Zakaariyaas Mulataa fi Malkamuu Jaatee
Seensa
Umamaan ummati Oromoo tokkicha ta`uun ni beekama, sababii ummati Oromoo afaan tokkicha, senaa fi aadaa baroota dheraaf walitti jiru, fi tessuma lafaa waliqabatee irra jiratuuf. Kanafuu ummati Oromoo, akkuma saboota adunyaa kana kessa jiranii, sab-lamummaa (enyummaa) umameef safeefachun tokkomee baroota dheraaf walii wajjin jiraate. Garuu ummati Oromoo akkuma ummatoota adda addaa dhaloota latiinsa sanyii, tessuma lafaa, ilaalcha waaqefannaa, hawaasummaa, fi kkf maraan gosoota heddutti adda ni qodaama. Qodumsi seera umamaa fi dhalotaa hundeefate kun rakkina fidee hin qabu.
QBO deggeruudhaaf garaagarummaa jirutti sirnaan fayyadamuudhaan hojii QBO
deggeruu fi milkessun ni barbaachisa. Barruun kun odeefannoo barruu Adolessa
2011 mata duree “Qabsoo bilisummaa Oromoo takaalu kessatti qooda siyaasa gantummaa fi gartummaa” jedhamuun maxanfame irratti hundaawa. Kayyoon barruu kanaas gaafilee armaan gadii sadan xinxaluuf. Hubachuuf barresaan barruu kanaa hayyuu siyaasaa fi Seenaa Oromoo miti. Garuu seenaa siyaasa QBO arguu, dhaggefachuu, fi dubbisuu irraan barataa jira.
1. Dhuguma tokkummaan moraa QBO hin jiruu?
Moraan QBO tokkomuuf yaalaa jira malee yeroof hin tokkoomnee.
2. Rakkooleen (gufuleen) tokkummaa hawwamuu dhorkan ni jiruu?
Eyyee, sadarkaa tokkoffaatti gantummaaf boojiyamuun fi sadarkaa lammafaatti gartummaan siyaasa hogganuun moraa QBO tokkomuu (tumsomuu) dhorkaniru.
3. Rakkolee adeemsa QBO kessatti dhalataniif furmaatoti ta`uu malan ni jiruu? Eyyee rakkoolee gantummaa fi gartummaa kessaa burqan furuuf yoo milkaawameef tokkummaa (tumsoomu) jaarmoleen sochilee QBO hogganuun ni argama.
1. Kutaa 1ffaa
1.1. Sochilee QBO danquu kessatti qooda siyaasa gantummaa
Gantummaan faallaa amantummaa ti. Jechi (ilaalchi) gantummaa jedhamee beekamu gara jechoota akka Waaqayyoon-ganuu, Waligaltee-ganuu, yookin ofi- ganuutti hikama. Waliganuu fi ofi ganuun sadarkaa name (tokkee) fi maatii (warra) irraa egalee hanga saba (lammii) ofii ganutti guddata. Namooti gurmuu jirenya hawaasummaa, dinagidee, fi siyasaa irraa dantaa waloo argatuuf waliisanii amanuu fi wligaltee tumatuudhaan gurmaawu. Heraa fi seera tumatan safeefachuudhaan wali amanuun ni jiraata. Garuu heraa fi seera waligalteen tumatan tuffachuu irraa wali ganuutu dhalata. Ummati waligalteen tokkomee jaarmoota hawaasummaa, dinagidee, fi siyaasaa ijaarudhaan qabenyaa dantaalee waloof olifaman tikfata. “Fakkenyaaf ummati Oromoo amantii Waaqefannaa maqaan DAANIYAA jedhamee beekamu jalatti ijaaramanii, safuu waaqefannaa Waaqayyoo umaa irratti hundaween ofiin ofi geggessaa, aadaa fi senaa saba Oromoo guddisaa fi tikfataa, baroota dheera
kabajaan biyya dhalotaa (Oromiyaa) kessa jiraatan. Akkasumas ummati Oromoo jaarmaa safuu umurii dhalotaa irratti hundawee, falaasama sirna GADAA (Demokirasii Afirkaa), hundesseen motummaa ijaaratee ofiin ofi bulchudhaan qabenya hawaasummaa fi dinagidee saba Oromoo tikseera17.” Sirnoota DAANIYAA fi GADAA jalatti gurmaawun laaffataa ademuun jirenya amantummaa laafise.
