Oduu Haaraya

“Bara jawween nama liqimsee Lootuun afaan namatti banti!”

Walaloo Gamteessaa Sabaa

OBBOLEESSOO RAAJI BAASAA!!

Jedhuu jaaarsonni
Woyta mammaakani!
Jawweenuu waa na liqimsee
Maaltu lootuu afaan bansiise
Miila afaan kaawwatee sanaa ol dabarsee
Haganumatti anis afaan albeen baqaqsee
Garaa isaas addumaan tarsaase
Akkanatti lafatti hambisee
Darbadhee ajjeese!
Gooftaan na gargaaree anis waa callisee
Alahamdulillaah jedhee Rabbii kiyya faarse!!
Obboleessoo raaji baasaa
Yaa dilbaasaa
Raajii akka kanaa
Argitanii barana!
Diinnis mammaraatee
Firris jajjabaatee
Nyaapha injifate!
Hashuu jedhee anillee
Rabbuma na falee
Tolchite jedhee sabnillee!!!!
Kan sobaan fiige olii gadi qabee
Hunduu kunoo amma gaabbee
Odeessanii kijiba Rabbi jibbe!!!!
Hiyyummaaf nu koofee
Meeqa daldalaaf nu dhufe
Ofumallee kufee
Kufeetuma hafee!
Hojii Rabbi jabaa
Hiyyeessi edaa Rabbi qaba!!
Kana ta’e malee
Hiyyuun yoom of fale.
Kun kolonii bilisoomsa jenna
Sun kolonii bilisoomsa jenna
Koloniif dhuftii haaraa tattaafannaa
Maali dubbiin faallaan baranaa!! (2)
Gabrummaa hiddumaan buqqifnaa
Dadhabnu ilma itti guddifna!”
Jedhee Waaqoo Guutuu
Dargaggeessi gabrummaa xoosii haa gatuu
Jabaatee Rabbis haa kadhatuu
Harkas haa baldhifatuu!!
Zarraaf (3)
Anatu barbadeessaa
Gabroomfataa harraagessa!
Zarraaf (3)
Anatu barbadeessaa
Gabroomfataa fokkisaa!!
Fight (struggle) to collapse slavery at any place, time and condition.
Fst Acce
Freedom is not a gift given or property of certain individuals to be begged but it is a beautiful gold that you earn by sacrifice of life.
Finag Acce
Victory belongs to the most persevering
Napoleon Bonaparte
No one can make you feel inferior without your permission.
Eleanon Roosevelt
Success is the progressive realization of a worthy goal.
Earl Nightingale

 

WANTA XIQQOO DUBBADHAA
Wanta xiqqoo dubbadhaa (2)
Qalbitti naaf qabadhaa
Dirqamas fudhadhaa (2)
Waan jechaa ni jedhaa sabni haa dhagayuu
Gaarii taananis walilleen haa gayuu
Ka’ee kunoo geerrarsaa
Saba koo deeggarsaa
Wallaalaa jarjaraa
Akka nama yaraa
Gaangeen koo zinnaaraa (2)
Anis harka bayaa
Sabni naaf dhagayaa!!
Ka garaa haadhaatti ilkee baase
Kan da’umsattuu haadha mankaraarse
Farra saba baldhaa kan ijallee jaamse!! (2)
Ilmoolee qeerransaa
Qeerransaa qeerransaa qeerransaa!!
Itti himaa geerrarsa
Jabaadhaa guddisaa
Isi gumaa baasaa
Isi nu bilisoomsaa
Isi abdachiisaa.
Ijoollee lafaa dhufaa
Abdiin isimarrattuu kufaa (2)
Gabrummaa hiddaan buqqifnaa
Dadhabnu ilma itti guddifna!”
Jedhee Waaqoo Guutuu
Bilisummaanis waa hin haftuu
Gaafni sabni gabrummaa darbatu
Gaafni ofirraan marsee xoosii gatuu (2)

 

ODUU MAGAALA ASALAA
Dhiiroo wanta magaala Asallaatti arge isin taphachiisuu barbaade! Magaalli Asallaa akkuma beekamu magaalaa guddoo godina Arsiiti. Magaalli tun maddii gaara cilaaloo naannoo ol ka’a 2000m sirrii galaanaa irraatti argamti. Egaa wanti an isin taphachiisuu barbaadu waa’ee balfa magaala kanaa kan amma sardamiinsaan furmaata barbaaduuti. Balfi toonii hedduu kan magaalattii nam’u yeroo ammaa kana nama magaalattii akkanumas irra caalaa warra irraan gadi magaalaatti argamu gar malee dararaa jira. Kunis laggeen Shan tahan tuu magaalaa kana keessa darbu; yeroo darbanis balfa toonii hedduu erga itti darbameeti!! Hamma ammaatti namoonni garmalee miidhamaniiru keessattuu warri irraan gadee lagaa(Down stream) ta’an
Laggeen shaman kun( Bolkeessaa, Goondee, Aarduu,…kkf) magaalaa keessaa erga yaa’anii booda laga kataaraatti makamu; kana booda wal guuranii hara Zuwaayitti galu. Rabbiin isin haa agarsiisu mee hubadhaa; magaala Asallaa bayanii kosii haratanii uummata baadiyyaa faalu!! Ummanni irraan gadee ganda 20-30 ta’a kana keessa tokkoon tokkoon gandaa osoo uummata 5000 qabaatee; uummanni 125,000 faalame jechaadha!! Bineensotaa fi bineeldotas hubadhaa!! Qurxummiilee hara Zuwaayis ilaalcha keessa galchaa!! Kana kunuunsuuf salphamatti hirmaannaa uummataatin ta’uu danda’a!! Qarshii miliyoona 2-3 jecha miidhaa gayu!! Kanaaf jecha nabseen baadiyyaa miidhama!!
FOTOO ISAALLEE ILAALAA!!

WALALOO
Shamaa akka kanaa
Argitan maal jettuu jaranaa?
Magaalli lagatti kana gad yaasaa
Baadiyyaa kunoo kanatu mancaasaa!!
Balfaaf worri magaalaa waa eeggataa
Homa arge fuudhee laga gataa!!
Worri irraa gadii waa garaa isa nyaataa
Kan magaalaatii mijaayee, mijaayee
Waan uummata maaltu isa gaye!!
Maaf callisaa mootummaan
Uummanni kunoo akkanatti miidhamaa!!

 

GUYYAAN HARDHAA JUM’ATAA
Guyyaan hardhaa jum’ataa
Kan beeku Rabbiin kadhataa
Rabbumas waa abdataa
Nu loosif rakkoo hammaataa (2)
Rakkoon xiqqoonuu madaa
Nu oolchii balaa hundaa
Yaa Allaah Rabbii guddaa (2)
Rakkoon kumaa maa nu kumaa?
Yaa Rabbi uumtee hundumaa
Gooftaa keenna abdiin simaa
Nu hoffolchii balaa cimaa
Guyyaan kun guyyaa eebbifamaa
Gaarii argadheef Alhamdulillaah jedhee:
Si’a lamaa,
Si’a diiddamaa,
Si’a dhibbalamaa…!!!

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …