Amerikaan Somalee keessatti akka jabeessanii Al-Shabaab humna isaaniillee laaffisanii lolan hajajje | Bilisummaa Online
Oduu Haaraya

Amerikaan Somalee keessatti akka jabeessanii Al-Shabaab humna isaaniillee laaffisanii lolan hajajje

WASHINGTON,DC —VOA

Akka oduu hajaja waraana Amerikaa(Pentagon) pirezidaanti Tiraampi waraanaa Waldaa Afrikaa Somaalee jiru gargaaruuf akka ilaallachaa Al-Shabaab Somaalee keessatti hadhan hajaje.

Akka jara kana dahoo isaanii keessatti hadhanii humna dhowwab hajaje mootummaan Amerikaa kun.

Hajaja kana irratti mootummaan Somaalee womaa hin jenne.Laetitia Bader, Somalaeetti qorattuu dhaaba mirga namaa qoratu Human Rights Watach (HRW).Yoo lolan keessattu yo bonaa ka akkanaa ka namii gargar godaanu kanatti ufi eegachaa loluu malan jetti.
“Ammitii keessattuu yoo namii akkana malee gobbatee garga faffaca’e. Nama kuma hedduutti jireenna wayyaahaa barbaadachuu fi gargaarsa addunyaa argachuuf magaalatti baqachuutti jira.Kana wannii nu jechuutti jirru.”

Fulbaan dabre keessa naannoo Mududgiti xuyyuurii Amerikaa Al-Shabaab hadhuuf jedhee milishaa mootummaa Somaalee gargaartu dhahe.

Mootummaan ammoo bulchiinsa Puuntilaanditti beekaa waranaa Amerikaa dogogornse jedhee himata.

Akkana hadhanii lafa hedduu keessaa baasanillee Al-Shabab kaan bombiin hadhaa, kaan ammoo fixaa lafa hedudu deeffate.
Abdullahi Halakhe, gaafa Afrikaatti ogeessa nagaati.Xuyyuura waraana Amerikaatii fi AMISOM bulchoota Al-Shabaab hedduu fixee jari kun amma dhokate ummata jiddutit dahatee nama hadhaa tanaaf namii nagaa jidduutit miidhama jedha.

Pirezidaantiin Soomalee haarahii yoo waraanii Afrikaa amma Al-Shabaab Soomaalee irraa eeguutti jiru ganna dhufu achii bahe hadhuutit akka biyyitii ufi dandeettu tolchuuf waraana Soomalee jabeesse jaaruuf waadaa gale.

Check Also

habashaa

‘Death sentence’: Massacres fuel protests, resentment in Ethiopia

The growing frequency of violent episodes and a perceived lackadaisical approach by government in addressing …