B A G A  I T T I I N   I S I N  G A H E ! | Bilisummaa Online
Oduu Haaraya

B A G A  I T T I I N   I S I N  G A H E !

Bara gaarii – bara guddinaa

Bara balleeysinu shiraa fii jallina

Bara tokkummaa –  bara nageenyaa

Bara lagannu wal jibbaaf hammeenya!

Bara badhaadhinaa – bara quufaa

Bara dhabamsiifnu vaayrasii hinaaffaa!

Bara dhugaa – bara haqaa

Bara callaa malee fageeysinu baaqa!

Bara araaraa – bara milkiidhaa

Bara dhaabbattu ajjeechaafi hidhaa!

Bara kabajaa – bara jaalalaa

Bara dhageenyu waan gurraaf tolaa!

Bara injifannoo – bara bilisummaa

Bara irra aanu dhaloonni ammaa!

Bara mo’aannu – bara qeerroo

Bara irraa maayyii cunqursaafi roorroo

Bara walin qoonne – bara walin komanne

Bara hiddaan buqqaafnu jalee fii Wayyaanee!

Bara bilisoomnee abbaa biyyaa taanu,

Bara kan faffacaane walitti dachaanu,

Bara Aadaaf Afaan keenyaan boonnu,

Bara sirna gadaa deebifnee gad dhaabnu,

Akka nuuf tahu hawwiif fedhiin qabnu!

Barri bara nagayaa fii milkiiti!

Gadaan gadaa bilisummaati!

Check Also

qubee jalqabaa Copia di NXPowerLite

Galmee jechoota Afaan Oromoo

Kaayyoon qophii kanaa Afaan Oromoo gabbisuu, dagaaysuu/dagaagsuu fii guddisuudha. Afaan kana waalteessuudha. Oromiyaan bal’oodha, akkuma …