Oduu Haaraya

Baacoo:Abbaa Tureetif Dhaloota Qubee:Kutaa 1

Jaarsi Suuraa kanarratti agartan kun ‪#‎AbbaaTuree‬ jedhama. Umuriin isa wagga #100 ol jedhamet himama. Dhihoo kana osoo karaa deemu OPDO Oromoo walitti guurtee gara mana hidhaatti deemtun wal afaan dhufan. Abbaan Tureetis dubbiin tun ajaa’ibdeet ” jarana dhabbadhaa hoo seeraa beektan. Eessaa deemaa jirtu? ” jedhee gaafatee. San boodaa OPDOn ija soogiddaan dhiqattee nama Oromoo hidhuun aangoo Tigreerraa argachuu feetu hidhamtoota kana dhaabdee akka gaafi Abba Turee kana deebisan gootee. Gaafi eessa deemtan? Jedhu jechu. Haala kanaan hidhamtootni kuni ABO fi KFO jedhamani shakkamani akka gara mana hidhaatti deemaa jiran Abba Tureetti himan. Abbaan Tureetis akka jawwee arbi irra ejjeteetti dubbiin Oromummaa onnee isaa keessa qalalawu jettee waan rifachiifteef battalumaatti gaafi kana gaafatee. ” Warri uummata kana ABO ykn KFO jettani gara mana hidhaatti ooftan kun uummanni Oromoo hundi akka ABO fi KFO ta’e hin beektani? Abba Turee hoo OPDO seetani? Eenyutu OPDO dha jettani abjootu nuti hundii tokkumaa !” jedhee OPDO arrabsee. Yeroo kana OPDOn kan barbaannu nama kana jettee Abba Turee jaarsa waggaa dhibbaa kanallee qabdee hidhamtoota waliin gara mana hidhaatti geessite. Mana hidhaa san bira yeroo gahan hidhamtoota kana lakkoofna jedhani dhiirri kophatti dhalaanis kophaatti akka hiriiran tarree galchan . Abbaan Turee garuu gurbaa waggaa 8 tokko hiriira dhiraa keessaa harkisee dhalaa keessatti hiriiree. Hoo kana gochii Abba Turee kun OPDO akka malee muufachiisee ” Maalif dhalaa keessatti hiriirtee?” jedhani itti dheekkamaa gaafatan. Abbaan Tureetis nama laafu miti akkas jedhee deebiseef. “Silaa ani dhiira ta’ee dhiirti akka kiyyaa qabdee na hiiti? Gurbaan waggaa 8 na biraa hiriira nadhoo keeysaa dhabbatu kunis gaafa guddatee mirga isaatif falmatee bakka gahee dhiira jedhama malee amma dubartiidha.” jedheen. San boodaa, dubbiin Abbaa Turee tun akka malee waan isaan dhibeef jaarsa kana hoo hiinee hidhamtoota hunda siyaasa barsiisa waan ta’eef yaa gadhifnu jedhani wali galuun hidhamtoota Oromoo waggaa 3-15 seeraa malee mana hidhaa keessatti toftorani akka gadhiifaman jedhamani walgahi ta’an bira geessan. Walgahi kanarratti immaamata wayyaanee hidhamtoota kanatti erga dabballoonni wayyaanee OPDO buufan booda gaafi tokko gaafatan. ” Mee warri nu deeggartan harka baasa?” jedhani. Hidhamtootni hunduu mee yaa taatu huuba wajjini jette sareen akkuma jedhan san harkaa isaani waaqaatti ol qabani baasan. Abbaan Turee garuu harka hin baafnee. Abbaan Turee miilaa isaat waaqatti ol qabee baasee. Maalif akkas goota jedhee gaafatamnaan ” harka mirgaa kiyyaa Haylesillaasifin baase. Harka bitammoo Dargiifin baase. Kan hafemmoo kuno miila kiyya kana isiniif baasee akkan gaafa baasu feetan” jedhe Abbaan Turee !!!’
==================================
Haalaa kana hubachun Abbaan Turee dhaloota qubee kanaaf dhaamsa akka dabarfatu gaazexeessaa ‪#‎CNN‬ akka wal qunnamu tattaaffi goone itti milkoofneerraa mee har’aaf gaafif deebi i armaan gadii kanan eeggallaa jechudha.

Gazexeessa: Abbaa Turee ani nama biyya kanaati miti. Garuu, waan biyya kana keessa jiru sirraa barachufin sibira dhufe. Kanaafu, gaafin ani sigaafadhuuf waan argiteef waan dhageessee akka naaf himtu kabajaanan si gaafadha. Gaafi kiyya haa jalqabu. Biyya Ameerika jedhamutti halkan sa’aa Shanitti ijoolleen alaa galtee jedhani gaafatu. Biyya Ingliziitti halkan sa’aa shanitti haati manaa kee alaa galtee jedhani abbaa manaa gaafatu. Biyya Faransaa jedhamuttimmoo halkan sa’aa shanitti abbaan manaakee alaa galee jedhani haadha manaa gaafatu. Biyya keessan keessatti hoo yeroo ammaa kana halkan sa’aa shanitti maal gaafatu?

