasaan oromoo eessaa ka’ee asi gaye  jedhanii hincarraaqan. ,Bu’aa bayiin qabsoon qabu maal ture kan jedhu kana hinbeekanis beekuufis hinrakkatan.

    Gaafa qabsoon oromoo ukkaamisaafii haguuggii jirtu keessaa qabsaawonni hedduun umriii dardarumma isaanii hinbaranna, maatii fii ilmoo horanna fira gargaaraa osoo  hinjedhin wareega barbaachisu kafalanii qabsoo kana ummata oromoottin gayan quba hinqabn takkaa dantaa itti qabaachaa hinturre.

       Namoonni  amala ayyaan laallatummaa qaban  qabsoon kun bakka amma gaye kana hingayu jedhanii amanuu dhabuun , ufiqaromsuudhaan, maalittu nagayeedhaan ykn  wallaalummaan hirmaannaa qabsoo irraa ala turan. hangi tokko ammoo  mooraa diinaa jalatti galuudhaan yookaan ammoo gaafa haalli bilchaate itti deebina jechuudhaan jireenya dhuunfaa isaanii jala warra fiigaa ture. Warra dura barnoota kiyya maatii kiyya ,jiruu tiyya jedhaa moggaa ta’anii ilaala turaniidha.      

      Namooni kun seenaa qabsoo keessaa qodnni isaan qaban waan hinjirreefi ykn xiqqaa waan ta’eefi waayeen seenaa qabsoo oromoo isaan biratti bakka hinqabu. Seenaa qabsoo oromoo bakkuma  amma irraa qabsoo eegalan  kanarraa dabbachuu barbaadu. kanaafi amalli kun warra duraan seenaa dalaganii qabsoo oromoo boolla keessaa baasaniifi kabajaa xiqqoolle akka hinqabaanne isaan godha..

      Murnoonni amala kana qaban   qabsoo amma biyya kessatti babali’attee dagaagodde kanatti dhimma bayuudhaan barnoota  yeroo qabsaawaan wareegamu  baratan saniin qabsaawota xinneessanii abbaa qabsoo ta’uu barbaadu.  Qabsaawanis  nuhi  namnni barates nuhi kan qabsoo oromoo milkeessuu danda’us nuhi  jedhanii sirnna qabsoo waldhaalchisuu haala faallesuun  carraaquu yaalu.

     

  Amalli kun seenaa kaleessaa irraa barattee kan arraa  gamaaggamitte kan boruu akka itti miidhaguu qabu irratti akka hinxiyyeeffanneefi dantaa dhuunfaa qofa akka hordofittu sigodha. Gabaabamatti amalli Ayyaan laallatummas arra qabsoo oromoo guddataa jirttu kana keessatti dagaagaa dhufee tuffii hinbarbaachifinne keessatti nama seenisisee diigmaya amma ta’aa jiru kana keessaa qooda guddaa tapahachaa jira.

 

      Maayyii irratti namoonni beekkumsa siyaasaa gayaa qaban kan haalli deema jiru kun isaan dhibee, akka hindubbanne arraba Doofitotaa sodaatanii ,akka hincarraaqinne Ufi-tuultotaan tuffatamanii akka hinhojjanne ayyaan-lallatootaan dandiin hunddi cufamee cali’isanii ariidhaan ta’an waddamanis hedduutu jira. Garuu cali’isanii ta’anii ilaaluun ammo  akkuma jechoota faranjii “ The world suffers a lot not because of the violence of bad people but because of the silence of good people”   jechuun adunyaan kun wanni hedduu miidhamtuuffi waan namoonni hamoon hammeenya dalagan qofaafi osoo hintaane waan namoonni gaariin cali’isaniifi jedhan

      kanaafi cali’isanii ilaaluunis fala waan hintaaneefi qabsaawonni oromoo hundi rakkoo kanaafi fala dhayuun dirqama.

    Yaanni ani fala jedhee laadhu  kan duraa rakkoo jiru kana qulqulleessanii beekanii walitti himuu danda;uudha. Itti ansuudhaan akka yaada kiyyaatti amaloonni sadanuu waan walanamuu danda’an jedheen amana.

      Warri amala Ufi-tuulumma qabus  seenaa kaleessa dalageen dhaadatee anaa abbaa jechuu dhiisee namoota beekkumssa qabana ufitti dabalee kan isa caalu yoo dhalates  bakka lakkiseefi beekkumsaafi muuxannoo qabu dhaalchisuu,

   Warri amalla Doofummaalle siyaasaan hawwiin bakka akka hingeenye hubatee Fedhiin waloo fedhii murnaati yookaan dantaan oromoo daantaa dhaabaa  akka caalu hubatee irra caalaa nama siyaasaa ta’uufi ogummaa siyaasaa akka itti horaturratti fuula deeffachuu.

     Warri amala Ayyaan-laallatummaa qabdanis seenaa kaleessaatiin salffachuu dhiisuu. carraa amma uumametti dhimma baannee beekkaminna jechuu irraa guddachuu. Irra caalaa  qabsaawota kaleessa qabsoo oromoo ifatti baasaniif kabajaa qabaachaa  muuxannoofi beekkumsa isaanii irraa muuxxachaa, ulfinnaafii kabajaa isaaniin male laachaafi gorsaafi dandii isaan taraaran miidhagasaa abbaa qabsoo ta’uufi osoo hintaane qabsoo oromoo milkeesuuu irratti xiiyyeefachuudhaan gabrummaa ummata keenya xumura itti godhuu irratti hojjachuu.

Ulfaadha.

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *