Oduu Haaraya

NUU ADDAAN HIN BAANU!

——————————————–
Nuti ilmaan abbaa tokkootii
Fagoo hanga dhihoottii
Kaabaa kibbaarraa
Hanga bahaaf lixaattii
Nuti addaan hin baanuu
Diinnii maaf nuu soortii
Wal facaasaa deemnuu
Irbaata nu godhattii
Maaf irbaata taanaa
Maaf nurraa garmaamtii
Of taanee hin jiraannuu
Maalif nutti duultii
Heddumina keenyaan
Galaana cirraachaatii
Tokko tokkon qabnaan
Gantuun ofiin dhumtii
Gantuun keessaa dhumnaan
Dinnii keenyaa hundii
Badaa barbadooftii#2

Akkaas kunoo baraa
Wolloon oromoodha
Kamiseen fullaa’ee
Rayyaan ce.e bahee
Ituu itti fudhatee
Daangaa isaa dawwaadha
Waa keessan baradhaa
Seenaa babbarataa
Tokkummaan dhaabbadhaa
Seenaa raayyaa qoobboo
Kan kamiseef Ituu
Mee mee nuu qoradhaa
Qubee haa barsiifnuu
Mee itti jabaadhaa
Nan hiika maqaa isaa
Duubaa keessa isaa

K=ka’a nu barbaadaa nuti isin qabnaa

A=aadaan kootis keetii wal male mal qabnaa

M=malummaa keenya barra ormaaf of ibsiinaa

I=ilmaan abbaa tokko ta’u isaanif beeksiifnaa

S=seenaa keenya barraa keessanis qorannaa

E=enyummaa keenya barre tokko taane loonaa

E=ergamtuu diinaatif bakka laachu dhiifnaa

Jedhaan yoo dubbataan afaan guutatanii
Oromummaa ofii oggaa itti boonaanii
Nurraa maal eggatuu mee isiin maal jettanii?

Olis nan deema mee
Qee’ee abishe garbaa
Wallaggaan nan faarsa
Goota akka jabaa
Tokkummaa cimsaa mee
Achirraan jalqabaa
Diina marsaa maaloo
Humna tokkoon qabaa
Booji’a balleessaa
Dhukkee irraa kaasaa
Tokkummaa oromoo
Hojiidhaan mul’isaa
Gargar wal hin qoodiin
Hin fayyuu madaansaa
Nan hiika maqaa kee
Baayyee nama boonsaa

W=wal ta’un gaariidha hedduu nama boonsaa

O=ollaan wal simadhu gandumman mal buusa

L=lammii keef holladhu seenaan suma faarsaa

L=lakkii nuti tokkoo jechuudhaan of ibsaa

A=aadaa keenya illee waluma barsiisaa

G=goola oromiyaa hundumaa tarreessaa

G=gaaffii diinaa kanaas sirriitti deebiisaa

A=afaan keenya tokkoo ta.u mirkaneessaa

A=angoof wal hin qeeqnuu baraa wal barsiisaa

Jedheetaan sii hiikaa maqaa kee nan faarsaa
Siinin boonaa beekii hin qabu qoodinsaa
Abbaan feete qoodii oromoon bilisaa
Tokkummaan jiraata dabaa isaa sirreessaa
Kan gandaan wal qooddaan dhabama as keessaa

Gara Arsiin deemaa
Dhamsaan irraa qabaa
Yoon dhiise nati gamaa
Biyya adam saadoo
Mee kaen waa himaa
Biyya nama gaarii
Hayyuu bebbekamaa
Innoo hedduus jiraa
Maal himeen mal dhiisa
Aadaaf duudha jettuus
Isaanin tolfamaa
Tokkummaan haa boonnuu
Gandummaan haa dhiifnuu
Jechuun dhaamsa kootii
Mee waliin haa boonnuu
Alagaa dhuftuuttii
Ija haa jabaannuu
Maqaa kees nan hiikaa
Waan jiruus nan himaa
Waliin haa daawwaannuu