Abbaa Turee: Biyya keenyatti waan dukkana hin sodaanne Wayyaanee jedhani kan halkan balbala cabsitee namati seentu takkatu jiraa bineettin sun har’a asiin baatee jedhanit wal gaafatu. Dur hoo rafu deeman yaa Rabbi abju hamtu narra qabi jedhan. Ammammoo yaa Rabbi bineetti halkan balbala cabsitee namatti seentu san narraa qabii jedhani rafu. Dhukkuba lafarraa nama fixu AIDS jedhaniin tokkotu jira garuu halkan sa’aa shan booda nama hin qabu.

Gazexeessa: Asirratti AIDS halkan sa’aa shan booda nama hin qabu yoo jettu dukkana sodaatamoo maal jechuu keeti Abbaa Turee?

Abbaa Turee: Halkan sa’aa Shan booda bineettin Wayyaanee jedhaniin sunu nama qabdeet fixxi AIDSin nama eessaa argateet qaba? Beekta maraataa lamatu walitti dhufani karuma bal’aa namni irra deemu kana kiyyaa akkamitti irra deemta jedhani irratti wal lolan. Maraatan tokko dhagaa xiqqa tokko itti fudhate. Maraatan bira kaanimmoo dhagaa namni shan ol fuudhuu hin dandeenye itti buqqifate. Yeroo kana maraatan dhagaa xiqqaa ol fudhate sun maraata dhagaa guddaa ol fudhate san ajaa’ibee ” edaa kan narra maraates ni jira ?” jedhee dhagaa ofirraa darbee maraataa dhagaa guddaa itti fudhate sani karaa gadhiisee biraa deeme. Dubbiin siif haa galtuu AIDSin maraataa dhagaa xiqqaa ol fuudhe sani. Wayyaaneenimmoo maraataa dhagaa namni shan ol fuudhu hin dandeenye ol fuudhe sani. Haalaa kanaan halkan sa’aa shan booda wayyaaneedhaaf karaa waan gadhiisuf AIDSin eessan dhufee nama qaba?

Gaazexeessa: Mootummaan wayyaanee akka badaa ta’ee naaf himtee. Uummatni hoo roorroo kana hanga yoomitti obsee ta’aa moo maal gochuu qaba?

Abbaa Turee: Mootummaa kana balleessuf dhaloonni qubee jedhan itti lafaa ka’anit jiran. Garuu qindoomina gahaa hin qaban . Wayyaaneen akkaata bineensota afur babbadaan walitti dhufeenya godhatanit fakkaatti. Leenca, qeerreensa, Waraabessaaf bofa. Bineensota kana balleessuf cinaacha dadhabaa bineensota kanaatti fayyadamuudha. Leencii dhukeen ija seennan obsa hin qabu. Qeerreensi dubbii xiqqoo isa aarsitu bira dabru hin danda’u. Waraabessi garaa isaa bira hin dabru. Bofti hoo irra ejjetan hin danda’u. Kanaafu, duraa saree barbaadanit qalamaan buburreessani qeerreensa fakkeessani karaa waraabessi deemurratti darban. San booda, waraabessi osuma saree tana qeerreensa du’e argadhe jedhee nyaatu beellamani sa’aa walgahi bira dabra. Booda,yeroo bineensootin sadeen walgahirraa ka’uu gahan dhaqqabateet maalif turte jedhani hoo gaafatan ” Qeerreensa tokkotu karaarratti du’ee osoon isa nyaadhu turee” jedha. Kana dhageenyan qeerreensi obsa waan hin qabneef utaaleti warabessa qabata. Osuma waraabessiifi qeerreensi wal lolanu dhukeen isaan kaasan leencaa ijaa seentee innis bakka ijaa tana obsu waan hin dandeenyeef lolatti seena. Osuma jarri kun sadeenu wal lolanu bofarra ejjetani kunis bakka irra ejjechu tanatti obsa waan hin qabneef jara sadeenu summii dhokfate hunda itti fixee hiddee ajjeesee kophaa hafa. Bofa summii leenca, qeerreensaafi waraabessan ajjeefte fixattee qophaatti hafte tanammoo osoo summi biraa hin tolfatin dafani mata keessa dhawani ajjeesun dirqama. Kana hunda goochuuf qindoomina cimaatu barbaachisa.

………..Itti Fufa…….

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …