Oduu Haaraya

Amantii Aadaa Oromoo /Waaqa/

Seenaan biyya lafaa irratti dalagamu yoo biraa nama kophaa /gurmuu/ bakkaa fi akkaataa walfakkaatuun /garaagaraatiin/ raawwatamuun yoo maraa marfatuun jiraata.Akkuma saaenaa biraa Aadaa fi uumaan bulchitoota Toophiyaa seenaa dhiibbaa sabaa fi amantiin hawaasa /biyya/ “Hin bulchina”jettu addaan qooda bulchuun asdhufe.
Akkuma hawaasa biyya gurmuun hawaasa Afrikaa sabootaa fi gosoota biyyaa teennaa /Oromoo fi olla/ waliinuu osoo amantii aadaa hordofu amantiin garaagaraa keessattuu Kiristaanaatii fi Islaamaa guyyaa keessa dhufe. Akkasumaaan dhawaa wal fakkaatuu/ hin fakkaanneen/ wal duraa duubaan fudhatuun hordofuun jalqabe.
Keessattuu ummanni olla fi biyya teennaa naannawa Gaafa Afrikaa /Horn of Afrikaa/ jiraatu seenaa bara dheeraa hawaasa Arbaa fi biyyoota Jiddu gala Bayaa /Middle East/ dura Amantii Islaamaa dhiibbaa /humna/ malee jaalalaan fudhatuun Jaarraa 7so kaasee hordofaa asdhufe.
Seenaa Amantii Islaamaa keessatti Oromoon akkuma Sabootaa fi gosoota biyya teennatti argaman hedduu akka Amantii Islaamaa jaalalaan fudhatuun bakka addaa qabu beekama. Seenaan hawaasa biyya lafaa keessattuu amantii Islaamaa hedduu raga baya.
Oromoon duula gurmuu Abashaa/Nafxanyaa/ duraa Amantii aadaa Oromootii fi Islaamaa itti dabaluun Jaarraa hedduun dura hordofurraa dhufe. Gabrummaan booda Amantiin Kiristaanaa sirna gabroonfataatiin eega irratti dabalame Oromoon gariin irreen /hawatuun/ Kiristaana kaafame. Achirraa kaasee amantii 3n hordofuu akkasumaan walitti sufe.
Dhiibbaan Amantii fi mootummaan walitti hidhatuun bara dheeraa biyyoota Awurophaa rakkise gaafa seenaan ‘Warraaysa Industirii /Industirial Revolution/’ jedhame beekamuun mana /church/, abboota Amantii Kiristaanaa /clergy/ fi moortummaa gargar baasuun naannigame. Rakkoon mirga yaadaa fi dalagaa sammuu irratti godhamu hiddaan furamuun karaa guddinna beekkomsa /science/ fi Ogummaa /techknology/ biyyoota Awurophaa faa gulantaa achiin duuba dhaqqabanee bane. Gama faallaatiin ammoo dhiibbaan hawaasaa fi biyyoota lafaa tarkaanfii fakkaataa hin fudhatiniin walumatti sufe.
Hawaasa fi biyyoota haga Jaarraa 21 dhibdeen Amantii fi siyaasaa /mootummaa harkaa qaburraa biyya teenna fakkeenna fudhatuun mishaa taya. Akkuma Uumaa fi aadaan sirna gabrummaa ykn humnoota gabroonfataa cufaa xiribbaan Empaayera Toophiyaa sirna gabrummaa Amantii fi mootummaan walitti hidhatuun dhawame.
Seenaan sirna gabrummaa Amaarsuu /Abashoomsuu/ fi Kiristaansuu Abashaa /Amaaraa fi Tigree/ humnaan biyya bulchu walirraa dhaaluun dhuma Jaarraa 19rraa kaasee /gurmuu Nafxanyaa haga Wayyaanee/ ammaa biyya qabatte akkuma ganamarraa diriireen arma gaye.