A=aadaan boonna yoomu kan diina hin beeknu

R=ragaa hedduu qabnaa kan ittin beekamnuu

S=seenaa keenya gaarii barre haa barsiifnuu

I=ilmaan abbaa tokkoo ta’u haa beeksifnuu

I=ilaafii ilaamees waliin haa hubaannuu

Jedhetanin hiikee maqaa keetin boonuu
Arsoomni qoorsomaa jechun haa midhagnuu
Akkaas biyyi gootaa kan ittiin beekmnuu
Jajjabina qabnaa tokkummaan haa kaanuu
Gandumma buqqisaa tokkumma haa boonnuu
Akkaasin humnoomnaa nuti alagaa hin feenuu

Baaleen maan dagadhaa
Biyya garbuuf dhadhaa
Biyya hayyuu qaroo
Biyya waaqoofaadhaa
Maal jedhee dubbadhu
Tokkummaaf ilkeedhaa
Jajjabee oromootaa
Ilaalan manguddoodhaa
Tokkummaan humnaati
Ittis nuu jabaadhaa
Ollaa bitaa mirgaa
Ilaaluun dawwadhaa
Yaada wal jijjiraa
Diina injifaadhaa
Daangaa keessaan baraa
Biyyaa barsiifadhaa
Bahaaf dhihaati iyyii
Aadaa jabeeffadhaa
Tokkummaan riqichaa
Waluu jabeeffaadhaa
Maqaa isaas nan hiikaa
Isiin na dawwadhaa
Dubbisaa ilaalaa
Kan dabe sirreeffaadha.

B=boolla dinni qoote kan isa seensiiftuu

A=aadaa badee jiruu kan nu burqisiftuu

A=afaan dhodhokaate kan nu madisiiftuu

L=lammii keeti jette kan boolla of buuftuu

E=enyummaa ke falmuuf kan dinaan mugguutu

E=ergamtuu diinaatif bakka kee hin laattuu

Jedhetanin hiikee hiikaa biraa laattuu?
Waan qabdaan himadhaa homa hin rakkiistuu
Kanaafan dubbadhee dinni waa nun gootuu
Tokkumma jabeessa kan sana olii hin jirtuu
Irree jabeeffaadha diinni hin seentuu
Karra waliin cufaa karaati haa haftuu.

Angafa oromoo
Boranaan qaqabee
Biyya goota cimaa
Ilaaleen gaggabee
Kan akka guutamaa
Kan akka jaataanii
Leenca sanyii namaa
Tokkummaa jabeessaa
Bilchinaan sooromaa
Dallaa keenyaa eegaa
Maaf diinaan qabamaa
Dura tokkomaamee
Akkasiin beekamaa
Yoos dinnii nuu dhiftii
Jajjabaadhaa amma
Naan hiika maqaa kee
Har’as boris amma
Maaltuu sitti siqaa
Maaltu si qabamaa
Hunduu siin durfamaa

B=biyya dhala duraa angafa oromootaa

O=oromoota qabuu hayyuuf manguuddoota

O=ollaa ofii beekuu seenaa isaaf duudhoota

R=ragaa kee baayyeedha seenaa sii faarfataa

A=argama kee hundaa seenaa keetu ibsataa

N=nama tokkoo miti hunduma oromoota

A=afaan kee dubbataa aadaa keetiin boontaa

Jedheetaanin hiikee boorana faarfataa
Waarra aadaan boonuu angafa oromootaa
Hiddaa akka soonsaa unkuraa diinootaa
Siin faarsaa wal faarsii tokkummaa ummataa
Wal male hin bareennuu nutu wal jabeeffataa
Haa jabaannuu kaa mee sirriin wal gorfataa