“Hogganoti jaarmoota aadaa (amantii) fi siyaasaa (motummaa) sirnoota waligalteen
tolfame safeefachuu hanqachuu kessaan gantummaan ummata Oromoo seene11.”
Sirnoota waligalteen ijaarame safeefataa jiraachuu hanqachuu irraa gantummaan dhalatees babalachaa adeemuudhaan ummata Oromoo balaa gabirummaaf dabarsee kenne. “Bara kessa safuu waaqefannaa fi safuu umurii kabajuu fi tiksuu hanqachuu irraa gantummaan biyya Oromoo kessa sene: rakkoon kun guddatee walihoruun angoo gurmuu laaffisee fi qaawwoota baballoo banuudhaan saba
Oromoo rorroo sirna gabirummaa jalatti kufisee fi hidhe13.” Ummata Oromoo ganuudhaan moraa dinaatti galanii dinaaf ergamtuu ta`uun fufinsaan raawatamaa
jiraate. Qaanii fi gadi-aantummaan karaa gantoota siyasaa akka abbaa dulaa
Gobanaa Daccee fi isa fakaatan kessaan ulaa Oromiyaa saaqatee oli seene kun idda gadi jabeefataa adeeme malee murtoon hin daangefamne. Siyasaan ilaalcha gantummaa irratti hundaawe kun meshaa isa jabaa rorroo sirna gabirummaa dhugomsee fi tikse ta`uun beekameera. Hojii badisaa kana maseensuuf dandeetiin hin argatamin jira, sbabii xiyyefannaa quphsaan hin kennamniif. Kanafuu gantummaan yeroo gara yerootti bifoota jijjiratee motoota gabiromfataa dhufaa- darbaa angoomsu fi tiksu kessatti qooda sadarkaa oli`anaa kennuudhaan guddataa fi babalataa adeeme.Motummaan dhaloota Habashaa adeemsa barootaa kessa bifa lamaan mullate siyaasa gantummaa meshaa godhachuudhaan qabenyaa ummata Oromoo samuu fi saamsisu irraa angoo dipilomaasii fi waranaa argateen jirataa turee fi tikfamaa jira.
Gantooti sadarkaa ajajaa waranaa, qondaala waranaa, ministeeroota motummaa, bakka bu`oota motumma, bulchaa kutaalee, fi, kkf… uffachuun motummaa Habashaaf tajaajilli kennaa turan fi jiran sirna gabirummaa dheeresuu kessatti qooda sadarkaa 1ffaa qabateera. Dorgomiin siyasaa bara1974 – 1991 motummaa Habashaa dhaloota Amharaan durfamee fi gartuu Adda Bilisummaa Ummata Tigraayi (ABUT) giddutti karaa sagantaa riphee lolaa geggefamaa ture motummaa oli`antummaa sanyii Amharaa (bara 1989 – 1991) tiksaa ture gara motummaa oli`antummaa sanyii Tigraayi tiksutti Caamsaa bara 1991 jijjireera. “Sirni gabiromfatnnaa tarsimoo fi toftaa siyasaa foyyyefachuudhaan gargaarsa alagaa dirree riphee lolaa irraa egalee hanga mana motummaatti wali irraa hin citniin
dirirfame fi tikfame14 fi 15.” Biyyoota Afirkaa hirmaachuuf dorgomiin motumooti
Awuropaa geggessaa turan akkuma Minlik, mootii Amaharaaf, qileensa siyasaa mijjessee ture: hogganummaa siyaasa adunyaa dhunfachuuf dorgomiin moraa imperiyalistotaa fi kominstotaa gidduti geggefamaa ture Mallasaa, motii Tigragyif qileensa siyasaa mijjesseera. Jijjirami angoo siyasaa gartuulee Habashaa lamaan giddutti raawatame kun gantummaa siyaasa nam-tokkee (gartuu) Oromoo gara sadarkaa jaarmaa siyaasa gantummaatti oli guddise. “Tigray People Liberation Front (TPLF/ABUT) established Oromo People Democratic organization (OPDO) in
1988/89 from rank and files of war prisoners and it is using as an instrument to practice socioeconomic subjugation and human rights violations in order to protect its colonial interest in Oromia15.” Kanafuu Dhaabi Dimokiraasii (Gantummaa) Ummata Oromoo (DhDGUO) meshaa dinaa ti.