Kana himaa Afaanii/oral tradition/ aadaa hawaasaatiin dhalootaan dhaalamaa dhawaata barfate caalaa galmeen seenaa bulchitoota /mootota/ Abashaa barreefamaan kuufame heddu raga baya. Sanirraa seenaa dhiibbaa bara ‘Atsee-mootii’ biyya Abashootaa qofa bulchan /biyya Oromoo fi Saboota biraa qabatuun gabroonfatuu/ durra kaasee humnaan gara Amantii Kiristaanaa jijjiiruu bulchitoota garaagaraatiin godhame ragaa hangafa taya. Osoo fagoo hin dhaqin seenama dhiibbaa Amantiin Saba Oromoo bara Yohaanisii-Mallas /Wayyaanee/ raawatame hagoo akka asiin duubaa kanniin faa maqaa dhawuun hin gaya.
-Bara Yohaanis Tigree/ hoggantoota Oromoota Walloo Amantii Islaamaarraa Kiristaanatti akka fufii hawaasa jijjiiran haaganaa gabaabduu qabeefii humnaan amansiisuu ijibaata godhe himama.
-Bara Milinik /II/ gosoota Oromoo Walloo, Tuulamaa, Maccaa fi saboota biraa duula waraanaatiin qabatu irratti bakka garitti tuutaan bishaan itti tooyee /facaasee/ amantii fi maqaa irreen ykn hawwii garaagaraatiin jijjiiruun beekama.
-Bara H/Sillaasee dhiibbaan Sabootaa fi gosoota Oromoo akka amantii aadaaOromootii fi Islaamaarraa Kiristaana kaasuun jijjiiraman godhamu walitti sufe.
Keessattuu Arsii /Diida’aa/ naannawa garii hontoota /bulchitoota/ hawaasa aangoo muuduu fi hawatuun akka Utaa-Waayyuu amantii Kiristaana /Ortodoksii/ fudhatuu dinnaan lafarraa buqqisuu fi dhaaluun Misiyoonotaa quphsiisuun dhawaan ijoollee barsiisuu fi tajaajila hawaasaa diriisuun faa akka hin beekamnetti /haguuggiin/ dhawaata Amantii jijjiiruun taye.
Baaleen ammoo hawatuu irratti dabalee
1-Maqaa “Gosoota Oromoo Tuulamaa dhiibbaan uumaa akka galaana Hawaasii fi biraa rakkisuu quphsiisuu”jedhuun lafa gaafatuu fi
2-Jaarsotaa /hayyoota/ biyya biratti ulfinnaa fi dhageetti qaban 3 akka filatee Finfinnetti ergu ajaje. Jara ergisiise mana mootummaatti maatiin Mootichaa /Royal family/ addaan hiratee amantii Islaamaarraa Kiristaanatti humnaan jijjiiruun akka biyyatti galanii hawaasa erge jijjiiran faa ijibaata godhuu
-Bara Mangistuu /Dargii/ sirna Sooshaalizmii amantii cufaa balfatu keessatti marroo duraa Amantiin Kiristaanaa-Ortoodoksii mana mootummaatii baye. Garuu gurmuun aadaan siyaasaa amantiin walitti hidhatuu akk dhukkuba dhagaa lixee /naqarsaa/ lafee seene sammuma barateen amantii walcaalchisuun hin hafne. Keessattuu gara duubaa deemee akkuma akaakkayyootaa fi abbootaatti amantii waldabarsuun dhokataa baye.
-Bara Mallas /Wayyaanee wanti marti dallawa Wayyaanee jalaa akka hin baane godhame. Akkuma karaa siyaasaa, diinaggee, waraanaa fi kanniin fakkaatuu karaa hawaasaatiinillee dhaabotin amantii akka kaadiroota Wayyaaneetiin dhuunfatuun jalqabumaa kaasee booressuu aanse.
Akkuma gama siyaasaa sabootaatiin yoo Oromoon muddamsiisu Amaara ifitti qabdu ykn sabaoota biraa hafarsitu Wayyaaneen yoo gama amantii Kiristaanaatii mana amantii /church/ fuula dhabde akka boorrataan diigurraa hindeebine baanataa /dhaadataa/ biraa deemti.