Kan rifeensii gaaddisaa
Karrayyuu maan dhisaa
Kan seena ofii beekuu
Aadaa ofii ibsaa
Rifeensaa odaa godhee
Qabbana isaa ciisaa
Aadaatu isa dhaalee
Maal jedheen isa ibsaa
Womaa muuda hin qabdu
Qabsoo mee fininsaa
Harka wal qabadhaa.
Tokkummaa mul’isaa
Karrayyiicha sabaa
Kanumaan siif ibsaa
Jaabaadhu goota koo
Hiddaa akka soonsaa
Mee maqaa isaan hiikaa
Xiqqoo sii naa obsaa

K=kallattii riifeensa isaa odaa itti ummatee

A=aadaa isaan boone kan boone jiraate

R=raajiidha bara kun akka itti filaatee

R=ragaa guutuus qabuu akka itti jiraate

A=afaan seenaa ofii akka itti hubaate

Y=yaada ofii hundaa akka itti ibsaate

Y=yeroo hundaa akkaasi kan inni goonfate

U=ummata oromoo ija tokkoon ilaaltee

U=ulaagaa oromummaa hundumaa guutattee

Jedhaatani hiikee maaltu irraa hanqatee
Aadaa isaatin boona of tae jiraatee
Afaan isaa dubbataa waa isaa goonfatee
Mee tokkummaas uumaa isatu hanqatee
Ollaa bitaa mirgaanhundumaan wal taate
Tokkummaaf carraaqii isatu nuti haphatee

Harargee na geessaa
Seenaan qoqiradhaa
Elemoin dubbiisaa
Angafa gootootaa
Jajjabee koon faarsaa
Warra aadaan boonuu
Tokkummaas mee cimsaa
Yoo wal taane malee
Hin jirtuu bu’aansaa
Irree tokko ta’aa
Diina barbadeessaa
Mogga moggaa hin deemnuu
Walitti nuu qindeessaa
Yoos qabsoon oromoo
Nuuf geessii galma isaa
Harar jedheen turee
Nan hiika maqaa isaa
Naan yaala na ilaalaa
Akkuma akka isaa

H=hanga yoom facaanee jiraanna jaranaa

A=amantii fi gosaan maaf adda facaanaa

R=rirma maaliif taana maalif sheerrii qoonnaa

A=angoof hin falminuu oromummaaf duunaa

R=ragduu diina hin taanuu waluu jabeeffaanna

G=geengoo waliin marree harka wal qabannaa

E=ejjeennoo keenya kana mee tokko godhanna

E=elmamuu irraa baanee waluma elmannaa

Akkanaan hiikaa mee akkaam jaranaa
Harar biyya gootaa maaliti akeeknaa
Oromumma cimsaa walumaan bareennaa
Ilkee diinaa cabsaa irrumaa buqqifnaa
Yoo akkas taane male diinaan kukkutamnaa
Mukukkula taane jaratti jabaannaa
Gandummaan gadheedhaa tokkummaa gabbifna

Shawaattan utaala
Biyya taaddee birruu
Biyya gootni marge
Wahiin sin jijjiruu
Seenaa gaha qabdaa
Kan siin gitu hin jiruu
Aadaaf afaan kan kee
Jabeessuu kan keetiin
Enyumtuu siin maddu hin hiriruu
Sii faarsuu kaa mee nee
Maal haa jedhu garuu
Mee na eggadha mee
Annis sirra hin taruu
Nan hiika maqaa kee
Homaas hin jarjaruu

S=seenaan bara bara kan isiin yaadatuu

H=humni keessaan jabaa ammas haa jabaatu

A=argama dhiraati hundu haa hubatuu

W=waa tokko hin soodattan ijatti itti himtu

A=alagaaf hin duutuu seenaa hin borcituu

A=amma yoona jirtuu ammas numaaf jirtuu

Jedhetaanin hiikaa isin hoo maal jettuu
Waan jettan mee qabduu dhuga mee dubbattuu
Shawaa jechuun kana hundu haa hubatuu
Tokkummaas jabeessa hedduu ha jabaatuu
Kan hir’ate sanaa dhugaan haa dhugoomtu