1.2. Siyaasi gantummaa diina angesse
Ergii sirni gabiromfataa motummaa Amharaan geggefamaa ture motummaa Tigrayin dhaalamee booda siyasaan gantummaa gara jaarmaan hogganamutti oli guddatuudhaan rakkoo moraa QBO kessa ture walixaxaa godheera. Jaarmaan gantummaa, (DhDGUO), jaarmaa dinni dantaa isaaf ijaarratee ta`uun ifaadha. Garuu alagaa sirna dinaa tumsan biratti jaarmaan kun waanuma ummati Oromoo fi Oromiyaa sirna fediralaan Itophiyaa jalatti bulfaman fakkeesera. Akkasumas jaarmaa gantummaa (DhDGUO), kanatti fayyadamuudhan, dinni moraa QBO kessa dhokatee senuun afaan faajjii fi golii wali irra hin citiin omishuuf milkaawera. Kanaafu hojii dharaa fi hojii haqaa garaa-gar baasuun baruuf haalan rakkisaa bara ta`ee kessa sababii seenamef moraa QBO kessatti enyufaa dina tajaajilaa jiratuu yookin enyufaa lammii tajaajilaa jiratuu isaanii sirnaan qulqulawee beekamun rakkoo walixaxaa ta`eera. Siyasaan gantummaa bara ammaa kun gufuu (dhukkuba) guddicha isa hojii QBO deggersa quphsaa dhorkee fi osoo hin daangefamin dinaaf tumsa wali irraa hin citin horuu fufeedha.
1.3. Furmaata ta`uu malan
Siyaasa gantummaaf furmaati sadarkaa jalqabaa namoota Oromoo hojii samaa kana irratti dhibbaa dinaan bobbaafaman luba basuuf haala mijjessudha. Gantoota luba baasuuf hogganoota waldaalee amantaa, hubannaa roga hundaan ebbifamantu, nu barbaachisa. Furmaati inni jalqabaa: hogganoti waldaalee Waaqefatummaa, Isilaamummaa, fi Kirstaanummaa, kanneen ebba Waaqayoon dibaman, ofiin ofi ijaaruudhaan miseensotaa fi deggertoota DhDGUO luba baasuf kan gargaaru barnoota qalbii jijjirannaa qopheesuu fi barsisuu qabu. Furmaati aanuu: gantoota qalbii jijjiratan qofaatti ijaaruudhaan moraa dinaa kessatti qabsoo luba-baasiif bobbaasudha. Yoo gantooti luba ba`uuf ofi hin qopheesineef seera bara durii hojii irra olchuu yaaludha. “Balleessaan gantummaa caaluu hin jiru: biyya eegudhaaf abbaan bokkuu fi salgeen mariyatanii kan tumanii qadaadan, namni dhoksaa kana yoo diinatti himee fi icitiin kun yoo beekame, namni gantuun kun qabaamee gantummaan adabama. Adabni kunis: ´dhagaan dugdatti hidhamee bishaan buufama, manni isaas
ni gubama` (Seera Makkoo Billii lakkofsa 36)4.”