Gara amantii Islaamaa garagaluun osoo miila hin dhiqatin Masgiida /mosque/ seentee akka bakka manni amantii Kiristaanaa irraa diigamutti masgiida ijaaraatuu hayyamtu ibsuun hawaasa walitti buuftee ufumaa araarsuu jiddutti jiraatuu yaaluun as geette.
Wayyaaneen seera ufii biyyaan bulchuu baafatte keessatti “Mirga amantii cufaa eeguu..mootummaan akka Amantii keessa harka hin naqane fi kanniin fakkaatu homa yoo mara lallabdu cabsuun beekamti.
1-Amantii Kiristaana keessattuu Ortoodoksii bara dheeraa abbootii amantii Saba Amaraatiin qabame Wayyaanotaa /Tigree/ qabsiisuu fi hallanyeefatuun raasaa asdhufte.
2-Amantii Islaamaa ammoo duula mootummoota akka Ameerikaa, Biriiteeii fi kkf ‘Lola Shoorarkeessummaa /war on terrorism/’ jedhuun hawaasa Muslima Toophiyaa walitti hidhuun lafatti maqaa yakkaa dhufte. Bara as aanaa amantii Wayyaanee-Al Abash’jedhan alaa fiddee hawaasa Islaamaa humnaan fudhachiisuun Mallas jalqabee fi falmaa hawaasa Islaamaaa haga ammaa Wayyaaneen qabaneessuu dadhabde kaase.
Akkasiin saba /Amantii/ tokko ol qabuun kaan gadi qabuun keessattuu Saba /gosoota/ Abashaa /Amaaraa fi Tigree/ fi Amantii Kiristaanaa ammoo olqabuun akka dhalootaan dhaalamuun marfataa dhawaatan arma dhaqqabe agarsiisa. Sanirraa Seenaa Dharaa /myth/ “Toophiyaa Jiddoola Kiristaanaa /the Island of chiristian/” jedhu dhugaa fakkeessuun himatuun as gaye. Garuu Biyyaa /hawaasaa/ mannaa yoo
“Toophiyaan biyya bulchitoota kiristaanaa” jedhamee soba dhugaa ibsuu fakkaata jedhan hin dhaadhesine.

AMANTII HAWAASA BIYYA LAFAA, AFRIKAA FI AADAA OROMOO
Oromoon durumaa kaasee Amantii Aadaa Waaqa /uumaa ganamaatti/ amanurra dhufe. Amantii Aadaa “Waaqa tokkicha, Waaqqayyo /Allayyo/” jedhu –amma hawaasaa fi barreesitoota garaagaraatiin maqaa ‘Waaqefataa’ jedhamuun bekkamuun ‘Waaqatti’ amanuun akkasumatti hordofuun dhawaata dhufe.
Amantiin aadaa Oromoo Waaqa Tokkicha malee uumaa biraa kadhatuun walitti hin hidhatu.Garuu Oromoon aadaan uumaa Waaqaa maraa kunuunsuu fi jabeessuun akkasumatti itti fayyadamuun beekama.
Namni dhalootaan Awurophaa-lammii Faransaa kitaaba seenaa “The Oromo Great African nation /1901/” jedhee barresse Maqaan F. M. Salvaic/ jedhan akka Amantiin Aadaa Oromoo hawaasa biyya lafaatii fi Afrikaa walitti hidhatu akka maqaa Waaqaan waaman armaan duuba kanatti ibsuu ijibaata godhe.
“… The Hebrew Yeweh, The ancient Chinese Wei, The Coranians of Birmanie Iowa, The France Wata, The Swahili Eweh and The Oromo Waqa acknowledges all these names offer at first glance of the eye an authentic dilemma of antiquity of the alloy /statuary degree of purity/ page 45
Madda Walaabuutii Fi Qaalluu
Seenaa Amantii aadaa Oromoo keessatti maqaan hogganaan- amantii QAALLUUN /messenger or sprutal leader/‘ jalqaba Waaqaan Oromoo-Madda Walaabuutti ergame akka’ Waayyuu Gurraachaa ka Walaabuu’ jedhamu himama.