Guuji warra aadaa
Kan seenaan badhaasa
Warraa kayyoo jaboo
Gooreen sitti asaasaa
Biyyaa aannaan bishaanii
Maal himeen maal dhisaa
Biyya gadaan buuluu
Jedheetaan sii faarsaa
Isinis jabaadhaa
Tokkummaa jabeessaa
Maqaa isaan hiikaa
Akkanaan ibsaa

G=gungumee waa hin dhiisu itti hime dhabama

U=urgeessee hin dhisuu gad-fide nyaatama

J=joonjeesse hin dhisu bakkumaan gahama

I=ilmoo isaa ni fedhaa dinni irraa egama

I=ilkee itti hin dhisuu keessumaa baafamaa

Jedhetaanin hiikaa guuji kabajamaa
Oromummaa isaa tasa ittiin beekamaa
Aadaa seenaa ofii ibsudhan beekamaa
Amma waatu hir’ate inillee tokkummaa
Mee wal taane haa kaanuu jabaadha yaa nama
Tokkummaan ulfinaa innis qaroominaa

Shanan gibeen sokkaa
Jimmaan badda buuna
Biiyyaa raggaasaa fa
Biyya abbaa luleessaa
Biyya arjaa qabduu
Mooti jimmaa keessaa
Atis nuu jiraadhu
Qabsoo jajjabeessaa
Tokkummaa balisaa
Afaanis qaroomsaa
Silaa hamaa hin qabduu
Waa kee maal ibsaa
Jajjabaadu maaloo
Walis jajjabeessaa
Qeerroon jimmaa jiruu
Maaluma egduu isaa
Tokkummaan ol ka’a
Aadaa jajjabeessaa
Afaan tokkoo ta’a
Diina barbadeessaa
Mee maqaa isan hiikaa
Akkuma akka isaa

J=jijim jette hin badin waan qabdu dubbadhu

I=ilma abbaa beeku ta’iti owwaadhu

M=mallatoo kee beeki taiti mul’adhu

M=maalummaa kee beeki hundmati himadhu

A=afaan koo oromoo jedhitu dhadadhu

A=aadaan koos kanuma jedhi mul’ifadhu

Jedhetaani hikee waa biraa mal jedhu
Iisinitan himaa sirnaan qalbeeffaadhu
Maalummaa kee barii of tai jiraadhu
Afaan kee oromoo ta’u isaa hubadhu
Tokkummaa jabeessii kaanin wal simadhu

Sooddoo biyya dhiiraa
Kan mudhiin migiraa
Yoon deeme ilaaluu
Askottu na biraa
Naan jechuun hasaasuu
Akkamittaan jiraa
Biyya aadaa qabduu
Biyya seenaan jiruu
Osoo qoratamee
Wanti hundinuu jiruu
Afaan seenaa gaarii
Warra sadaan sooddoo
Atii keenyaa barii
Hin baanu gargarii
Mee maqa isaa kanaa
Hiikaa yaa waaq na gargaarii

S=seenaa lafa dhiiraa maaltu irraanfataa

O=oromummaa jalaa maaltu of baafataa

O=ormaaf enyu of kenna nu ammas gootaa

D=dandeetti qabuun ka’a ni gaggalaafataa

D=diina hin soodaatu tokkummaan rukkutaa

O=oromoof ni du’u fakkenya goototaa

O=oromummaa fedhuu akka bar akka hayyoota

Dhumee jiraa
Itti fufaa yeroo biraa
Na eggadha boru irraa

Barreessaan Sabaan-boon Firrisaa
Qindeessaan
By sabaan-firrisaa

15/11/2015 A.c

Ilkee Sabaa

Check Also

abbaa urjii 1

Kitaaboota dubbifamuu qaban

Kitaaboota dubbifamuu qaban