Ammallee itti dabaluun akka achii kaasee akkuma sirna Gadaa Oromoo karaa hawaasaa, diinaggee, siyaasaa fi waraanaa faa handhuurti amantii aadaa Oromoo GOODAA-Madda Walaabuu taatee dhawaata dhufte ibsan.
Akka amma bakka Wanbal’a Abbaa Gadaa /palace/ fi Galma Qaalluu waljijjiiruun /wal dhayaa/ dhiyaatu osoo hintaane yoo sanitti bakka maraa caalaa handhuurti amantii aadaa Oromoo akka Galma Qaalluu taate himan
Akkaataan amantii Kiristaanaa fi Islaamaa fudhatuu akkuma hawaasa biyya lafaa naannawa garaagaraa quphatuu hawaasa Oromoo dhawaataan dhaqqabe. Keessattuu akkaataa hawaasa Oromoo harka guddaa akka amantii Islaamaa fudhatuu fi hordofuu godhe hangafarraa
1- Aadaan Waaqa Tokkicha qofatti amanuu,
2- Soba /gowwoomsuu/ hawwii garaagaraatiin hawaatuun itti hin dhiyaanne
3-Dhiibbaa siyaasaa /humnaa/ malee itti dhiyaatuu,
4-Walabummaan gaafatuu, qoratuun gargar baafatuu, beekuu,
5-Akka amantii garii homa horii horatuu akka foon gaalaa sooratuu dhadhaa ykn aanan loonii dhugurra dhufe lagachiisuu dhabuu fi kkfn walitti galuu fakkaata.
Akkuma hawaasa Afrikaa biraa yoo gurmuun hawaasa Oromoo keessattuu Dhiibuu guddoo Baya Afrikaa /the East Africa Rift valley/ Biyya Oromoo bakka lamatti addaan qoodu gama Dhiyaa- Mirgaa /Kaabaa/ amantii Kiristaanaa fudhatu ka gama Baya Biiftuu quphatu akka ilmaan Bareentumaa Walloo, Arfan Qal’oo, Arsii /Baalee-Diida’aa/, Ituu,Karrayyuu, Booranaa, Garrii fi Gujiin faa ammoo walduraa duubaan Amantii Islaamaa fudhatuun amantii aadaa ifiitiin walitti dabalee hordofuun arma gaye.
Akkasiin akka Makkaa /Biyya Sa’uudii Arabaa/, Tumbuktuu Afrikaa /Dhiyaa Byya Maalii/ fi kanniin fakkaatuu Dirreen Sheek Husseen Biyya teenna /Baaletti argamu Jaarraa 10 duraa kaasee handhuura amantii Islaama biyya teennaa godhuun haga ammaa dhufe.
DIRREE FI SHEEK HUSEEEN
Waayee Dirree fi Sh/Husseen haga ammaa yoo seenaa himaa afaaniitii fi aadaa hawaasaatiin dhalootaan dhaalamaa dhawaataan arma dhaqqabe taate malee wanti bifa galmee- seenaa barreefameen kuufamerraa argan hagana maraa miti. Yoo hinjiru jedhan dhaadhessuu hin fakkaatu. Garuu gaafiin DIRREEN Sh/ Husseen lafa /bakka / akkamii turte? Eessatti argamti?, Sh/Husseen hoo eennu?.. faa jedhu hedduu namuu kaasuun mamaa hinqabu.
1-Dirree Sh/ Husseen
A-Handhuura Amantii
Dirreen Sh/Huseen biyya Oromoo-Arsiin quphatu, godinaa Baalee, naannaya Ginniir fi Jaarraatti argamti.
1-Duraan akka bakka handhuura amantii Aadaa Oromoo, keessattuu Galma
Qaalluu ‘Karrayyuu Milkii’ jedhan akk turte himan
2-Achiin duuba ammoo haga ammaatuu lafa handhuura amantii Islaamaa hangafarraa takka taatee beekkamti.
B-Handhuura Aadaa, Seenaa fi Siyaasa
Dirreen Sh/ Husseen akkuma amantii eega dhiibbaan sirna Gabrummaa Sirna Gadaa Oromoo laaffisee hadhuura dhaamsa siyaasaa keessattuu handhuura Arsiin Baalee-Diida’aa ‘’Ilaaliin-Dheertuun’’ yaada /dhamsa/ ergaa karaa hawaasa, diinaggee, siyaasaa fi kanniin fakkaatuu haga sirna gabrummaatii fi bulchitoota gabroonfataa balaallefatuu abaaruu /mormuu wal kakkaasuutti walii dabarsu taatee arma gawuu himan.
Dirreen Sh/Husseen maqaa hedduu gurmuun hawaasa itti baasee fi waamuun “Dirree Sheekanaa Husseen, Diinkuree, Ardal Anaajina, Ganda Tolaa Baalee fi kanniin faa” jedhamuun beekamti.`
Akkuma dura eerame burqaan seenaa barreefamee hinjiru. Garuu seenaa afaanii fi aadaa gurmuu hawaasaa garaagaraatiin himamuu fi ogeessota hambaa seenaa qoratan kanuma raga baya.
Akkasiin ogeessi bakka /hambaa seenaa qoratuu fi hojjataa komshina Turizimii Toophiyaa tokko bara 2012 TV Toophiyaa irratti ‘Gamoon’-Masgiida Dirree Sh/Husseen akka naannawa Jaarraa 10 ijaarame ibse.
Nammiin raga seenaa bayanirraa namni O/Amaan Husseen warra aadaan hawaasaatiin“jaallalloo Sh/Husseen” jedhamurraa tokko ture.
Obboo Amaan “Dirreen Sh/Husseen bara Oromoon Sirna Gadaatiin buluu akka handhuura amantii Aadaa Oromoo taate himan” jedhuun ibsa. Ammallee itti dabaluun keessattuu bakka ‘Galma Qaalluu Karrayyuu Milkii’ jedhan turte” jedha.
Sh/ Hassan Maaruf Aadam hayyuun Seenaa fi Amantii Islaamaa Dirreen Sh/Husseen dura akka bakka amma jirturraa gara 15km faagatu bakka’’ Baalla’’ jedhan turte himu.
Sh/Husseen eennu?
Gurmuun hawaasa Sh/Husseeniin maqaa dhalootaa fi guyyaa keessa itti moggaafame hedduun “Sh/ Husseen, Awusseen, Nuur Husseen, Aabbiyyoo, Tolaa Baalee, Abbaa Milkii fi kanniin faa” jedhuun waama.
Garuu maqaa dhalootaa haadhaa-abbaan itti baafte” Eennu akka taye ykn bakka itti dhalate faa” yoo gaafatan namni yoo akka ‘balala harree adii’ jedhan taate malee qajeelaan himu hin argamu.
Gariin seenaa wal dhayaa qofaa mitii dhugarraa fagaatu akka Biyya Arabaa ykn gara biraatii dhufee faa hima. Saboota olla keessaa Sumaaleen faa ‘Sumaale, Keenna’ jedhuu barbaaddi. Fagoo ammoo akkuma namuu jabaa ufiin himu Arabnillee yaada falmaa dhiyeessa.
Maraa caalaa dhugaan akkaataan gurmuun hawaasa garaagaraa akka armaan duubatti ibsu qajeela fakkaata.
1-Gurmuun hawaasa seenaan himaa afaaniitiin dhaqqabe gariin maqaan Sh/ Husseen ka dhalootaa akka “Tolaa Malkaa” jedhamuu fi eega guyya keessa Seenaa fi seera Amantii Islaamaa barate maqaan “SH/HUSSEEN”moggaafame ammallee“hawaasuma haga ammaa naannaya san quphatuun arma gayerraa dhalate”jedhuun hima..
2-Akkuma asii olitti eerame qorataan bakka seenaa Komshinara Turismii Toophiyaa maqaan dhawame waayee Sh/ Husseen yoo ibsu akka maqaan guutuun “Sh/ Husseen Ibraahim” jedhamu dubbate.

jajjaboo sabaa <kalube.haydo@hotmail.com

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *